KUTAA 2 • HOJII ERGAMOOTAA 6:8–9:43
“Gumii . . . Irratti Ariʼatamni Guddaan ni Kaʼe”
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, mormiin dabalaa deemuunsaa, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhugaa baʼuu akka isaan dhowwu heyyamaniiruu? Matumaa hin heyyamne. Kutaa kana keessatti, ariʼatamni cimaan hojiin lallabaa akka babalʼatu gochuusaa ilaalla.