Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Baafata Fakkii

Baafata Fakkii

Baafata Fakkii Duraa Duuba Fuulaatiin

  • Qolasaa Phaawulos, Xaabiitaa, Gaaliyoo, Luqaas, eegduu mana qulqullummaa ergamootaa wajjin, Saduuqii, Phaawulos Qiisaariyaatti yommuu geeffamu, akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyaa konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabuu fi Foonoograafiitti fayyadamaa jiran.

  • fuula 1 Phaawulos funcaadhaan hidhamee, Luqaasii wajjin dooniidhaan gara Roomaa yommuu deemu.

  • fuula 2, 3 Miseensota qaama olaanaa kan taʼan obboloonni keenya Joon Baarii fi Tewoodor Jaaraaz kaartaa addunyaa yommuu ilaalan.

  • fuula 11 Yesuus gaara Galiilaarratti ergamoota amanamoo 11 fi barattoota kaaniif ergama yommuu kennu.

  • 15 Yesuus samiitti yommuu ol baʼu. Ergamoonni isa ilaalaa jiru.

  • 22 Barattoonni Kiristoos guyyaa Phenxeqosxeetti namoota biyya garaagaraatii dhufan, afaan tokkoon tokkoon isaaniitiin yommuu haasofsiisan.

  • 40 Ergamoonni Qayyaafaa isa aaree jiru dura dhaabbatanii. Eegdonni mana qulqullummaa isaan hidhuudhaaf ajaja Saanhedriin eegaa jiru.

  • 49 Jala: Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, manni murtii Baha Jarman Dhugaa Baatonni Yihowaa basaastota Ameerikaati jedhee murteesse.—Niiwu Barliinar illustriʼertee, Onkoloolessa 3, 1950.

  • 52 Isxifaanos Saanhedriin dura dhaabbatee jira. Saduuqoonni sooreyyiin irraan, Fariisonni arbeessitoota taʼan immoo jalaan jiru.

  • 60 Pheexiros barataa haaraa tokkorra harkasaa kaaʼee jira, Simoonimmoo korojoo saantimaa qabatee jira.

  • 85 Pheexirosii fi michoonnisaa mana Qorneelewos seenaa jiru. Qorneelewos uffata ajajaa dhibbaa taʼuusaa argisiisu uffatee jira.

  • 93 Ergamaan tokko Pheexirositti karaa argisiisaa jira; Pheexiros kan hidhame Masaraa Antooniyaa keessatti taʼuu dandaʼa.

  • 95 Jala: Namoota naannoo Monteriyaal, Kuubeekitti, bara 1945​tti jeequmsa kaasan.—Wiikend Megaziin, Adoolessa 1956.

  • 103 Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa ishii Phisiidiyaa keessaa yommuu baafaman. Karaa oliitiin ujummoon bishaanii magaalattii tarii Dh.K.B. jalqaba jaarraa tokkoffaatti ijaarame ni mulʼata.

  • 106 Phaawulosii fi Barnaabaas Lisxiraa keessatti namoonni akka isaaniif hin saganne yommuu dhowwan. Bakka kanatti yeroo baayʼee aarsaan ni dhihaata, wacni namootaa fi sagaleen muuziqaas ni dhagaʼama.

  • 113 Irra: Siilaasii fi Yihudaan gumii Anxokiyaa Sooriyaatti argamu yommuu jajjabeessan. (HoE. 15:30-32) Jala: Daawwataa olaanaan tokko Gumii Ugaandaa keessatti argamuuf haasaa yommuu dhiheessu.

  • 121 Obboloonni gumii Yerusaalem mana dhuunfaa keessatti walgaʼii godhachaa jiru.

  • 142 Phaawulosii fi Ximotewos doonii daldalaa Roomaatiin yommuu deeman. Manni ibsaa qabu tokko fagoodhaa ni mulʼata.

  • 157 Phaawulosii fi Siilaas namoota aaran harkaa baʼuuf mooraa balbala cimaa qabu keessa yommuu dhokatan.

  • 177 Gaaliyoon namoota Phaawulosiin himatanitti yommuu dheekkamu. Uffata aangoosaa argisiisu uffateera: uffata adii kuulli isaa bifa bildiimaa qabu uffatee, kophee barabaasoo fakkaatu kaʼatee jira.

  • 180 Dimeexiros Efesoonitti namoota meetii baqsanitti dubbachaa jira. Bocni waaqayyittii Arxemiis gurguramaa jira.

  • 195 Phaawulosii fi michoonnisaa dooniirra jiru. Buufata doonii sanatti siidaa guddaan Dh.K.D. jaarraa jalqabaatti hojjetame duubaan ni mulʼata.

  • 205 Jala: Baroota 1940n keessa yeroo barreeffamoonni keenya Kaanaadaa keessatti dhorkamanitti, dargaggeessi Dhugaa Baatuu taʼe tokko barreeffama dhoksaadhaan yommuu geessu. (Hojiin argisiisa.)

  • 208 Phaawulos gorsa jaarsolii yommuu dhaggeeffatu. Luqaasii fi Ximotewos duubasaatiin buusii godhame jaarsoliitti kennaa jiru.

  • 218 Ilmi obboleettii Phaawulos masaraa Anxokiyaa bakka tarii Phaawulos itti hidhame keessatti Qalaawudewos Liisiyasitti yommuu waa himu. Duubaan manni qulqullummaa Herodis ni mulʼata.

  • 236 Phaawulos doonii keessatti imaltoota dadhabanii jiraniif yommuu kadhatu.

  • 254 Phaawulos loltuu tokkotti hidhamee magaalaa Roomaa fagootti ilaalaa jira.