Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

‘Waaqayyo hin Loogu’

‘Waaqayyo hin Loogu’

Kiristiyaanonni saboota hundaaf lallabuu jalqaban

Hojii Ergamootaa 10:1–11:30rratti kan hundaaʼe

1-3. Pheexiros mulʼata akkamii arge? Hiika mulʼata kanaa beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 YEROONSAA Dh.K.B. bara 36dha. Pheexiros baaxii mana, magaalaa Yoophee ishii qarqara galaanaatti argamtu tokkoo irratti kadhachaa jira. Aduun arfaasaa isa hoʼisaa jira. Keessummummaadhaan mana kana erga buufatee guyyoonni muraasni darbaniiru. Mana kana buufachuunsaa hamma tokko jibba halaalaa akka hin qabne argisiisa. Abbaan mana kanaa Simiʼoon isa gogaa duugu siʼa taʼu, Yihudoonnimmoo mana nama akkasii hin seenan. a Taʼus, ammayyuu Pheexiros Yihowaan waaqa hin loogne taʼuusaa barumsa barbaachisaa barachuuf jedha.

2 Pheexiros utuma kadhachaa jiruu akka muguu taʼe. Achiis mulʼata Yihudii kamiiniyyuu jeequu dandaʼu arge. Wanti akka huccuu bineeldota akka Seerichaatti qulqulluu hin taane qabate tokko samii irraa gad buʼe. Pheexiros qalee akka nyaatu yommuu isatti himamu, “ani matumaa wanta xuraaʼaa fi wanta qulqulluu hin taane nyaadhee hin beeku” jedhee deebise. Sagalichi al tokko qofa utuu hin taʼin al sadii, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi” isaan jedhe. (HoE. 10:14-16) Mulʼanni kun Pheexirosiin yeroo muraasaaf burjaajesseera.

3 Mulʼanni Pheexiros arge hiiknisaa maalidha? Mulʼanni kun ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu waan nu hubachiisuuf hiikasaa beekuun keenya barbaachisaadha. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu utuu hin beekin, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuu hin dandeenyu. Hiika mulʼata kanaa beekuuf, mee wantoota mulʼata kana duraa fi booda raawwataman haa qorru.

“Yeroo Hunda Waaqayyotti Wawwaannaa” Dhiheessuu (Hojii Ergamootaa 10:1-8)

4, 5. Qorneelewos nama akkamiiti? Yeroo inni kadhachaa turetti maaltu uumame?

4 Pheexiros guyyaa tokko dura Qiisaariyaa ishii kallattii kaabaatiin kiilomeetira 50 isa irraa fagaattutti wanta taʼe hin beeku ture; namni Qorneelewos jedhamus akkumasaa mulʼata argee ture. Namni kun ajajaa dhiibbaa raayyaa waraana Roomaa siʼa taʼu, “Waaqayyoof kan bule” ture. b Kana malees, inni “guutummaa maatii isaa wajjin Waaqayyoon kan sodaatuu” fi fakkeenya kan taʼu ture. Qorneelewos nama amantaa Yihudii fudhate miti, kanaa mannaa saboota dhaqna hin qabanne keessaa tokko ture. Taʼus, Yihudoota hiyyeeyyii taʼan gargaaruudhaan gara laafina isaanitti argisiisa ture. Namni gaariin kun nama “yeroo hunda Waaqayyotti wawwaannaa dhiheessu ture.”—HoE. 10:2.

5 Qorneelewos gara naannoo saʼaatii sagaliitti utuma kadhachaa jiruu maleekaan tokko akkas yommuu isaan jedhu arge: “Kadhannaan kee fi kennaan gara laafinaa kee yaadannoodhaaf Waaqayyo duratti ol baʼeera.” (HoE. 10:4) Qajeelfama maleekichi isaaf kenneen Qorneelewos, Pheexiros ergamaa akka waamaniif namoota erge. Qorneelewos nama dhaqna hin qabanne waan taʼeef, balbala hamma yeroo sanaatti isaaf cufaa turetti seenuuf jedha. Ergaa fayyinaa dhagaʼuuf jedha.

6, 7. (a) Muuxannoo Waaqayyoo kadhannaa namoonni gaariin waaʼee isaa beekuuf dhiheessaniif deebii akka kennu argisiisu tokko dubbadhu. (b) Muuxannoowwan akkasiirraa maal hubanna?

6 Waaqayyo yeroo harʼaatti kadhannaa namoonni gaariin waaʼee isaa beekuuf dhiheessan ni dhagaʼaa? Mee muuxannoo tokko haa ilaallu. Dubartiin Albaaniyaa jiraattu tokko, Masaraa Eegumsaa mata duree waaʼee ijoollee guddisuu qabate tokko fudhatte. c Dubartiin kun obboloota mana ishiitti ishii haasofsiisaniin akkas jetteetti: “Baayʼee nama ajaaʼiba! Intaloota koo guddisuu irratti akka na gargaaruuf Waaqayyotti kadhannaa dhiheessaan ture. Isumatu isin erge! Garaakoo tuqxan. Kun waanuman barbaadaa turedha!” Dubartiin kunii fi intaloonni ishii qoʼannaa jalqaban, boodammoo abbaan manaashees qoʼannaa jalqabe.

7 Muuxannoon akkasii kana qofadhaa? Matumaa! Muuxannoon akkasii addunyaa maratti irra deddeebiʼee waan mudatuuf akkuma carraa kan taʼe miti. Maarree kanarraa maal hubanna? Tokkoffaa, Yihowaan kadhannaa namoonni gaariin waaʼee isaa beekuuf dhiheessaniif deebii ni kenna. (1 Mot. 8:41-43; Far. 65:2) Lammaffaa, hojii lallabaa keenya irratti deggersaa maleekotaa qabna.—Mul. 14:6, 7.

“Pheexiros . . . Bitaa Itti” Gale (Hojii Ergamootaa 10:9-23a)

8, 9. Hafuurri qulqulluun Pheexirositti maal beeksise? Innoo maal godhe?

8 Pheexiros utuma hiikni mulʼatichaa “bitaa itti” galee baaxii manichaa irra jiruu, namoonni Qorneelewos erge mana Simoon bira gaʼan. (HoE. 10:17) Pheexiros inni nyaata akka Seerichaatti qulqulluu hin taane akka hin nyaanne siʼa sadii dubbate, namoota kanaa wajjin deemee mana nama Yihudii hin taane tokkoo seenuuf tole jedhaa? Hafuurri qulqulluun ilaalcha Waaqayyo dhimma kana irratti qabu ifa godhee ture. Yaanni akkas jedhu Pheexirositti himameera: “Kunoo, namoonni sadii si barbaadaa jiru. Kanaafuu, kaʼiitii gad buʼii isaanii wajjin deemi; kan isaan erge ana waan taʼeef, matumaa hin mamin.” (HoE. 10:19, 20) Wanti akka huccuu Pheexiros mulʼataan arge sun, qajeelfama hafuurri qulqulluun kennu hojii irra oolchuuf akka isa qopheesse beekamaadha.

9 Pheexiros, Qorneelewos namoota kana akka ergu maleekaan tokko akka isatti hime yommuu dhagaʼu, namoota Yihudoota hin taane kana ‘gara manaatti galchee isaan keessummeesse.’ (HoE. 10:23a) Ergamaan ajajamaa taʼe kun wanta Waaqayyo barbaadu akkuma hubateen ilaalcha isaa irratti jijjiirama gochuu jalqabe.

10. Yihowaan sabasaa kan geggeessu akkamitti? Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

10 Yihowaan yeroo harʼaas sabni isaa wanta tokko akka hubatan kan godhu irraa jalaanidha. (Fak. 4:18) Hafuura qulqulluudhaan, ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ geggeessaa jira. (Mat. 24:45) Yeroo tokko tokko hubannaa Dubbii Waaqayyoo irratti qabnu irratti fooyyaʼiinsi godhamuu ykn hojimaata jaarmiyichaa irratti jijjiiramni godhamuu dandaʼa. Kanaaf akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Sirreeffama jaarmiyichi godhu nan fudhadhaa? Qajeelfama hafuurri qulqulluun dhimma kanarratti kennuuf nan bitamaa?’

Pheexiros “Akka Cuuphaman Isaan Ajaje” (Hojii Ergamootaa 10:23b-48)

11, 12. Pheexiros akkuma Qisaariyaa gaʼeen maal godhe? Wanti inni baratehoo maalidha?

11 Pheexiros mulʼaticha argee guyyaa itti aanutti, namoota sadan Qorneelewos ergee fi obboloota Yoophee Yihudoota taʼan jaʼaa wajjin gara Qiisaariyaatti qajeele. (HoE. 11:12) Qorneelewos “firoottan isaa fi michoota isaa” walitti qabee Pheexirosiin eegaa ture; hundi isaaniiyyuu saboota kaan keessaa taʼuu hin oolan. (HoE. 10:24) Pheexiros yommuu achi gaʼu wanta matumaa gochuuf yaadee hin beekne raawwate. Mana nama dhaqna hin qabanne tokkoo seene! Akkana jedheera: “Yihudiin tokko nama qomoo kan biraa wajjin michuu taʼuun yookiin itti dhihaachuun akka isaaf hin heyyamamne akka gaariitti beektu; taʼus nama tokkoon illee xuraaʼaa yookiin qulqulluu kan hin taane akkan hin jenne Waaqayyo natti argisiiseera.” (HoE. 10:28) Amma Pheexiros Waaqayyo mulʼaticha kan isatti argisiise, gosa nyaataa inni nyaachuu qabu isa barsiisuuf akka hin taane hubateera. Nama Yihudii hin taane dabalatee “nama tokkoon illee xuraaʼaa” jechuu hin qabu.

“Qorneelewos firoottan isaa fi michoota isaa walitti waamee isaan eegaa ture” —Hojii Ergamootaa 10:24

12 Namoonni fedhii qaban Pheexirosiin dhagaʼuuf eegaa jiru. Qorneelewos, “hundi keenya wantoota Yihowaan akka dubbattu si ajaje hunda dhagaʼuuf Waaqayyo duratti argamneerra” jedhe. (HoE. 10:33) Namni fedhii qabu tokko utuu akkas siin jedhee maaltu akka sitti dhagaʼamu mee yaadi! Pheexiros akkas jechuudhaan yaada ergaa cimaa qabu dubbate: “Waaqayyo akka hin loogne ani amma dhuguma hubadheera; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.” (HoE. 10:34, 35) Pheexiros Waaqayyo kan nama ilaalu sanyii, lammummaa ykn wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼee akka hin taane barateera. Achiis waaʼee tajaajila Yesus, waaʼee duʼaa fi duʼaa kaʼuu isaa dhugaa isaaniif baʼe.

13, 14. (a) Qorneelewosii fi namoonni saboota kaan keessaa taʼan Dh.K.B. bara 36​tti jijjiiramuun isaanii maal argisiisa? (b) Wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namootatti murteessuu kan hin qabne maaliifi?

13 Itti aansuudhaan wanta taʼee hin beekne tokkotu taʼe: “Utuma Pheexiros wantoota kana dubbachaa jiruu,” hafuurri qulqulluun namoota “saboota kaan” keessaa taʼan sana irratti dhangalaʼe. (HoE. 10:44, 45) Kitaaba Qulqulluu keessatti hafuurri qulqulluun namni tokko cuuphamuu isaa dura akka isa irratti dhangalaʼe kan ibsame iddoo kana qofattidha. Pheexirosis namoonni Yihudoota hin taane kun Waaqayyo biratti fudhatama akka argatan waan hubateef, “akka cuuphaman isaan ajaje.” (HoE. 10:48) Dhaloota Kiristoos Booda bara 36​tti namoonni Yihudoota hin taane jijjiiramuun isaanii, yeroon Yihudootaaf xiyyeeffannaan addaa itti kennamu akka dhaabbate argisiisa. (Dan. 9:24-27) Pheexiros “furtuuwwan Mootummaa samii” keessaa isa sadaffaa fi isa xumuraa kan fayyadame yeroo kanatti ture. (Mat. 16:19) Furtuun kun namoonni Yihudoota hin taane Kiristiyaanota dibamoo akka taʼan balbala isaaniif baneera.

14 Nutis yeroo harʼaatti ergaa Mootummichaa yommuu labsinu ‘Waaqayyo bira looguun akka hin jirre’ ni hubanna. (Rom. 2:11) Inni “akaakuun namootaa hundi akka fayyan” barbaada. (1 Xim. 2:4) Kanaafuu wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namootatti murteessuu hin qabnu. Ergamni keenya waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuudha. Kunimmoo sanyiin, lammummaan, bifti ykn amantiin isaanii maaliyyuu yoo taʼe, namoota hundumaaf lallabuu dabalata.

“Mormuu Dhiisanii . . . Waaqayyoof Ulfina Kennan” (Hojii Ergamootaa 11:1-18)

15, 16. Yihudoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokko Pheexirosiin kan morman maaliif ture? Innoo namoota Yihudoota hin taane kan cuuphe maaliif akka taʼe kan isaaniif ibse akkamitti?

15 Pheexiros wanta raawwatame gabaasuuf waan hawweef gara Yerusaalemitti qajeele. Haataʼu malee, oduun namoonni dhaqna hin qabanne “dubbii Waaqayyoo akka fudhatan” ibsu dursee achi gaʼuu hin oolu. Akkuma Pheexiros achi gaʼeen, “namoonni dhaqna qabaa deggeran isa ceephaʼuu jalqaban.” ‘Mana namoota dhaqna hin qabannee seenee isaanii wajjin nyaachuunsaa’ isaan mufachiisee ture. (HoE. 11:1-3) Wanti isaan mufachiise namoonni Yihudoota hin taane Kiristiyaanota taʼuu isaanii hin turre. Kanaa mannaa Yihudoonni Kiristiyaana taʼan sun namoonni Yihudoota hin taane Yihowaa biratti fudhatama argachuuf, dhaqna qabaa dabalatee, Seericha hordofuu qabu ilaalcha jedhu kan qaban taʼuu isaaniiti. Eeyyee Seera Musee dhiisuun Yihudoota barattoota taʼan tokko tokkotti ulfaatee ture.

16 Maarree Pheexiros namoota Yihudoota hin taane kana kan cuuphe maaliif akka taʼe isaaniif ibsuu kan dandaʼu akkamitti? Akka Hojiin Ergamootaa 11:4-16 ibsutti ragaawwan kun fedha Waaqayyoo akka taʼe ibsan afur isaaniif caqase: (1) mulʼata Waaqayyo isatti argisiise (Lakkoofsa 4-10); (2) wanta hafuurri Waaqayyoo isatti hime (Lakkoofsa 11, 12); (3) maleekaan Qorneelewosiin akka haasofsiise (Lakkoofsa 13, 14); akkasumas (4) hafuurri qulqulluun namoota Yihudoota hin taane irratti akka dhangalaʼe. (Lakkoofsa 15, 16) Dhumarrattis Pheexiros gaaffii cimaa akkas jedhu gaafachuudhaan haasaa isaa xumure: “Maarree, Waaqayyo kennaa tolaa nu warra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanneef kenne sana isaaniifis erga kennee, Waaqayyoon dhowwuu kanan dandaʼu ani eenyu?”—HoE. 11:17.

17, 18. (a) Haasaan Pheexiros kenne Yihudoota Kiristiyaana taʼanitti qorumsa akkamii uume? (b) Tokkummaa gumii eeguun ulfaataa kan taʼe maaliifi? Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuun keenya gaariidha?

17 Haasaan Pheexiros dhiheesse Yihudoota Kiristiyaana taʼaniif qorumsa guddaa ture. Jibba halaalaa qaban dhiisanii namoota Yihudoota hin taanee fi reefuu cuuphaman sana akka obboloota isaaniitti ni simatuu? Seenaan isaa akkana jedha: “[Ergamoonnii fi Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan kaan] yommuu wantoota kana dhagaʼan isa mormuu dhiisanii, ‘Taanaan, Waaqayyo saboota kaaniifis yaada geddarannaa isa jireenyatti geessu kenneera jechuu dha’ jedhanii Waaqayyoof ulfina kennan.” (HoE. 11:18) Ilaalchi gaariin kun tokkummaan gumichaa akka eegamu godheera.

18 Yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni dhugaan ‘saba, gosa, namaa fi qooqa hundumaa keessaa’ waan dhufaniif tokkummaa eeganii itti fufuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. (Mul. 7:9) Gumiiwwan hedduu keessa namoonni sanyii, aadaa fi akkaataa guddinaa gara garaa qaban jiru. Kanaaf akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Jibba gosa akkamiiyyuu of keessaa buqqisee gateeraa? Amalawwan addunyaa warra nama qoqqoodan irraa fagaachuuf murteesseeraa? Fakkeenyaaf sabboonummaan, aadaa fi sanyiidhaan boonuun akkaataa ani obboloota koo itti qaburratti dhiibbaa ni godhaa?’ Erga namni Yihudii hin taane inni jalqabaa jijjiiramee waggoota muraasa booda wanta Pheexirosiin (Keefaa) mudate yaadadhu. Jibba halaalaa warri kaan qabaniin moʼamee Kiristiyaanota Yihudoota hin taane ‘irraa waan adda of baaseef’ Phaawulos isa sirreesseera. (Gal. 2:11-14) Kanaaf kiyyoo jibba halaalaarraa of haa eeggannu.

‘Namoonni Hedduun Amantoota Taʼan’ (Hojii Ergamootaa 11:19-26a)

19. Yihudoonni Kiristiyaana taʼanii fi Anxokiyaa keessa jiraatan eenyufaʼiif lallabuu jalqaban? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

19 Maarree duuka buutonni Yesuus namoota Yihudoota hin taaneef lallabuu jalqabaniiruu? Mee wanta yeroo booda Anxokiyaa ishii kan Sooriyaatti raawwatame haa ilaallu. d Magaalaa kana keessa Yihudoonni hedduun kan jiran taʼus, Yihudoonnii fi namoonni Yihudoota hin taane nagaadhaan waliin jiraatu. Kanaaf Anxokiyaan namoota Yihudoota hin taaneef lallabuuf iddoo gaariidha. Barattoonni Yihudoota taʼan tokko tokko ‘namoota Afaan Giriikii dubbataniif’ misiraachicha lallabuu kan jalqaban iddoo kanatti ture. (HoE. 11:20) Isaan Yihudoota afaan Giriikii dubbataniif qofa utuu hin taʼin, namoota Yihudoota hin taaneefis ni lallabu turan. Yihowaan hojicha kan eebbise siʼa taʼu, “namoonni hedduunis amantoota taʼan.”—HoE. 11:21.

20, 21. Baarnaabaas amala gad of qabuu kan argisiise akkamitti? Nutoo tajaajila keenya irratti fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Naannoo tajaajilaa buʼa qabeessa taʼe kana gargaaruuf gumiin Yerusaalem jiru Barnaabaasiin Anxokiyaatti erge. Taʼus, namoonni fedhii qaban baayʼee waan turaniif hojichi nama tokko qofaan hojjetamuu kan dandaʼu hin turre. Saaʼol, ergamaa saboota kaanii waan taʼeef gargaarsa Barnaabaasiin barbaachisu isaaf gochuu akka dandaʼu ifadha! (HoE. 9:15; Rom. 1:5) Maarree Barnaabaas Saaʼoliin akka morkataasaatti ilaaleeraa? Matumaa, Barnaabaas gad of qabuudhaan gargaarsi akka isa barbaachisu hubateera. Dursa fudhatee gara Xarsees dhaquudhaan Saaʼol akka isa gargaaruuf isa fudhatee gara Anxokiyaatti deebiʼeera. Waliin taʼanii waggaa tokkoof barattoota gumii achi jiru keessatti argaman jajjabeessaniiru.—HoE. 11:22-26a.

21 Nutoo tajaajilaa keenyarratti akkuma Barnaabaas amala gad of qabuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Hundi keenya jabinaa fi dandeettii adda addaa qabna. Fakkeenyaaf obboloonni tokko tokko karaa al idileetiin ykn manaa gara manaatti lallabuu irratti buʼa qabeeyyiidha. Haataʼu malee, deddeebii gaaffii gochuun ykn qoʼannaa jalqabsiisuun isaanitti ulfaata. Bifa tajaajilaa tokko tokko irratti fooyyaʼiinsa gochuu barbaadda yoo taʼe maaliif gargaarsa hin gaafattu? Dursa fudhattee yoo akkas goote caalaatti buʼa qabeessa taʼuu fi tajaajilakee irraa gammachuu guddaa argachuu dandeessa.—1 Qor. 9:26.

‘Obbolootaaf Gargaarsa Erguu’ (Hojii Ergamootaa 11:26b-30)

22, 23. Obboloonni Anxokiyaa jiran obboloota isaanii akka jaallatan kan argisiisan akkamitti? Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranoo akkasuma gochaa kan jiran akkamitti?

22 “Barattoonni qajeelfama Waaqayyootiin yeroo jalqabaatiif ‘Kiristiyaanota’ kan jedhaman” Anxokiyaa keessatti ture. (HoE. 11:26b) Maqaan Waaqayyo isaaniif kenne kun warra fakkeenya Kiristoos hordofuu barbaadaniif kan taʼu ture. Saboonni kaan Kiristiyaanota yommuu taʼanitti isaanii fi Yihudoota gidduutti hariiroo gaariin uumameeraa? Mee Dh.K.B. naannoo bara 46 yeroo beelli buʼetti wanta taʼe haa ilaallu. e Bara duriitti yeroo beelli buʼu hiyyeessonni qarshii hin kaaʼanne ykn nyaata irraa hafaa hin qabne ni hubamu turan. Yeroo beelli kun buʼetti Yihudoonni Kiristiyaana taʼanii fi Yihudaa keessa jiraatan hedduun hiyyeeyyii waan taʼaniif gargaarsi isaan barbaachisa ture. Kiristiyaanota Yihudii hin taane dabalatee obboloonni Anxokiyaa jiran rakkina isaanii kana waan hubataniif “Obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa” ergan. (HoE. 11:29) Eeyyee, obbolootaa fi obboleettota isaaniif garaadhaa akka yaadan argisiisaniiru!

23 Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis akkasuma gochaa jiru. Obboloonni keenya biyya kan biraa ykn naannoo keenya jiran rakkina keessa akka jiran yommuu beeknu fedhiidhaan isaan gargaarra. Fakkeenyaaf obomboleettii, kirkira lafaa fi sunaamii dabalatee balaan uumamaa obboloota keenya yommuu mudatu, Koreen Waajjira Damee gargaarsa akka godhuuf yeruma sana Koree Gargaarsa Yeroo Balaa hundeessa. Carraaqqiin gargaarsa gochuuf goonu akkasii obboloota keenya garaadhaa akka jaallannu argisiisa.—Yoh. 13:34, 35; 1 Yoh. 3:17.

24. Hiikni mulʼanni Pheexiros arge qabu akka nuuf gale argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

24 Kiristiyaanota dhugaa Waan taaneef hiika mulʼanni Pheexiros baaxii manaa Yoophee keessa jiru irratti jaarraa jalqabaatti arge qabuuf iddoo guddaa kennina. Waaqa hin loogne waaqeffanna. Inni waaʼee Mootummaa isaa guutummaatti akka dhugaa baanu barbaada, kunimmoo namoota sanyii, lammummaa ykn hawaasa keessatti sadarkaa gara garaa qabaniif lallabuu dabalata. Kanaaf, namoonni hundi misiraachicha dhagaʼanii jijjiiramuuf carraa akka argataniif isaaniif lallabuuf haa murteessinu.—Rom. 10:11-13.

Obboloonni keenya yeroo rakkatanitti fedhaan isaan gargaarra

a Yihudoonni tokko tokko nama gogaa duugu ni tuffatu, sababiin isaas hojiin isaa kun gogaa beeladoota duʼanii, akkasumas wantoota foolii qabanii fi hojii kanaaf isa barbaachisanii wajjin akka wal tuttuqu godha. Namoonni gogaa duugan Mana Qulqullummaa dhaquuf gaʼumsa akka hin qabnetti ilaalamu, bakki hojii isaaniis yoo xinnaate magaalaa irraa meetira 20 fagaachuu qaba ture. Manni Simiʼoon “qarqara galaanaa” kan taʼe kanaaf taʼuu dandaʼa.—HoE. 10:6.

b Saanduqa, “ Qorneelewosii fi Raayyaa Waraana Roomaa” jedhu ilaali.

c Mata duree “Gorsa Amansiisaa Ijoollee Guddisuuf Gargaaru” jedhuu fi Sadaasa, 2006 fuula 4 hanga 7​rratti argamu. (Amaariffa)

d Saanduqa, “ Anxokiyaa Ishii Sooriyaatti Argamtu” jedhu ilaali.

e Barreessaan seenaa Yihudootaa Joseefas ‘beelli guddaan’ kun bara bulchiinsa Mooticha Qalaawudewositti (Dh.K.B. bara 41-54) akka gaʼe ibseera.