Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 3

Waaʼee Waaqayyoo Barachuu Qabda

Waaʼee Waaqayyoo Barachuu Qabda

Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde, waaʼeesaa barachuu qabda. Michoonnikee maqaakee beekuu? Maqaa keetiinoo si waamuu? Akka si waaman beekamaadha. Waaqayyos maqaasaa akka beektuufi maqaa kanaan akka isa waamtu barbaada. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa jedhama. (Faarfannaa 83:18, NW; Maatewos 6:9) Wanta inni jaallatuufi wanta inni jibbus beekuu qabda. Michoonnisaafi diinonnisaa eenyufaa akka taʼan beekuun si barbaachisa. Nama tokkoo wajjin wal baruun yeroo akka fudhatu beekamaadha. Macaafni Qulqulluun waaʼee Yihowaa barachuuf yeroo ramaduun barbaachisaa taʼuusaa dubbata.—Efesoon 5:15, 16.

Michoonni Waaqayyoo wanta isa gammachiisu raawwatu. Mee waaʼee michootakee yaadi. Karaa sirrii hin taaneen yoo isaan qabdeefi wanta isaan jibban yoo raawwatte, michootakee taʼuusaanii itti fufuu? Itti hin fufan! Atis akkasuma michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde, wanta isa gammachiisu raawwachuu qabda.—Yohannis 4:24.

Amantiin hundi michuu Waaqayyoo akka taatu si gargaara jechuu miti. Yesus inni hunda caalaa michuu Waaqayyoo ture, waaʼee karaawwan lamaa dubbateera. Karaan inni tokko balʼaafi namootaan kan guutamedha. Karaan kun badiisatti geessa. Karaan inni kaanimmoo dhiphaafi namoonni muraasni kan irra deemanidha. Karaan kunis gara jireenya barabaraatti geessa. Kanaaf michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde, karaa dhugaa isa waaqeffachuuf si gargaaru barachuu qabda.—Maatewos 7:13, 14.