Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 17

“Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”

“Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”

Barsiisni buʼa qabeessa taʼe maalirratti hundaaʼa? Namoonni Beeriyaa fakkeenya gaarii taʼu

Hojii Ergamootaa 17:1-15rratti kan hundaaʼe

1, 2. Filiphisiiyusii gara Tasalonqeetti imalaa kan turan eenyu faʼi? Wanti isaan yaadaa turanoo maal taʼuu dandaʼa?

 DAANDII injinaroonni Roomaa beekumsa guddaa qaban hojjetanii fi gaarreen keessa qaxxaamuru kanarra namoota hedduutu deema. Karicharratti sagalee hedduutu dhagaʼama. Harroonni ni halaaku, gaariin fardaa daandii dhagaadhaan afame kanarra yommuu deemu sagaleen ni dhagaʼama. Loltoota, daldaltootaa fi hojjettoota ogummaa harkaa dabalatee namoonni daandicharra imalan hundi ni wacu. Michoonni sadan jechuunis Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos daandii kiilomeetira 130 dheeratu kanarra imaluudhaan Filiphisiiyusii gara Tasalonqee deemaa jiru. Imalli kun keessumaa Phaawulosii fi Siilaasiif salphaa hin turre. Filiphisiyusitti uleedhaan reebamanii waan turaniif madaan isaanii ammayyuu guutummaatti hin fayyine.—HoE. 16:22, 23.

2 Daandii dheeraan fuuldura isaanii jiru humna akka isaan hin dhabsiisne gochuu kan dandaʼan akkamitti? Waliin haasaʼuun akka isaan gargaaru hin shakkisiisu. Waaʼee eegduu mana hidhaa Filiiphisiyusitti maatii isaa wajjin dhugaa fudhatee ammayyuu ni yaadatu. Muuxannoon kun, imaltoonni kun dubbii Waaqayyoo lallabuu isaanii itti fufuuf caalaatti akka kutatan godheera. Haataʼu malee, magaalaa Tasalonqeetti yommuu dhihaatan Yihudoonni magaalicha keessa jiran isaan simachuuf dhiisuun isaanii isaan yaaddessee taʼuu qaba. Akkuma Filiiphisiyusitti isaan mudate, asittis miidhaa isaanirraan gaʼuu? Darbees isaan reebuu laata?

3. Fakkeenyi Phaawulos ija jabina lallabuuf nu barbaachisu argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3 Phaawulos xalayaa yeroo booda Kiristiyaanota Tasalonqeetiif barreesserratti wanta isatti dhagaʼame akkas jedhee ibseera: “Akkuma beektan jalqaba Filiphisiyus keessatti rakkinnii fi salphinni nu irra gaʼee ture; taʼus utuma mormii guddaan nu irra gaʼuu misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf gargaarsa Waaqa keenyaatiin akkuma taʼetti ija jabina arganne.” (1 Tas. 2:2) Kanaaf, Phaawulos wanta Filiphisiiyusitti isa mudate booda, gara Tasalonqee dhaquuf mamee akka ture ibsaa jira taʼa. Atoo miira Phaawulos hubachuu ni dandeessaa? Misiraachicha labsuun sitti ulfaatee beekaa? Phaawulos Yihowaan akka isa jabeessu, jechuunis ija jabina isa barbaachisu akka isaaf kennu isatti amanameera. Atis fakkeenya Phaawulos qoʼachuun kee akkasuma akka gootu si gargaaruu dandaʼa.—1 Qor. 4:16.

“Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate” (Hojii Ergamootaa 17:1-3)

4. Phaawulos Tasalonqee keessa kan ture torban sadii oliif taʼuu hin oolu kan jennu maaliifi?

4 Seenaansaa akka ibsutti, Phaawulos yeroo Tasalonqee ture Sanbata sadiif Mana Sagadaa keessatti lallabeera. Kana jechuun, Phaawulos magaalicha keessa kan ture torban sadiif qofadha jechuudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Phaawulos magaalaa sana gaʼee, yeroo hammamii booda gara mana sagadaa akka dhaqe hin beeknu. Kana malees, xalayaawwan Phaawulosirraa akka hubannutti, innii fi miiltoowwan isaa Tasalonqee keessa yeroo turanitti wanta isaan barbaachisu argachuuf hojii hojjechaa turan. (1 Tas. 2:9; 2 Tas. 3:7, 8) Akkasumas, Phaawulos yeroo achi turetti siʼa lama obboloota Filiphisiyusirraa gargaarsa fudhateera. (Filp. 4:16) Kanaafuu, Tasalonqee keessa kan ture torban sadii ol taʼuu hin oolu.

5. Phaawulos namoota barsiisaa jiru amansiisuuf yaalii akkamii godhe?

5 Phaawulos ija jabina lallabuuf isa barbaachisu waan argateef namoota mana sagadaa keessatti walitti qabaman haasofsiiseera. Phaawulos akkuma amalasaa “sanbata sadiif Kitaabota Qulqulluu irraa dubbisee isaanii wajjin mariʼate; ‘Yesuus inni amma ani isiniif lallabaa jiru kun Kiristoosi dha’ jedhee, Kiristoos dhiphachuu fi duʼaa kaʼuun isaa barbaachisaa akka taʼe Kitaabota Qulqulluu irraa ragaa dhiheessee isaaniif ibse.” (HoE. 17:2, 3) Phaawulos, namoonni isa dhaggeeffatan wanta inni dubbatu dhagaʼuuf akka hawwan qofa gochuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, dhimmicharratti gadi fageenyaan akka yaadan isaan gargaaruuf yaaleera. Namoonni mana sagadaa sana keessatti walitti qabaman kitaabota qulqulluu akka beekanii fi akka kabajan beeka ture. Haataʼu malee, hubannaa guutuu hin qaban turan. Kanaafuu Phaawulos, Yesuus inni nama Naazireet taʼe masiihii abdachiifame ykn Kiristoos taʼuusaa isaan mariisise, isaaniif ibse, akkasumas Kitaabota Qulqulluurraa isaanitti argisiise.

6. Yesuus kitaabota qulqulluu fayyadamee namoota kan mariisise akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

6 Yesuus yeroo hundumaa Kitaabota Qulqulluurraa kan barsiisu siʼa taʼu, Phaawulos fakkeenya isaa kana hordofeera. Fakkeenyaaf Yesuus yeroo tajaajilaa turetti ilmi namaa dhiphachuu, duʼuu fi duʼaa kaafamuu akka qabu Kitaabonni Qulqulluun akka dubbatan duuka buutota isaatti himee ture. (Mat. 16:21) Yesuus erga duʼaa kaafamee booda barattoota isatti mulʼateera. Kun ragaa quubsaa wanti inni dubbate dhugaa taʼuusaa amanuuf gargaaru akka taʼe hin shakkisiisu. Haataʼu malee, Yesuus ragaa dabalataas isaaniif kenneera. Akkaataa inni barattoota isaa tokko tokko itti barsiise ilaalchisee Kitaabonni Qulqulluun akkas jedhu: “Musee fi Raajota hunda irraa jalqabee wantoota Kitaabota Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbataman isaaniif ibsuu jalqabe.” Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Barattoonni sun baayʼee dinqisiifachuudhaan, “Yommuu inni karaa irratti nutti dubbachaa fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti nuuf ibsaa ture sanatti garaan keenya nu keessatti gubachaa hin turree?” jedhaniiru.—Luq. 24:13, 27, 32.

7. Barumsi keenya Kitaaba Qulqulluurratti akka hundaaʼu gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif?

7 Ergaan dubbii Waaqayyoo keessatti argamu humna qaba. (Ibr. 4:12) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran akkuma Yesuus, Phaawulosii fi ergamoonni kan biroon godhan, wanti isaan barsiisan dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu godhu. Nutis namoota ni mariisisna, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu isaaniif ni ibsina, akkasumas barumsi keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa baasne isaanitti argisiisna. Kana malees, ergaan namootatti himnu kan keenya miti. Kitaaba Qulqulluutti irra deddeebinee fayyadamuudhaan wanti lallabnu yaada mataa keenyaa utuu hin taʼin barumsa Waaqayyoo akka taʼe namoonni akka hubatan isaan gargaarra. Akkasumas ergaan labsinu guutummaa guututti Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe taʼuusaa dagachuu hin qabnu. Kanaaf ergaan kun guutummaatti amansiisaadha. Kana beekuun kee akkuma Phaawulos ergaa kana ija jabinaan namootatti himuuf amanannaa siif hin kennuu?

“Tokko Tokko Amantoota Taʼan” (Hojii Ergamootaa 17:4-9)

8-10. (a) Namoonni Tasalonqee misiraachicha yommuu dhagaʼan maal godhan? (b) Yihudoonni tokko tokko Phaawulositti kan hinaafan maaliifi? (c) Yihudoonni mormitoota taʼan maal godhan?

8 Phaawulos ariʼatamni waan isarra gaʼeef yaadni Yesuus, “Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu; dubbii koo eeganiiru yoo taʼe, dubbii keessanis ni eegu” jechuudhaan dubbate hubateera. (Yoh. 15:20) Namoonni Tasalonqee tokko tokko dubbicha hawwiidhaan kan dhagaʼan siʼa taʼu, warri kaanimmoo waan mormaniif ilaalchi isaan ergaa Phaawulos lallabuuf qaban addadda ture. Luqaas namoota dubbicha dhagaʼan ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “[Yihudoota keessaa] tokko tokko [Kiristiyaanota] taʼanii gara Phaawulosii fi Siilaas goran; Giriikonni Waaqayyoon waaqeffatan hedduunis dubartoota beekamoo taʼan hedduu wajjin akkasuma godhan.” (HoE. 17:4) Barattoonni haaraan kun Kitaabota Qulqulluu sirriitti hubachuu isaanitti baayʼee akka gammadan hin shakkisiisu.

9 Namoonni tokko tokko wanta Phaawulos barsisetti kan gammadan siʼa taʼu warri kaan garuu isatti ciniinataniiru. Yihudoonni Tasalonqee keessa jiran tokko tokko ‘Giriikonni hedduun’ ergaa isaa waan fudhataniif Phaawulositti hinaafanii turan. Yihudoonni kun, Giriikonni amantaa Yihudii akka fudhatan waan barbaadaniif Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa isaan barsiisaniiru. Kanaafuu akka barattoota isaaniitti isaan ilaalu turan. Haataʼu malee, Phaawulos akkuma tasaa manuma sagadaa isaanii keessatti Giriikota kana waan hate fakkaata ture. Kanaafuu baayʼee aaran.

‘Isaan Phaawulosii fi Siilaasiin tuuta sanatti kennuu barbaadan.’—Hojii Ergamootaa 17:5

10 Luqaas wanta raawwatame akka itti aanutti ibseera: “Yihudoonni garuu waan hinaafaniif, namoota hamoo hojii malee bakka gabaa taaʼan tokko tokko walitti qabanii tuuta jeequmsa uumu qindeessuudhaan magaalattii jeeqan. Isaan Phaawulosii fi Siilaasiin tuuta sanatti kennuu waan barbaadaniif mana Yaason cabsanii seenan. Yommuu isaaniin dhabanis Yaasonii fi obboloota tokko tokko lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessuudhaan akkana jedhanii iyyan: ‘Namoonni guutummaa lafaa jeeqaa jiran kun, kunoo asis dhufaniiru; Yaasonis keessummummaa isaan simateera. Namoonni kun hundi, ‘Mootiin Yesuus jedhamu kan biraan jira’ jedhanii wanta seera Qeesaariin mormu gochaa jiru.’” (HoE. 17:5-7) Haleellaan tuutni jeequmsaa kun geessisan Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti dhiibbaa akkamii godhe?

11. Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti himatawwan akkamiitu dhihaate? Mormitoonni kun Phaawulosii fi miiltoowwan isaa seera isa kam akka cabsan isaan himatan? (Miiljalee ilaali.)

11 Namoonni aaran hedduun yommuu walitti qabaman yeroo baayʼee wanta hamaa raawwatu. Hamminni isaan raawwatan akkuma laga guutee yaaʼuu toʼatamuu hin dandaʼu. Yihudoonni Phaawulosii fi Siilaasiin balleessuuf namoota akkasiitti fayyadaman. Yihudoonni kun magaalicha erga ‘jeeqanii’ booda Phaawulosii fi miiltoowwan isaa yakka cimaa akka raawwatan bulchitoota amansiisuuf yaalan. Himanni inni tokkoffaan Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti dhihaate ‘guutummaa lafaa jeeqaa jiru’ kan jedhu ture. Isaan garuu Tasalonqeeyyuu hin jeeqne. Himanni inni lammaffaan immoo kanarrayyuu cimaa ture. Yihudoonni, misiyoononni kun mootii kan biraa Yesuus jedhamu labsaa jiru jechuudhaan seera mootii moototaa cabsaa akka jiran isaan himatan. a

12. Himanni Kiristiyaanota Tasalonqee irratti dhihaate miidhaa cimaa geessisuu akka dandaʼu wanti argisiisu maalidha?

12 Geggeessitoonni amantaa, Yesuusirratti himata wal fakkaatu dhiheessanii akka turan yaadadhu. Philaaxosiin, “Namichi kun saba keenya utuu karaa irraa jalʼisuu fi . . . inni Kiristoos mooticha akka taʼe utuu dubbatuu isa arganne” jedhanii turan. (Luq. 23:2) Philaaxos tarii mootiin mootota Roomaa na ganeera jedhee akka hin yaadne sodaatee taʼuu dandaʼaa, Yesuusiin akka ajjeesan dabarsee kenne. Haaluma wal fakkaatuun, himanni Kiristiyaanota Tasalonqeerratti dhihaates miidhaa cimaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Hojii Ergamootaa irratti yaada kennu tokko akkas jedheera: “Himanni kun balaa cimaa geessisuu dandaʼa sababni isaas ‘namni tokko mootii moototaa akka gane himanni yoo isarratti dhihaate ajjeefamuu dandaʼa.’” Maarree karoorri jibbarratti hundaaʼe kun ni milkaaʼaa?

13, 14. (a) Namoonni jeequmsa uuman hojii lallabaa dhaabsisuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Phaawulos akkuma Kiristoos of eeggataa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Tuutni jeequmsa uume sun misiraachicha Tasalonqee keessatti akka hin lallabamne dhowwuu hin dandeenye. Maaliifi? Sababiin inni tokko Phaawulosii fi Siilaasiin argachuu waan hin dandeenyeefi. Kana malees, haalli isaa akka argisiisutti bulchitoonni magaalaa sun himanni dhihaate sun dhugaa taʼuu isaa hin amanne. Kanaaf, “maallaqa wabii taʼu” erga fudhatanii booda Yaasonii fi obboloota kan biroo isaan duratti dhiheeffaman ni gadhiisan. (HoE. 17:8, 9) Phaawulos gorsa Yesuus, “akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii taʼaa” jechuudhaan kenne hordofuudhaan, bakka biraatti lallabuu akka dandaʼuuf balaarraa of eeggateera. (Mat. 10:16) Phaawulos ija jabeessa taʼuunsaa of eeggataa akka inni hin taane kan argisiisu miti. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa fakkeenyasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Geggeessitoonni saba Kiristiyaanaa yeroo harʼaa, namoota Dhugaa Baatota Yihowaarratti jeequmsa uuman ni kakaasu. Dhugaa Baatonni Yihowaa mootummaarratti akka fincilanii fi biyya isaanii akka gananitti isaan himachuudhaan mootummoonni akka isaan ariʼatan amansiisuuf yaalu. Akkuma mormitoota jaarraa jalqabaatti turanii warri bara keenyatti nu mormanis kana kan godhan hinaaffaadhaan kakaʼaniiti. Sanas taʼe kana Kiristiyaanonni dhugaan utuu hin barbaachisin haala balaadhaaf isaan saaxilu keessa seenuu hin barbaadan. Hojii keenya nagaadhaan hojjechuu waan barbaannuuf namoota aaranii fi sababa qabeeyyii hin taanee wajjin wal falmuurraa ni fagaanna, tariimmoo yeroo haalli isaa tasgabbaaʼutti deebinee hojii keenya itti fufna.

‘Barachuuf Fedhii Qabu Turan’ (Hojii Ergamootaa 17:10-15)

15. Namoonni Beeriyaa misiraachicha yommuu dhagaʼan maal godhan?

15 Phaawulosii fi Siilaas nageenya isaaniif jecha gara Beeriyaa ishii kiilomeetira 65 fagaattuutti ergaman. Yommuu achi gaʼanis Phaawulos gara mana sagadaa deemee namoota achitti walitti qabamaniif haasaa dhiheesse. Yeroo kanatti namoota isa dhaggeeffatan argachuu isaatti baayʼee akka gammadde hin shakkisiisu. Luqaas Yihudoonni Beeriyaa “namoota Tasalonqee caalaa barachuuf fedhii waan qabaniif, wanti dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, guyyuma guyyaadhaan Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoranii hawwii guddaadhaan dubbicha fudhatan” jedhee barreesseera. (HoE. 17:10, 11) Yaadni kun Phaawulos namoota Tasalonqee dhugaa fudhataniif ilaalcha gaarii akka hin qabne argisiisaa? Matumaa. Phaawulos yeroo booda akkas jedhee barreesseera: “Nutis utuu wal irraa hin kutin Waaqayyoon kan galateeffannu kanaafi; sababiin isaas, isin dubbii Waaqayyoo isa nu irraa dhageessan sana yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti; isin warra amantoota taatan keessattis hojjechaa jira.” (1 Tas. 2:13) Haataʼu malee Yihudoonni Beeriyaa barachuuf fedhii akka qabaatan kan godhe maalidha?

16. Namoonni Beeriyaa ‘barachuuf fedhii akka qaban’ ibsamuunsaa sirriidha kan jennu maaliifi?

16 Namoonni Beeriyaa wanti isaan dhagaʼan haaraa taʼus garmalee hin shakkine ykn hin qeeqne. Gama biraatiin immoo wanta dhagaʼan hunda akkasumaan hin fudhanne. Jalqaba, wanta Phaawulos dubbatu sirriitti dhaggeeffataniiru. Achiis, Kitaabota Qulqulluu qoruudhaan wanta Phaawulos isaan hubachiisuuf yaale mirkaneeffatan. Dabalataanis, guyyaa Sanbataa qofa utuu hin taʼin, guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dhimmanii qoʼataniiru. Kanas kan godhan “hawwii guddaadhaan” ture. Yeroo ramaduudhaan wanti haaraan baratan Kitaaba Qulqulluu wajjin akkamitti akka wal simu hubataniiru. Achiis gad of qabuudhaan jijjiirama barbaachisu godhanii ‘isaan keessaa namoonni hedduun amantoota taʼaniiru.’ (HoE. 17:12) Dhugumayyuu Luqaas namoonni kun ‘barachuuf fedhii akka qaban’ ibsuun isaa sirrii ture!

17. Namoonni Beeriyaa fakkeenya gaarii taʼu kan jennu maaliifi? Erga Kiristiyaana taanee boodas fakkeenya isaanii hordofuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

17 Namoonni Beeriyaa, akkaataan isaan misiraachicha itti fudhatan Dubbii Waaqayyoo keessatti akka galmeeffamee fi wantoota hafuuraa fudhachuuf fedhii qabaachuu irratti fakkeenya gaarii akka nuuf taʼan hin beekan. Namoonni kun, wantuma Phaawulosii fi Yihowaan isaanirraa barbaadan raawwatan. Nutis namoonni akkasuma akka godhan barbaanna. Amantii Dubbii Waaqayyoorratti hudaaʼe qabaachuudhaaf Kitaaba Qulqulluu sirriitti akka qoʼatan barbaanna. Haataʼu malee, erga dhugaa fudhannee booda fedhiin barachuuf qabnu ni dhaabbata jechuudhaa? Lakki! Kanaa mannaa, Yihowaarraa barachuuf hawwii qabaachuu fi wanta baranne hojiirra oolchuun keenya caalaatti barbaachisaadha. Akka kanaan Yihowaan akka fedhii isaatti akka nu bocuu fi akka nu leenjisu heyyamna. (Isa. 64:8) Kunimmoo abbaan keenya inni samii akka nutti fayyadamu godha; akkasumas guutummaatti akka isa gammachiisnu nu taasisa.

18, 19. (a) Phaawulos Beeriyaatii kan deeme maaliifi? Haataʼu malee maal gochuusaa itti fufeera? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Phaawulos ittaansee eenyu faʼiif lallabuuf jedha? Eessatti?

18 Phaawulos Beeriyaa keessa yeroo dheeraaf hin turre. Seenaansaa akkas jedha: “Yihudoonni Tasalonqee keessa jiran, Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqayyoo labsaa akka jiru yommuu dhagaʼan, namoota isaan irratti kakaasuuf achi dhaqan. Achiis obboloonni yeruma sana Phaawulosiin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Ximotewos garuu achumatti hafan. Haataʼu malee, warri Phaawulosiin geggeessan Ateenaadhaan isa gaʼan; achiis, Siilaasii fi Ximotewos hamma dandaʼametti dafanii gara isaa akka dhufan ajaja Phaawulos kenne fudhatanii isa biraa deebiʼan.” (HoE. 17:13-15) Diinonni misiraachichaa kun mormuu isaanii itti fufanii turan! Phaawulosiin Tasalonqee keessaa ariʼuun isaan hin geenye. Kanaaf gara Beeriyaa dhaquudhaan achittis rakkina wal fakkaatu uumuuf carraaqqii godhan. Taʼus isaaniif hin milkoofne. Phaawulos naannoon tajaajilaasaa balʼaa akka taʼe waan beekuuf bakka biraa deemee lallabuusaa itti fufeera. Nutis yeroo harʼaa namni kamiyyuu misiraachicha labsuu keenya akka nu dhaabsisu heyyamuu hin qabnu.

19 Phaawulos, Yihudoota Tasalonqee fi Beeriyaa keessa jiraniif guutummaatti erga dhugaa baʼee booda, ija jabinaan lallabuu fi Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoota mariisisuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe waan baayʼee akka barate hin shakkisiisu. Nutis akkasuma nutti dhagaʼama. Amma garuu Phaawulos namoota Ateenaa warra Yihudoota hin taaneef lallabuuf jedha. Isaanoo misiraachicha ni fudhatuu laata? Waaʼee kanaa boqonnaa ittaanu irratti ilaalla.

a Hayyuun tokko akka jedhetti yeroo sana Qeesaar “namni kamiyyuu mootii haaraan ykn mootummaa haaraan keessumaa mootii moototaa Roomaa bakka buʼu ykn isatti murteessu” ni dhufa jedhee akka hin dubbanne labsii baasee ture. Diinonni Phaawulos ergaan ergamoonni labsan seera kana kan cabsu fakkeessanii dhiheessanii taʼuu dandaʼa. Saanduqa, “ Qeesaarotaa fi Kitaaba Hojii Ergamootaa” jedhu ilaali.