Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 7

“Misiraachoo Wa⁠a⁠ʼee Yesuus Ibsu” Labsuu

“Misiraachoo Wa⁠a⁠ʼee Yesuus Ibsu” Labsuu

Filiphoos—lallabaa wangeelaa fakkeenya taʼu

Hojii Ergamootaa 8:4-40rratti kan hundaaʼe

1, 2. Mormitoonni sabni Waaqayyoo misiraachicha akka hin lallabne yommuu dhorkanitti maaltu taʼe?

 ARIʼATAMNI cimaan kan kaʼe yommuu taʼu, Saaʼol gumicha “balleessuuf yaalii gochuu” jalqabe. (HoE. 8:3) Achiis, barattoonni ni baqatan. Namoonni tokko tokko kaayyoon Saaʼol Kiristiyaanota balleessuuf qabu waan milkaaʼe isaanitti fakkaatee ture. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni bittinnaaʼuun isaanii buʼaa hin eegamne argamsiiseera. Buʼaa akkamii?

2 Namoonni bittinnaaʼan sun biyyoota itti baqatanitti misiraachoo ‘dubbii Waaqayyoo lallabuu’ jalqaban. (HoE. 8:4) Mee yaadi! Ariʼatamni misiraachichi akka hin babalʼanne gochuu mannaa akka babalʼatuuf godheera. Mormitoonni barattoonni akka bittinnaaʼan gochuudhaan utuu hin beekin hojiin Mootummicha lallabuu naannoowwan fagootti akka babalʼatu godhaniiru. Akkuma itti aansinee ilaallu bara keenyattis wanti wal fakkaatu raawwatameera.

‘Warra Bittinnaaʼan’ (Hojii Ergamootaa 8:4-8)

3. (a) Filiphoos eenyudha? (b) Samaariyaa keessatti hojiin lallabaa kan hin babalʼanne maaliifi? Taʼus wanti Yesuus magaalattii keessatti akka raawwatamu dursee dubbate maalidha?

3 ‘Warra bittinnaaʼan’ keessaa tokko Filiphoosidha. a (HoE. 8:4; saanduqa “ Filiphoos—‘Lallabaa Wangeelaa’” jedhuu fi fuula 59​rratti argamu ilaali.) Innis, Samaariyaa dhaqe; yeroo tokko Yesuus ergamootaan, “Magaalaa warra Samaariyaa kamitti iyyuu hin seeninaa; kanaa mannaa, gara hoolota mana Israaʼel keessaa badanii qofa dhaqaa” waan jedhee tureef hojiin lallabaa bakka kanatti hin babalʼanne. (Mat. 10:5, 6) Taʼus Yesuus, gara samiitti ol baʼuusaa dura “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedhee waan tureef yeroo booda Samaariyaatti guutummaatti dhugaa akka baʼamu beeka ture.—HoE. 1:8.

4. Namoonni Samaariyaa lallaba Filiphoos yommuu dhagaʼan maal godhan? Akkas kan godhanoo maaliif taʼuu dandaʼa?

4 Filiphoos Samaariyaan ‘addaatee haamaadhaaf akka gaʼe’ arge. (Yoh. 4:35) Ergaansaa namoota achi jiraatan baayʼee gammachiisee ture. Maaliif? Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin hariiroo hin qaban, darbees hedduunsaanii isaan tuffatu turan. Faallaa kanaatiin, warri Samaariyaa ergaan misiraachichaa wal qoqqooduu akka hambisuu fi ilaalcha dhiphaa Fariisonni qabanirraa baayʼee adda akka taʼe hubataniiru. Kanaaf Filiphoos hinaaffaa fi loogii malee warra Samaariyaaf lallabuudhaan jibbi halaalaa namoonni kaan isaaniif qaban dhiibbaa akka isarratti hin goone argisiiseera. Namoonni Samaariyaa yommuu Filiphoos dubbatu garaa tokkoon isa dhaggeeffachuun isaanii nama hin dinqisiisu.—HoE. 8:6.

5-7. Muuxannoo Kiristiyaanonni bittinnaaʼuun isaanii misiraachichi akka babalʼatu akka taasise argisiisu dubbadhu.

5 Harʼas akkuma jaarraa jalqabaa ariʼatamni saba Waaqayyoorra gaʼu lallabuu isaanii akka dhaaban hin goone. Kiristiyaanota dirqisiisanii bakka birraatti geessuun ykn hidhuun namoota bakka isaan itti geeffaman jiraniif ergaa Mootummichaa akka lallaban isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Addunyaa 2​ffaatti kaampii uggurraa Naazii keessatti akka gaariitti lallabuu dandaʼaniiru. Namni Yihudii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin achitti wal arge tokko akkana jedheera: “Ija jabinni Dhugaa Baatonni Yihowaa hidhamanii turan qaban amantiin isaanii Kitaaba Qulqulluurratti akka hundaaʼe waan na amansiiseef aniyyuu Dhuga Baatuu taʼeera.”

6 Haala tokko tokko keessattimmoo namoonni ariʼatama geessisanillee dhugaa fudhataniiru. Fakkeenyaaf Dhugaa Baatuun Firaansi Deesh jedhamu yommuu kaampii uggurraa Guuzan jedhamuu fi Ostiriyaatti argamutti jijjiirametti Poolisii tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiiseera. Waggoota muraasa booda lamaansaanii labsitoota misiraachichaa taʼanii walgaʼii naannoorratti yommuu wal argan hammam akka gammadan tilmaami!

7 Ariʼatamni, Kiristiyaanonni naannoo isaaniitii akka buqqaʼan yommuu taasisetti wanti kanaa wajjin wal fakkaatu uumameera. Fakkeenyaaf, bara 1970​tti yeroo Dhugaa Baatonni Maalaawwii Moozaambiikitti baqachuuf dirqamanitti balʼinaan dhugaa baʼaniiru. Yeroo boodas mormiin yeroo Moozaambiikitti kaʼetti hojiin lallabaa itti fufeera. Firaansiiskoo Kooʼaanaan akkana jedheera: “Nu keessaa tokko tokko waan lallabneef siʼa hedduu qabamne hidhamna turre. Taʼus, yommuu namoonni ergaa Mootummichaa fudhatan, Waaqayyo akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gargaare nuunis akka gargaaru amanannaa qabna turre.”

8. Jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee hojii lallabaarratti dhiibbaa akkamii geessise?

8 Kiristiyaanummaan biyyoota hedduutti akka babalʼatu kan godhe ariʼatama qofa akka hin taane beekamaadha. Waggoota dhihoodhaa asitti jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee misiraachichi saboota garaagaraa afaan hedduu dubbatan bira akka gaʼu taasiseera. Namoonni, naannoo waraanaa fi dinagdeedhaan miidhamerraa gara naannoo tasgabbaaʼaatti yommuu godaanan obboloota naannoo sanaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabaniiru. Baqattoonni kun afaan kan biraa waan dubbataniif afaan isaaniitiin isaaniif lallabuun barbaachisaadha. Atoo namoota ‘saba, gosa, namaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufaniif’ lallabuuf carraaqqii gochaa jirtaa?—Mul. 7:9.

“Anaafis Aangoo Kana Naa Kennaa” (Hojii Ergamootaa 8:9-25)

“Simoon namni ergamoonni harka isaanii irra kaaʼan hafuura qulqulluu akka fudhatu yommuu argu, maallaqa isaaniif kennuuf waadaa [gale].” —Hojii Ergamootaa 8:18

9. Simoon nama akkamii ture? Wanti Filiphoositti akka dhihaatu isa taasisehoo maalidha?

9 Filiphoos Samaariyaatti dinqiiwwan hedduu hojjeteera. Fakkeenyaaf, namoota hirʼina qaamaa qaban fayyiseera, jinniiwwanis baaseera. (HoE. 8:6-8) Keessumaa namichi tokko kennaa dinqisiisaa Filiphoos qabu ajaaʼibsiifateera. Namni kun Simoon isa dinqii raawwachuudhaan beekamuu fi isa namoonni waaʼeesaa ‘Namichi kun Humna Waaqaati’ jedhanidha. Amma Simoon, Filiphoos humna Waaqa dhugaatiin dinqii utuu raawwatuu waan argeef Kiristiyaana taʼuu dandaʼeera. (HoE. 8:9-13) Booda garuu fedhiin isaa saaxilameera. Akkamitti?

10. (a) Pheexirosii fi Yohaannis Samaariyaa keessatti maal godhan? (b) Simoon, barattoonni haaraan hafuura qulqulluu fudhachuusaanii yommuu argu maal godhe?

10 Ergamoonni Samaariyaa keessatti namoonni hedduun Kiristiyaanota akka taʼan yommuu dhagaʼan, Pheexirosii fi Yohaannisiin achitti ergan. (Saanduqa, “ Pheexiros ‘Furtuuwwan Mootummichaatti’ Fayyadame” jedhu ilaali.) Ergamoonni lamaan kun akkuma achi gaʼaniin barattoota haaraa kanarra harkasaanii kaaʼan; isaanis hafuura qulqulluu fudhatan. b Simoon kana arguunsaa xiyyeeffannaasaa harkise. Achiis ergamootaan, “Namni ani harka koo irra kaaʼu kam iyyuu hafuura qulqulluu akka fudhatuuf, anaafis aangoo kana naa kennaa” jedhe. Simoon mirga qulqulluu kana argachuuf maallaqallee akka isaaniif kennu dubbateera!—HoE. 8:14-19.

11. Pheexiros Simooniif gorsa cimaa akkamii kenne? Simoonoo maal godhe?

11 Pheexiros Simooniif deebii cimaa kenne. Akkana jedhe: “Kennaa Waaqayyo tola kennu maallaqaan argachuu akka dandeessu waan yaaddeef, meetiin kee sii wajjin haa badu! Garaan kee Waaqayyo duratti qajeelaa waan hin taaneef, ati tajaajila kana irratti gaʼees taʼe qooda hin qabdu.” Achiis Pheexiros Simoon yaada akka geddaratuu fi dhiifama argachuuf akka kadhatu cimsee isa gorse. Akkana isaan jedhe: “Cimsii Yihowaa kadhadhu; tarii yaada kee isa hamaa kanaaf dhiifama ni argatta taʼa.” Simoon nama hamaa akka hin turre ifadha; wanta sirrii raawwachuu barbaada ture; yeroo kanatti garuu dogoggoreera. Kanaafuu, “Wanta isin jettan keessaa tokko illee akka ana irra hin geenyeef Yihowaatti wawwaannaa naaf dhiheessaa” jedhee ergamoota kadhate.—HoE. 8:20-24.

12. Aangoo bituu fi gurguruun saba Kiristiyaanaa keessatti hammam babalʼateera?

12 Gorsi cimaan Pheexiros Simooniif kenne Kiristiyaanota yeroo harʼaatiif akeekkachiisa taʼa. Gocha kanaan kan kaʼe jechi afaan tokko tokko keessatti keessumaa amantaa wajjin haala wal qabateen aangoo gurguruu fi bituu argisiisu uumameera. Seenaan saba Kiristiyaanaa gantoota taʼanii gocha kanaan kan guutamedha. Maxxansi salgaffaan Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa (1878) qorannaan seenaa Phaaphaasotaa irratti taasifame, barattoonni, Phaaphaasonni yeroo filataman maallaqatti akka fayyadamanii fi dhimmoota akkasii hedduurratti gochi kun qaanii tokko malee akka raawwatame akka amanan isaan taasisuu isaa caqaseera.

13. Kiristiyaanonni gumii keessatti aangoo bituu ykn gurguruurraa of eeggachuu kan qaban karaawwan kamiini?

13 Kiristiyaanonni gumii keessatti aangoo bituu ykn gurguruurraa of eeggachuu qabu. Fakkeenyaaf, kennaa hedduu kennuu ykn garmalee isaan jajuudhaan obboloota gumii keessatti warra kaan muuduu dandaʼan biratti fudhatama argachuuf yaaluu hin qaban. Gama biraatiinimmoo, warri aangoo qaban sooreyyiidhaaf akka hin loogne of eeggachuu qabu. Gochawwan kun lamaanuu dogoggoradha. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi, hamma hafuurri Yihowaa mirga tajaajilaa tokkoof nama tokko muudutti obsaan eeguudhaan ‘akka xinnaatti’ of ilaaluu qabu. (Luq. 9:48) Namoonni ‘ulfina ofii barbaadan’ jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti iddoo hin qaban.—Fak. 25:27.

“Dhuguma Wanta Dubbisaa Jirtu ni Hubattaa?” (Hojii Ergamootaa 8:26-40)

14, 15. (a) ‘Xuʼaashiin Itoophiyaa’ nama akkamiiti? Filiphoos eessatti isa argate? (b) Namichi Itoophiyaa ergaa Filiphoos yeroo dhagaʼu maal godhe? Kan cuuphame utuu itti hin yaadiin miti kan jennu maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

14 Maleekaan Yihowaa, Filiphoos daandii Yerusaalemii gara Gaazaatti geessurra akka deemu isa ajaje. Filiphoos xuʼaashii Itoophiyaa ‘sagalee isaa ol kaasee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisuu’ wajjin yeroo wal argetti, sababii itti ergame ilaalchisee gaaffiin isatti uumameera yoo taʼe, amma deebii argateera. (Saanduqa “ ‘Xuʼaashii’ kan Jedhame Maaliifi?” jedhu ilaali.) Hafuurri Yihowaa Filiphoos gara saragallaa namichaatti akka dhihaatu isa kakaase. Utuma saragallaasaa bira fiigaa jiruus, “Dhuguma wanta dubbisaa jirtu ni hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namichi Itoophiyaa sunis, “Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?” jedhee deebise.—HoE. 8:26-31.

15 Namichi sunis saragaallaasaa akka yaabbatu isa gaafate. Sana booda marii gaarii akkamii akka godhan yaadi! Eenyummaan “hoolaa” ykn “tajaajilaa” raajii Isaayyaas keessatti caqasamee yeroo dheeraadhaaf iccitii ture. (Isa. 53:1-12) Taʼus, yeroo waliin deeman kanatti raajichi Yesuus Kiristoosirratti akka raawwatame isaaf ibse. Akkuma namoota Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti cuuphamanii, namichi Itoophiyaa amantaa Yihudii fudhatee ture kunis yeruma sana wanta gochuu qabu hubatee ture. Kanaaf Filiphoosiin, “Kunoo, bishaan as jira, akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?” jedhe. Filiphoosis yeruma sana namicha Itoophiyaa sana cuuphe. c (Saanduqa, “ ‘Bishaan Keessa Seenuudhaan’ Cuuphamuu” jedhu ilaali.) Sana booda gara Ashdooditti ergame; achittis misiraachicha lallabuusaa itti fufe.—HoE. 8:32-40.

16, 17. Yeroo harʼaatti maleekonni hojii lallabaarratti gargaarsa akkamii godhu?

16 Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argamanis mirga hojii Filiphoos hojjechaa turerratti hirmaachuu qabu. Yeroo baayʼee karaa al idilee taʼeen, fakkeenyaaf namoota yeroo imalanitti argataniif ergaa Mootummichaa ni labsu. Yeroo baayʼee namoota garaa qajeelaa qabanii wajjin kan wal argan akkuma tasaa akka hin taane ifadha. Kitaabni Qulqulluun misiraachichi “saba, gosa, qooqaa fi nama hundumaa” bira akka gaʼuuf maleekonni hojii lallabaa akka geggeessan waan dubbatuuf kun waanuma eegamudha. (Mul. 14:6) Yesuus hojii lallabaa yeroo raawwannu, maleekonni gara namoota garaa qajeelaa qabaniitti akka nu qajeelchan dursee dubbateera. Fakkeenya waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbaterratti yeroo makaraatti, jechuunis dhuma sirna kanaatti “warri haaman . . . maleekota” akka taʼan dubbateera. Kana malees uumamawwan hafuuraa kun ‘wantoota gufachiisan hundumaa fi namoota jalʼina raawwatan Mootummaa isaa keessaa akka funaanan’ dubbateera. (Mat. 13:37-41) Yeroo kanatti maleekonni kun warra Yihowaan jaarmiyaasaatti harkisuu barbaadu, jechuunis namoota Mootummicha dhaaluuf abdii qaban, yeroo boodammoo ‘tuuta uummataa guddaa’ kutaa “hoolota kan biroo” taʼan walitti qabu.—Mul. 7:9; Yoh. 6:44, 65; 10:16.

17 Namoonni tajaajilarratti argannu tokko tokko karaa hafuuraa gargaarsa argachuuf kadhachaa akka turan dubbachuunsaanii maleekonni nu gargaaraa akka jiran argisiisa. Mee muuxannoo tokko haa ilaallu: Babalʼistoonni lama mucaa tokko wajjin tajaajilaa turan. Babalʼistoonni lamaan tajaajilasaanii isa ganamaa dhaabuuf yeroo jedhanitti mucaan isaan faana jiru garuu mana itti aanu rurrukutuu barbaade. Achiis, ofumasaatiin dhaqee manicha rurrukute. Shamarreen tokko yommuu balbala bantu babalʼistoonni lamaan ishii haasofsiisuuf itti siqan. Ishiinis nama Kitaaba Qulqulluu hubachuu irratti ishii gargaaru argachuuf kadhachaa akka turte yommuu isaanitti himtu baayʼee dinqisiifatan. Achiis Kitaaba Qulqulluu ishii qoʼachiisuu jalqaban.

“Yaa Waaqayyo, yoon si beekuu baadhes maaloo na gargaari”

18. Tajaajila keenya matumaa salphisnee ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

18 Miseensa gumii Kiristiyaanaa waan taateef mirga hojii lallabaa guddaa bara keenyatti raawwatamurratti maleekotaa wajjin hirmaachuu argatteetta. Matumaa mirga kana salphiftee hin ilaaliin. “Misiraachoo waaʼee Yesuus ibsu” hinaaffaadhaan lallabuu kee yoo itti fufte gammachuu guddaa argatta.—HoE. 8:35.

a Filiphoos inni kun, Filiphoos ergamaa miti. Kanaa mannaa, akkuma boqonnaa 5​ffaa irratti ilaalle Filiphoos isa ‘namoota torban maqaa gaarii qaban’ keessa tokko taʼedha. Namoonni kun, dubartoota abbaan manaa irraa duʼe, Yerusaalem keessa jiraatanii fi Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii dubbataniif guyyaa guyyaadhaan nyaata akka hiraniif muudamanii turan.—HoE. 6:1-6.

b Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, yeroo sanatti barattoonni haaraan hafuura qulqulluudhaan kan dibaman yeroo cuuphamanittidha. Kunis abdii Yesuusii wajjin mootota taʼanii bulchuu fi luboota taʼanii tajaajiluu akka qabaatan isaan taasisa. (2 Qor. 1:21, 22; Mul. 5:9, 10; 20:6) Yeroo kanatti garuu barattoonni haaraan akkuma cuuphamaniin hafuuraan hin dibamne. Barattoonni haaraan kun hafuura qulqulluus taʼe kennaa dinqii raawwachuu kan fudhatan Pheexirosii fi Yohaannis harkasaanii erga isaanirra kaaʼanii boodadha.

c Kun murtoo utuu itti hin yaadiin godhame miti. Namichi Itoophiyaa kun amantaa Yihudii fudhatee waan tureef, durumayyuu raajiiwwan waaʼee Masiihichaa ibsan dabalatee beekumsa Kitaaba Qulqulluu qaba ture. Amma gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu waan hubateef yeruma sana cuuphamuu dandaʼa.