Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 13

“Mormii . . . Guddaa Erga Godhanii Booda”

“Mormii . . . Guddaa Erga Godhanii Booda”

Dhimmi dhaqna qabaa qaama olaanaa duratti dhihaate

Hojii Ergamootaa 15:1-12rratti kan hundaaʼe

1-3. (a) Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa wal qoqqoodiinsaaf akka saaxilamu wanti godhe maalidha? (b) Seenaa kitaaba Hojii Ergamootaa keessa jiru qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

 PHAAWULOSII fi Barnaabaas gammachuu guddaadhaan guutamanii adeemsa misiyoonummaa isa tokkoffaa xumuranii reefuu gara Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtuutti deebiʼuu isaaniiti. Yihowaan saboota kaaniif ‘balbala amantii banuusaatti’ baayʼee gammadaniiru. (HoE. 14:26, 27) Warri Anxokiyaas misiraachicha baayʼee dinqisiifatanii turan. Kanaan kan kaʼes, saboota kaan keessaa “namoonni hedduun” gara gumiitti dabalamaniiru.—HoE. 11:20-26.

2 Oduun waaʼee kanaa ibsu yeroo gabaabaa gidduutti Yihudaatti babalʼate. Haataʼu malee, oduun kun nama hunda gammachiisuu mannaa, waaʼee dhaqna qabaa falmiin kanaan dura ture akka itti caalu godhe. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼanii fi Kiristiyaanonni Yihudoota hin taane waliin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti? Kiristiyaanonni Yihudoota hin taane Seera Museetiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Dhimmi kun falmii cimaan akka uumamu waan godheef tokkummaan gumichaa balaaf saaxilame. Maarree dhimmi kun kan furamu akkamitti?

3 Kitaaba Hojii Ergamootaarraa seenaa kana yommuu qorru barumsa hedduu arganna. Barumsi argannu kun dhimmi gumii keessatti wal qoqqoodiinsa uumuu dandaʼu yommuu kaʼu tokkummaa keenya eeguuf nu gargaara.

“Yoo Dhaqna Qabattan Malee Fayyuu hin Dandeessan” (Hojii Ergamootaa 15:1)

4. Yihudoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu? Kunoo gaaffii akkamii kaasa?

4 Luqaas, “Namoonni tokko tokko Yihudaadhaa [Anxokiyaatti] gad buʼanii, ‘Akka Seera Museetti yoo dhaqna qabattan malee fayyuu hin dandeessan’ jedhanii obboloota barsiisuu jalqaban” jedhee barreesseera. (HoE. 15:1) Namoonni “Yihudaadhaa gad buʼan” kun Kiristiyaanota taʼuu isaanii dura Fariisota taʼuu fi dhiisuun isaanii hin ibsamne. Haataʼu malee, akkuma Fariisota warra ammayyuu Seerri Musee hojiirra ooluu qaba jedhaniitti kan yaadan taʼuu hin oolu. Kana malees, barumsi isaanii ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemirraa akka madde sobaan dubbatanii taʼuu dandaʼa. (HoE. 15:23, 24) Haataʼu malee, Waaqayyo saboonni kaan gara gumii Kiristiyaanaa akka dhufan Pheexiros ergamaaf erga ifa godhee waggaa 13 booda, Yihudoonni kun ammayyuu dhaqna qabaa kan jajjabeessan maaliifi? aHoE. 10:24-29, 44-48.

5, 6. (a) Yihudoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko dhaqna qabaan ammayyuu barbaachisaadha jedhanii kan amanan maaliifi? (b) Kakuun dhaqna qabaa kutaa kakuu Abrahaamii? Ibsi. (Miiljalee ilaali.)

5 Wantoonni kanaaf sababa taʼuu dandaʼan hedduun jiru. Sababni inni tokko dhiironni dhaqna akka qabatan kan ajaje Yihowaa taʼuusaati; kana malees, dhaqna qabaan mallattoo Waaqayyoo wajjin hariiroo addaa akka qaban argisiisu ture. Dhaqna qabaan Seerichi kennamuusaa dura Abrahaamii fi maatii isaatiin kan jalqabe siʼa taʼu, boodammoo kakuu Seerichaatti dabalameera. b (Lew. 12:2, 3) Akka Seera Museetti namoonni Israaʼeloota hin taanellee nyaata Faasikaa nyaachuu dabalatee, sochii tokko tokkorratti hirmaachuu isaanii dura dhaqna qabachuu qabu turan. (Baʼu. 12:43, 44, 48, 49) Kanaafuu, Yihudoonni dhiira dhaqna hin qabanne tokko, xuraaʼaa akka taʼee fi Waaqayyoon tajaajiluu akka hin dandeenyetti ilaalu.—Isa. 52:1.

6 Kanaafuu, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan ilaalchasaanii sirreessanii dhugaa ifa taʼe kana fudhachuuf amantii fi gad of qabuun isaan barbaachisa. Kakuun Seerichaa kakuu haaraadhaan bakka waan buufameef, sana booda namni tokko Yihudii taʼee waan dhalateef qofa miseensa saba Waaqayyoo hin taʼu. Haataʼu malee, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun ammayyuu Yihudoota gidduu waan jiraataniif, Yesuusiin akka Masiihiitti fudhachuu fi namoota saboota kaan keessaa taʼanii fi dhaqna hin qabannee wajjin waaqeffachuun ija jabina guddaa isaan gaafata.—Er. 31:31-33; Luq. 22:20.

7. ‘Namoonni Yihudaadhaa gad buʼan’ dhugaa isa kam hin hubanne turan?

7 Dhugaadha ulaagaan Waaqayyoo hin jijjiiramne. Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee keessatti ibsaman kakuu haaraa keessatti hammatamuun isaanii kana argisiisa. (Mat. 22:36-40) Fakkeenyaaf, Phaawulos yeroo booda dhaqna qabaa ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Inni keessa isaatti Yihudii taʼe Yihudii dha; dhaqna qabaan isaas seera barreeffameen utuu hin taʼin, dhaqna qabaa garaa isa hafuura Waaqayyootiin raawwatame dha.” (Rom. 2:29; Kes. 10:16) “Namoonni . . . Yihudaadhaa gad buʼan” dhugaa kana waan hin hubanneef Waaqayyo dhaqna qabaa ilaalchisee seera baase matumaa hin jijjiirre jedhanii falmu turan. Maarree ragaa isaaniif dhihaatu ni fudhatuu?

“Mormii fi Falmii” (Hojii Ergamootaa 15:2)

8. Dhimmi dhaqna qabaa qaama olaanaa Yerusaalem keessa turetti kan dhiheeffame maaliifi?

8 Luqaas itti fufuudhaan, “Phaawulosii fi Barnaabaas namoota sanaa wajjin [jechuunis ‘namoota Yihudaadhaa gadi buʼanii’ wajjin] mormii fi falmii guddaa erga godhanii booda, Phaawulosii fi Barnaabaas, akkasumas namoonni kan biroon tokko tokko dhimma kana ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemitti argamanitti akka dhiheessan qophiin ni godhame” jedheera. c (HoE. 15:2) ‘Mormii fi falmiin’ jiraachuunsaa gareen lamaanuu dhimmicharratti ilaalchaa fi ejjennoo cimaa akka qaban argisiisa. Gumiin Anxokiyaammoo dhimma kana furuu hin dandeenye. Gumichi nagaa fi tokkummaasaa eeguuf gaaffii kana “ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemitti argamanitti” jechuunis qaama olaanaa yeroo sanaatti dhiheessuuf murteesse. Jaarsolii Anxokiyaa keessa turanirraa maal barachuu dandeenya?

Namoonni tokko tokko, “Seera Musee akka eegan [saboota kaan] ajajuun barbaachisaa dha” jechuu isaanii itti fufan

9, 10. Obboloonni Anxokiyaas taʼan Phaawulosii fi Barnaabaas fakkeenya gaarii kan nuuf taʼan akkamitti?

9 Seenaa kanarraa jaarmiyaa Waaqayyootti amanamuu akka qabnu baranna. Mee yaadi: Obboloonni Anxokiyaa miseensonni qaama olaanaa hundi Yihudoota akka taʼan beeku. Taʼus, gareen kun gaaffii dhaqna qabaa ilaalchisee kaʼeef, Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee deebii akka kennu amanannaa qabu turan. Maaliifi? Yihowaan hafuurasaa fi Yesuus Kiristoos isa Mataa gumii taʼetti fayyadamee qajeelfama akka isaaniif kennu amanannaa guutuu waan qabaniif ture. (Mat. 28:18, 20; Efe. 1:22, 23) Nutis yeroo harʼaa yeroo dhimmi cimaan tokko kaʼu, jaarmiyaa Waaqayyoo fi Qaama Olaanaa Kiristiyaanota dibamoo of keessatti qabatetti amanamuudhaan fakkeenya obboloota Anxokiyaa haa hordofnu.

10 Seenaan kun gad of qabuu fi obsi baayʼee barbaachisaa akka taʼes nu yaadachiisa. Phaawulosii fi Barnaabaas gara saboota kaanii akka dhaqaniif hafuura qulqulluudhaan kan muudaman taʼus, dhimma dhaqna qabaa Anxokiyaa keessatti kaʼe furuuf mirga akka qabanitti hin yaanne. (HoE. 13:2, 3) Kana malees, Phaawulos yeroo booda, “[Yerusaalemitti] kanan ol baʼes mulʼata Gooftaan natti argisiiseen ture” jedhee barreessuunsaa dhimma kanarratti Waaqayyo qajeelfama kennaa akka ture argisiisa. (Gal. 2:2) Jaarsoliin yeroo harʼaatti argamanis yeroo gaaffiiwwan gumicha qoqqooduu dandaʼan kaʼanitti gad of qabuu fi obsa qabaachuuf carraaqu. Dhimmicharratti wal falmuu mannaa, Kitaaba Qulqulluu fi qajeelfama garbichi amanamaa fi ogeessi kennu qoruudhaan ilaalcha Yihowaa beekuuf carraaqu.—Filp. 2:2, 3.

11, 12. Yihowaa obsaan eeggachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif?

11 Darbee darbee, dhimmoota tokko tokko, hamma Yihowaan ifa nuuf godhutti eeguun nu barbaachisuu dandaʼa. Obboloonni bara Phaawulos turan Yihowaan saboonni kaan dhaqna qabachuu qabumoo hin qaban isa jedhu hamma ifa godhutti waggaa 13f eeguun isaan barbaachisee akka ture yaadadhu. Kana jechuun, Dh.K.B. bara 36 yeroo Qorneelewos hafuura qulqulluudhaan dibame irraa kaasee hamma Dh.K.B. bara 49​tti jechuudha. Yihowaan yeroo hammanaatiif kan ture maaliifi? Tarii Waaqayyo, Yihudoonni garaa qajeelaa qaban jijjiirama guddaa kanaaf qophaaʼuuf yeroo gahaa akka argatan barbaadee taʼuu dandaʼa. Hunda caalaammoo, kakuun dhaqna qabaa abbaasaanii Abrahaam isa baayʼee jaallatan wajjin waggaa 1,900 dura galame addaan cituunsaa jijjiirama guddaa ture!—Yoh. 16:12.

12 Abbaa keenya isa samii gaarii taʼerraa barachuun, akkasumas isaan bocamuun mirga guddaadha! Wanti inni nu barsiisu yeroo hunda faayidaa nuuf argamsiisa. (Isa. 48:17, 18; 64:8) Kanaafuu, yeroo jaarmiyichi jijjiirama tokko tokko godhu ykn akkaataa caqasa tokko ibsurratti sirreeffama godhu, yaaduma keenya qabannee itti fufuu ykn qeequu hin qabnu. (Lal. 7:8) Ilaalchi akkasii xinnuma isheellee si keessa akka jiru yoo hubatte dhugaawwan buʼuuraa Hojii Ergamootaa boqonnaa 15​rratti argaman irratti kadhannaadhaan maaliif hin yaaddu? d

13. Tajaajila keenyarratti obsa Yihowaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Nama barumsa amantaa sobaa jaallatu tokko ykn barsiifata Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofne tokko dhiisuun itti ulfaate yeroo qoʼachiisnutti obsa argisiisuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti hafuurri Waaqayyoo garaa barataa sanaa keessatti akka hojjetuuf yeroo gahaa kennuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 3:6, 7) Isaaf kadhachuun keenyas barbaachisaadha. Yihowaan karaa taʼe tokkoon yeroo sirrii taʼetti tarkaanfii sirrii fudhachuu qabnu akka beeknu nu gargaara.—1 Yoh. 5:14.

Muuxannoowwan Nama Jajjabeessan “Balʼinaan” Isaanitti Himan (Hojii Ergamootaa 15:3-5)

14, 15. Obboloonni gumii Anxokiyaa, Phaawulos, Barnaabaasii fi miiltoowwan isaanii akka kabajan kan argisiisan akkamitti? Isaanoo obboloota yeroo imalanitti isaan mudatan kan jajjabeessan akkamitti?

14 Luqaas gabaasasaa itti fufuudhaan akkana jedheera: “Namoonni kun gumichi hamma tokko erga isaan geggeessee booda, saboonni kaan jijjiiramuu isaanii balʼinaan isaanitti himaa Fiinqee fi Samaariyaa keessa darban; obboloota hundas baayʼee gammachiisan.” (HoE. 15:3) Obboloonni, Phaawulos, Barnaabaasii fi miiltoowwan isaanii kaan geggeessuun isaanii akka isaan jaallatan, akka isaan kabajanii fi eebba Yihowaa akka isaaniif hawwan argisiisa. Gama kanaanis obboloonni Anxokiyaa fakkeenya gaarii nuuf taʼu! Obboloota kee hafuuraa, ‘keessumaa immoo jaarsolii dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan’ ni kabajjaa?—1 Xim. 5:17.

15 Phaawulosii fi miiltoowwan isaa Fiinqee fi Samaariyaa keessa yeroo darbanitti muuxannoo saboonni kaan misiraachicha akka fudhatan ibsu obboloota achitti argamanitti “balʼinaan” himuudhaan isaan jajjabeessaniiru. Obboloonni misiyoononni kun jajjabeessan obboloota yeroo Isxifaanos wareegametti naannoo kanatti baqatan kan dabalatu taʼuu hin oolu. Yeroo harʼaattis, gabaasni Yihowaan hojii barattoota gochuu eebbisaa akka jiru ibsu obboloota hunda keessumaammoo obboloota qorumsa keessa jiran baayʼee jajjabeessa. Walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoorratti argamuudhaan, muuxannoo fi seenaa jireenyaa barreeffamoota keenya ykn jw.org irratti baʼan dubbisuudhaan gabaasawwan kanarraa guutummaatti fayyadamaa jirtaa?

16. Dhaqna qabachuu fi dhiisuun dhimma guddaa taʼee akka ture wanti argisiisu maalidha?

16 Namoonni kun Anxokiyaadhaa kaʼanii kallattii kibbaatti kiilomeetira 550 erga imalanii booda Yerusaalem gaʼan. Luqaas akkas jedheera: “Yommuu Yerusaalem gaʼanittis gumichi, ergamoonnii fi jaarsoliin gaarummaadhaan isaan simatan; isaanis wantoota hedduu Waaqayyo karaa isaanii raawwate isaanitti himan.” (HoE. 15:4) Haataʼu malee, “Miseensota garee amantii Fariisotaa keessaa warri amantoota taʼan tokko tokko . . . teessuma isaanii irraa kaʼanii, ‘Dhaqna isaan qabuu fi Seera Musee akka eegan isaan ajajuun barbaachisaa dha’ jedhan.” (HoE. 15:5) Eeyyee, Kiristiyaanonni Yihudoota hin taane dhaqna qabachuu qabumoo hin qaban inni jedhu dhimma guddaa furmaata argachuu qabu taʼee ture.

“Ergamoonnii fi Jaarsoliin . . . Walitti Qabaman” (Hojii Ergamootaa 15:6-12)

17. Qaamni olaanaan Yerusaalem ture eenyufaa of keessatti qabata? “Jaarsoliin” kan isaanitti dabalamanoo maaliif taʼuu dandaʼa?

17 Fakkeenyi 13:10, “Ogummaan garuu kan warra gorsa barbaadanii ti” jedha. Qajeelfama ifa taʼe kanaa wajjin haala walsimuun, “ergamoonnii fi jaarsoliin dhimma [dhaqna qabaa] qoruuf walitti qabaman.” (HoE. 15:6) Akkuma Qaama Olaanaa yeroo harʼaatti argamuu, “Ergamoonnii fi jaarsoliin” jaarraa jalqabaas gumii bakka buʼuudhaan murtoo godhaniiru. “Jaarsoliin” ergamoota faana hojjechaa kan turan maaliifi? Yaaqoob ergamaan akka ajjeefame, Pheexiros ergamaanimmoo yeroo muraasaaf hidhamee akka ture yaadadhu. Ergamoota kaanirras haalli akkasii gaʼeeraa laata? Taanaan, dhiirota hafuura qulqulluudhaan dibamanii fi hojicha geggeessuu dandaʼan kan biroo qabaachuun barbaachisaadha.

18, 19. Pheexiros yaada cimaa akkamii dubbate? Namoonni isa dhaggeeffachaa turanoo maal hubatan?

18 Luqaas itti fufuudhaan akkana jedheera: “Marii cimaan erga godhamee booda, Pheexiros kaʼee akkana . . . jedhe: ‘Yaa obbolootaa, saboonni kaan dubbii misiraachichaa afaan koo irraa akka dhagaʼanii fi akka amananiif Waaqayyo yeroo dheeraa dura isin gidduudhaa na filachuu isaa akka gaariitti beektu. Waaqayyo inni garaa namaa beeku, akkuma nuuf godhe isaaniifis hafuura qulqulluu kennuudhaan dhugaa baʼeera. Kana malees, inni nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa hin goone; kanaa mannaa, amantii isaaniitiin garaa isaanii qulqulleesseera.’” (HoE. 15:7-9) Akka maddi odeeffannoo tokko jedhetti jechi afaan Giriikii “marii cimaa” jedhamee hiikamee fi lakkoofsa 7​rratti argamu “barbaaduu; gaafachuu” yaada jedhus ni dabarsa. Kunimmoo obboloonni yaada garaa garaa akka qabanii fi yaadasaanii kanarrattis ifatti akka waliin mariʼatan argisiisa.

19 Yaanni cimaan Pheexiros dubbate Qorneelewosii fi maatiinsaa warri namoota dhaqna hin qabanne keessaa warra jalqabaa taʼan, Dh.K.B. bara 36​tti yeroo hafuura qulqulluudhaan dibaman achi akka ture isaan yaadachiiseera. Maarree Yihowaan Yihudii fi Yihudii kan hin taane jedhee adda baasuu erga dhiisee namoonni akkas gochuuf aangoo maalii qabu? Kana malees, waaqeffannaan nama tokkoo Yihowaa duratti fudhatama kan argatu Seera Musee waan eegeef utuu hin taʼin, Kiristoositti waan amaneefi.—Gal. 2:16.

20. Yihudoonni dhaqna qabaa deggeran, ‘Waaqayyoon kan qoran’ akkamitti ture?

20 Pheexiros xumurarratti wanta Waaqayyo ifatti dubbatee fi hafuurri qulqulluun raawwaterratti hundaaʼuudhaan akkana jedhe: “Maarree, isin waanjoo abbootiin keenyas taʼe nuti baachuu hin dandeenye gateettii barattootaa irra kaaʼuudhaan maaliif Waaqayyoon qortu? Nuti karaa gaarummaa guddaa Gooftaa keenya Yesuusiin akka fayyine ni amanna; isaanis kana ni amanu.” (HoE. 15:10, 11) Dhugumayyuu, namoonni dhaqna qabaa deggeran ‘Waaqayyoon qoraa’ ykn akka hiikni kan biraan jedhettimmoo ‘obsa isa fixachiisaa’ turan. Yihudoonni kun seera ofuma isaaniiyyuu eeguu waan dadhabaniif duuti akka isaanitti murtaaʼu godhe, namoonni saboota kaan keessaa taʼan akka eegan dhiibbaa isaanirratti gochuuf yaalaa turan. (Gal. 3:10) Haataʼu malee, akkas gochuu mannaa, Yihudoonni Pheexirosiin dhaggeeffachaa turan gaarummaa guddaa Waaqayyo karaa Yesuus isaanitti argisiiseef galateeffachuu qabu turan.

21. Barnaabaasii fi Phaawulos wanta obboloonni murtoo gaarii akka godhan gargaare akkamii dubbatan?

21 ‘Namoonni sun hundi callisuun isaanii,’ wanta Pheexiros dubbaterratti yaadaa akka turan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Achiis, Barnaabaasii fi Phaawulos “mallattoo fi dinqii hedduu Waaqayyo karaa isaanii saboota kaan gidduutti raawwate” isaanitti himan. (HoE. 15:12) Yeroo kanatti ergamoonnii fi jaarsoliin ragaawwan kana hundarratti hundaaʼuudhaan dhaqna qabaa ilaalchisee murtoo fedha Waaqayyoo wajjin wal simu gochuu dandaʼaniiru.

22-24. (a) Qaamni Olaanaan yeroo harʼaatti jiru fakkeenya qaama olaanaa jaarraa jalqabaa hordofaa kan jiru akkamitti? (b) Jaarsoliin hundi aangoo tiʼookraasii kabajuu kan dandaʼan akkamitti?

22 Yeroo harʼaattis miseensonni Qaama Olaanaa yeroo walitti qabaman qajeelfama argachuuf Dubbii Waaqayyoo ni qoru, akkasumas hafuura qulqulluu argachuuf garaadhaa ni kadhatu. (Far. 119:105; Mat. 7:7-11) Kanaaf, tokkoon tokkoon miseensa Qaama Olaanaa wanta irratti mariʼatamurratti kadhannaadhaan akka yaaduuf mata dureen irratti mariʼatamu dursee kennamaafi. (Fak. 15:28) Achiis walgaʼii yommuu godhan ifatti garuummoo karaa kabaja qabuun yaadasaanii waliif ibsu. Yeroo maree godhanittis Kitaaba Qulqulluutti irra deddeebiʼanii fayyadamu.

23 Jaarsoliin gumii fakkeenyasaanii hordofuu qabu. Jaarsoliin dhimma cimaa tokkorratti maree godhanii furmaata argachuu yoo dadhaban waajjira dameesaanii ykn bakka buʼaa waajjira damee kan akka daawwataa olaanaa aanaa mariisisuu dandaʼu. Waajjirri dameemmoo yoo barbaachisaa taʼe Qaama Olaanaaf barreessuu dandaʼa.

24 Eeyyee Yihowaan warra qophii tiʼookraasii kabajan, akkasumas amala gad of qabuu, amanamummaa fi obsaa argisiisan ni eebbisa. Akkuma boqonnaa itti aanurratti ilaallu, akkas kan goonu yoo taʼe, Waaqayyo nagaa dhugaa, badhaadhina hafuuraa fi tokkummaa nuuf kennuudhaan nu eebbisa.

a Saanduqa “ Barumsa Obboloota Sobaa” jedhu ilaali.

b Kakuun dhaqna qabaa kutaa kakuu Abrahaam isa hamma yoonaatti itti fufe sanaa miti. Kakuun Abrahaam hojii kan jalqabe Dh.K.D. bara 1943 yeroo Abrahaam (yeroo sanatti Abraam jedhama) gara Kanaʼaan dhaquuf laga Efraaxisiin ceʼetti ture. Abrahaam yeroo sanatti umuriinsaa 75 ture. Kakuun dhaqna qabaa kan galame garuu sana booda Dh.K.D. bara 1919​tti yommuu umuriin Abrahaam 99 turettidha.—Uma. 12:1-8; 17:1, 9-14; Gal. 3:17.

c Tiitoon nama Giriikii, akkasumas miiltoo fi bakka buʼaa Phaawulos siʼa taʼu, namoota ergaman kana keessaa tokko taʼuu hin oolu. (Gal. 2:1; Tit. 1:4) Namni dhaqna hin qabannee fi hafuura qulqulluudhaan dibame kun nama fakkeenya gaarii taʼu ture.—Gal. 2:3.