BOQONNAA 18
“Cimsaa Waaqayyoon Barbaadaatii . . . Argadhaa”
Phaawulos wanta dhaggeeffattoota isaa wajjin irratti walii galu filateera, akka isaaniif taʼuttis dhiheesseera
Hojii Ergamootaa 17:16-34rratti kan hundaaʼe
1-3. (a) Phaawulos Ateenaa keessatti baayʼee kan jeeqame maaliif ture? (b) Fakkeenya isaa qorachuudhaanoo maal barachuu dandeenya?
PHAAWULOS baayʼee jeeqameera. Biyya Giriik, magaalaa Ateenaa ishii handhuura barnootaa taate keessatti argama. Bakka kanatti Sooqiraaxes, Pilaatoo fi Aristootil barsiisaa turaniiru. Namoonni magaalaa Ateenaa waaqeffannaadhaaf iddoo guddaa kennu. Namoonni kun waaqolii tolfamoo hedduu kan waaqeffatan siʼa taʼu, Phaawulos iddoo hundumaatti jechuunis, mana sagadaatti, addabaabayii irrattii fi daandiirratti waaqolii tolfamoo hedduu argaa jira. Phaawulos, Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe waaqolii tolfamoodhaaf ilaalcha akkamii akka qabu beeka. (Bau. 20:4, 5) Ergamaan amanamaan kunis ilaalcha akkuma Yihowaa qaba. Kanaaf waaqolii tolfamoo ni jibba.
2 Wanti Phaawulos keessumaa bakka gabaa yeroo seenetti arge baayʼee kan nama naasisudha. Siidaawwan waaqa Hermees hedduun, kallattii kaaba lixaatiin balbala isa guddaa bira tarreeffamanii jiru. Bakka gabaa kana bakka waaqeffannaa hedduutu jira. Maarree ergamaan hinaaffaa qabu kun, bakka waaqolii tolfamoo hedduun jiran kanatti lallabuu kan dandaʼu akkamitti? Miirasaa toʼachuudhaan mata duree dhaggeeffattootasaa wajjin irratti walii galu argachuuf yaalii ni godhaa? Namoonni Waaqa dhugaa barbaaddatanii akka argatan gargaaruurratti milkaaʼina ni argataa laata?
3 Haasaan Phaawulos hayyoota Ateenaatiif dhiheessee fi Hojii Ergamootaa 17:22-31rratti galmeeffamee jiru, karaa nama amansiisuun, malaa fi hubannaadhaan barsiisuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Fakkeenya Phaawulos qorachuudhaan yaada namootaa wajjin irratti walii galuu dandeenyu argachuu fi sababa qabeeyyii akka taʼan isaan gargaaruu ilaalchisee waan baayʼee barachuu dandeenya.
“Bakka Gabaatti” Barsiisuu (Hojii Ergamootaa 17:16-21)
4, 5. Phaawulos Ateenaa keessatti eessatti lallabe? Achittihoo namoota akkamiitu isa mudate?
4 Phaawulos gara Ateenaa kan dhaqe, adeemsa misiyoonummaasaa isa lammaffaarratti, jechuunis Dh.K.B. bara 50tti ture. a Siilaasii fi Ximotewos Beeriyaadhaa hamma dhufanitti yeroo eegaa turetti akkuma amalasaa “Yihudootaa wajjin mana sagadaa keessatti mariʼachuu jalqabe.” Kana malees, “bakka gabaatti” namoota Ateenaa Yihudoota hin taaneef lallabuuf yaalii godhee ture. (HoE. 17:17) Bakki gabaa kun baayʼee guddaa siʼa taʼu, kaaba lixa tulluu Akirooppoolisitti dhihoodha. Bakki gabaa kun bakka bittaa fi gurgurtaa qofa utuu hin taʼin, bakka namoonni hedduun itti wal argan ture. Kitaabni tokko akka jedhetti, bakki kun “giddu gala diinagdee, siyaasa fi aadaa magaalichaati.” Namoonni Ateenaa bakka kanatti walitti qabamanii yaadawwan ciccimoo taʼanirratti mariʼachuu jaallatu.
5 Namoota bakka gabaa kanatti Phaawulosiin mudatan amansiisuun salphaa hin turre. Isaan keessaa Ephiquriyoonnii fi Istoyikoonni warri ilaalcha baayʼee adda adda taʼe qaban ni argamu turan. b Ephiquriyoonni jireenyi akkuma tasaa argame jedhanii amanu. Ilaalchi isaan jireenyaaf qaban, “Waaqayyoon sodaachuun hin barbaachisu, duuti dhiphina hin qabu, wanta gaarii gochuun ni dandaʼama, wanta hamaa dandamachuunis ni dandaʼama” kan jedhu ture. Istoyikoonnimmoo beekumsaa fi hubannaa qabaachuun barbaachisaa akka taʼe amanu. Garuu Waaqni qaama mataa isaa dandaʼe akka qabu hin amanan. Ephiquriyoonnis taʼan Istoyikoonni duʼaa kaʼuu isa barattoonni Kiristoos barsiisanitti hin amanan. Ilaalchi falaasamaa gareewwan kun lamaan qaban dhugaawwan Kiristiyaanonni itti amananii fi Phaawulos labsuu wajjin wal hin simu.
6, 7. Hayyoonni Giriikii barumsa Phaawulos yeroo dhagaʼan maal godhan? Bara keenyattoo namoonni ergaa keenya yeroo dhagaʼan maal godhu?
6 Falaastonni Giriikii barumsa Phaawulos barsiisu yeroo dhagaʼam maal godhan? Namoonni tokko tokko ‘Abbaa oduu’ ykn “firii kan funaanu” isaan jedhan. (HoE. 17:18) Jecha afaan Giriikii kana ilaalchisee hayyuun tokko akkas jedheera: “Jechi kun jalqabarratti simbirroo xinnoo olii fi gadi naannoftee firii funaantu argisiisa ture, boodammoo nama hambaa harcaʼee hafee fi wantoota adda addaa bakka gabaatii funaanu argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe. Yeroo boodammoo nama odeeffannoowwan walitti dhufeenya hin qabne funaanu, keessumaammoo nama odeeffannoowwan funaane sana hubachuu hin dandeenye argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe.” Kanaafuu, namoonni baratan sun Phaawulos nama gowwaa wantuma dhagaʼe tokko irra deddeebiʼee dubbatu akka taʼetti isa ilaalaniiru. Haataʼu malee, akkuma itti aansinee ilaallu, maqaan gadheen isaaf kenname kun Phaawulosiin abdii hin kutachiisne.
7 Harʼas haallisaa akkasumadha. Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa, amantii Kitaaba Qulqulluurratti qabnuun kan kaʼe yeroo baayʼee maqaa gadheen nuuf kennama. Fakkeenyaaf, barsiistonni tokko tokko jijjiiramni tirannaa dhugaa akka taʼee fi namni barate tokko fudhachuu akka qabu barsiisu. Jecha biraatiin namoonni barumsa kana hin fudhanne homaa hin beekan jechaa jiru. Kitaaba Qulqulluurraa waan barsiisnuu fi qaamni waan hundumaaf wiixinee baase akka jiru waan isaanitti argisiisnuuf, namoonni baratan, warri kaan ‘firii kan funaannu’ akka taanetti akka nu ilaalan gochuu barbaadu. Haataʼu malee hin sodaannu. Kanaa mannaa, uumamawwan lafarratti argaman hunda kan uume qaama dandeettii yaaduu qabu, jechuunis Yihowaa akka taʼe afaan guunnee amantii keenyaaf falmina.—Mul. 4:11.
8. (a) Namoonni yeroo Phaawulos lallabu dhagaʼan tokko tokko maal godhan? (b) Phaawulos gara Ariyosfaagositti geeffamuunsaa maal argisiisa? (Miiljalee fuula 161rra jiru ilaali.)
8 Namoonni bakka gabaatti lallaba Phaawulos dhagaʼan kaan garuu wanta adda taʼe godhaniiru. “Waaʼee waaqolii ormaa kan lallabu fakkaata” jedhanii yaadan. (HoE. 17:18) Dhuguma Phaawulos namoota Ateenaatti waaqolii haaraa beeksisaa jiraa? Dhimmi waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura Sooqiraaxesirratti himanni dhihaatee duuti akka itti murtaaʼu godhe dhimmuma akkasii waan taʼeef, kun dhimma baayʼee cimaa taʼedha. Kanaafuu, Phaawulos gara Ariyosfaagositti geeffamee barumsa warra Ateenaatti haaraa fakkaate sana akka ibsu gaafatamuunsaa nama hin dinqisiisu. c Maarree Phaawulos namoota Kitaabota Qulqulluu hin beekneef lallabuu kan dandaʼu akkamitti?
‘Yaa Namoota Ateenaa, Waaqolii Akka Sodaattan nan Arga’ (Hojii Ergamootaa 17:22, 23)
9-11. (a) Phaawulos namoota isa dhaggeeffatanii wajjin wanta irratti walii galu argachuuf kan yaale akkamitti? (b) Tajaajila keenyarratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Phaawulos waaqolii tolfamoo hedduu arguusaatti baayʼee akka jeeqame hin dagatin. Taʼus, waaqeffannaa waaqolii tolfamoo kallattiidhaan balaaleffachuu mannaa miira isaa toʼateera. Malaan wanta dhaggeeffattootasaa wajjin irratti walii galu argachuuf yaale. Achiis, “Yaa namoota Ateenaa, isin warra kaan caalaa waan hundumaatiin waaqolii akka sodaattan nan arga” jechuudhaan haasaa isaa jalqabe. (HoE. 17:22) Jecha biraatiin, Phaawulos ‘Amantaadhaaf iddoo guddaa akka kennitan nan arga’ jechuusaa ture. Phaawulos amantaadhaaf iddoo guddaa kennuu isaaniitiif malaan isaan galateeffachaa ture. Namoonni amantaa sobaatiin gowwoomfaman tokko tokko dhugaa fudhachuu akka dandaʼan hubatee ture. Kana malees Phaawulos, innumtiyyuu yeroo taʼe tokkotti “wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan” jiraachaa akka ture beeka ture.—1 Xim. 1:13.
10 Achiis Phaawulos, iddoo aarsaa “Waaqa hin Beekamneef “ jedhu akka arge caqasee namoonni Ateenaa amantiidhaaf iddoo guddaa akka kennan ibsuudhaan mata duree irratti walii galan filateera. Akka kitaabni tokko jedhetti, “Giriikonnii fi namoonni kan biroon yeroo baayʼee ‘waaqolii hin beekamneef’ iddoo aarsaa ni ijaaru.” Kana kan godhanis waaqeffannaa isaanii keessatti Waaqa taʼe tokko yoo dagatan nutti aara jedhanii waan sodaataniif ture. Namoonni Ateenaa iddoo aarsaa ijaaruudhaan Waaqni isaan isa hin beekne tokko akka jiru akka amanan argisiisaniiru. Phaawulos misiraachoo labsu beeksisuuf iddoo aarsaa kana akka seensaatti fayyadameera. “Isa isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinitti nan hima” isaaniin jedhe. (HoE. 17:23) Karaan Phaawulos itti isaan mariisise dhokataa taʼus, humna kan qabu ture. Akka namoonni tokko tokko isaan jedhan, Phaawulos waaqa ormaa ykn waaqa haaraa labsaa hin turre. Waaqa isaan kanaan dura hin beekne, jechuunis waaʼee Waaqa dhugaa isaaniif labsaa ture.
11 Nutoo tajaajila keenyarratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nutis hubatoo yoo taane, wanta nama tokkorratti, manasaa keessatti ykn mooraasaa keessatti arginurratti hundaaʼuudhaan, amantaadhaaf iddoo guddaa akka kennu hubachuu ni dandeenya. Achiis, ‘Waaqeffannaadhaaf iddoo guddaa akka kennitu nan arga. Namoota amantiidhaaf bakka guddaa kennanii wajjin haasaʼuun natti tola’ isaan jechuu dandeenya. Ilaalcha namni sun amantiidhaaf qabu malaan caqasuudhaan wanta irratti walii gallee isa haasofsiisnu argachuu dandeenya. Amantii isaaniirratti hundoofnee namoota kaanitti murteessuun kaayyoo keenya akka hin taane yaadadhu. Obboloonni keenya hedduun yeroo taʼe tokkotti utuu hin beekin amantaa sobaa hordofaa turan.
Waaqayyo “Tokkoon Tokkoon Keenya Irraa Fagoo Miti” (Hojii Ergamootaa 17:24-28)
12. Phaawulos mala lallabaasaa akka dhaggeeffattoota isaaf taʼutti kan jijjiire akkamitti?
12 Phaawulos namoota Ateenaa wajjin wanta irratti walii galu kan argate taʼus isaaniif lallabuusaa itti fufuu ni dandaʼaa? Namoonni isa dhaggeeffatan falaasama Giriikii akka baratanii fi Kitaabota Qulqulluu akka hin beekne hubachuudhaan mala lallabaasaa jijijjiireera. Jalqaba, kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluurraa utuu hin caqasin barumsa Kitaaba Qulqulluu isaan barsiiseera. Lammaffaa, miira dhaggeeffattootasaa akka hubatuu fi innis akkumasaanii akka taʼe argisiisuuf jechoota “keenya” fi “nuti” jedhanitti fayyadameera. Sadaffaa, wantoonni inni barsiisu tokko tokko barreeffamootasaanii keessatti akka ibsaman argisiisuuf barreeffama Giriikiirraa caqaseera. Mee amma haasaa cimaa Phaawulos dhiheesse haa qorru. Waaqa namoonni Ateenaa hin beekne ilaalchisee dhugaawwan barbaachisoo akkamii isaanitti hime?
13. Akkaataa hawaan itti argame ilaalchisee Phaawulos maal dubbate? Yaanni inni dubbate kunoo maal argisiisa?
13 Hawaa Waaqayyotu uume. Phaawulos akkana jedhe: “Waaqni inni addunyaa fi wantoota isa keessa jiran hunda uume, inni Gooftaa samii fi lafaa taʼe, manneen qulqullummaa harka namaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu.” d (HoE. 17:24) Hawaan kan argame akka tasaa miti. Wanta hunda kan uume Waaqa dhugaadha. (Far. 146:6) Waaqolii Ateenaa ykn waaqolii kan biroo ulfinni isaanii manneen qulqullummaa, iddoowwan waaqeffannaa fi iddoowwan aarsaarratti hundaaʼerraa haala adda taʼeen, Gooftaa Olaanaan samii fi lafaa manneen qulqullummaa namoonni ijaaran keessa hin jiraatu. (1 Mot. 8:27) Wanti Phaawulos jechuu barbaade ifadha: Waaqni dhugaan, waaqolii tolfamoo manneen qulqullummaa namoonni ijaaran keessa jiranirra baayʼee ni caala.—Isa. 40:18-26.
14. Phaawulos Waaqayyo namootarraa homaayyuu akka hin barbaanne kan ibse akkamitti?
14 Waaqayyo gargaarsi namootaa isa hin barbaachisu. Namoonni waaqolii tolfamoo waaqeffatan, waaqoliin isaanii wantoota kana ni barbaadu jedhanii waan yaadaniif, uffata babbareedoo isaanitti uffisu, kennaawwan gaggaarii isaaniif kennu ykn nyaataa fi dhugaatii isaaniif dhiheessu! Haataʼu malee, falaastota Giriikii Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko, waaqni namoota irraa homaayyuu hin barbaadu jedhanii kan amanan taʼuu hin oolu. Taanaan, yaada Phaawulos, Waaqayyo “akka waan gargaarsi isa barbaachisuutti harka namaatiin hin tajaajilamu” jechuudhaan dubbaterratti akka walii galan hin shakkisiisu. Wanti Waaqayyo hin qabnee fi namoonni isaaf kennuu dandaʼan tokkoyyuu hin jiru! Kanaa mannaa, aduu, bokkaa fi biyyoo gabbataa dabalatee “jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda” isatu namootaaf kenna. (HoE. 17:25; Uma. 2:7) Kanaafuu Waaqayyo inni waan hundumaa kennu namoota waan hundumaa isarraa argatanirraa homaayyuu hin barbaadu.
15. Phaawulos ilaalcha namoota Ateenaa warra namoota Giriikota hin taane akka caalanitti amananii kan sirreesse akkamitti? Fakkeenya isaarraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?
15 Namoota Waaqayyotu uume. Namoonni Ateenaa namoota Giriikota hin taanerra akka caalanitti yaadu turan. Haataʼu malee, biyya ofiitiin ykn sanyii ofiitiin of tuuluun dhugaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simu. (Kes. 10:17) Phaawulos dhimma kana kan ibse malaa fi ogummaadhaan ture. Phaawulos, “[Waaqayyo] namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume” yeroo jedhu namoonni isa dhaggeeffatan dhimmicharratti yaaduu akka jalqaban hin shakkisiisu. (HoE. 17:26) Phaawulos yommuu akkana jedhu waaʼee Addaam isa Seera Uumamaa keessaatti caqasamee fi abbaa namoota hundumaa taʼee dubbachaa ture. (Uma. 1:26-28) Namoonni hundi kan argaman abbaa tokkorraa waan taʼeef, sanyiin ykn lammiin kamiyyuu isa kan biraarra hin caalu. Namoonni isa dhaggeeffatan hundinuu wanta inni jechuu barbaade akka hubatan hin shakkisiisu! Fakkeenya kanarraa barumsa guddaa tokko baranna. Hojii lallabaa keenyarratti mala qabeeyyii fi sababa qabeeyyii taʼuu kan qabnu taʼus, caalaatti namoota duratti fudhatama akka argatuuf jennee dhugaa Kitaaba Qulqulluu hin busheessinu.
16. Kaayyoon Uumaan ilmaan namootaaf qabu maalidha?
16 Waaqayyo namoonni akka isatti dhihaatan barbaada. Falaastonni namoota Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan gidduu jiran, kaayyoo ilmaan namootaa itti uumaman ilaalchisee yeroo dheeraadhaaf falmii gochaa kan turan taʼus ibsa quubsaa kennuu hin dandeenye. Haataʼu malee Phaawulos, ‘Waaqayyo tokkoon tokkoon keenyarraa fagoo taʼuu baatus’ kaayyoonsaa ‘namoonni cimsanii isa barbaadanii akka isa argatan’ akka taʼe ibseera. (HoE. 17:27) Waaqni namoonni Ateenaa hin beekne waaqa hin beekamne miti. Kanaa mannaa, inni Waaqa namoota dhugumaan isa argachuu fi waaʼee isaa barachuu barbaadanitti dhihoo taʼedha. (Far. 145:18) Phaawulos jecha “keenya” jedhutti fayyadamuudhaan innis namoota Waaqayyoon “barbaadanii” argachuu qaban keessaa tokko akka taʼe ibseera.
17, 18. Namoonni Waaqayyotti dhihaachuuf fedhii qabaachuu kan qaban maaliifi? Akkaataa Phaawulos dhaggeeffattoota isaa itti haasofsiiserraa maal baranna?
17 Namoonni Waaqayyotti dhihaachuuf fedhii qabaachuu qabu. Phaawulos waaʼee Waaqayyoo yommuu dubbatu, “jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani” jedheera. Hayyoonni tokko tokko, Phaawulos yommuu akkas jedhu yaada walaleessaa Kireetan isa Dh.K.D. jaarraa jaʼaffaatti jiraate, Eppiimeendis jedhamuu fi “amantii warra Ateenaa keessatti iddoo guddaa qabuu” caqasee taʼuu hin oolu jedhu. Phaawulos sababii kan biraa namoonni Waaqayyotti dhihaachuu itti qaban yommuu ibsu, “akkuma walaleessitoonni keessan tokko tokko, ‘Nutis ijoollee isaa ti’ jedhan” jedheera. (HoE. 17:28) Namoonni Waaqayyotti dhihaachuu qabu; inni Addaam isa ilmaan namootaa hundi irraa argaman uumeera. Phaawulos xiyyeeffannaa namoota isa dhaggeeffatanii harkisuuf barreeffamoota Giriikii isaan iddoo guddaa kennaniif irraa caqaseera. e Nutis fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan yeroo tokko tokko barreeffamoota seenaa, insaayikilooppeediyaa ykn barreeffamoota kaanirraa hamma tokko caqasuu dandeenya. Fakkeenyaaf, yaanni barreeffama fudhatama qaburraa caqasnu tokko namni Dhugaa Baatuu hin taane, madda barsiifata ykn ayyaana amantii sobaa tokkoo akka hubatu isa gargaaruu dandaʼa.
18 Phaawulos haasa isaa kana keessatti yaada dhaggeeffattoonnisaa irratti walii galan malaan caqasuudhaan waaʼee Waaqayyoo dhugaawwan barbaachisoo taʼan ibseera. Phaawulos namoonni Ateenaa barumsa argatanirratti hundaaʼuudhaan maal akka godhan barbaadee ture? Yaada itti aansuudhaan dubbaterratti kana ifa isaaniif godheera.
‘Kan Jiraatan Eessayyuu yoo Taʼe Namoonni Hundi Yaada Geddarachuu Qabu’ (Hojii Ergamootaa 17:29-31)
19, 20. (a) Phaawulos waaqolii tolfamoo waaqeffachuun gowwummaa akka taʼe malaan kan saaxile akkamitti? (b) Namoonni Phaawulosiin dhaggeeffatan maal gochuu qabu turan?
19 Phaawulos dhaggeeffattoota isaa hojiidhaaf kakaasuuf jedha. Barreeffamoota Giriikii duraan caqaserraa irra deebiʼee caqasuudhaan, “Kanaafuu, nuti ijoollee Waaqayyoo erga taanee, Waaqayyo warqii, meetii yookiin dhagaa ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu” jedheera. (HoE. 17:29) Dhugumayyuu, namoota kan uume Waaqayyo erga taʼee, ofuma isaatiimmoo waaqolii tolfamoo namoonni uuman fakkaachuu kan dandaʼu akkamitti? Phaawulos waaqolii tolfamoo waaqeffachuun gowwummaa akka taʼe malaan isaanitti himeera. (Far. 115:4-8; Isa. 44:9-20) “Jennee yaaduu hin qabnu” jedhee ofiisaa itti dabalee dubbachuun isaa dhaggeeffattoonnisaa gorsasaa fudhachuun akka isaaniif salphatu godheera.
20 Phaawulos akkas jechuudhaan tarkaanfii fudhachuun akka isaan barbaachisu ifa godheera: “Waaqayyo baroota namoonni wallaalummaadhaan jiraatan [namoota waaqa tolfamaa waaqeffachuun Waaqayyoon ni gammachiisa jedhanii yaadan] callisee bira darbeera; amma garuu kan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe namoonni hundi yaada geddarachuu akka qaban dubbachaa jira.” (HoE. 17:30) Namoota Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan keessaa tokko tokko, yaada akka geeddaratan dubbachuu isaatti baayʼee naʼanii taʼuu qaba. Haataʼu malee, haasaa gaariin inni dhiheesse, jireenya kan isaaniif kenne Waaqa dhugaa akka taʼee fi isa duratti akka itti gaafataman ifa godheera. Waaqayyoon barbaaduu, dhugaa waaʼeesaa ibsu barachuu fi guutummaa jireenya isaanii dhugaa kanaa wajjin wal simsiisuu qabu. Warri Ateenaa akkas gochuudhaaf, waaqolii tolfamoo waaqeffachuun cubbuu akka taʼe hubachuu fi isaanirraa fagaachuu qabu.
21, 22. Phaawulos haasaa isaa kan xumure yaada akkamii dubbachuudhaan ture? Wanti inni dubbate kunoo nuuf hiika akkamii qaba?
21 Phaawulos haasaa isaa kan xumure, yaada cimaa akkana jedhu dubbachuudhaani: “[Waaqayyo] nama muude sanatti fayyadamee namoota lafa irra jiraatan hunda irratti qajeelummaadhaan murteessuuf guyyaa tokko qopheesseera; isa duʼaa kaasuudhaanis namoota hundaaf wabii kenneera.” (HoE. 17:31) Amma, waaʼee Guyyaa Murtii Waaqayyoo isa dhufaa jiruu waan beekaniif Waaqa dhugaa barbaaduu fi isa argachuuf sababii gaʼaa qabu! Phaawulos Abbaan Murtii muudame kun eenyu akka taʼe hin dubbanne. Kanaa mannaa, waaʼee abbaa murtii kanaa wanta nama ajaaʼibsiisu tokko dubbate: Abbaan murtii kun nama taʼee jiraateera, duʼeera, akkasumas Waaqayyo duʼaa isa kaaseera!
22 Yaanni Phaawulos xumura haasaa isaarratti kaase kun nuuf hiika guddaa qaba. Abbaan murtii muudame Yesuus Kiristoos isa Waaqayyo duʼaa kaase akka taʼe beekna. (Yoh. 5:22) Kana malees, Guyyaan Murtii waggaa kuma tokko akka taʼee fi saffisaan dhihaachaa akka jiru beekna. (Mul. 20:4, 6) Guyyaan Murtii namoota amanamoo akka taʼanitti isaaniif murtaaʼuuf eebba hedduu akka argamsiisu waan beeknuuf, guyyaa kana hin sodaannu. Yesuus Kiristoos duʼaa kaafamuun isaa, abdiin keenya inni dinqisiisaa taʼe akka raawwatamu mirkaneessa!
“Namoonni Tokko Tokko . . . Amantoota Taʼan” (Hojii Ergamootaa 17:32-34)
23. Namoonni Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan wanta garaa garaa akkamii godhan?
23 Haasaa Phaawulos kenne kan fudhatan namoota hunda hin turre. Waaʼee duʼaa kaʼuu yommuu dhagaʼan “isaan keessaa tokko tokko isatti qoosan.” Warri kaanimmoo akkas kan hin goone taʼus tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼoo waan hin turreef, “Waaʼee kanaa yeroo kan biraas si irraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan. (HoE. 17:32) “Namoonni tokko tokko garuu gara isaa goranii amantoota taʼan. Abbaa murtii mana murtii Ariyosfaagos kan taʼe Diyonaasiyos, dubartiin Damaaris jedhamtuu fi warri kaanis isaan keessaa tokko turan.” (HoE. 17:34) Yeroo harʼaas tajaajila keenya irratti haalli wal fakkaatu nu mudata. Namoonni tokko tokko nutti qoosu; warri kaan garuu kan nutti hin qoosne taʼanis tarkaanfii hin fudhatan. Haataʼu malee, namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaa fudhatanii amantoota yommuu taʼan arguun nu gammachiisa.
24. Haasaa Phaawulos Ariyosfaagositti kennerraa maal baranna?
24 Haasaa Phaawulosirratti yommuu xiinxallu, karaa nama amansiisuun dubbachuu fi akka dhaggeeffattoota keenyaaf taʼutti sirreeffama gochuu ilaalchisee wanta hedduu baranna. Kana malees, namoota amantii sobaatiin gowwoomfaman malaan qabuu fi obsa isaanitti argisiisuu akka qabnu baranna. Akkasumas, dhaggeeffattoota keenya gammachiisuuf jennee, dhugaa Kitaaba Qulqulluu matumaa busheessuu akka hin qabne baranna. Fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofuudhaan, tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu ni dandeenya. Kana malees, jaarsoliin fakkeenyasaa kana hordofuudhaan gumii keessatti barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuu ni dandaʼu. Akkas gochuudhaan, namoonni “cimsanii Waaqayyoon barbaadanii akka argatan” isaan gargaaruudhaaf qophaaʼoo taʼuu dandeenya.—HoE. 17:27.
a Saanduqa, “ Ateenaa—Magaalaa Bara Duriitti Iddoo Guddaa Qabdu” jedhu ilaali.
b Saanduqa, “ Ephiquriyootaa fi Istoyikoota” jedhu ilaali.
c Ariyosfaagos inni Akropolisirraa kallattii kaaba dhihaatiin argamu bakka miseensonni mana maree bulchitoota Ateenaa yeroo baayʼee itti walitti qabaman ture. Jechi “Ariyosfaagos” jedhu bulchitoota ykn gaarichuma argisiisuu dandaʼa. Kanaafuu Phaawulos kan geeffame gara gaarichaatti ykn bakka gaarichatti dhihoo jirutti ykn bakka bulchitoonni itti wal gaʼan kan biraatti, tariimmoo bakka gabaatti taʼuu fi dhiisuusaa ilaalchisee hayyoonni yaada garaagaraa qabu.
d Jechi afaan Giriikii “addunyaa” jedhamee hiikame koʹsmos siʼa taʼu, hawaa ijaan mulʼatu argisiisa. Phaawulos Giriikota isa dhaggeeffatanii wajjin wanta irratti walii galu argachuuf yaalaa waan tureef, asirratti jecha hawaa argisiisu fayyadamuunsaa sirriidha.
e Phaawulos walaloo Finoomeenaa jedhamuu fi walaleessaa Istoyikootaa Araatas jedhamuun barreeffamerraa caqaseera. Haayimen tu Ziwus isa barreessaa Istoyikootaa Kilantes jedhamuun barreeffame dabalatee yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu barreeffamoota Giriikii keessatti ni argama.