Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 24

“Jabaadhu!”

“Jabaadhu!”

Phaawulos karoora isa ajjeesuuf qopheeffamerraa oole akkasumas Feeliksi duratti falmate

Hojii Ergamootaa 23:11–24:27rratti kan hundaaʼe

1, 2. Phaawulos Yerusaalemitti ariʼatamni isarra gaʼuunsaa kan isa hin ajaaʼibsiisne maaliifi?

 PHAAWULOS namoota Yerusaalem aariidhaan finiinanii jiranirraa oolfamee ammas mana hidhaa galfamee jira. Ergamaan hinaaffaa qabu kun Yerusaalemitti ariʼatamni isa mudachuunsaa isa hin dinqisiisne. Magaalaa kanatti ‘akka hidhamuu fi rakkinni akka isarra gaʼu’ isatti himameera. (HoE. 20:22, 23) Wanta gara fuulduraatti isa mudatu guutummaatti beekuu baatus maqaa Yesuusiif jecha rakkinni isarra gaʼuusaa akka itti fufu beeka ture.—HoE. 9:16.

2 Kiristiyaanonni raajota taʼan kaanillee akka inni hidhamuu fi “harka saboota kaaniitti” dabarfamee akka kennamu isa akeekkachiisanii turan. (HoE. 21:4, 10, 11) Dhiheenya kana, Yihudoonni isa ajjeesuuf yaalii godhanii turan; itti aansuudhaanis utuma baayʼee hin turin, Yihudoonni miseensota Saanhedriin taʼan waaʼeesaa yeroo wal falmanitti haallisaa isa ‘cicciruuf’ waan jedhan fakkaatee ture. Amma ergamaan kun mooraa loltoota Roomaa keessatti hidhamee eegamaa jira, akkasumas himata isarratti dhihaatuuf falmachuu qaba. (HoE. 21:31; 23:10) Kanaafuu, Phaawulos ergamaan jajjabinni isa barbaachisa!

3. Jajjabina hojii lallabaarratti hirmaachuu keenya itti fufuuf nu gargaaru eessaa arganna?

3 Guyyoota dhumaa kanatti ‘namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi akka ariʼataman’ beekna. (2 Xim. 3:12) Kanaafuu, nutis hojii lallabaa raawwachuu keenya akka itti fufnuuf yeroo yerootti jajjabinni nu barbaachisa. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” karaa barreeffamoota keenyaa fi walgaʼiiwwanii jajjabina yeroo isaa eeggate waan nuu kennuuf baayʼee galateeffanna! (Mat. 24:45) Yihowaan diinonni misiraachichaa milkaaʼina akka hin arganne waadaa nuuf galeera. Akka gareetti tajaajiltootasaa balleessuus taʼe hojii lallabaa keenya nu dhaabsisuu hin dandaʼan. (Isa. 54:17; Er. 1:19) Haataʼu malee, Phaawulos ergamaarra maaltu gaʼa laata? Utuma mormiin isarra gaʼuu guutummaatti dhugaa baʼuusaa itti fufuuf jajjabina argateeraa laata? Taanaan, jajjabina akkamii argate? Sana boodahoo maal godhe?

‘Dabni Isaan Raawwachuuf Waliif Kakatan’ ni Fashalaaʼe (Hojii Ergamootaa 23:11-34)

4, 5. Phaawulos jajjabina akkamii argate? Jajjabina kana yeroo sirrii taʼetti argate kan jennu maaliifi?

4 Phaawulos miidhaa Saanhedriinitti isarra gaʼuuf turerraa oolfamee galgaluma sana jajjabina isa barbaachisu argateera. Seenaan isaa akkana jedha: “Guyyuma sana galgala Gooftaan isa bira dhaabbatee, ‘Jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti guutummaatti waaʼee koo dhugaa baate, Roomaattis dhugaa baʼuu qabda’ isaan jedhe.” (HoE. 23:11) Phaawulos jajjabina kana Yesuusirraa waan argateef, akka hin ajjeefamne mirkanaaʼaa taʼeera. Duʼarraa oolee Roomaa akka gaʼuu fi achittis waaʼee Yesuus dhugaa baʼuuf mirga akka argatu beekee ture.

‘Namoonni 40 ol taʼan isa ajjeesuuf riphanii eeggachaa turan.’—Hojii Ergamootaa 23:21

5 Phaawulos yeroo sirrii taʼetti jajjabina argateera. Guyyaa itti aanutti Yihudoonni 40 ol taʼan “daba qopheessanii hanga Phaawulosiin ajjeesanitti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatan.” ‘Dabni raawwachuuf waliif kakatan’ kun Yihudoonni sun ergamaa kana ajjeesuuf hammam kutatanii akka turan argisiisa. Karoorasaanii kana galmaan hin gaʼan taanaan abaarsi ykn wanti hamaan akka isaanirra gaʼu amananii turan. (HoE. 23:12-15) Karoorrisaanii dura buutota lubootaa fi jaarsolii biratti fudhatama argate. Kanaafuu, dura buutonni lubootaa fi jaarsoliin waaʼeesaa wanta tokko tokko caalaatti mirkaneeffachuu waan barbaadan fakkeessuudhaan gara mana maree Saanhedriin akka dhufu gaafatan. Haataʼu malee, namoonni kun yommuu inni achitti geeffamu isa ajjeesuuf dhokatanii isa eegaa turan.

6. Dabni Phaawulosiin ajjeesuuf godhame kan beekame akkamitti? Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran seenaa kanarraa barumsa akkamii argatu?

6 Haataʼu malee, ilmi obboleettii Phaawulos daba kana dhagaʼee Phaawulositti hime. Phaawulosimmoo dhimmicha Qalaawudewos Liisiyaas isa ajajaa loltoota Roomaa taʼetti akka himu isatti hime. (HoE. 23:16-22) Yihowaan dargaggoota akkuma ilma obboleettii Phaawulos kanaa nageenya ofii isaaniirra nageenya saba Waaqayyoo ija jabinaan dursanii fi fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf amanamummaadhaan wanta isaaniif dandaʼamu hunda godhan ni jaallata.

7, 8. Qalaawudewos Liisiyaas nageenya Phaawulosiif jecha qophii akkamii godhe?

7 Qalaawudewos Liisiyaas inni ajajaa loltoota 1,000 taʼe daba Phaawulosirratti qophaaʼe akkuma dhagaʼeen loltoota lafoo, loltoota eeboo qabatanii fi abbootii fardeenii dabalatee loltoonni 470 taʼan galgala sana Yerusaalemii kaʼanii nagaadhaan Phaawulosiin gara Qisaariyaatti akka geessan ajaje. Erga achi isa geessanii boodammoo Bulchaa Feeliksi a jedhamutti akka isa kennan isaanitti himame. Qisaariyaa ishii magaalaa guddoo Yihudaa taate keessa Yihudoonni hedduun kan jiran taʼus, baayʼinaan namoota Yihudoota hin taanetu keessa jiraata ture. Haalli tasgabbaaʼaan Qisaariyaa keessa jiru haala Yerusaalem keessa turerraa baayʼee adda ture; namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hedduun amantaa kaaniif jibba halaalaa qabu, akkasumas garmalee mormu. Kana malees waajjirri muummee loltoota Roomaa Yihudaa keessatti argamanii Qisaariyaa keessa ture.

8 Seera Roomaa wajjin haala wal simuun, Liisiyaas xalayaa dhimmicha ibsu Feeliksiif erge. Liisiyaas Phaawulos lammii Roomaa taʼuu isaa yeroo beeku Yihudoota isa “ajjeesuuf jedhan” jalaa akka isa oolche xalayicharratti ibseera. Phaawulosirratti balleessaa “duʼaaf yookiin hidhaadhaaf” isa saaxilu tokkollee kan hin arganne taʼus, Yihudoonni daba waan isarratti qopheessaniif himata isaa dhagaʼee dhimma isaarratti murtii akka kennuuf gara isaatti akka isa erge Feeliksiif ibseera.—HoE. 23:25-30.

9. (a) Phaawulos lammii Roomaa taʼus mirgi isaa kan sarbame akkamitti? (b) Mirga lammummaa keenyatti fayyadamuuf carraaqqii kan goonu maaliifi?

9 Wanti Liisiyaas barreesse hundi dhugaadhaa? Hundisaa dhugaa miti. Liisiyaas bulchaa kana biratti fudhatama argachuu waan barbaade fakkaata. Phaawulosiin kan oolche lammii Roomaa taʼuusaa waan beekeef hin turre. Kana malees, Liisiyaas Phaawulosiin ‘funcaa lamaan akka hiisisee’ fi ‘garafamee akka qoratamu’ akka ajaje hin caqasne. (HoE. 21:30-34; 22:24-29) Liisiyaas akkas gochuudhaan mirga Phaawulos lammii Roomaa taʼuudhaan qabu jalaa sarbeera. Yeroo harʼaattis Seexanni namoota amantaa isaaniitiif hinaafanitti fayyadamuudhaan ariʼatama nurraan gaʼa; kunimmoo mirga waaqeffannaa keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. Haataʼu malee, sabni Waaqayyoo akkuma Phaawulos mirga lammummaa isaaniitti fayyadamanii eegumsa seeraa argachuuf carraaqqii guddaa godhu.

‘Falmii Koo Si Durattan Dhiheeffadha’ (Hojii Ergamootaa 23:35–24:21)

10. Phaawulosirratti himatawwan ciccimoo akkamiituu dhihaate?

10 Phaawulos Qisaariyaatti, namoonni isa himatan Yerusaalemii hamma dhufanitti, “mana mootummaa Heroodis keessatti akka eegamu” godhame. (HoE. 23:35) Guyyaa shan booda Anaaniyaas Lubni Olaanaan, abukaatoon Xarxuloos jedhamuu fi jaarsoliin muraasni ni dhufan. Xarxuloos jalqabarratti isa jajuu fi isa biratti fudhatama argachuuf jedhee wanta Feeliksi Yihudootaaf raawwateef isa jaje. b Achiis akkana jechuudhaan waaʼee Phaawulos dubbachuu jalqabe: “Namichi kun dhukkuba daddarbaa nutti taʼee, Yihudoota addunyaa maratti argaman hunda gidduutti fincila kakaasaa akka jiru sitti himuu barbaanna; kana malees, inni dura buutuu garee amantii Naazirootaati. Akkasumas, mana qulqullummaa xureessuuf yaaleera; kanaafuu, nuti isa qabneerra.” Yihudoonni kaanis “wantoonni kun dhugaa akka taʼan dubbachuudhaan himata Phaawulos irratti dhihaate deggeran.” (HoE. 24:5, 6, 9) Fincila kakaasa, dura buutuu garee namoota rakkina uumaniiti, mana qulqullummaa xureessa! Himatawwan kun, himatawwan ciccimoo nama tokko duʼaan adabsiisuu dandaʼanidha.

11, 12. Phaawulos himata isarratti dhihaateef deebii akkamii kenne?

11 Phaawulos akka dubbatu yeroo isaaf heyyamamu, “Falmii koo gammachuudhaanan si duratti dhiheeffadha” jechuudhaan dubbachuu jalqabe. Himanni isarratti dhihaate hundi dhugaa akka hin taane dubbate. Ergamaan kun mana qulqullummaa hin xureessine, fincila kakaasuufis hin yaalle. ‘Waggoota hedduudhaaf’ Yerusaalem keessa akka hin turree fi gara Yerusaalem kan dhaqe “kennaa gara laafinaa,” jechuunis buusii Kiristiyaanota beelaa fi ariʼatamaan kan kaʼe hiyyoomaniif walitti qabame geessuuf akka taʼe ibse. Phaawulos gara mana qulqullummaatti kan seene ‘akka Seerichaatti erga qulqullaaʼee booda’ akka taʼee fi ‘Waaqayyoo fi namoota duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf’ carraaqqii akka godhu ibseera.—HoE. 24:10-13, 16-18.

12 Haataʼu malee, Phaawulos “akka daandii isaan garee amantii jedhanii waaman kanaatti” Waaqa abbootii isaatiif tajaajila qulqulluu akka dhiheesse hin haalle. “Wantoota Seerichaa fi kitaaba Raajotaa keessatti barreeffaman hundatti” akka amanus ifatti dubbateera. Akkuma namoota isa himatanii innis, “qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman” akka abdatu dubbateera. Achiis, akkana jechuudhaan namoonni isa himatan ragaa akka dhiheessan gaafate: “Namoonni as jiran yommuu ani yaaʼii Saanhedriin dura dhaabbadhee turetti dogoggora na irratti argan yoo qabaatan ofuma isaaniitii haa dubbatan; gidduu isaanii dhaabbadhee, ‘Harʼa isin duratti murtiidhaaf kanan dhihaadhe warri duʼan akka kaafaman waanan abdadhuufi!’ jedheen iyyee dubbadhe malee wantan balleesse hin qabu.”—HoE. 24:14, 15, 20, 21.

13-15. Abbootii taayitaa duratti ija jabinaan dhugaa baʼuu ilaalchisee Phaawulos fakkeenya gaarii nuuf taʼa kan jennu maaliifi?

13 Nutis sababii amantii keenyaatiin jeequmsa akka kakaasne, mootummaarratti akka fincille ykn miseensa garee jeequmsa uumu tokkoo akka taane sobaan himatamnee abbootii taayitaa duratti yoo dhihaanne fakkeenya Phaawulos hordofuu ni dandeenya. Phaawulos akka Xarxuloos bulchaa sana duratti fudhatama argachuuf sobaan isa hin jajne. Tasgabbiidhaan, akkasumas karaa kabaja qabuun dubbate. Malaan kan dubbate taʼus, wanti inni dubbate ifaa fi dhugaa ture. Phaawulos, “Yihudoonni koonyaa Eeshiyaatii” dhufanii fi mana qulqullummaa akka xureesse isa himatan qaamaan achi akka hin jirree fi utuu achi jiraatanii himata isaanii dhagaʼee falmachuu akka dandaʼu dubbate.—HoE. 24:18, 19.

14 Hunda caalaammoo, Phaawulos waaʼee amantii isaa dubbachuurraa duubatti hin jenne. Akkas gochuunsaa yeroo Saanhedriin duratti dhihaatetti rakkina akka isatti fide utuma beekuu, waaʼee amantii duʼaa kaʼuurratti qabuu ija jabinaan dubbateera. (HoE. 23:6-10) Phaawulos yeroo falmachaa ture kanatti abdii duʼaa kaʼuutti akka amanu sirriitti ibseera. Akkas kan godhe maaliifi? Wanta mormitoonnisaa hin fudhanne, jechuunis waaʼee Yesuusii fi duʼaa kaʼuusaa dhugaa isaaniif baʼuuf jedheeti. (HoE. 26:6-8, 22, 23) Eeyyee, sababii guddaan Phaawulos murtiitti itti dhihaate, duʼaa kaʼuutti, keessumaammoo Yesuusii fi duʼaa kaʼuu isaatti waan amaneef ture.

15 Nutis akkuma Phaawulos, ija jabinaan dhugaa baʼuu fi wanta Yesuus akkana jechuudhaan barattoota isaatti himerraa jajjabina argachuu dandeenya: “Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu. Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.” Maarree, maalan dubbadha jennee yaaddaʼuu qabnaa? Lakki! Yesuus waadaa akkana jedhu nuuf galeera: “Yeroo dabarsanii isin kennan maal dubbanna jettanii dursitanii hin yaaddaʼinaa; garuu wanta saʼaatii sanatti isiniif kennamu dubbadhaa; sababiinsaas, hafuura qulqulluutu karaa keessan dubbata malee isintu dubbata miti.”—Mar. 13:9-13.

‘Feeliksi ni Sodaate’ (Hojii Ergamootaa 24:22-27)

16, 17. (a) Feeliksi himata Phaawulosirratti dhihaate dhaggeeffachaa yeroo turetti maal jedhe, akkasumas maal godhe? (b) Feeliksi kan sodaate maaliif taʼuu dandaʼa? Phaawulosii wajjin wal arguusaa kan itti fufehoo maaliifi?

16 Feeliksi waaʼee amantii Kiristiyaanotaa yommuu dhagaʼu kun isa jalqabaa miti. Seenaan isaa akkana jedha: “Feeliksi waaʼee Daandii kanaa [amantii Kiristiyaanotaa] akka gaariitti waan beekuuf, ‘Yommuu Liisiyaas ajajaan kumaa gad dhufu dhimma keessaniif murtoo nan kenna’ jedhee isaan geggeesse. Achiis Phaawulosiin eegumsa jala akka tursu, garuu hamma tokko bilisummaa akka qabaatuu fi namoonni isaa waan isa barbaachisu akka isaaf godhan akka isaaniif heyyamu ajajaa dhibbaa sana ajaje.”—HoE. 24:22, 23.

17 Guyyoota muraasa booda, Feeliksi haadha manaa isaa Dirusilaa ishii Yihudii taatee wajjin taʼee Phaawulosiin waamsisuudhaan, “yommuu inni waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu isa dhaggeeffate.” (HoE. 24:24) Haataʼu malee, yommuu Phaawulos “waaʼee qajeelinaa, waaʼee of toʼachuu fi waaʼee guyyaa murtii isa dhufuuf jiru sanaa dubbatu [ni sodaate.]” Tarii kan sodaate hammina jireenya isaa keessatti raawwateen kan kaʼe qalbiin isaa waan isa jeeqeef taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Feeliksi, “Ammaaf deemi, yommuu naaf mijatu sin waamsisa” jedhee isa geggeesse. Feeliksi sana boodas Phaawulosii wajjin siʼa baayʼee wal argeera; isaa wajjin kan wal arge garuu dhugaa barachuuf utuu hin taʼin, mattaʼaa isarraa fudhachuu waan barbaadeefi.—HoE. 24:25, 26.

18. Phaawulos Feeliksii fi haadha manaasaatti “waaʼee qajeelinaa, waaʼee of toʼachuu fi waaʼee guyyaa murtii isa dhufuuf jiru sanaa” kan hime maaliifi?

18 Phaawulos Feeliksii fi haadha manaa isaatti “waaʼee qajeelinaa, waaʼee of toʼachuu fi waaʼee guyyaa murtii isa dhufuuf jiru sanaa” kan hime maaliifi? Namoonni kun, nama “Kiristoos Yesuusitti amanu” irraa wanti barbaadamu maal akka taʼe beekuu barbaadanii akka turan yaadadhu. Phaawulos namoonni kun jireenya gadhiisii akka jiraatan, gara jabeeyyii akka taʼanii fi jalʼina haqaa raawwachaa akka turan waan beekuuf, wanta namoota duuka buutuu Yesuus taʼuu barbaadanirraa eegamu ifatti dubbateera. Wanti Phaawulos dubbate ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo baasee fi jireenya Feeliksii fi haati manaasaa jiraatan gidduu garaa garummaa guddaan akka jiru ifa godheera. Ilmaan namootaa hundi wanta yaadaniif, wanta dubbatanii fi wanta raawwataniif Waaqayyo duratti akka itti gaafataman, akkasumas murtiin Waaqayyo isaanirratti dabarsu murtii Feeliksi Phaawulosirratti dabarsurra baayʼee akka caalu yaada kanarraa hubachuu qabu turan. Kanaafuu, Feeliksi ‘sodaachuun isaa’ nama hin dinqisiisu!

19, 20. (a) Tajaajila keenyarratti namoonni fedhii kan qaban fakkaatan, garuummoo jijjiirama gochuuf fedhii hin qabne yeroo nu mudatanitti maal gochuu qabna? (b) Feeliksi michuu Phaawulos akka hin taane kan argisiise akkamitti?

19 Yeroo harʼaas tajaajilarratti namoonni akka Feeliksi nu mudachuu dandaʼu. Namoonni akkasii jalqabarratti dhugaadhaaf fedhii kan qaban fakkaachuu dandaʼu; taʼus, Waaqayyoof ajajamuu fi jireenyasaanii keessatti jijjiirama gochuuf fedhii hin qaban. Namoota akkasii gargaaruuf yeroo yaallu of eeggachuu qabna. Taʼus, akkuma Phaawulos ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo baase malaan isaanitti himuu dandeenya. Tarii dhugaan garaasaanii tuquu dandaʼa. Haataʼu malee, namoonni kun wanta Yihowaan jibbu dhiisuu akka hin barbaanne yoo hubanne, isaaniin dhiisnee namoota dhugumaan dhugaa dheebotan barbaaduu qabna.

20 Wanti sana booda raawwatame, wanti dhugumaan garaa Feeliksi keessa jiru maal akka taʼe ifa godheera. “Waggaan lama erga darbee booda garuu, Feeliksi, Phorqiyos Feesxosiin bakka buufame; Feeliksi Yihudoota biratti jaallatamuu waan barbaadeef Phaawulosiin akkuma hidhametti dhiise.” (HoE. 24:27) Feeliksi Phaawulosiif michuu dhugaa hin turre. Kiristiyaanonni mootummaarratti fincila akka hin kaasne ykn warri kaan akkas akka godhan akka hin jajjabeessine beeka. (HoE. 19:23) Phaawulos seera Roomaa kamiyyuu akka hin cabsines beeka. Taʼus, Feeliksi “Yihudoota biratti jaallatamuu waan barbaadeef” Phaawulosiin akkuma hidhametti dhiiseera.

21. Phorqiyos Feesxos bulchaa erga taʼee booda Phaawulosiin maaltu mudate? Wanti Phaawulosiin jajjabeessuu isaa itti fufe maalidha?

21 Akkuma Hojii Ergamootaa boqonnaa 24rratti ibsametti yommuu Phorqiyos Feesxos bakka Feeliksi buʼuudhaan bulchaa taʼetti Phaawulos akkuma hidhametti ture. Kanaafuu, Phaawulos abbootii taayitaa garaa garaa duratti dhihaatee dhimmasaa ibsachuun isa barbaachisee ture. Dhugumayyuu, ergamaan ija jabeessa taʼe kun ‘moototaa fi bulchitoota duratti dhiheeffameera.’ (Luq. 21:12) Akkuma gara fuulduraatti ilaallu, bulchaa yeroo sanatti aangoo olaanaa qabu durattis dhugaa baʼuuf jedha ture. Yeroo kana hundatti, amantiin Phaawulos matumaa hin raafamne. Yaada Yesuus, “Jabaadhu!” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina argachuusaa akka itti fufe hin shakkisiisu.

a Saanduqa “ Feeliksi—Bulchaa Yihudaa” jedhu ilaali.

b Xarxuloos “nagaa guddaa” sabichaaf fideef Feeliksiin galateeffateera. Haataʼu malee, hanga Roomaarratti fincilli kaʼetti bara bulchiinsa Feeliksitti hamma bulchitoota isa dura turanii Yihudaa keessa nagaan hin turre. Xarxuloos, Feeliksi Yihudaa keessatti jijjiirama akka fide ibsuudhaan ‘baayʼee si galateeffanna’ jechuunsaas soba ture. Faallaa kanaatiin, Yihudoonni Feeliksi jireenya isaanitti hadheessuu isaa fi bulchaa gara jabeessa taʼuudhaan qabsoo isaanii isaan jalaa fashaleessuu isaatti baayʼee isa jibbu turan.—HoE. 24:2, 3.