Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 14

Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu

Michoonni Waaqayyoo Wanta Gadheerraa Ni Fagaatu

Seexanni, wanta gadhee akka raawwannu nu qora. Michuu Waaqayyoo taʼuuf, wanta Yihowaan jibbu jibbuu qabna. (Faarfannaa 97:10) Wanti michoonni Waaqayyoo irraa fagaachuu qaban tokko tokko gaditti ibsamaniiru:

Saalqunnamtii seeraan ala taʼe. “Hin ejjin!” (Baʼuu 20:14) Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun cubbuudha.—1 Qorontos 6:18.

Machii. “Warri machaaʼan, . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.”—1 Qorontos 6:10.

Ajjeechaa, Ulfa Baasuu. “Hin ajjeesin!”—Baʼuu 20:13.

Hanna. “Hin hatin!”—Baʼuu 20:15.

Soba. Yihowaan “arraba sobu” ni jibba.—Fakkeenya 6:17.

Humnaan Namarratti Kaʼuufi Dheekkamsa Toʼannaa Hin Qabne. Yihowaan “isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.” (Faarfannaa 11:5) ‘Dheekkamsi hojii foonii’ keessaa isa tokkodha.—Galaatiyaa 5:19, 20.

Qumaara. ‘Nama sassatuu wajjin walitti hin hidhatinaa!ʼ—1 Qorontos 5:11.

Sanyiifi Qomoodhaan Wal Jibbuu. “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa!”—Maatewos 5:43, 44.

Waaqayyo wanta nu fayyadu nutti hima. Wanta gadhee raawwachuurraa fagaachuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, gargaarsa Yihowaafi Dhugaa Baatotasaarraa argattuun wanta Waaqayyoon hin gammachiisne raawwachuurraa fagaachuu dandeessa.—Isaayaas 48:17; Filiphisiiyus 4:13; Ibroota 10:24, 25.