BOQONNAA 12
‘Aangoo Yihowaa Biraa Argataniin Ija Jabinaan Dubbatan’
Phaawulosii fi Barnaabaas amala gad of qabuu, obsaa fi ija jabinaa argisiisan
Hojii Ergamootaa 14:1-28rratti kan hundaaʼe
1, 2. Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo Lisxiraa turanitti wantoota akkamiitu taʼe? Wanti gaddisiisaan kun akka raawwatamu kan godhehoo maal ture?
NAMOONNI Lisxiraa baayʼee gammadaniiru. Namni erga dhalatee kaasee naafa ture tokko namoonni keessummaa taʼan lama erga isa fayyisanii booda gammachuudhaan utaalaa jira. Uummanni sun baayʼee dinqisiifamee namoota lamaan kana akka waaqaatti ilaalaa jira. Kanaafuu Lubni tokko namoota lamaan kanaaf abaaboo mormatti diratamu fide. Sangoonni bookkisaa kan jiran yommuu taʼu, Lubni Zuus kunis isaan qaluuf qoqopheessaa jira. Yeroo kanatti Phaawulosii fi Barnaabaas gocha isaanii kana dhaabsisuuf ni iyyan. Naasuudhaan uffata isaanii tarsaasanii utaalanii uummaticha gidduu seenuudhaan namoonni sun akka isaaniin hin waaqeffanne kadhatanii isaan dhaabsisan.
2 Achiis, Yihudoonni mormitoota taʼan Anxokiyaa Phisiidiyaa fi Iqooniyumii dhufan. Isaanis maqaa Phaawulosii fi Barnaabaas balleessuudhaan sammuu namoota Lisxiraa mancaasan. Namoonni Phaawulosiin waaqeffachuuf turan sun amma isatti garagalanii hamma inni of wallaalutti dhagaadhaan isa tuman. Garmalee waan aaraniif Phaawulos isa baayʼee miidhame gototanii magaalaadhaa baasuudhaan duʼeera jedhanii dhiisanii deeman.
3. Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Namoonni yeroo harʼaatti misiraachicha labsan Barnaabaas, Phaawulosii fi namoota Lisxiraa wajjin haala wal qabateen wantoota raawwataman irraa maal baratu? Jaarsoliin yeroo harʼaatti argaman, fakkeenya Barnaabaasii fi Phaawulos warra ‘aangoo Yihowaa biraa argataniin ija jabinaan dubbachuudhaan’ amanamummaadhaan tajaajila isaanii itti fufan irraa maal barachuu dandaʼu?—HoE. 14:3.
“Hedduun Amantoota Taʼan” (Hojii Ergamootaa 14:1-7)
4, 5. Phaawulosii fi Barnaabaas gara Iqoniyum kan imalan maaliif ture? Achittoo maaltu taʼe?
4 Phaawulosii fi Barnaabaas guyyoota muraasa dura, Anxokiyaa Phisiidiyaa ishee magaalaa warra Roomaa taate keessaa Yihudoota mormitoota taʼaniin ariʼamanii turan. Haataʼu malee, abdii kutachuu mannaa namoonni lamaan kun jiraattota magaalattii fedhii hin qabnetti “awwaara miila isaanii . . . hurgufatanii” turan. (HoE. 13:50-52; Mat. 10:14) Phaawulosii fi Barnaabaas, mormitoonni sun wanta Waaqayyo biraa isaanirra gaʼuuf ofuma isaanii akka itti gaafataman argisiisuudhaan nagaadhaan isaan dhiisanii deeman. (HoE. 18:5, 6; 20:26) Misiyoononni kun gammachuu isaanii utuu hin dhabin imala lallabaa isaanii itti fufan. Achiis kallattii kibba dhihaatti Kiilomeetira 150 deemuudhaan lafa ol kaʼaa biyyoo gabbataa qabuu fi gaarreen Taawurasii fi Sulxaan gidduu jirtu tokkorra gaʼan.
5 Jalqaba, Phaawulosii fi Barnaabaas imala isaanii Iqooniyumitti dhaaban. Iqooniyum aadaan Giriikii kan itti babalʼatee fi magaalota Galaatiyaa ishee bulchiinsa Roomaa taate keessaa iddoo guddaa qabdu turte. a Magaalaa kana keessa Yihudoonni hedduunii fi namoonni amantaa Yihudii fudhatan hedduun ni jiraatu turan. Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma yeroo kaan godhan mana sagadaa seenanii lallabuu jalqaban. (HoE. 13:5, 14) Isaan “haasaa gaarii waan kennaniif, Yihudoonnii fi Giriikonni hedduun amantoota taʼan.”—HoE. 14:1.
6. Phaawulosii fi Barnaabaas barsiisota buʼa qabeeyyii akka taʼan wanti isaan gargaare maalidha? Nutoo fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Haasaan Phaawulosii fi Barnaabaas kennan buʼaa gaarii kan argamsiise maaliif ture? Phaawulos Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beeka ture. Yesuus Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa mirkaneessuuf malaan seenaa, raajii fi seera Museetti fayyadameera. (HoE. 13:15-31; 26:22, 23) Barnaabaasis karaa namoota sanaaf akka yaadu argisiisuun akka dubbate hin shakkisiisu. (HoE. 4:36, 37; 9:27; 11:23, 24) Lamaan isaaniiyyuu “aangoo Yihowaa biraa argataniin” dubbatan malee hubannaa ofii isaaniitti hin amanamne. Atis yeroo lallabdu fakkeenya misiyoonota kanaa hordofuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota armaan gadii gochuudhaani: Dubbii Waaqayyoo sirriitti beeki. Caqasa namoota si dhaggeeffatan caalaatti hawwatu filadhu. Karaa itti namoota lallabduuf sana jajjabeessitu barbaadi. Akkasumas, yeroo hunda barumsi kee ogummaa ofii keerratti utuu hin taʼin, aangoo Dubbiin Yihowaan qaburratti akka hundaaʼu godhi.
7. (a) Misiraachichi maaltu akka uumamu godha? (b) Misiraachicha fudhachuu keetiin kan kaʼe maatii kee keessatti wal qoqqoodiinsi uumameera taanaan maal yaadachuu qabda?
7 Haataʼu malee, wanta Phaawulosii fi Barnaabaas dubbatan dhagaʼuuf fedhii kan qaban namoota Iqooniyum hunda hin turre. Luqaas itti fufuudhaan, “Yihudoonni warri hin amanne garuu saboota kaan keessaa namoota obboloota irratti kakaasanii akka isaan jibban godhan” jedheera. Phaawulosii fi Barnaabaas achuma turanii misiraachichaaf falmuu akka qaban hubatan. Kanaafuu, “ija jabinaan dubbachaa yeroo dheeraa achi turan.” Kanaan kan kaʼes, “namoonni magaalattii hedduun bakka lamatti hiraman; tokko tokko Yihudoota, kaan immoo ergamoota deggeran.” (HoE. 14:2-4) Yeroo harʼaattis, misiraachichi haalli kanaa wajjin wal fakkaatu akka uumamu godha. Namoonni tokko tokko misiraachicha yommuu fudhatan caalaatti tokkummaa qabaatu; yeroo namoonni tokko tokko misiraachicha fudhachuu didanitti garuu wal qoqqoodiinsi ni uumama. (Mat. 10:34-36) Misiraachicha fudhachuu keetiin kan kaʼe maatii kee keessatti wal qoqqoodiinsi uumameera yoo taʼe, yeroo baayʼee mormiin kan kaʼu namoonni waaʼee keenya soba waan dubbataniif ykn maqaa keenya waan balleessaniif akka taʼe yaadadhu. Amalli gaariin argisiistu summii sobaa kana fashaleessuu fi yeroo boodammoo garaan namoota si mormanii akka laafu gochuu dandaʼa.—1 Phe. 2:12; 3:1, 2.
8. Phaawulosii fi Barnaabaas Iqooniyumiin dhiisanii kan deeman maaliif ture? Nutoo fakkeenya isaaniirraa maal baranna?
8 Yeroo muraasa booda, mormitoonni Iqoniyum keessa jiran Phaawulosii fi Barnaabaasiin dhagaadhaan tumuuf karoorfatan. Misiyoononni kun karoora isaanii kana yommuu beekan naannoo tajaajilaa itti lallabuu dandaʼan kan biraa deeman. (HoE. 14:5-7) Yeroo harʼaattis labsitoonni Mootummichaa murtoo hubannaa irratti hundaaʼe akkasii godhu. Yeroo namoonni waaʼee keenya ykn waaʼee ergaa keenyaa wanta hamaa dubbatanitti ija jabinaan lallabuu keenya itti fufna. (Filp. 1:7; 1 Phe. 3:13-15) Yommuu namoonni haleellaa geessisuuf yaalanitti garuu gocha gowwummaa lubbuu keenya ykn lubbuu obboloota keenyaa balaadhaaf saaxilu raawwachuurraa ni fagaanna.—Fak. 22:3.
Hojii Ergamootaa 14:8-19)
‘Gara Waaqa Jiraataatti Deebiʼaa’ (9, 10. Lisxiraan Eessatti argamti? Waaʼee jiraattota magaalaa kanaa wanti beeknu maalidha?
9 Phaawulosii fi Barnaabaas, Lisxiraa ishee Roomaa jala jirtuu fi Iqoniyum irraa kallattii kibba dhihaatiin kiilomeetira 30 fagaattee argamtu deeman. Lisxiraan Anxokiyaa Phisiidiyaa wajjin hariiroo cimaa kan qabdu taʼus, Yihudoonni hedduun achi keessa hin jiraatan. Jiraattonni magaalaa kanaa afaan Giriikii kan dubbatan taʼuu hin oolu, taʼus afaan dhalootaa isaanii Liqaaʼoniyaadha. Magaalattiin mana sagadaa waan hin qabneef taʼuu hin ooluu, Phaawulosii fi Barnaabaas bakka uummanni walitti qabamutti lallabuu jalqaban. Pheexiros yeroo Yerusaalem keessa turetti nama dhalachuu isaatii eegalee naafa ture tokko fayyisee ture. Phaawulosis Lisxiraa keessatti nama dhalachuu isaatii eegalee naafa ture tokko fayyiseera. (HoE. 14:8-10) Dinqii Pheexiros raawwateen kan kaʼe namoonni hedduun amantoota taʼanii turan. (HoE. 3:1-10) Yeroo Phaawulos dinqii raawwatetti garuu namoonni wanta baayʼee adda taʼe tokko godhan.
10 Akkuma jalqaba boqonnaa kanaa irratti ibsame namni naafa ture sun fayyee utaaluu isaa yommuu argan, namoonni Lisxiraa Phaawulosii fi Barnaabaas waaqolii akka taʼanitti yaadan. Barnaabaasiin Zuus jedhan, Phaawulosiin immoo Hermees jedhan. Barnaabaasiin maqaa Zuus isa hogganaa waaqolii taʼeen, Phaawulosiin immoo Hermees isa ilma Zuusii fi dubbii himaa waaqolii taʼeen moggaasan. (Saanduqa, “ Lisxiraa, Waaqeffannaa Zuusii fi Hermees” jedhuu fi fuula 109rratti argamu ilaali.) Haataʼu malee, Barnaabaasii fi Phaawulos kan dubbatanii fi dinqii kan raawwatan aangoo waaqolii sobaatiin utuu hin taʼin, aangoo Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeen akka taʼe isaan hubachiisuuf yaalan.—HoE. 14:11-14.
11-13. (a) Phaawulosii fi Barnaabaas jiraattota Lisxiraadhaan maal jedhan? (b) Wanta Phaawulosii fi Barnaabaas dubbatanirraa barumsi argannu tokko maalidha?
11 Phaawulosii fi Barnaabaas wanti namoonni sun godhan kan isaan hin eegne taʼus, garaa saanii tuquuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Gabaasa Luqaas barreesse kanarraa karaa buʼa qabeessa namoota Kiristiyaana hin taaneef itti lallabnu ilaalchisee barumsa gaarii arganna. Mee akkaataa Phaawulosii fi Barnaabaas namoota isaan dhaggeeffatan amansiisuuf itti yaalan haa ilaallu: “Namoota nana, maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnudha. Misiraachoo isiniif labsaa kan jirru, isin wantoota gatii hin qabne kana dhiistanii gara Waaqa jiraataa isa, samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumetti akka deebitaniifi. Inni dhaloota darbanitti saboonni hundi karaa ofii isaanii irra akka deeman isaaniif heyyamee ture; taʼus wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”—HoE. 14:15-17.
12 Yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu kanarraa maal baranna? Tokkoffaa, Phaawulosii fi Barnaabaas namoota isaan dhaggeeffatan akka caalan hin yaanne. Nama sana waan fayyisaniif dandeettii namaa olii akka qaban hin fakkeessine. Kanaa mannaa, akkuma namoota isaan dhaggeeffatan sanaa dadhabina akka qaban gad of qabuudhaan amananiiru. Dhugaadha, Phaawulosii fi Barnaabaas hafuura qulqulluu fudhataniiru, barumsa sobaa irraas bilisa baʼaniiru. Akkasumas, abdii Kiristoosii wajjin bulchuu argataniiru. Haataʼu malee misiyoononni kun, jiraattonni Lisxiraas Kiristoosiif yoo ajajaman kennaawwan kana fudhachuu akka dandaʼan hubataniiru.
13 Namoota lallabnuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Namootuma akka keenyaa akka taʼanitti isaan ilaallaa? Warri kaan dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru akka hubatan yommuu gargaarrutti akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas ulfina argachuuf carraaqqii gochuu irraa ni fagaannaa? Chaarlis Teez Raasil inni dandeettii barsiisuu guddaa qabuu fi dhuma jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaatti hojii lallabaa geggeessaa ture gama kanaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Akkas jedhee barreesseera: “Ofii keenyaafis taʼe barreeffamoota qopheessinuuf galateeffamuu ykn jajamuu hin barbaannu; ‘Abbaa’ ykn ‘Rabbii’ jedhamnee waamamus hin barbaannu.” Obboleessi Raasil, akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas kan gad of qabu ture. Haaluma wal fakkaatuun, nutis kaayyoon itti lallabnu ofii keenyaa ulfina argachuu utuu hin taʼin namoonni “Waaqa jiraataa” akka beekan gargaaruudha.
14-16. Barumsi lammaffaa fi sadaffaan wanta Phaawulosii fi Barnaabaas jiraattota Lisxiraatti dubbatanirraa argannu maalidha?
14 Mee wanta isaan dubbatanirraa barumsa argannu isa lammaffaa haa ilaallu. Phaawulosii fi Barnaabaas namoota akka haala isaatti jijjiirama godhan turan. Yihudootaa fi namoota amantaa Yihudii fudhatanii fi Iqoniyum keessa jiraatan irraa haala adda taʼeen, jiraattonni Lisxiraa waaʼee Kitaaba Qulqulluu ykn hariiroo Waaqayyo saba Israaʼelii wajjin qabu ilaalchisee beekumsa xinnoo qofa qabu ykn homaa hin beekan turan. Namoonni Phaawulosii fi Barnaabaasiin dhaggeeffachaa turan kun qonnaan bultoota turan. Lisxiraan bokkaa gaʼaa kan argattuu fi lafa gabbataa kan qabdu turte. Namoonni kun waqtiilee firii qaban akkasii irraa waaʼee amaloota uumaa ragaa hedduu argachuu dandaʼu turan. Misiyoononni kunis garaa namoota kanaa tuquuf wanta irratti walii galuu dandaʼan kanatti fayyadamaniiru.—Rom. 1:19, 20.
15 Nutoo akka haala isaatti jijjiirama gochuu ni dandeenyaa? Qonnaan bulaan tokko sanyiima tokko maasii adda addaarratti kan facaasu yoo taʼeyyuu, lafa sana sanyiidhaaf qopheessuuf mala adda addaatti fayyadamuu qaba. Lafti tokko tokko lallaafaa fi salphaatti sanyii kan biqilchu taʼuu dandaʼa. Lafa tokko tokkommoo caalaatti qopheessuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo hundumaa sanyiima gosa tokko facaasna. Innis ergaa Mootummichaa isa Dubbii Waaqayyoo keessa jirudha. Haataʼu malee, fakkeenya Phaawulosii fi Barnaabaas hordofuu kan barbaannu yoo taʼe, haalaa fi amantaa namoonni lallabnuuf qaban hubachuuf carraaqqii goona. Achiis beekumsa arganne kanarratti hundaaʼuudhaan ergaa Mootummichaa akka haalasaatti isaaniif lallabuuf carraaqna.—Luq. 8:11, 15.
16 Phaawulosii fi Barnaabaas, akkasumas jiraattota Lisxiraarraa barumsi argannu sadaffaanis jira. Carraaqqii akkamiiyyuu yoo goone, sanyiin facaasnu yeroo tokko tokko butamee fudhatamuu ykn lafa dhagaa qaburra buʼuu dandaʼa. (Mat. 13:18-21) Haalli akkasii yoo uumame abdii kutachuu hin qabnu. Akkuma Phaawulos yeroo tokko barattoota Roomaa jiran yaadachiise, nama isaaf lallabnu dabalatee “tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.”—Rom. 14:12.
‘Yihowaatti Imaanaadhaan Isaan Kennan’ (Hojii Ergamootaa 14:20-28)
17. Phaawulosii fi Barnaabaas Darbeedhaa kaʼanii eessa deeman? Kan deemanoo maaliifi?
17 Namoonni Lisxiraa Phaawulosiin gototanii magaalaadhaa ala baasuudhaan duʼeera jedhanii erga dhiisanii deemanii booda, barattoonni isatti marsanii isa kaasuudhaan gara magaalaatti isa geessanii bakka bultii isaaf qopheessan. Guyyaa itti aanutti Phaawulosii fi Barnaabaas gara Darbee deemuudhaaf imala kiilomeetira 100 jalqaban. Phaawulos saʼaatii muraasa dura dhagaadhaan waan tumamee tureef imalli kun baayʼee isatti ulfaatee akka ture tilmaamuu dandeenya. Taʼus, Phaawulosii fi Barnaabaas jabaatanii adeemsa isaanii itti fufuudhaan Darbee gaʼan, achittis ‘namoota hedduu barattoota godhan.’ Achiis, karaa qaxxaamuraatiin bakka jireenyaa isaanii Sooriyaa Anxokiyaatti deebiʼuu mannaa ‘Lisxiraa, Iqooniyumii fi Anxokiyaa [Phisiidiyaatti] deebiʼan.’ Bakkawwan kanatti kan deebiʼan maaliifi? “Amantiitti cimanii akka jiraatan jajjabeessuudhaan barattoota” cimsuuf jedhaniiti. (HoE. 14:20-22) Namoonni kun lamaan fakkeenya gaarii nuuf taʼu! Fedhii isaanii caalaa wanta gumichaaf barbaachisuuf dursa kennaniiru. Daawwattoonni olaanoonii fi misiyoononni yeroo harʼaatti argaman fakkeenya isaanii hordofaniiru.
18. Obboleessi tokko jaarsa taʼee muudamuusaa dura maaltu godhama?
18 Phaawulosii fi Barnaabaas dubbii fi fakkeenya isaaniitiin barattoota jajjabeessuu malees “tokkoon tokkoon gumiiwwanii keessatti jaarsolii isaaniif muudan.” Phaawulosii fi Barnaabaas imala misiyoonummaa kanaaf ‘hafuura qulqulluudhaan kan ergaman’ taʼus, jaarsolii ‘Yihowaatti imaanaadhaan kan kennan’ erga kadhatanii fi soomanii booda ture. (HoE. 13:1-4; 14:23) Yeroo harʼaattis jaarsoliin kan muudaman haaluma kanaani. Jaarsoliin gumii obboleessi tokko akka muudamu yaada dhiheessuu isaanii dura, obboleessichi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman guutuu fi dhiisuu isaa kadhannaadhaan irratti yaadu. (1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9; Yaq. 3:17, 18; 1 Phe. 5:2, 3) Wanti guddaan namni tokko Kiristiyaana taʼee yeroo hammamii ture isa jedhu miti. Kanaa mannaa, dubbiin, amallii fi maqaa gaariin obboleessichi qabu hafuurri qulqulluun jireenya isaa keessatti hammam hojjechaa jira isa jedhu beekuuf gargaara. Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu ilaaltota olaanoo irraa barbaadamu guutuun isaa tiksee hoolotaa taʼee tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu isaa murteessuuf gargaara. (Gal. 5:22, 23) Obboloota kana muuduuf itti gaafatamummaa kan qabu daawwataa olaanaa aanaati.—1 Ximotewos 5:22 wajjin wal bira qabii ilaali.
19. Jaarsoliin eenyu duratti akka itti gaafataman beeku? Fakkeenya Phaawulosii fi Barnaabaas kan hordofanoo akkamitti?
19 Jaarsoliin muudaman akkaataa gumicha itti qabaniif Waaqayyo duratti akka itti gaafataman beeku. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin kun akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas hojii lallabaarratti dursa fudhatanii hirmaatu. Dubbii isaaniitiin obboloota isaanii ni jajjabeessu. Akkasumas, fedhii ofii isaanii caalaa fedhii gumichaatiif dursa kennu.—Filp. 2:3, 4.
20. Gabaasa hojii obboloonni keenya amanamummaadhaan raawwatan ibsu dubbisuun kan nu fayyadu akkamitti?
20 Xumura irratti, Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa ishee Kan Sooriyaatti yeroo deebiʼan “wantoota hedduu Waaqayyo karaa isaanii raawwatee fi inni akkamitti saboota kaaniif balbala amantii akka bane” obbolootatti himan. (HoE. 14:27) Nutis yeroo harʼaa, waaʼee hojii amantii obboloonni keenya hojjetanii yeroo dubbisnuu fi Yihowaan carraaqqii isaanii akkamitti akka eebbise yeroo hubannu ‘aangoo Yihowaa biraa arganneen ija jabinaan’ dubbachuu keenya itti fufuuf kakaana.
a Saanduqa, “ Iqooniyum—Magaalaa Warra Firgiya” jedhu ilaali.