BARUMSA 7
Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Ta’u
Yihowaan namoonni hamoon Jannata akka balleessan hin godhu. Michootasaa qofatu achi keessa jiraata. Hamoonni maal taʼu? Deebiisaa argachuuf, mee seenaa Nohi haa ilaallu. Nohi nama waggoota kumaan lakkaaʼaman dura jiraatedha. Inni nama gaariifi yeroo hunda fedha Yihowaa raawwachuuf carraaqu ture. Namoonni kaan garuu waan gadhee raawwatu turan. Kanaaf, Yihowaan bishaan badiisaa fidee namoota hamoo hunda kan balleessu taʼuusaa Nohitti hime. Nohiifi maatiinsaa bishaan badiisaa kanaan akka hin balleeffamneef markaba akka hojjetu itti hime.—Uumama 6:9-18.
Nohiifi maatiinsaa markaba hojjetan. Nohi Bishaan Badiisaa dhufuuf akka jedhu isaanitti himuyyuu namoonni isa hin dhageenye. Waan gadhee raawwachuusaanii ittuma fufan. Nohi erga markabichi hojjetamee booda bineensota gara markabichaatti galche; achiis inniifi maatiinsaa gara markabichaatti galan. Sana booda Yihowaan bokkaa cimaa roobse. Bokkichis guyyaa 40fi halkan 40 roobe. Lafti guutummaatti bishaaniin liqimsame.—Uumama 7:7-12.
Uumama 7:22, 23) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan gara fuulduraattis namoota waan gaarii gochuu hin barbaanne akka balleessu dubbata. Namoonni gaariin, barabaraaf lafa Jannata taaturra jiraatu malee hin balleeffaman.—2 Phexros 2:5, 6, 9.
Namoonni hamoon yommuu balleeffaman, Nohiifi maatiinsaa garuu oolaniiru. Yihowaan Bishaan Badiisaarraa oolanii lafa hamminarraa walaba taaterra akka jiraatan godhe. (Yeroo ammaatti namoonni hedduun waan gadhee raawwatu. Biyyi lafaa rakkinaan kan guutamedha. Yihowaan Dhugaa Baatonnisaa akka namoota akeekkachiisaniif irra deddeebiʼee yoo isaan ergeyyuu, baayʼeensaanii dubbii Yihowaa dhagaʼuu hin barbaadan. Akkaataa jireenyasaanii jijjiiruuf fedhii hin qaban. Gaariifi gadhee ilaalchisee wanta Waaqayyo jedhe fudhachuu hin barbaadan. Namoonni kun maal taʼu? Gaaf tokko ni jijjiiramuu laata? Hedduunsaanii hin jijjiiraman. Yeroo hamoonni barabaraaf itti balleeffaman dhihaateera.—Faarfannaa 92:7.
Lafti jannata taati malee hin baddu. Namoonni michuu Waaqayyoo taʼan, barabaraaf lafa Jannata taaturra jiraatu.—Faarfannaa 37:29.