Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 26

“Isin Keessaa Namni Tokko Illee hin Badu”

“Isin Keessaa Namni Tokko Illee hin Badu”

Phaawulos dooniin inni ittiin deeme yeroo cabetti amantii guddaa akka qabuu fi namoota akka jaallatu argisiiseera

Hojii Ergamootaa 27:1–28:10rratti kan hundaaʼe

1, 2. Phaawulos imala akkamii gochuuf jedha? Wantoonni isa yaaddessanii taʼuu dandaʼan tokko tokko maalfaʼi?

 FEESXOS, Phaawulosiin “gara Qeesaar ni dhaqxa” jedhee ture. Phaawulos erga kana dhagaʼee booda wanta yeroo Qeesaar duratti dhihaatutti isa mudatu yaadee taʼuu qaba. Phaawulos mana hidhaa keessatti waggaa lama dabarseera. Kanaaf, imalli dheeraan inni gara Roomaatti godhu isaaf jijjiiramadha. (HoE. 25:12) Imala kanaan dura galaanarra godhe ilaalchisee wanti inni yaadatu baayʼeensaa gaarii hin turre. Kana malees, imala Qeesaar duratti dhihaachuuf godhu kana ilaalchisee yaaddoo hedduun sammuusaa keessatti uumamee taʼuu dandaʼa.

2 Phaawulos “galaana irratti” yeroo hedduu balaan isa mudateera. Siʼa sadii markabni jalaa cabeera. Guyyaa tokkoo fi halkan tokkommoo galaanarratti dabarseera. (2 Qor. 11:25, 26) Kana malees, imalli kun imala misiyoonummaa isa inni yeroo bilisa turetti godherraa baayʼee addadha. Phaawulos hidhamee imala dheeraa jechuunis Qisaariyaadhaa kaʼee hamma Roomaatti kiilomeetira 3,000 ol deemuuf jedha. Maarree miidhaan tokkollee utuu isarra hin gaʼin imala kana nagaadhaan ni xumuraa? Imala kana nagaadhaan utuma xumureellee, Roomaatti duuti isatti murteeffamuu ni dandaʼaa? Murtii kana kan isatti murteessu mootummaa addunyaa Seexanaa yeroo sana ture keessatti aangoo ol aanaa qabu akka taʼe yaadadhu.

3. Phaawulos maal gochuuf kutatee ture? Boqonnaa kana keessatti maal ilaalla?

3 Waaʼee Phaawulos wantoota olitti ibsaman erga dubbistee booda, wanta fuulduratti isa eeggatu yaaduudhaan waan abdii kutate sitti fakkaataa? Matumaa! Rakkoowwan akka isa mudatan beeka; garuu rakkoowwan akkamii akka isa mudatan hin beeku. Phaawulos wantoota toʼannaa isaatiin ala taʼanirratti garmalee yaaduun gammachuu tajaajilarraa argatu isa dhabsiisuu akka dandaʼu beeka. (Mat. 6:27, 34) Yihowaan bulchitoota dabalatee namootaaf yeroo hunda misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka inni lallabu akka barbaadu beeka. (HoE. 9:15) Phaawulos wanti akkamiiyyuu yoo isa mudate ergamasaa raawwachuuf kutatee ture. Nutis kutannoo akkasii qabaachuu qabna. Kanaafuu, mee imala Phaawulos gara Roomaatti godhe kana qoruudhaan barumsa fakkeenya isaarraa argannu haa ilaallu.

“Bubbeen . . . Gara Keenyatti Bubbisa Ture” (Hojii Ergamootaa 27:1-7a)

4. Phaawulos imalasaa kan jalqabe doonii akkamiitiin ture? Michoonnisaa isaa wajjin imalan lamaan eenyufaa turan?

4 Phaawulosii fi hidhamtoonni kan biroon ajajaa waraanaa Roomaa Yuuliyoos jedhamutti kan kennaman siʼa taʼu, innis doonii daldalaa Qisaariyaa dhufee jiruun imaluuf filate. Dooniin kun buufata doonii Adraamixiis isa qarqara galaana Eeshiyaa Xinnoo keessatti argamurraa kan dhufe siʼa taʼu, buufanni doonii kun magaalaa Mixileenee gamatti odola Leesvoosirratti argama. Dooniin kun gara kaabaatti, achiis gara lixaatti erga deemee booda miʼa feʼe buusuu fi kan biraa feʼuuf dhaabbata. Dooniiwwan akkasii imaltootaaf, keessumaammoo hidhamtootaaf mijatoo miti. (Saanduqa, “ Imala Galaanarraa fi Daandiiwwan Daldalaa” jedhu ilaali.) Kan namatti tolu garuu, hidhamtoota yakkamtoota taʼan kana keessaa Kiristiyaanni jiru Phaawulos qofa miti. Yoo xinnaate obboloonni lama, Arisxaarkosii fi Luqaas isaa wajjin jiru. Seenaa kanayyuu kan barreesse Luqaasidha. Obboloonni amanamoon kun lamaan baasii geejjibaa isaanii ofumasaanii kaffalatanii taʼuusaa ykn tajaajiltoota Phaawulos waan taʼaniif bilisaan deemuusaanii ilaalchisee wanta beeknu hin qabnu.—HoE. 27:1, 2.

5. Phaawulos Siidoonitti eenyuunfaa arguuf carraa argateera? Nutoo kanarraa maal baranna?

5 Kallattii kaabaatti guyyaa tokko imaluudhaan kiilomeetira 110 erga deemanii booda doonichi Siidoon ishii qarqara galaanaa Sooriyaatti argamtutti dhaabate. Yuuliyoos Phaawulosiin akka yakkamtoota kaaniitti hin ilaalle. Tarii kana kan godhe lammii Roomaa yakkamaa taʼuunsaa hin mirkanoofne waan taʼeef taʼuu dandaʼa. (HoE. 22:27, 28; 26:31, 32) Yuuliyoos, Phaawulos obbolootasaa bakka sanatti argaman bira akka dhaqu isaaf heyyame. Obboloonnii fi obboleettonni ergamaa yeroo dheeraaf hidhamee ture kana kunuunsuuf carraa argachuu isaaniitti baayʼee gammadanii taʼuu qaba! Tarii atis akkumasaanii obboloota keessummummaa simachuudhaan jajjabina argachuu ni dandeessa?—HoE. 27:3.

6-8. Phaawulos Siidoonii kaʼee Kiniidoosiin kan gaʼe akkamitti? Carraa misiraachicha itti lallabuu dandaʼu akkamii argatee ture?

6 Doonichi Siidoonii kaʼee qarqara galaanaarra deemuusaa itti fufuudhaan Kiilqiyaa bira darbee deeme. Kiilqiyaan Xarsees ishee bakka dhalootaa Phaawulos taatetti dhihoodha. Luqaas, “bubbeen sun gara keenyatti bubbisa ture” jedheera. Balaadhaaf saaxilamanii akka turan kan caqase taʼus; bakka biraatti akka dhaabbatan hin ibsine. (HoE. 27:4, 5) Taʼus, Phaawulos carraa argate hundatti fayyadamee misiraachicha akka labse yaaduu ni dandeenya. Hidhamtoota isaa wajjin jiranii fi namoota doonicharra jiran kan biroof, akkasumas hojjettoota doonichaa fi loltoota dabalatee namoota bakka dooniin dhaabbatutti argaman hundumaaf akka lallabe hin shakkisiisu. Nutoo carraa misiraachicha itti lallabuu dandeenyu hundatti akka gaariitti ni fayyadamnaa?

7 Boodas doonichi Miiraa ishii buufata doonii qarqara galaanaa kibba Eeshiyaa Xinnootti argamtuu gaʼe. Achittis Phaawulosii fi namoonni kan biroon doonii kan biraa gara Roomaa deemu akka yaabbatan godhame. (HoE. 27:6) Bara sanatti Roomaan midhaan kan argattu Gibxiirraa siʼa taʼu, dooniiwwan Gibxiidhaa miʼa feʼan Miiraatti dhaabbatu turan. Yuuliyoos doonii akkasii tokko argatee loltoonnii fi hidhamtoonni sun akka yaabbatan godhe. Dooniin kun isa jalqabaarra baayʼee guddaa taʼuu hin oolu. Doonichi namoota 276, jechuunis hojjettoota doonichaa, loltoota, hidhamtootaa fi namoota gara Roomaa deeman kan biroo dabalatee qamadii hedduu feʼee ture. Dooniin Phaawulos ittiin deemu jijjiiramuunsaa namoota hedduuf lallabuuf carraa akka argatu isa taasiseera. Carraa kanatti akka fayyadames hin shakkisiisu.

8 Itti aansuudhaan Kiniidoos ishii kibba dhihaa Eeshiyaa Xinnootti argamtutti dhaabbatan. Qilleensi mijataan yoo jiraate, dooniin tokko guyyaatti bakka kana gaʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Luqaas “guyyoota hedduudhaaf suuta erga deemnee booda, rakkina guddaadhaan Kiniidoos geenye” jedhee gabaaseera. (HoE. 27:7a) Qilleensa mijataa hin taaneen kan kaʼe imallisaanii rakkisaa ture. (Saanduqa, “ Qilleensa Meditiraaniyaa Isa Mijataa hin Taane” jedhu ilaali.) Doonichi qilleensa cimaa fi galaana hunkuramu sana keessa darbee deemuuf yommuu yaalutti, wanta namoota doonicharra jiranitti dhagaʼamu mee yaadi.

‘Bubbeedhaan Akka Malee Raafamaa Turre’ (Hojii Ergamootaa 27:7b-26)

9, 10. Qarqara galaana Qarxeesitti rakkina akkamiitu uumame?

9 Namichi doonicha oofu Kiniidoosii kaʼee kallattii lixaatti imalasaa itti fufuu yaalee ture. Haataʼu malee, Luqaas ‘bubbeen sun fuulduratti deemuu akka isaan dhowwee’ dubbateera. (HoE. 27:7b) Doonichi lafarraa fagaachaa yommuu deemu, qilleensi cimaan kaaba dhihaatii dhufu tarii saffisa cimaadhaan taʼuu dandaʼaa, gara kallattii kibbaatti isa dhiibe. Akkuma kanaan dura odolli Qophiros doonicha qilleensa kallattii faallaatiin dhufu irraa eege, yeroo kanattimmoo, odolli Qarxees eegumsa walfakkaatu godheera. Doonichi Salmoonaa ishee baha Qarxeesitti argamtu bira yommuu darbu haallisaa xinnoo fooyyaʼe. Maaliif? Doonichi kallattii kibba odolichaarra deemuu yommuu jalqabu qilleensa cimaa sanarraa hamma tokko eegumsa waan argateefi. Yeroo kanatti namoota doonicharra turanitti boqonnaa guddaan akka dhagaʼame hin shakkisiisu. Haataʼu malee, ganni dhihaachaa waan jiruuf, hojjettoonni doonichaa yeroo kanatti imaluun akka ulfaatu beeku. Yaaddaʼuun isaaniis immoo sirriidha.

10 Luqaas, “Qarqara galaanichaa qabannee deemuudhaan rakkina guddaadhaan bakka Buufata Baʼeessa jedhamu . . . geenye” jechuudhaan haala isaa sirriitti ibseera. Qarqara galaanaa imaluunsaanii bubbeerraa kan isaan eegu taʼus doonii sana toʼachuun garuu baayʼee ulfaataa ture. Xumura irrattis, qarqarri galaanaa isaan irra deemaa jiran gara kaabaatti jalʼachuusaa dura, lafa dooniisaanii itti dhaabuu dandaʼan argatan. Bakka kana yeroo hammamiitiif turan? Luqaas, ‘yeroo dheeraadhaaf akka turan’ kan ibse taʼus, hammuma achi turan imalli isaaniis ulfaataa deema. Jiʼa Fulbaanaa ykn Onkoloolessa keessa imaluun balaa guddaa qaba.—HoE. 27:8, 9.

11. Phaawulos imaltoota dooniirra jiraniif gorsa akkamii kenne? Isaanoo murtoo akkamii godhan?

11 Phaawulos, kanaan dura galaana Meditiraaniyaarra deemee waan tureef imaltoonni tokko tokko gorsa isa gaafatanii taʼuu dandaʼa. Innis doonichi yeroo kanatti deemuu akka hin qabne isaanitti hime. Yoo deeme garuu ‘miidhaa fi badiisni guddaan’ gaʼuu dandaʼa. Tariimmoo lubbuun namaas baduu dandaʼa. Haataʼu malee, namichi doonii oofuu fi abbaan doonichaa, tarii bakka mijataa taʼe argachuuf taʼuu dandaʼaa, imala isaanii dafanii itti fufuu akka qaban isaanitti dhagaʼame. Achiis, Yuuliyoosiin kan amansiisan siʼa taʼu, baayʼeen isaanii buufata doonii Fiinqee isa xinnuma isaanirraa fagaatee jiru bira gaʼuuf carraaqqii gochuu akka qaban isaanitti dhagaʼame. Tarii bakki kun iddoo balʼaa fi mijataa ganna achitti dabarsuuf isaan dandeessisu qabaachuu hin oolu. Kanaafuu, qilleensi tasgabbaaʼaan kallattii kibbaatiin bubbisuu yommuu eegalu yeroon kun imala isaaniitiif gaarii waan isaanitti fakkaateef deemuu jalqaban.—HoE. 27:10-13.

12. Doonichi Qarxeesii erga kaʼee booda balaa akkamiitu isa mudate? Namoonni doonicharraa hojjetanoo balaarraa ooluuf maalfaa godhan?

12 Achiis, kallattii kaaba bahaatiin “bubbee hamaan” bubbisuu jalqabe. Kanaaf yeroo muraasaaf “odola xinnoo Kaawudaa” jedhamtuu fi Buufata Baʼeessarraa gara kiilomeetira 65 fagaattu dawoo godhatanii yeroo muraasaaf deeman. Taʼus, ammas doonichi qilleensaan gara kallattii kibbaatti dhiibamee deemuudhaan qarqara galaanaa Afriikaatti dhihoo jiru biratti caccabuu dandaʼa. Namoonni doonicha oofaa jiran balaa uumamuuf jedhu hambisuuf bidiruu xinnoo isa keessa jiru gara alaatti baasan. Bishaan doonichatti waan seenaa tureef hojii kana raawwachuun waldhaansoo isaan gaafatee ture. Achiis doonichi akka hin caccabneef funyoo ykn fuuncaadhaan walitti hidhuuf carraaqqii cimaa godhan. Funyoo sharaa gadi butanii hidhuudhaan bubbee sana keessa darbanii deemuuf carraaqqii godhan. Haallisaa hammam akka nama sodaachisu tilmaamuu dandeessaa? Haa taʼu malee, doonichi bubbee sanaan ‘akka malee waan raafamaa tureef’ wanti isaan hanga ammaatti godhan gaʼaa hin turre. Guyyaa sadaffaatti, doonichi akka hin liqimfamneef meeshaalee doonicha oofuuf gargaaran gara galaanaatti darbatan.—HoE. 27:14-19.

13. Dooniin Phaawulos yaabbate obomboleettiidhaan yeroo raafamaa turetti namoonni achirra jiran haala akkamii keessa turan?

13 Namoonni doonicharra jiran baayʼee sodaatanii taʼuu qaba. Phaawulosii fi michoonnisaa garuu hin sodaanne! Kanaan dura gooftaan, Phaawulos Roomaa keessatti dhugaa akka baʼu isatti himeera. Yeroo boodas maleekaan tokko waadaan kun akka raawwatamu isaaf mirkaneesseera. (HoE. 19:21; 23:11) Haataʼu malee, halkanii fi guyyaa torbee lamaaf obomboleettiin galaanicha jeequu isaa itti fufeera. Bokkaan utuu addaan hin citin roobaa waan jiruu fi duumessi yabbuun aduu fi urjiilee dhoksee waan tureef, doonichi iddoo kam akka jiru ykn garamitti deemaa akka jiru beekuu hin dandeenye. Nyaatallee nyaachuu hin dandeenye turan. Silaas namni tokko qorri, roobnii fi sochii doonichaatiin kan kaʼe garaan isaa utuu jeeqamuu akkasumas utuu sodaatuu akkamitti waaʼee nyaataa yaaduu dandaʼa?

14, 15. (a) Phaawulos akeekkachiisa namoota dooniirra jiraniif kenne irra deebiʼee kan caqase maaliifi? (b) Ergaa abdii namaaf kennuu fi Phaawulos dubbaterraa barumsa akkamii arganna?

14 Yeroo kanatti Phaawulos kaʼee dhaabate. Achiis, akeekkachiisa duraan isaaniif kenne isaan yaadachiise; taʼus, kan inni isaanitti dubbate isaan ceephaʼaa akka jiru miira argisiisuun hin turre. Haalli ulfaataan isaan keessa jiran gorsa Phaawulos hordofuun akka isaanirra ture argisiisa. Achiis akkas isaaniin jedhe: “Ammas isinan gorsa, jabaadhaa! Doonicha malee isin keessaa namni tokko illee hin badu.” (HoE. 27:21, 22) Yaanni inni dubbate kun namoota sana baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba. Phaawulosis Yihowaan ergaa abdii namatti horu akkasii akka dubbatu waan isa gargaareef baayʼee gammadee taʼuu qaba. Yihowaan ilmaan namootaa hundaaf akka yaadu yaadachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Inni, tokkoon tokkoon namaatiif iddoo guddaa kenna. Pheexiros ergamaan, ‘Yihowaan hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu’ jechuudhaan barreesseera. (2 Phe. 3:9) Kanaaf, ergaa Yihowaa isa namootaaf abdii kennu hamma nuuf dandaʼame dafnee namoota hundumaan gaʼuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaadha. Jireenyi namootaa inni iddoo guddaa qabu balaadhaaf saaxilameera.

15 Phaawulos, namoonni doonicha irra jiran hedduun, ‘waadaa Waaqayyo gale abdiidhaan akka eeggatan’ isaaniif lallabee taʼuu qaba. (HoE. 26:6; Qol. 1:5) Amma doonichi caccabuunsaa waan hin oolleef, Phaawulos ragaa qabatamaa balaarraa akka oolan argisiisu isaanitti himuu dandaʼa. Akkas isaaniin jedhe: “Eda galgala Waaqayyo inni ani kan isaa taʼe . . . maleekaa isaa ergee, ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin. Ati Qeesaar dura ni dhaabbatta; kunoo, Waaqayyo siif jedhee warra sii wajjin deemaa jiran hunda ni oolcha’ naan jedhe.” Achiis akkas isaaniin jedhe: “Kanaafuu, namoota nana, jabaadhaa; sababiin isaas, wanti natti himame kun sirriitti akka raawwatamu ani Waaqayyo irratti amantii qaba. Taʼus, qarqara odola tokkootti rukutamuun keenya hin oolu.”—HoE. 27:23-26.

“Hundi Isaanii Nagaadhaan Gara Lafaatti Baʼan” (Hojii Ergamootaa 27:27-44)

“Hunda isaanii duratti Waaqayyoon galateeffate.”—Hojii Ergamootaa 27:35

16, 17. (a) Phaawulos yeroo akkamiitti kadhannaa dhiheesse? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? (b) Wanti Phaawulos dubbate kan raawwatame akkamitti?

16 Kiilomeetira 870 imalanii torban sodaachisaa taʼe lama erga dabarsanii booda, namoonni doonicharraa hojjetan dambaliin galaanaa qarqara galaanaatti yommuu rukutamu waan dhagaʼaniif lafatti akka dhihaatan hubatan. Achiis doonichi qilleensaan akka hin oofamnee fi kallattiidhaan gara qarqara galaanaa akka deemu gochuuf qofoo doonichaa galaana keessa buusuudhaan gara qarqara galaanaatti oofuuf carraaqqii godhan. Yeroo kanatti namoonni achirra jiran doonicha irraa buʼuuf yaalii kan godhan siʼa taʼu, loltoonni garuu isaan dhowwan. Achiis Phaawulos ajajaa dhibbaa fi loltoota sanaan, “Namoonni kun doonicha keessa yoo turan malee, ooluu hin dandeessan” jedhe. Amma doonichi xinnoo waan tasgabbaaʼeef, Phaawulos namoonni sun akka oolan isaaniif mirkaneessuudhaan nyaata akka nyaatan isaan jajjabeesse. Achiis, “hunda isaanii duratti Waaqayyoon galateeffate.” (HoE. 27:31, 35) Kadhannaan galataa Phaawulos yeroo kanatti dhiheesse Luqaas, Arisxaarkosii fi Kiristiyaanota yeroo harʼaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Maarree kadhannaan ati namoota duratti dhiheessitu madda jajjabinaa isaaniif taʼaa jiraa?

17 Kadhannaa Phaawulos dhiheesse booda “hundi isaanii jajjabaatanii nyaata fudhatanii nyaachuu jalqaban.” (HoE. 27:36) Kana malees, gara qarqara galaanaatti waan dhihaachaa jiraniif doonichi salphaatti akka bololiʼu gochuuf qamadii isarra jiru galaanatti darbatan. Yommuu bariʼus namoonni doonicharraa hojjetan qofoowwan doonichaa kutanii galaanicha keessatti dhiisan. Funyoo batoowwan sun itti hidhamanis irraa hiikan. Achiis sharaan fuula doonichaa dura jiru qilleensa akka argatu godhanii gara qarqara galaanaatti deemuu jalqaban. Yeroo kanatti fuuldurri doonichaa cirracha ykn dhoqqeedhaan qabame. Duubni isaammoo dambalii galaanaatiin rukutamee caccabuu jalqabe. Loltoonni tokko tokko hidhamtoota keessaa tokko illee akka hin miliqne gochuuf isaan ajjeesuu barbaadanii kan turan taʼus, Yuuliyoos garuu akkas akka hin goone isaan dhowwe. Hundi isaanii daakuudhaan ykn meeshaalee doonichaa addaddaatti fayyadamanii gara qarqara galaanaatti akka baʼan isaan ajaje. Wanti Phaawulos dubbate ni raawwatame. Namoonni 276, jechuunis hundisaanii ni oolan. Eeyyee, “hundi isaanii nagaadhaan gara lafaatti baʼan.” Garuu eessa jiru laata?—HoE. 27:44.

“Gaarummaa Addaa” (Hojii Ergamootaa 28:1-10)

18-20. Namoonni Maaltaa “Gaarummaa Addaa” kan argisiisan akkamitti ture? Waaqayyo Phaawulositti fayyadamee dinqii akkamii raawwate?

18 Imaltoonni balaarraa oolan kun, odoola Maaltaa ishii kibba Kilqiyaatti argamtu bira akka gaʼan hubatan. (Saanduqa, “ Maaltaan Eessatti Argamti?” jedhu ilaali.) Namoonni odola sanaa afaan kan biraa kan dubbatan taʼus, “Gaarummaa Addaa” isaanitti argisiisan. (HoE. 28:2) Namoonni kun isaan beekuu baatanis, namoota bishaaniin tortoranii fi hollachaa jiran kanaaf ibidda qabsiisan. Bokkaa fi qorri jiraatus, ibiddi sun namoonni sun hoʼa akka argatan isaan gargaareera. Achiis dinqiin tokko ni raawwatame.

19 Phaawulos gargaarsa gochuu jalqabe. Qoraan funaanee ibiddatti naqe. Achiis, Buutiin qoraanicha keessaa baatee harka isaatti maramuudhaan isa hiddite. Yeroo kanatti namoonni Maaltaa kun adaba waaqolii akka taʼe isaanitti dhagaʼame. a

20 Namoonni naannoo sanaa buutiin kun Phaawulosiin yommuu hiddu argan “qaamni isaa ni dhiitaʼa” jedhanii eegan. Jechi asirratti caqasame, jecha yaalii fayyaa keessatti hojiirra oolu waan taʼeef, Luqaas inni ogeessa fayyaa jaallatamaa taʼe jecha kanatti fayyadamuun isaa nama hin ajaaʼibu. (HoE. 28:6; Qol. 4:14) Kanas taʼe sana, Phaawulos bofa summaaʼaa kana ofirraa kan hurgufe yommuu taʼu, miidhaanis isarra hin geenye.

21. (a) Wantoonni Luqaas seenaa barreesse keessatti sirriitti adda baasee ibse tokko tokko maalfaʼi? (b) Phaawulos dinqii akkamii raawwate? Kunoo namoonni Maaltaa maal akka godhan taasise?

21 Abbaan lafaa dureessa taʼee fi Phubliyoos jedhamu naannoo kana jiraata ture. Namni kun bulchaa odola Maaltaa warra Roomaatiin muudame taʼuu dandaʼa. Luqaas nama kana, “bulchaa odola sanaa” jedhee kan waame siʼa taʼu, maqaan ulfinaa kun barreeffamoota Maaltaa lamarrattis ni argama. Namni kun Phaawulosii fi namoota isa faana turan guyyaa sadiif keessumsiiseera. Haataʼu malee, abbaan Phubliyoos dhukkubsachaa ture. Luqaas ammas, dhibee nama kanaa sirriitti adda baasee ibseera. Waaʼee abbaa Phubliyoos yeroo ibsu “dhukkuba dhaqna gubaa fi garaa kaasaatiin qabamee ciisa ture” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos erga kadhatee booda nama kanarra harkasaa kan kaaʼe siʼa taʼu, innis ni fayye. Namoonni sunis dinqii raawwatame kana baayʼee ajaaʼibsiifachuudhaan namoota dhukkubsatan kaanis akka fayyisuuf garasaatti fidan. Achiis wantoota Phaawulosii fi michootasaa barbaachisu guutuuf kennaawwan isaaniif kennan.—HoE. 28:7-10.

22. (a) Hayyuun tokko imala gara Roomaatti godhame ilaalchisee yaada Luqaas barreesse dinqisiifachuudhaan maal jedhe? (b) Boqonnaa itti aanurratti maal ilaalla?

22 Imalli Phaawulos godhee fi hanga ammaatti ilaalle dhugaa fi sirriidha. Akka hayyuun tokko jedhanitti, “Seenaan Luqaas barreesse . . . seenaawwan Kitaaba Qulqulluu balʼinaan ibsaman keessaa tokkodha. Akkaataan inni imala doonii jaarraa jalqabaatti turee fi haala baha galaana Meditiraaniyaarra ture itti ibse sirrii taʼuunsaa,” yaadannoo gaarii qabatee akka ture argisiisa. Luqaas yaadannoo akkasii kan qabate yeroo Phaawulosii wajjin deemaa turetti taʼuu dandaʼa. Taanaan, imala ittaansuudhaan godhanirrattis waan baayʼee barreeffateera taʼa. Erga Roomaa gaʼanii booda Phaawulosirra maaltu gaʼa laata? Mee haa ilaallu.

a Namoonni kun gosa bofa kanaa adda baafachuu dandaʼuunsaanii yeroo sanatti bofti kun odoola sanarra akka ture argisiisa. Yeroo harʼaatti garuu buutiin Maaltaa keessa hin jiru. Garaagarummaan kun jiraachuu kan dandaʼe waggoota hedduu booda naannoon kun waan jijjiirameef taʼuu dandaʼa. Tariimmoo, namoonni odoola kanarratti baayʼachuun isaanii buutiin kun akka badu godhee taʼuu dandaʼa.