BARUMSA 1
Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera
Waaqayyo michuusaa akka taatu barbaada. Qaama uumama cufa keessatti hunda caaluu wajjin michuu taʼuu akka dandeessu yaaddee beektaa? Abrahaam michuu Waaqayyoo jedhamee waamameera. (Yaaqoob 2:23, hiika bara 1899) Namoonni michuu Waaqayyoo taʼuudhaan eebba guddaa argatan kaanis Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniiru. Yeroo ammaattis namoonni addunyaa maratti argaman hedduun michuu Waaqayyoo taʼuu dandaʼaniiru. Atis michuu Waaqayyoo taʼuu dandeessa.
Michuu Waaqayyoo taʼuun, michuu namaa taʼuurra ni caala. Waaqayyo michootasaa warra amanamoo taʼan hin gatu. (Faarfannaa 18:25) Michuu Waaqayyoo taʼuun sooressa taʼuurra ni caala. Namni sooressi ennaa duʼu qarshiisaa warra kaantu fudhata. Badhaadhummaa namoota michuu Waaqayyoo taʼanii garuu, eenyuyyuu jalaa fudhachuu hin dandaʼu.—Maatewos 6:19.
Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo akka hin baranne si dhowwuu barbaadu taʼa. Kana kan godhanis michootaafi firootakee taʼuu dandaʼu. (Maatewos 10:36, 37) Namoonni yoo sitti qoosan ykn yoo si doorsisan, ‘Namamoo Waaqayyoon gammachiisuun barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Mee dhimma armaan gadiirratti yaadi: Namni tokko nyaata akka hin nyaanne utuu si dhowwee tole jettaa? Hin jettu! Jireenyaaf nyaanni akka si barbaachisu beekamaadha. Waaqayyommoo jireenya barabaraa sii kennuu dandaʼa! Kanaaf, eenyuyyuu barumsa michuu Waaqayyoo taʼuuf si gargaaru akka hin baranne si dhowwuu hin qabu.—Yohannis 17:3.