Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 2

Waaqayyo Michuu Hundarra Caalu Siif Taʼa

Waaqayyo Michuu Hundarra Caalu Siif Taʼa

Michuu Waaqayyoo taʼuunkee wanta hundarra caala. Waaqayyo karaa gammachuufi gabii argachuu itti dandeessu si barsiisa; amantii sobaafi gochawwan gadhee jalaas birmaduu si baasa. Kadhannaakee ni dhagaʼa. Nagaafi amanannaa akka qabaattu si gargaara. (Faarfannaa 71:5; 73:28) Yeroo rakkinaattis si gargaara. (Faarfannaa 18:18) Kennaa jireenya barabaraas sii kenna.—Roomaa 6:23.

Waaqayyotti yommuu dhihaattu, michootasaattis ni dhihaatta. Isaanis michoota sii taʼu. Kanarra darbees obboloota sii taʼu. Waaʼee Waaqayyoo si barsiisuu, si gargaaruufi si jajjabeessuu barbaadu.

Nuti Waaqayyoo wajjin qixxee miti. Michuu Waaqayyoo taʼuuf yommuu carraaqxu, dhugaa tokko hubachuu qabda. Michuu Waaqayyoo taʼuufi michuu namootaa taʼuun garaagarummaa guddaa qaba. Waaqayyo umrii, ogummaafi humnaan baayʼee nurra caala. Nu bulchuufis mirga qaba. Kanaaf, michootasaa taʼuu yoo barbaanne, isa dhagaʼuufi abboommiisaa raawwachuu qabna. Kana gochuun keenyammoo yeroo hunda faayidaa nuuf argamsiisa.—Isaayaas 48:18.