Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 22

“Fedhiin Yihowaa haa raawwatamu”

“Fedhiin Yihowaa haa raawwatamu”

Phaawulos fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waan kutatee tureef gara Yerusaalem deeme

Hojii Ergamootaa 21:1-17rratti kan hundaaʼe

1-4. Phaawulos gara Yerusaalem kan deemu maaliifi? Achittoo maaltu isa eeggata?

 OBBOLOONNI buufata doonii Maaltaa jiran gargar baʼuun isaanitti ulfaateera. Phaawulosii fi Luqaas jaarsolii Efesoon warra baayʼee jaallatanirraa adda baʼuun isaanitti ulfaateera! Misiyoononni lamaan kun doonii yaabbataniiru. Korojoon isaanii wanta imalaaf isaan barbaachisuun guutamee jira. Maallaqa harka qalleeyyii Yihudaa keessa jiraniif walitti qabanis baatanii jiru; Achi gaʼanii isaaniif kennuufis baayʼee hawwaniiru.

2 Qilleensi suuta jedhee bubbisu doonicha dhiibaa jira. Achiis doonichi deemuu eegale. Dhiironni lamaan kun, miiltoowwan isaanii torbaa wajjin gadda fuula obboloota isaanii qarqara galaanaa dhaabbatanii jiranirratti mulʼatu ilaalaa jiru. (HoE. 20:4, 14, 15) Imaltoonni kun hamma isaan arguu dadhabanitti harka isaanii asiif achi raasaa nagaa isaanitti dhaamaa turan.

3 Phaawulos gara waggaa sadiif jaarsolii Efesoonii wajjin hojjeteera. Amma garuu qajeelfama hafuura qulqulluutiin gara Yerusaalem deemaa jira. Achitti wanta isa mudatu hamma tokko beeka. Kanaan dura jaarsolii kanaan akkas jedhee ture: “Ani amma wanta achitti na irra gaʼu beekuu baadhus, hafuura qulqulluutiin dirqisiifamee gara Yerusaalem dhaqaan jira; haa taʼu malee, akkan hidhamuu fi rakkinni akka na irra gaʼu magaalaan dhaqu hundumaa keessatti hafuurri qulqulluun irra deddeebiʼee na akeekkachiisa.” (HoE. 20:22, 23) Phaawulos balaan kan isa mudatu taʼus, ‘hafuura qulqulluudhaan dirqisiifamee’ akka deemu dubbateera. Akkas yommuu jedhu gara Yerusaalem kan deemu dirqisiifamee qofa utuu hin taʼin, fedhiidhaan qajeelfama hafuura qulqulluu hordofuudhaan akka taʼe dubbachuu isaa ture. Jireenya isaatiif iddoo guddaa kan kennu taʼus fedhii Waaqayyoo raawwachuun isaaf wanta hundarra caalu ture.

4 Atoo akkasuma sitti dhagaʼamaa? Yommuu Yihowaadhaaf of murteessine, jireenya keenya keessatti wanta hunda caalaa fedhasaa raawwachuuf waadaa galleerra. Gama kanaan fakkeenya Phaawulos qoruun keenya nu fayyada.

‘Odola Qophros’ Bira Darbanii Deeman (Hojii Ergamootaa 21:1-3)

5. Phaawulosii fi michoonni isaa gara Xiiros kan deeman kallattii kamiin ture?

5 Dooniin Phaawulosii fi michoonni isaa yaabbatan ‘kallattiidhaan deema’ ture. Kana jechuun, qilleensaan oofamanii utuu hin dhaabbatin guyyuma sana Qoos gaʼan. (HoE. 21:1) Doonichi Roodeesii fi Phaaxiraa dhaquusaa dura, halkanuma sana achi waan bule fakkaata. Buufata doonii Phaaxiraa ishee kibba Eeshiyaa Xinnootti argamtuu yommuu gaʼan, obboloonni kun doonii feʼumsaa guddaa yaabbatanii gara Xiiros ishee Fiinqeetti argamtuu deeman. Achiis odola ‘Qophrosiin gara bitaatti dhiisanii’ darbanii deeman. (HoE. 21:3) Luqaas inni Hojii Ergamootaa barreesse, Qophros bira darbanii akka deeman kan caqase maaliifi?

6. (a) Phaawulos Qophrosiin arguunsaa isa jajjabeessee taʼuu kan dandaʼu maaliifi? (b) Yihowaan akkamitti akka nu eebbisee fi akkamitti akka nu gargaare yaaduun keenya maal gochuuf nu kakaasa?

6 Tarii Phaawulos qubasaa odolichatti qabee wanta achitti isa mudate dubbatee taʼuu hin oolu. Gara waggaa sagalii dura, adeemsa misiyoonummaa isaa isa jalqabaa Barnaabaasii fi Yohaannis Maarqosii wajjin godhe irratti, falfalaan Eliimaas jedhamuu fi lallaba isaanii morme bakka kanatti isaan mudatee ture. (HoE. 13:4-12) Phaawulos odola kana ilaaluu fi wanta achitti isa mudaterratti xiinxaluunsaa wanta fuulduratti isa eeggatuuf isa jabeessee taʼuu dandaʼa. Nutis Waaqayyo akkamitti akka nu eebbisee fi qorumsa keessa jabaannee akka dhaabbannu akkamitti akka nu gargaare xiinxaluudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Kanarratti xiinxaluun keenya, miirri Daawititti dhagaʼame nuttis akka dhagaʼamu godha. Daawit, “Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha” jedhee barreesseera.—Far. 34:19.

‘Barattoota Barbaannee Arganne’ (Hojii Ergamootaa 21:4-9)

7. Phaawulosii fi michoonni isaa yommuu Xiiros gaʼan maal godhan?

7 Phaawulos obbolootaa wajjin yeroo dabarsuun faayidaa akka qabu waan beekuuf isaan arguuf baayʼee hawwee ture. Luqaas, Xiirosiin erga gaʼanii booda, ‘Barattoota barbaadanii akka argatan’ barreesseera. (HoE. 21:4) Kiristiyaanonni Xiiros keessa akka jiran waan beekaniif, barbaadanii isaan argatanii isaanii wajjin yeroo dabarsan. Eebba dhugaa beekuun argamsiisu keessaa tokko, bakka kamiyyuu yoo dhaqne obboloota nu simatan argachuu keenyadha. Namoonni Waaqayyoon jaallatanii fi waaqeffannaa dhugaa hordofan guutummaa addunyaarraa michoota qabu.

8. Hojii Ergamootaa 21:4 akkamitti hubachuu qabna?

8 Luqaas yeroo guyyaa torbaaf Xiiros keessa turanitti wanta isaan mudate yommuu ibsu, wanta bitaa namatti taʼu tokko caqaseera. “[Obboloonni Xiiros] hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii, Phaawulos gara Yerusaalem akka hin dhaqne irra deddeebiʼanii isatti himan” jedheera. (HoE. 21:4) Maarree Yihowaan yaadasaa jijjiireera jechuudhaa? Amma Phaawulos gara Yerusaalem akka hin dhaqne isa dhowwaa jiraa? Lakki. Hafuurri qulqulluun Yerusaalemitti rakkinni akka isarra gaʼu malee, gara magaalattii dhaquu akka hin qabne hin ibsine. Obboloonni Xiiros hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii Yerusaalemitti Phaawulosirra rakkinni akka gaʼu hubatanii turan. Kanaaf, isaaf yaaduudhaan gara magaalattii akka hin dhaqne isa kadhatan. Phaawulosiin balaarraa oolchuuf yaaduun isaanii wantuma sirrii taʼedha. Phaawulos garuu fedha Yihowaa raawwachuuf waan kutatee tureef, gara Yerusaalemitti imaluu isaa itti fufe.—HoE. 21:12.

9, 10. (a) Phaawulos yaada obboloota Xiiros yommuu dhagaʼu wanta wal fakkaatu akkamii yaadatee taʼuu dandaʼa? (b) Namoonni yeroo harʼaa jiran ilaalcha akkamii qabu? Kunoo yaada Yesuus dubbatee wajjin kan wal faallessu akkamitti?

9 Tarii Phaawulos, yaaddoo obboloota kanaa yeroo dhagaʼetti, yeroo Yesuus gara Yerusaalem akka dhaqu, dhiphinni hedduun akka isarra gaʼuu fi akka ajjeefamu dubbatetti wanta barattoonni isaa dubbatan yaadatee taʼuu dandaʼa. Yeroo Pheexiros miiraan kakaʼee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhetti, Yesuus deebisee “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta” isaan jedheera. (Mat. 16:21-23) Yesuus haala ofittummaarraa bilisa taʼeen fedha Waaqayyoo raawwachuuf kutatee ture. Phaawulosis ilaalchuma akkasii qaba ture. Obboloonni Xiirosis akkuma Pheexiros ilaalcha gaarii kan qaban taʼus, fedha Waaqayyoo hin hubanne turan.

Yesuus duukaa buʼuun aarsaa kaffaluu gaafata

10 Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen garaa ofitti hin jabaatan ykn wanta carraaqqii cimaa gochuu isaan gaafatu raawwachuu hin barbaadan. Yeroo baayʼee namoonni amantaa isaaniif mijatu ykn wanta muraasa qofa isaanirraa eegu hordofuu barbaadu. Haataʼu malee Yesuus, ilaalcha kanarraa adda taʼe akka qabaannu nu jajjabeesseera. Barattoota isaatiin akkas jedheera: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.” (Mat. 16:24) Yesuus duukaa buʼuun tarkaanfii sirrii fi ogummaarratti hundaaʼe taʼus salphaa miti.

11. Barattoonni Xiiros jaalala Phaawulosiif qabanii fi deggersa isaaf godhan kan argisiisan akkamitti?

11 Amma Phaawulos, Luqaasii fi namoonni isaan faana jiran kaan imala isaanii itti fufuuf jedhu. Haalli yeroo isaan deemuuf kaʼanitti ture garaa nama raasa. Kunimmoo jaalala obboloonni Xiiros Phaawulosiif qabanii fi deggersa cimaa isaan tajaajila isaatiif godhan argisiisa. Dhiironni, dubartoonni fi ijoolleen, Phaawulosii fi namoota isaa wajjin jiran hanga qarqara galaanaatti geggeessan. Achiis waliin taʼuudhaan jilbeenfatanii erga kadhatanii booda nagaa walitti dhaaman. Achiis, Phaawulos, Luqaasii fi namoonni isaanii wajjin jiran kaan bidiruu kan biraa yaabbatanii gara Phitolimaayus deeman; iddoo kanattis obboloota argatanii guyyaa tokko waliin dabarsan.—HoE. 21:5-7.

12, 13. (a) Tajaajila Filiphoos amanamummaadhaan raawwate ibsi. (b) Filiphoos abbootii yeroo harʼaa jiraniif gama kamiin fakkeenya taʼa?

12 Luqaas itti aansuudhaan Phaawulosii fi miiltoowwan isaa gara Qisaariyaatti akka qajeelan gabaaseera. Akkuma achi gaʼaniinis, ‘mana Filiphoos lallabaa Wangeelaa seenan.’ a (HoE. 21:8) Filiphoosiin argachuu isaaniitti gammadanii taʼuu qaba. Filiphoos, gara waggaa 20 dura, namoota Yerusaalemitti gumii Kiristiyaanaa reefuu hundaaʼe keessatti nyaata raabsuurratti ergamoota akka gargaaraniif muudaman keessaa tokko ture. Kana malees, yeroo dheeraadhaaf hinaaffaadhaan lallabaa tureera. Yeroo ariʼatamaan kan kaʼe barattoonni bittinnaaʼanitti, Filiphoos gara Samaariyaa dhaqee lallabuu akka jalqabe yaadadhu. Yeroo boodammoo, xuʼaashii Itoophiyaa tokkoof lallabee isa cuupheera. (HoE. 6:2-6; 8:4-13, 26-38) Eeyyee, Filiphoos waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan lallabeera!

13 Hinaaffaan Filiphoos tajaajilaaf qabu hin qabbanoofne. Luqaas “lallabaa wangeelaa” jedhee isa waamuunsaa Qisaariyaa keessa yeroo jiraachaa turettis, hinaaffaadhaan lallabaa akka ture argisiisa. Kana malees, ijoollee durbaa raajii dubbatan afur qaba; kunimmoo, isaanis fakkeenya abbaa isaanii akka hordofan argisiisa. b (HoE. 21:9) Kanaafuu Filiphoos maatiinsaa karaa hafuuraa akka jabaatan gochuuf cimee hojjetee taʼuu qaba. Abbootiin Kiristiyaanota taʼanii fi yeroo harʼaatti argamanis tajaajila irratti dursa fudhachuu fi ijoolleen isaanii hojii lallabaa akka jaallatan gargaaruudhaan fakkeenya Filiphoos hordofuu qabu.

14. Phaawulos obboloota daawwachuunsaa buʼaa akkamii argamsiisee taʼuu qaba? Yeroo harʼaattoo carraa wal fakkaatu akkamii qabna?

14 Phaawulos bakka deemu hundatti obboloota barbaadee argachuudhaan isaanii wajjin yeroo dabarseera. Obboloonni gumii adda addaa keessa jiranis, misiyoonii kanaa fi miiltoowwan isaa hawwii guddaadhaan keessummummaa simataniiru. Daawwannaan akkasii ‘wal jajjabeessuuf’ akka isaan gargaare hin shakkisiisu. (Rom. 1:11, 12) Yeroo harʼaattis carraa itti wal jajjabeessinu akkasii ni arganna. Manni keenya xinnoo yoo taʼellee, daawwataa olaanaa aanaa fi haadha manaa isaa keessummummaa simachuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa.—Rom. 12:13.

‘Ani Duʼuufillee Qophaaʼaadha’ (Hojii Ergamootaa 21:10-14)

15, 16. Agaabos raajii akkamii dubbate? Wanti inni dubbatehoo warra dhagaʼan irratti dhiibbaa akkamii geessise?

15 Phaawulos yeroo Filiphoos bira buufatee turetti, keessummaa kabajamaan Agaabos jedhamu tokko ni dhufe. Namoonni mana Filiphoositti walitti qabaman Agaabos bara bulchiinsa Qalaawudewositti beelli guddaan akka dhufu waan dubbatee tureef, inni raajii akka taʼe beeku. (HoE. 11:27, 28) Tarii, ‘Agaabos maaliif dhufe laata? Ergaa akkamii dubbachuuf jedha laata?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Achiis, utuma isaan isa ilaalanii qabattoo Phaawulos, jechuunis sabbata inni maallaqaa fi wantoota kan biroo ittiin qabatu fudhate. Agaabos qabattoo sanaan harkaa fi miilla ofii isaa hidhe. Achiis, “Hafuurri qulqulluun akkana jedha: ‘Yihudoonni Yerusaalem keessa jiran abbaa qabattoo kanaa akkanatti ni hidhu; harka saboota kaaniittis dabarsanii isa kennu’” jechuudhaan ergaa cimaa dubbate.—HoE. 21:11.

16 Raajiin inni dubbate kun, Phaawulos gara Yerusaalem akka dhaqu mirkaneessa. Kana malees, Yihudoonni achi jiran Phaawulosiin “harka saboota kaaniitti” dabarsanii akka isa kennan argisiisa. Raajiin kun obboloota achitti argamanirratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Luqaas akkas jedhee barreesseera: “Yommuu kana dhageenyu nutis taane namoonni achi jiran, Phaawulos gara Yerusaalemitti akka ol hin baane isa kadhachuu jalqabne. Achiis Phaawulos, ‘Maaliif boossanii ejjennoo koo laaffisuuf yaaltu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiif jedhee, Yerusaalemitti hidhamuuf qofa utuu hin taʼin, duʼuuf illee qophaaʼaa akkan taʼe isiniif mirkaneessuun barbaada’ jedhee deebise.”—HoE. 21:12, 13.

17, 18. Phaawulos ejjennoo cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Obboloonnihoo maal godhanii turan?

17 Mee haala yeroo kanatti ture yaadi. Luqaasiin dabalatee, obboloonni, Phaawulos gara Yerusaalem akka hin deemne kadhachaa jiru. Tokko tokkommoo booʼaa jiru. Phaawulos, obboloonni akka isa jaallatanii fi akka isaaf yaadan waan hubateef, gaarummaadhaan “ejjennoo [isaa] laaffisuuf” yaalaa akka jiran ykn akka miiljaleen jedhettimmoo ‘garaa isaa raasaa’ akka jiran dubbate. Inni garuu ejjennoo isaa hin jijjiirre. Akkuma obboloonni Xiiros ejjennoosaa akka laaffisan hin heyyamne, ammas kadhaan ykn booʼichi ejjennoosaa akka laaffisu hin heyyamne. Kanaa mannaa, gara Yerusaalem dhaquu kan qabu maaliif akka taʼe isaaniif ibse. Dhugumayyuu Phaawulos ija jabinaa fi kutannoo cimaa akka qabu argisiiseera! Akkuma Yesuus sana dura godhe, Phaawulosis gara Yerusaalem dhaquuf kutatee ture. (Ibr. 12:2) Phaawulos wareegamuu hin barbaadu; haataʼu malee duuka buutuu Yesuus Kiristoos taʼuu isaatiin wareegamuun yoo isa barbaachise kana akka ulfinaatti ilaala.

18 Maarree obboloonni maal godhan? Murtoo Phaawulos godhe isaaf kabajan. Seenaansaa akkas jedha: “Yommuu inni yaada keenya fudhachuu didu, ‘Fedhiin Yihowaa haa raawwatamu’ jennee isa mormuu dhiisne.” (HoE. 21:14) Obboloonni gara Yerusaalem akka hin dhaqne isa amansiisuuf yaalaa turan, yaada isaanii akka fudhatu dhiibbaa isarratti gochuu isaanii ni dhiisan. Kana gochuun isaaniif salphaa taʼuu baatus, fedha Yihowaa hubatanii fudhachuudhaan Phaawulosii wajjin walii galan. Kanaaf Phaawulos, daandii xumurarratti duʼaaf isa saaxilurra imaluu jalqabe. Phaawulos namoonni isa jaallatan yaadasaa akka jijjiiru isa amansiisuuf utuu hin yaalle taʼee isaaf salphata ture.

19. Wanta Phaawulosiin mudaterraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

19 Wanta Phaawulosiin mudaterraa barumsa barbaachisaa tokko arganna: Warri kaan tajaajila Waaqayyoof dhiheessan irratti aarsaa akka hin kaffalle isaan amansiisuuf matumaa yaaluu hin qabnu. Barumsa argannu kana, dhimma ulfaataa duʼaa fi jireenyaa irratti qofa utuu hin taʼin, haalawwan garaagaraa hedduu keessatti hojiirra oolchuu dandeenya. Fakkeenyaaf, warri Kiristiyaana taʼan hedduun, ijoolleen isaanii bakka fagoo deemanii yeroo Yihowaa tajaajilan arguun isaaniif salphaa taʼuu baatus, ejjennoo isaanii jalaa laaffisuu dhiisuuf murteessaniiru. Fiiliis ishiin Ingilaandi jiraattu, yeroo intalli ishii tokkittiin misiyoonii taatee Afriikaatti ramadamte, miira ishiitti dhagaʼame akka itti aanutti ibsiteetti: “Kun anaaf yeroo ulfaataa ture. Narraa fagaattee akka deemtu beekuun koo baayʼee na gaddisiise. Gama tokkoon garuu ishiitti booneera. Irra deddeebiʼeen kadhadhan ture. Haataʼu malee, kun murtoo ishii ture; anis yaada ishii jijjiirsisuuf matumaa hin yaalle. Kana malees, fedhii mootummichaa akka dursitu yeroo hundumaa ishii barsiisaa tureera! Waggoottan 30n darbaniif biyya alaatti tajaajilteetti; amanamummaa ishii kanaafis yeroo hunda Yihowaa nan galateeffadha.” Obboloonni keenya Yihowaa tajaajiluuf yeroo aarsaa kaffalanitti isaan jajjabeessuun keenya baayʼee gaariidha!

Obboloota aarsaa kaffalan jajjabeessuun gaariidha

“Obboloonni Gammachuudhaan Nu Simatan” (Hojii Ergamootaa 21:15-17)

20, 21. Phaawulos obbolootaa wajjin yeroo dabarsuu akka barbaadu wanti argisiisu maalidha? Obbolootaa wajjin taʼuu kan barbaadehoo maaliifi?

20 Phaawulos qophii erga godhee booda, obboloota garaadhaa isa deggeran faana deemsa isaa itti fufe. Phaawulosii fi michoonnisaa imala gara Yerusaalemitti godhanirratti, bakka buufatan hundatti obboloota barbaadanii argachuudhaan yeroo isaanii wajjin dabarsuuf carraaqqii godhaniiru. Xiirositti barattoota argatanii guyyaa torbaaf isaan faana turaniiru. Phitolimaayusitti, obboloota nagaa gaafatanii guyyaa tokko isaanii wajjin dabarsaniiru. Qisaariyaatti guyyoota hedduudhaaf mana Filiphoos turaniiru. Sana booda barattoonni muraasni Phaawulosii fi michoota isaa gara Yerusaalemitti kan geggeessan siʼa taʼu, achittis barataan yeroo dheeraaf turee fi Minaason jedhamu isaan simateera. Xumura irrattis, yommuu Yerusaalem gaʼan, Luqaas, “obboloonni gammachuudhaan nu simatan” jedheera.—HoE. 21:17.

21 Eeyyee, Phaawulos obbolootaa wajjin yeroo dabarsuuf fedhii guddaa qaba ture. Akkuma nuti yeroo harʼaa obboloota keenya irraa jajjabina argannu, innis obboloota irraa jajjabina argateera. Jajjabinni Phaawulos argate kun, namoota aariidhaan kakaʼanii isa ajjeesuu barbaadan dura jabaatee akka dhaabbatu akka isa gargaare hin shakkisiisu.