BOQONNAA 10
‘Dubbiin Yihowaa Guddachaa Deeme’
Pheexiros mana hidhaatii baafame, ariʼatamni misiraachichi akka hin babalʼanne gochuu hin dandeenye
Hojii Ergamootaa 12:1-25rratti kan hundaaʼe
1-4. Pheexirosiin haala rakkisaa akkamiitu mudatee ture? Atoo utuu haalli akkasii si mudatee maaltu sitti dhagaʼama?
EEGDONNI balbala sibiilaa guddaa Pheexiros irratti yommuu cufan balbalichi sagalee guddaa dhageessise. Pheexiros eegdota Roomaa lamatti funcaadhaan hidhamee kutaa itti hidhamutti geeffame. Wanta isatti murtaaʼu beekuuf saʼaatii dheeraaf tariimmoo guyyootaaf eeguun isa barbaachisa. Girgiddaa, balbala mana hidhaa, funcaa ittiin hidhamee fi namoota isa eeganiin alatti wanti isatti mulʼatu hin jiru.
2 Achiis Pheexirositti murtii cimaan ni murtaaʼe. Heroodis Agriiphaa 1ffaan Pheexirosiin ajjeesuuf murteesse. a Sabicha gammachiisuuf jecha Ayyaana Faasiikaa booda isaan duratti dhiheesse isa ajjeesuuf jedha. Kun doorsisumaaf qofa wanta dubbatame miti. Mootiin kun dhiheenya kana Yaaqoob isa michuu Pheexiros ergamaa taʼe ajjeeseera.
3 Pheexiros bor ajjeefamuuf jedha. Galgala guyyaa itti ajjeefamuuf karoorfame dura turetti maaltu akka raawwatame mee yaadi. Pheexiros kutaa dukkanaaʼaa itti hidhame keessa taaʼee maal yaadaa ture laata? Tarii wanta waggoota muraasa dura Yesuus gaaf tokko akka hidhamuu fi akka ajjeefamu dubbate yaadatee turee laata? (Yoh. 21:18, 19) Pheexiros yeroon wanti Yesuus dubbate raawwii itti argatu akka gaʼe yaadee taʼuu dandaʼa.
4 Ati utuu iddoo Pheexiros taatee maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni baayʼeen abdii kutachuu dandaʼu. Haataʼu malee, haalli akkasii namoota garaadhaa Yesuus Kiristoosiin hordofan abdii kutachiisuu dandaʼaa? Pheexirosii fi obboloonni isaa yeroo ariʼatamni isaan mudatetti wanta isaan godhan irraa maal barachuu dandeenya? Mee haa ilaallu.
Hojii Ergamootaa 12:1-5)
‘Gumichi Cimsee Waaqayyoon Kadhata Ture’ (5, 6. (a) Heroodis Agriiphaa Tokkoffaan gumii Kiristiyaanaa irratti ariʼatama kan geessise maaliifi? Kana kan godhe hoo akkamitti? (b) Duuti Yaaqoob gumii Kiristiyaanaatiif qorumsa guddaa ture kan jennu maaliifi?
5 Boqonnaa kitaaba kanaa isa darberratti akkuma ilaalle, Qorneelewosii fi maatiinsaa jijjiiramuun isaanii gumii Kiristiyaanaatiif gammachuu guddaa argamsiiseera. Yihudoonni hin amanne garuu, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun namoota Yihudoota hin taanee wajjin yommuu waaqeffatan arguunsaanii baayʼee isaan naasisee taʼuu qaba.
6 Heroodis inni nama siyaasaa haxxee taʼe, kun carraa gaarii Yihudoota biratti fudhatama argachuuf isa gargaaru akka taʼetti yaaduudhaan Kiristiyaanota ariʼachuu jalqabe. Yaaqoob ergamaan nama Yesuusitti baayʼee dhihaatu akka ture akka hubate hin shakkisiisu. Kanaafuu “Inni, Yaaqoob obboleessa Yohaannis goraadeedhaan ni ajjeese.” (HoE. 12:2) Kun gumichaaf qorumsa guddaa ture! Yaaqoob ergamoota sadan jijjiiramuu Yesuus dabalatee dinqiiwwan ergamoonni kaan hin argine argan keessaa tokkodha. (Mat. 17:1, 2; Mar. 5:37-42) Yesuus, Yaaqoobii fi obboleessi isaa Yohaannis hinaaffaa cimaa waan qabaniif “Ilmaan Kakawwee” isaaniin jedheera. (Mar. 3:17) Kanaafuu gumichi ergamaa ija jabeessa, amanamaa fi jaallatamaa taʼe dhabe.
7, 8. Pheexiros yeroo hidhametti gumichi maal godhe?
7 Akkuma Agriiphaan Yaade Yaaqoob ajjeefamuun isaa Yihudoota gammachiise. Kunimmoo ija jabaachuudhaan Pheexirosiin ajjeesuuf akka karoorfatu isa oonnachiiseera. Akkuma olitti ibsame Pheexirosiin hiisiseera. Akkuma boqonnaa 5ffaa kitaaba kanaa irratti ibsame Agriiphaan ergamoota yeroo hundumaa mana hidhaa keessa tursuun akka hin dandaʼamne hubachuu hin oolu. Kanaafuu Heroodis Pheexiros akka hin miliqneef loltoota halkanii fi guyyaa dabareedhaan isa eegan 16 ramaduudhaan eegdota 2 gidduutti funcaadhaan hidhamee akka eegamu godhe. Yoo isaan harkaa miliqe garuu eegdonni kun bakka isaa ni adabamu turan. Maarree yeroo rakkisaa kanatti Kiristiyaanonni hidhata Pheexiros taʼan maal gochaa turan?
8 Gumichi wanta gochuu qabu sirriitti beeka. Hojiin Ergamootaa 12:5, “Kanaafuu, Pheexiros mana hidhaa keessa akka turu godhame; gumichi garuu cimsee Waaqayyoon isaaf kadhata ture” jedha. Eeyyee, obboleessa isaanii jaallatamaa kanaaf kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa turan. Yaaqoob ajjeefamuunsaa abdii isaan hin kutachiisne, kadhannaan gatii hin qabu jedhanii akka yaadanis isaan hin taasisne. Kadhannaan Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Fedha isaa wajjin haala walsimuun yoo kadhatan deebii isaaniif ni kenna. (Ibr. 13:18, 19; Yaq. 5:16) Kun Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif barumsa guddaadha.
9. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Pheexirosiif kadhatanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Kiristiyaanota hidhata kee taʼanii fi qorumsa cimaa keessa jiran beektaa? Ariʼatamni isaan mudatee, mootummaan dhorkaa isaanirraa kaaʼee ykn balaan uumamaa isaan mudatee taʼuu dandaʼa. Maaliif kadhannaa garaadhaa madde isaaniif hin dhiheessitu? Tariimmoo obboloota qorumsi ifatti hin mulʼanne isaanirra gaʼaa jiru beekta taʼa. Fakkeenyaaf mormiin maatii, ykn qorumsi amantii isaan mudachaa jira taʼa ykn abdii kutataniiru taʼa. Kadhachuu kee dura yoo irratti xiinxalte namoota maqaa isaanii dhooftee Yihowaa ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼutti’ waaʼee isaanii himuu dandeessu hedduu argachuu dandeessa. (Far. 65:2) Atis rakkinni yeroo si mudatutti obboloonnii fi obboleettonni kee akkasuma akka siif godhan akka barbaaddu beekamaadha.
“Na Duukaa Buʼi” (Hojii Ergamootaa 12:6-11)
10, 11. Maleekaan Yihowaa Pheexirosiin mana hidhaadhaa kan baase akkamitti akka taʼe ibsi.
10 Pheexiros haala rakkisaa isa mudate ilaalchisee dhiphateeraa? Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taanee dubbachuu hin dandeenyu. Haataʼu malee galgala dhumaa mana hidhaa keessa turetti eegdota dammaqoo taʼan sana gidduu rafee ture. Namni amantii qabu kun wanti bor isa mudatu maaliyyuu yoo taʼe Yihowaan akka isa hin irraanfanne mirkanaaʼaa ture. (Rom. 14:7, 8) Haataʼu malee, Pheexiros wanti dinqisiisaa taʼe isa mudachuuf akka jedhu matumaa hin yaadne. Akkuma tasaa kutaan inni itti hidhamee ture ifa guddaadhaan guutame. Maleekaan tokko achi dhaabbateera, eegdonni sun waan isa argan hin fakkaatu, achiis Pheexirosiin dammaqse. Funcaawwan harka isaarra jiranii fi kan hin cinne fakkaatan sun salphaadhumatti harka isaarraa harcaʼan.
11 Itti aansuudhaan maleekichi Pheexirosiif ajajawwan gaggabaaboo muraasa kenne. “Dafii kaʼi! . . . Uffadhu, kophee kees godhadhu, . . . uffata kee isa irraan uffattu uffadhu” isaan jedhe. Pheexirosis wanta ajajame dafee hojiirra oolche. Dhumarrattis maleekaan sun, “na duukaa buʼi” isaan jedhe, innis isa duukaa buʼe. Kuticha keessaa baʼanii waardiyyoota warra alaa lamaan bira darbuudhaan suuta jedhanii gara karra sibiilaa isa guddaa deeman. Maarree karra kana akkamitti darbuu dandaʼu? Gaaffiin akkasii Pheexirositti uumameera taanaan utuma hin turin deebii isaa argateera. Karricha bira yommuu gaʼan “ofuma isaatiin isaaniif baname.” Karricha bira darbanii daandiitti baʼan, achiis maleekichi isa jalaa dhokate. Pheexiros qofaa isaa achitti hafe, wanti isa mudate kun hundis abjuu akka hin taane ni hubate. Kanaaf amma bilisa taʼeera!—HoE. 12:7-11.
12. Seenaa Yihowaan Pheexirosiin akka oolche ibsu irratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?
12 Seenaa Yihowaan humna isaa isa daangaa hin qabnetti fayyadamee tajaajiltoota isaa akka oolche ibsurratti yaaduun nama hin jajjabeessuu? Mootiin Pheexirosiin hidhe mootummaa yeroo sanatti aangoo guddaa qaburraa deggersa kan qabu ture. Haataʼu malee, Pheexiros salphaadhumatti mana hidhaa keessaa baʼuu dandaʼeera. Taʼus, Yihowaan dinqii akkasii tajaajiltoota isaa hundaaf hin raawwatu. Fakkeenyaaf Yaaqoobiin hin oolchine. Yeroo wanti Yesuus Pheexirosiin ilaalchisee dubbate gaʼettis Pheexirosiin hin oolchine. Kiristiyaanonni yeroo harʼatti argamanis dinqiidhaan ni oolla jedhanii hin eegan. Haataʼu malee, Yihowaan yoomiyyuu akka hin jijjiiramne dagachuu hin qabnu. (Mil. 3:6) Dhiheenyattis Ilma isaatti fayyadamee namoota miliyoonaan lakkaaʼaman hidhaa duʼaa jalaa ni oolcha. (Yoh. 5:28, 29) Yeroo harʼaatti yommuu qorumsi nu mudatu abdiiwwan akkasii irraa jajjabina guddaa argachuu dandeenya.
‘Yommuu Isa Argan Baayʼee Dinqisiifatan’ (Hojii Ergamootaa 12:12-17)
13-15. (a) Obboloonni mana Maariyaamitti walitti qabamanii turan Pheexiros dhufuu isaa yommuu hubatan maal godhan? (b) Kitaabni Hojii Ergamootaa sana booda maalirratti xiyyeeffate? Pheexiros obbolootaa fi obboleettota isaaf maal gochuu isaa itti fufeera?
13 Pheexiros daandii dukkanaaʼaa irra dhaabbatee eessa deemuu akka qabu yaadaa jira. Achiis eessa deemuu akka qabu ni murteesse. Dubartiin Kiristiyaana taatee fi Maariyaam jedhamtu naannoo sana jiraatti. Maariyaam ishiin abbaan manaa irraa duʼe kun mana balʼaa gumiin keessatti geggeeffamuu dandaʼu waan qabduuf qabeenya akka qabdu ifadha. Ishiin haadha Yohaannis Maarqos isa yeroo jalqabaatiif kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti bakka kanatti caqasamee yommuu taatu, innis yeroo booda Pheexirosiif akka ilmaa taʼeera. (1 Phe. 5:13) Galgala sana saʼaatiin kan deeme taʼus miseensonni gumichaa hedduun isaanii mana Maariyaamitti wal gaʼanii garaadhaa kadhachaa turan. Pheexiros akka gadi dhiifamuuf kadhachaa akka turan hin shakkisiisu, taʼus Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa dinqii taʼen deebii ni kanna jedhanii hin eegne.
14 Pheexiros balbala isa alaa mooraatti ol seensisuu fi fuuldura manichaatti argamu rurrukute. Achiis tajaajiltuun maqaa Afaan Giriikiitiin Roodaa jedhamuu fi hiikni isaa “Abaaboo” jechuu taʼe qabdu gara karrichaa dhaqxe. Sagalee Pheexiros yommuu dhageessu matumaa amanuu hin dandeenye. Karricha isaaf banuu mannaa baayʼee waan gammaddeef Pheexirosiin achumatti dhiistee fiigdee manatti ol deebite. Achiis Pheexiros akka dhufe obboloota amansiisuuf yaaluu jalqabde, isaanis maraatteetta ishiidhaan jedhan. Ishiin garuu utuu abdii hin kutatin wanta dhageesse dubbachuu ishii itti fufte. Dhumarrattis isaan keessaa tokko tokko tarii maleekaa bakka buʼaa isaa taʼe argitee taʼu dandaʼa jedhan. (HoE. 12:12-15) Pheexiros garuu rurrukutuu isaa itti fufee ture, dhumarrattis dhaqanii karricha isaaf banan.
15 Yommuu karricha biratti, ‘isa arganis baayʼee dinqisiifatan.’ (HoE. 12:16) Pheexiros wanta raawwatame isaanitti himuudhaaf waca isaanii addaan kute. Achiis wanta raawwatame Yaaqoobii fi obbolootatti akka himan ajajee loltoonni Heroodis isa argachuu isaanii dura bakka sanaa dafee deeme. Sana booda bakka balaa hin qabnee fi tajaajila isaa amanamummaadhaan raawwachuu dandaʼu deeme. Waaʼee dhagna qabaa Hojii Ergamootaa boqonnaa 15 irratti caqasame furuurratti gumaacha godheen alatti waaʼeen Pheexiros kana booda hin caqasamne. Kitaabni Hojii Ergamootaa itti aansuudhaan hojii fi imala Phaawulos ergamaan godhe irratti xiyyeeffata. Haataʼu malee, Pheexiros amantii obbolootaa fi obboleettota bakka deemutti argatu hundaa cimsuu isaa akka itti fufe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Pheexiros yommuu obboloota mana Maariyaam turan irraa adda baʼetti, obboloonni sun gadhiifamee isa arguu isaaniitti gammadaa akka turan hin shakkisiisu.
16. Fuulduratti yeroo gammachiisaan akka nu eegatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
16 Yeroo tokko tokko Yihowaan wanta tajaajiltoonni isaa eegan caalaa raawwachuudhaan gammachuudhaan akka guutaman godha. Miirri akkasii obbolootaa fi obboleettota galgala sana Pheexirosii wajjin wal arganitti dhagaʼameera. Nutis yeroo harʼaatti yommuu eebba Yihowaa argannu miirri akkasii nutti dhagaʼama. (Fak. 10:22) Gara fuulduraatti immoo abdiin Yihowaan nuuf gale hundi addunyaa maraatti yeroo raawwatamu ni argina. Eebbi dinqisiisaan gara fuulduraatti argannu isa tilmaamuu dandeenyuu olidha. Kanaafuu, amanamoo taanee hamma itti fufnetti yeroo dinqisiisaan akka nu eeggatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
“Maleekaan Yihowaa Isa Rukute” (Hojii Ergamootaa 12:18-25)
17, 18. Namoonni Heroodisiin akka saadan kan godhe maal ture?
17 Pheexiros mana hidhaatii miliquunsaa Heroodisiinis dinqisiiseera. Taʼus baayʼee aaree ture. Kanaaf, sirriitti akka isa barbaadan ajaje. Achiis loltoonni Pheexirosiin eegaa turan akka qorataman godhe. Eegdonni kun tarii duʼaan taʼuu dandaʼa “akka adabaman ajaje.” (HoE. 12:19) Heroodis Agriiphaan nama gara laafina argisiisuudhaan beekamu miti. Maarree namni hamaa taʼe kun utuu hin adabamin hafaa laata?
18 Agriiphaan Pheexirosiin ajjeesuu dadhabuu isaatti baayʼee qaanaʼee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, ammas carraa itti koora isaa ibsatu kan biraa argate. Diinonni isaa tokko tokko isaa wajjin nagaa uumuu waan barbaadaniif gara isaa dhufanii turan. Kunimmoo carraa namoota hedduu duratti haasaa dhiheessuu akka argatu isa taasise. Luqaas, Heroodis haasaa kana dhiheessuuf yeroo qophaaʼaa turetti ‘uffata mootii akka uffate’ ibseera. Joseefas inni barreessaa seenaa Yihudootaa taʼe uffanni Heroodis meetii irraa akka hojjetame ibseera. Kanaafuu ifni yommuu uffaticha irratti ifu waan calaqqisuuf namoonni waaqa akka fakkaatutti ilaalaniiru. Achiis mootii of tuulaan kun haasaa kennuu jalqabe. Uummanni fakkeessitoota taʼanii fi achi jiran sun, “Kun sagalee waaqaa ti malee, sagalee namaa miti!” jedhanii iyyan.—HoE. 12:20-22.
19, 20. (a) Yihowaan Heroodisiin kan adabe maaliifi? (b) Seenaan Heroodis akka tasaa akka duʼe dubbatu kan nu jajjabeessu maaliifi?
19 Ulfinni akkasii Waaqayyo qofaaf kan malu siʼa taʼu, Waaqayyommoo kana ilaalaa ture. Heroodis carraa badiisa irraa ooluu qaba ture. Namoota sanatti dheekkamuu ykn yoo xinnaate yaada isaanii irratti akka walii hin galle ibsuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, Heroodis akkas gochuu mannaa yaadni kitaaba Fakkeenyaarra jiruu fi “koorri kufaatii dura jira” jedhu akka isarratti raawwatamu godhe. (Fak. 16:18) “Yeruma sana maleekaan Yihowaa isa rukute,” kunis namni of tuulaan kun duʼa jibbisiisaa akka duʼu godhe. Heroodis “raammoodhaan nyaatamee duʼe.” (HoE. 12:23) Joseefasis, Agriiphaan akkuma tasaa akka rukutame kan ibse yeroo taʼu, itti dabaluudhaanis kan inni duʼe yeroo uummanni sun isa saadu waan fudhateef akka taʼe ibseera. Joseefas, Agriiphaan duʼuu isaa dura guyyaa shaniif dhukkubsachaa akka ture ibseera. b
20 Yeroo tokko tokko namoonni hamoon hammina raawwatan hundumaaf utuu hin adabamin kan hafan fakkaachuu dandaʼa. ‘Guutummaan addunyaa humna isa hamaa jala waan jiruuf’ kun taʼuun isaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. (1 Yoh. 5:19) Taʼus, yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon namoonni hamoon utuu hin adabamin kan hafan fakkaachuu isaanitti ni dhiphatu. Seenaawwan akkasii kan nu jajjabeessan kanaafi. Seenaawwan kun Yihowaan hamootatti akka murteessu argisiisu. Kunimmoo tajaajiltoonni isaa hundi inni haqa akka jaallatu akka yaadatan godha. (Far. 33:5) Oolee bulus Yihowaan haqni akka raawwatamu gochuun isaa hin oolu.
21. Seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 12rratti argamu adda durummaadhaan barumsa akkamii qabateera? Kunoo yeroo harʼatti kan nu jajjabeessu maaliifi?
21 Seenaan kun xumurarratti “Dubbiin Yihowaa garuu guddachaa fi babalʼachaa deeme” jechuunsaa barumsa caalaatti nama jajjabeessu nuuf kenna. (HoE. 12:24) Seenaan waaʼee babalʼachuu hojii lallabaa ibsu Yihowaan hojii bara keenyatti hojjetamu akkamitti eebbisaa akka jiru nu yaadachiisa. Seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 12rra jiru adda durummaadhaan waaʼee duʼuu ergamaa isa tokkoo fi miliquu ergamaa isa kan biraa kan ibsu miti. Kanaa mannaa waaʼee Yihowaa fi carraaqqii Seexanni gumii Kiristiyaanaa balleessuu fi hojii lallabaa dhaabuuf godhe kan ibsudha. Miidhaan Seexanni geessisuuf yaale fashalaaʼeera, gara fuulduraattis ni fashalaaʼa. (Isa. 54:17) Karaa biraatiin immoo namoonni Yihowaa fi Yesuus cina dhaabbatan hojii matumaa hin banne hojjechaa jiru. Kun baayʼee nama hin jajjabeessuu? Dhugumayyuu yeroo harʼaa “Dubbiin Yihowaa” akka babalʼatu gargaaruu irratti mirga arganneerra.
a Saanduqa, “ Mooticha Heroodis Agriiphaa Tokkoffaa” jedhu ilaali.
b Namni barreessaa fi ogeessa baqaqsanii walʼaanuu taʼe tokko mallattoon dhukkubaa Joseefasii fi Luqaas ibsan raammoowwan marʼumaan isaa cufuudhaan akka duʼu isa taasisan akka argisiisu ibseera. Raammoowwan akkasii yeroo tokko tokko karaa afaanii baʼu ykn yeroo namichi duʼu qaama isaa keessaa yaaʼu. Kitaabni tokko akka jedhetti, ‘Ibsi ogummaa irratti hundaaʼee fi Luqaas inni ogeessa fayyaa taʼe kenne Heroodis duʼa dhiphisaa akka duʼe argisiisa.’