Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 28

“Hanga Andaara Lafaatti”

“Hanga Andaara Lafaatti”

Dhugaa Baatonni Yihowaa, hojii duuka buutonni Kiristoos jaarraa jalqabaa eegalan hojjechuu itti fufaniiru

1. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa fi Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaatti argaman wanti wal fakkeessu maalidha?

 HINAAFFAADHAAN dhugaa baʼu. Gargaarsaa fi qajeelfama hafuurri qulqulluun isaaniif kennus gad of qabuudhaan fudhatu. Ariʼatamni cal isaan jechisiisuu hin dandaʼu. Yihowaan guddaa isaan eebbisaa jira. Yaadawwan kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaas taʼe Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼatti argaman sirriitti ibsu.

2, 3. Kitaaba Hojii Ergamootaa wanti adda godhu maalidha?

2 Seenaan kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti argamuu fi taʼeewwan dinqisiisoo of keessatti qabate akka si jajjabeessee fi akka si cimse hin shakkisiisu! Seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee fi waaʼee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa erga Yesuus gara samii deemee booda turanii ibsu kana qofadha. Kunimmoo adda isa godha!

3 Kitaabni Hojii Ergamootaa maqaa namoota 95 kanneen biyyoota 32, magaalota 54 fi odolawwan 9 keessaa taʼanii qabateera. Seenaa kana keessatti namoonni garaagaraa, jechuunis namoonni beekamoo hin taane, geggeessitoonni amantaa of tuulan, namoonni siyaasaa of jajanii fi mormitoonni gara jabeeyyii taʼan ibsamaniiru. Adda durummaadhaan garuu, waaʼee obbolootaa fi obboleettota kee jaarraa jalqabaatti turanii fi utuman rakkinni cimaan isaanirra gaʼuu hinaaffaadhaan misiraachicha labsanii ibsa.

4. Dhugaa Baatonni durii kanneen akka Phaawulos, Xaabiitaa fi kan biroon akkuma waan nu wajjin jiranii kan nutti dhagaʼamu maaliifi?

4 Amma Pheexirosii fi Phaawulos ergamaan warri hinaaffaadhaan tajaajilan, Luqaas inni ogeessa fayyaa jaallatamaa taʼe, Barnaabaas inni arjaa taʼe, Isxifaanos inni ija jabeessa taʼe, Xaabiitaa ishiin gaarummaa argisiistu, Liidiyaa ishiin keessummaa simachuu jaallattuu fi Dhugaa Baatonni amanamoo taʼan erga jiraatanii gara waggaa 2,000 taʼeera. Taʼus, ammayyuu waan nu wajjin jiran nutti fakkaata. Maaliifi? Sababiin isaas nutis akkumasaanii hojii barattoota gochuurratti waan hirmaannuufi. (Mat. 28:19, 20) Hojii kanarratti hirmaachuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla!

“Hanga andaara lafaatti”—Hojii Ergamootaa 1:8

5. Duuka buutonni Kiristoos jaarraa jalqabaa dhugaa kan baʼan eessaa hanga eessaatti ture?

5 Mee waaʼee ergama Yesuus duuka buutotasaaf kennee yaadi. Akkana isaaniin jedheera: “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.” (HoE. 1:8) Jalqaba, hafuurri qulqulluun “Yerusaalemitti” dhugaa akka baʼan humna isaaniif kenneera. (HoE. 1:1–8:3) Itti aansuudhaan qajeelfama hafuura qulqulluutiin, “guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti” dhugaa baʼaniiru. (HoE. 8:4–13:3) Achiis, misiraachicha “hanga andaara lafaatti” lallabuu jalqaban.—HoE. 13:4–28:31.

6, 7. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa haala adda taʼeen meeshaalee tajaajila keenya raawwachuuf nu gargaaran akkamii qabna?

6 Obboloonni kee jaarraa jalqabaatti turan kun Kitaaba Qulqulluu tajaajilarratti itti fayyadamuu dandaʼan guutuusaa hin qaban turan. Wangeelli Maatewos Dh.K.B. booda yoo xinnaate hanga bara 41tti hin jiru ture. Xalayaawwan Phaawulos keessaa tokko tokko, kitaabni Hojii Ergamootaa Dh.K.B. naannoo 61tti barraaʼee xumuramuusaa dura qophaaʼan. Taʼus, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa guutummaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti itti fayyadamanis taʼe barreeffamoota garaa garaa namoota fedhii qabaniif kennan hin qaban turan. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan barattoota Kiristoos taʼuusaanii dura mana sagadaatti Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa yommuu dubbifaman ni dhagaʼu turan. (2 Qor. 3:14-16) Haataʼu malee, sammuutti qabatanii namootaaf caqasuu akka dandaʼaniif sirriitti barachuu qabu turan.

7 Yeroo harʼaatti garuu, baayʼeen keenya Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan hedduu qabna. Biyyoota 240 keessatti afaan hedduudhaan misiraachicha labsuudhaan barattoota gochaa jirra.

Hafuura Qulqulluurraa Humna Argachuu

8, 9. (a) Hafuurri qulqulluun barattoonni Kiristoos maal akka godhan gargaareera? (b) Garbichi amanamaan gargaarsa hafuura qulqulluutiin maalfaa qopheessaa jira?

8 Yesuus barattoonnisaa dhugaa akka baʼan ergama yommuu isaaniif kennu, “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu” isaaniin jedhee ture. Duuka buutonni Yesuus, qajeelfama hafuura qulqulluutiin yeroo booda guutummaa lafaarratti dhugaa baʼaniiru. Pheexirosii fi Phaawulos gargaarsa hafuura qulqulluutiin kan dhukkubsate fayyisaniiru, jinniiwwan baasaniiru, duʼaallee kaasaniiru. Haataʼu malee, hafuurri qulqulluun humna kan isaaniif kennu kaayyoo kana caalaa barbaachisaa taʼeef, jechuunis ergamoonnii fi warri kaan beekumsa sirrii jireenya barabaraa argamsiisu warra kaaniif akka hiraniif ture.—Yoh. 17:3.

9 Barattoonni Kiristoos Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti ‘akkuma hafuurri dubbachuu isaan dandeessisetti qooqa adda addaatiin dubbachuu jalqaban.’ Kanaan kan kaʼes, waaʼee “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” dhugaa baʼaniiru. (HoE. 2:1-4, 11) Yeroo harʼaatti nuti dinqiidhaan afaan garaa garaa dubbachuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, garbichi amanamaan gargaarsa hafuura qulqulluutiin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan afaan hedduudhaan qopheessaa jira. Fakkeenyaaf barruun Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! jiʼa jiʼan koppii miliyoonaan lakkaaʼamuun maxxanfama. Akkasumas, weebsaayitii keenya jw.org irraa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii fi viidiyoowwan afaan 1000 oliin argachuun ni dandaʼama. Meeshaawwan kun hundi “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” saba, gosaa fi qooqa hundaaf labsuuf nu gargaaru.—Mul. 7:9.

10. Bara 1989 kaasee Kitaaba Qulqulluu hiikuu wajjin haala wal qabateen maalfaatu raawwatame?

10 Garbichi amanamaan bara 1989 kaasee Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan hedduudhaan qopheessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hiikni Kitaaba Qulqulluu kun, hanga ammaatti afaanota 200 oliin qophaaʼeera. Koppiin miliyoona kudhaniin lakkaaʼamu maxxanfameera. Dabalataanis maxxanfamaa jira. Hojiin kun milkaaʼuu kan dandaʼee gargaarsa Waaqayyoo fi gargaarsa hafuura isaatiini.

11. Dhugaa Baatonni Yihowaa gama hojii hiikkaatiin maalfaa raawwachaa jiru?

11 Hojiin hiikkaa Kiristiyaanota fedhaan tajaajilanii fi kumaan lakkaaʼamaniin biyyoota 150 olii fi odolawwan keessatti hojjetamaa jira. Kun taʼuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Sababiinsaas, jaarmiyaa kan biraan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee waaʼee Yihowaa, waaʼee Masiihichaa fi waaʼee Mootummaa samii isa hundeeffamee addunyaa maraatti ‘guutummaatti dhugaa baʼu’ hin jiru!—HoE. 28:23.

12. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kan biroon hojii barattoota gochuu raawwachuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Phaawulos Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taaneef Anxokiyaa Phisdiyaatti yommuu dhugaa baʼetti, ‘warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban hundi amantoota taʼan.’ (HoE. 13:48) Luqaas, xumura Kitaaba Hojii Ergamootaarratti Phaawulos, “gufuu tokko malee, bilisummaa guddaadhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo . . . lallabaa” akka ture ibseera. (HoE. 28:31) Ergamaan kun eessatti lallabaa ture? Roomaa ishii magaalaa guddoo mootummaa addunyaa yeroo sanaa taate keessattidha. Duuka buutonni Kiristoos warri jaarraa jalqabaa haasaa kennuudhaan ykn mala kan biraatti fayyadamuudhaan hojii lallabaasaanii gargaarsaa fi qajeelfama hafuura qulqulluutiin raawwataniiru.

Ariʼatama Dandamachuu

13. Yommuu ariʼatamni nurra gaʼu kadhachuu kan qabnu maaliifi?

13 Barattoonni Yesuus warri jaarraa jalqabaa yommuu ariʼatamni isaanirra gaʼeetti Yihowaan ija jabina akka isaaniif kennuuf cimsanii isa kadhataniiru. Maarree gargaarsa akkamii argatan? Hafuura qulqulluudhaan waan guutamaniif, dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuuf humna argatan. (HoE. 4:18-31) Nutis, ogummaa fi ija jabina utuma ariʼatamni nurra gaʼuu lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaaru akka nuuf kennu kadhachuu dandeenya. (Yaq. 1:2-8) Waaqayyo waan nu eebbisee fi gargaarsa hafuura qulqulluu waan qabnuuf hojii Mootummichaarratti hirmaachuu keenya itti fufneerra. Mormii cimaanis taʼe ariʼatamni hamaan dhugaa baʼuu keenya akka dhaabnu gochuu hin dandaʼu. Yommuu ariʼatamni nurra gaʼu hafuura qulqulluu, ogummaa fi ija jabina misiraachicha lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaaru argachuuf kadhachuun keenya barbaachisaadha.—Luq. 11:13.

14, 15. (a) “Ariʼatama Isxifaanosirra gaʼeen kan kaʼe” buʼaa akkamiitu argame? (b) Bara keenyatti namoonni Saayibeeriyaatti argaman hedduun dhugaa kan dhagaʼan akkamitti?

14 Isxifaanos diinoota isaatiin ajjeefamuusaa dura ija jabinaan dhugaa baʼeera. (HoE. 6:5; 7:54-60) ‘Ariʼatama guddaa’ yeroo sanatti kaʼeen kan kaʼe, ergamootarraa kan hafe barattoonni hundi guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti bittinnaaʼanii turan. Haataʼu malee, kun dhugaa akka hin baane isaan hin goone. Filiphoos waaʼee ‘Kiristoos lallabuuf’ gara Samaariyaa kan dhaqe siʼa taʼu, buʼaa gaariis argateera. (HoE. 8:1-8, 14, 15, 25) Dabalataanis seenaansaa akkas jedha: “Namoonni ariʼatama Isxifaanos irra gaʼeen kan kaʼe bittinnaaʼan hanga Fiinqee, Qophrosii fi Anxokiyaatti deemanii turan; taʼus, isaan dubbicha kan himan Yihudoota qofatti ture. Haa taʼu malee, isaan keessaa namoonni Qophrosii fi Qareenaadhaa gara Anxokiyaa dhufan tokko tokko, namoota Afaan Giriikii dubbatanii wajjin mariʼachuudhaan misiraachoo waaʼee Gooftaa Yesuus ibsu lallaban.” (HoE. 11:19, 20) Kanaaf, yeroo sanatti ariʼatamni ergaan Mootummichaa akka babalʼatu godheera.

15 Bara keenyattis haalli kanaa wajjin wal fakkaatu Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti uumameera. Keessumaa bara 1950n keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman gara Saayibeeriyaatti geeffamanii turan. Erga achi gaʼanii booda qubsuma garaagaraatti bittinnaaʼuun isaanii misiraachichi naannoo balʼaa kanatti akka babalʼatu godheera. Utuu akkas taʼuu baatee, Dhugaa Baatonni hedduun qarshii kiiloo meetira 10,000 imalanii misiraachicha babalʼisuuf isaan gargaaru argachuu dhiisuu dandaʼuu turan. Haataʼu malee, mootummaan, ofuma isaatiin biyyatti keessatti bakka garaa gaaraatti isaan ergeera. Obboleessi tokko, “Kanaan kan kaʼes abbootiin taayitaa ofuma isaaniitiin namoonni Saayibeeriyaa garaa qajeelaa qabanii fi kumaan lakkaaʼaman misiraachicha akka dhagaʼan godhaniiru” jedheera.

Yihowaan nu Eebbiseera

16, 17. Kitaabni Hojii Ergamootaa ragaa Yihowaan hojii lallabaa Kiristiyaanonni raawwatan akka eebbise argisiisu akkamii qabateera?

16 Yihowaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akka eebbise ifadha. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan kan dhaabanii fi bishaan kan obaasan taʼus, “kan guddise garuu Waaqayyo dha.” (1 Qor. 3:5, 6) Gabaasni kitaaba Hojii Ergamootaa, guddinni kun argamuu kan dandaʼe Yihowaan hojii lallabaa waan eebbiseef akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf Hojiin Ergamoota 6:7, “dubbiin Waaqayyoo babalʼachuu isaa itti fufe, lakkoofsi barattootaa Yerusaalemitti baayʼee dabalaa deeme; luboonni hedduunis amantoota taʼan” jedha. Kiristiyaanonni biyyoota hedduutti lallabuu isaaniitiin kan kaʼes ‘gumiin guutummaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaatti argamu nagaa guddaa argate, ni jabaates; Yihowaa sodaachuudhaan waan deddeebiʼee fi hafuura qulqulluurraa jajjabina waan argateef lakkoofsaan dabalaa deeme’.—HoE. 9:31.

17 Anxokiyaa ishee kan Sooriyaa keessatti Dhugaa Baatonni kun ija jabinaan waan lallabaniif, Yihudoonni fi namoonni Afaan Giriikii dubbatan kan biroon dhugaa dhagaʼuu dandaʼaniiru. Seenichi itti fufuudhaan, “Kana malees, harki Yihowaa isaanii wajjin ture; namoonni hedduunis amantoota taʼanii gara Gooftaatti deebiʼan” jedha. (HoE. 11:21) Guddina dabalataa magaalaa sanatti argame ilaalchisees, “Dubbiin Yihowaa garuu guddachaa fi babalʼachaa deeme” jedhameera. (HoE. 12:24) Kana malees, Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan saboota kaaniif guutummaatti dhugaa waan baʼaniif, “dubbiin Yihowaa caalaatti babalʼachaa fi moʼaa deeme.”—HoE. 19:20.

18, 19. (a) Harki Yihowaa nuu wajjin jira kan jennu maaliifi? (b) Fakkeenya Yihowaan sabasaa deggeraa akka jiru argisiisu dubbadhu.

18 Harʼas “harki Yihowaa” nuu wajjin akka jiru hin shakkisiisu. Namoonni hedduun amantoota taʼaa kan jiranii fi Yihowaadhaaf of murteessuudhaan cuuphamaa kan jiran kanaafi. Hunda caalaammoo, akkuma Phaawulosii fi Kiristiyaanota kan biroo jaarraa jalqabaatti turanii, mormii nurra gaʼu, yeroo tokko tokko immoo ariʼatama cimaa nurra gaʼu moʼuudhaan hojii lallabaarratti hirmaachuu kan dandeenye, Waaqayyoo waan nu gargaaree fi waan nu eebbiseef qofadha. (HoE. 14:19-21) Yihowaan yeroo hundumaa nu gargaara. “Irreen isaa inni bara baraa” qorumsa keessatti yeroo hundumaa nu gargaara. (Kes. 33:27) Kana malees, Yihowaan maqaasaa isa guddaadhaaf jecha matumaa sabasaa akka hin dhiisne haa yaadannu.—1 Sam. 12:22; Far. 94:14.

19 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Obboleessi Haaraalt Apti, yeroo hundumaa dhugaa waan baʼuuf yeroo waraana addunyaa lammaffaatti Naaziin kaampii uggurraa Zaaksanhaawuzanitti isa ergee ture. Caamsaa 1942tti, poolisiin Naazii manasaa dhaqee intalasaa ishii xinnoo fuudhee deeme, akkasumas haadha manaasaa Eelzaa hidhe. Obboleettii Eelsaan kaampii adda addaatti ergamtee turte. Akkana jetteetti: “Kaampii uggurraa Jarman keessa yeroon turetti waan baayʼee baradheera. Hafuurri Yihowaa qorumsa cimaa keessatti baayʼee si gargaara. Hidhamuu koo dura xalayaa obboleettiin takka barreessitee fi yommuu qorumsi cimaan namarra gaʼu hafuurri Yihowaa akka nama tasgabbeessu ibsu dubbiseen ture. Jalqabarratti waan arbeessite natti fakkaatee ture. Qorumsi yommuu narra gaʼu garuu wanti ishiin dubbatte dhugaa taʼuusaa bareera. Haallisaa akkuma ishiin jette ture. Sirra hin geenye taanaan yaada kana hubachuun ulfaataadha. Ani garuu narra gaʼee argeera.”

Guutummaatti Dhugaa Baʼuu Kee Itti Fufi

20. Phaawulos yommuu manasaatii akka hin baane eegamaa turetti maal godheera? Kun obbolootaa fi obboleettota keenya tokko tokkoof jajjabina akkamii argamsiisa?

20 Kitaabni Hojii Ergamootaa, Phaawulos hinaaffaadhaan ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabaa’ akka ture ibsuudhaan xumura. (HoE. 28:31) Phaawulos, manaa akka hin baane eegamaa waan tureef, Roomaatti manaa gara manaa deemee lallabuu hin dandeenye. Haataʼu malee, warra garasaa dhufan hundaaf dhugaa ni baʼa ture. Yeroo harʼaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko manaa baʼuu ykn siree irraallee kaʼuu hin dandaʼan ykn immoo sababii dullumaa, dhibee fi hirʼina qaamaatiin kan kaʼe bakka kunuunsi itti godhamu jiraatu. Taʼus, jaalalli isaan Waaqayyoof qabanii fi fedhiin isaan dhugaa baʼuuf qaban akkuma duraaniiti. Abbaan keenya inni samii namoota waaʼeesaa fi waaʼee kaayyoosaa beekuu barbaadanii wajjin akka wal isaan qunnamsiisu isaaniif kadhachuu dandeenya.

21. Hojii lallabaarratti miira ariitiidhaan hirmaachuu kan qabnu maaliifi?

21 Baayʼeen keenya, tajaajila manaa gara manaa fi gosa tajaajilaa kan biroo barattoota gochuuf gargaaranirratti hirmaachuu ni dandeenya. Kanaafuu nutis hojii “guutummaa lafaa irratti” dhugaa baʼuurratti hirmaachuudhaan gaʼee labsitoota Mootummichaa taʼuudhaan qabnu raawwachuuf wanta nuuf dandaʼame haa goonu. ‘Mallattoowwan’ guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisan ifatti argaa waan jirruuf miira ariitiidhaan hojii kana raawwachuu qabna. (Mat. 24:3-14) ‘Hojiin Gooftaa baayʼee’ waan taʼeef, yeroo qabnutti sirriitti fayyadamuu qabna.—1 Qor. 15:58.

22. Yommuu guyyaa Yihowaa eeggannutti maal gochuuf murteessuu qabna?

22 ‘Guyyaa Yihowaa isa guddaa fi sodaachisaa dhufaa jiru’ yeroo eegnu kanatti, ija jabinaa fi amanamummaadhaan dhugaa baʼuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. (Yoe. 2:31) Ammayyuu namoota hedduu akkuma namoota Beriyaa “hawwii guddaadhaan dubbicha fudhatan” hedduu argachuu dandeenya. (HoE. 17:10, 11) Kanaafuu, yaada “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote!” jedhu hamma dhageenyutti, jechuunis hamma hojiin keenya xumuramutti dhugaa baʼuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. (Mat. 25:23) Yeroo harʼaatti, hojii barattoota gochuurratti hinaaffaadhaan yoo hirmaannee fi Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane, akkasumas, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘guutummaatti dhugaa yoo baane’ barabaraaf akka gammannu hin shakkisiisu.