Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

“Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”

“Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”

Yesuus ergamoonnisaa hojii lallabaa akka babalʼisan kan isaan qopheesse akkamitti?

Hojii Ergamootaa 1:1-26rratti kan hundaaʼe

1-3. Yesuus ergamoota isaarraa adda kan baʼe akkamitti? Gaaffiiwwan kaʼuu dandaʼanoo kamfaʼi?

 YESUUS isaan irraa adda akka baʼu hin barbaadan turan. Ergamoonni kun torban baayʼee gammachiisaa taʼe dabarsan! Yesuus duʼaa kaʼuunsaa abdii kutachuu dhiisanii gammachuudhaan akka guutaman taasiseera. Guyyoota 40n darbaniif, Yesuus irra deddeebiʼee duuka buutotasaatti mulʼachuudhaan, isaan barsiisaa fi isaan jajjabeessaa ture. Harʼa garuu kan isaanitti mulʼate yeroo dhumaatiifi.

2 Ergamoonni Gaara Ejersaarra dhaabbatanii wanta Yesuus dubbatu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jiru. Akkuma dubbatee xumureenis harkasaa ol kaasee isaan eebbise. Achiis, lafarraa ol kaʼuu jalqabe! Yeroo inni gara samiitti ol baʼus duuka buutonnisaa isa ilaalaa turan. Dhumarrattis, duumessi ijasaanii jalaa isa dhokse. Isaan garuu erga inni deemee boodas gara samii ilaaluusaanii hin dhiisne.—Luq. 24:50; HoE. 1:9, 10.

3 Wanti ergamoota Yesuus mudate kun jireenyasaanii irratti jijjiirama guddaa fideera. Gooftaansaanii Yesuus Kiristoos gara samii waan deemeef kana booda maal godhu laata? Gooftaansaanii hojii inni jalqabe akka itti fufaniif akka isaan qopheesse hin shakkisiisu. Hojii barbaachisaa taʼe kanaaf kan isaan leenjise akkamitti? Isaanoo maal godhan? Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argamanoo kanarraa maal baratu? Kitaabni hojii Ergamootaa boqonnaa tokkoffaan deebii nama jajjabeessu kenna.

“Ragaawwan Amansiisoo Taʼan Hedduu” (Hojii Ergamootaa 1:1-5)

4. Luqaas gabaasasaa kitaaba Hojii Ergamootaa irratti argamu kan jalqabe akkamitti?

4 Luqaas gabaasasaa kan jalqabe Tewooflosiin caqasuudhaan yommuu taʼu, Wangeelasaas kan barreesse isaaf ture. a Kitaaba kana barreessuu kan eegale, yaada dhuma wangeela isaa irratti ibse jecha biraatiin irra deebiʼuu fi yaada haaraa muraasa itti dabaluudhaan ture. Kun immoo gabaasni isaa kun Wangeela isaarraa kan itti fufe akka taʼe hubachuuf gargaara.

5, 6. (a) Wanti duuka buutonni Yesuus amantii cimaa qabaatanii akka itti fufan isaan gargaaruu dandaʼu maalidha? (b) Amantiin Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaatti argamanii “ragaawwan amansiisoo taʼan hedduu” irratti kan hundaaʼe akkamitti?

5 Duuka buutonni Yesuus amantii cimaa qabaatanii akka itti fufan wanti isaan gargaaru maalidha? Yesuusiin ilaalchisee Hojiin Ergamootaa 1:3, “Ragaawwan amansiisoo taʼan hedduudhaan jiraataa taʼuusaa isaanitti of mulʼise” jedha. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoota “ragaawwan amansiisoo taʼan” jedhanitti kan fayyadame, Luqaas isa “ogeessa fayyaa jaallatamaa” taʼe qofadha. (Qol. 4:14) Jechoonni kun jechoota barreeffama yaalii fayyaarratti faayidaarra oolan yommuu taʼan ragaa quubsaa fi amansiisaa taʼe argisiisu. Yesuusis ragaa akkasii isaaniif dhiheesse. Yesuus duuka buutotasaatti siʼa baayʼee mulʼateera; yeroo tokko tokko nama tokkotti ykn nama lamatti, yeroo tokko tokko ergamootasaa hundatti, yeroo taʼe tokkommoo namoota isatti amanan 500 olitti mulʼateera. (1 Qor. 15:3-6) Dhugumayyuu ragaawwan amansiisoo taʼan isaaniif dhiheesse!

6 Amantiin Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaatti argamaniis “ragaawwan amansiisoo taʼan hedduu” irratti kan hundaaʼedha. Ragaan Yesuus lafarra akka jiraate, cubbuu keenyaaf akka duʼee fi akka duʼaa kaafame mirkaneessu jiraa? Eeyyee ragaa amansiisaatu jira! Seenaawwan namoonni haalasaa ijaan argan barreessanii fi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessatti argaman ragaawwan amansiisoo nu barbaachisan hunda qabataniiru. Seenaawwan kana kadhannaadhaan qoʼachuun keenya amantii keenya nuuf cimsa. Amantii cimaa qabaachuuf immoo ragaa amansiisaa argachuu akka qabnu yaadadhu. Amantii dhugaa qabaachuun immoo jireenya bara baraa argachuuf murteessaadha.—Yoh. 3:16.

7. Yesuus barsiisuu fi lallabuurratti duuka buutotasaatiif fakkeenya akkamii taʼeera?

7 Kana malees, Yesuus “waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachaa ture.” Fakkeenyaaf, raajiiwwan Masihichi akka dhiphatuu fi akka ajjeefamu dubbatan ibseera. (Luq. 24:13-32, 46, 47) Yesuus gaʼee Masiihicha taʼuudhaan qabu yeroo ibsetti, gara fuulduraatti Mootii Mootummichaa waan taʼuuf waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbateera. Yesuus yeroo lallabaa turetti yeroo hundumaa Mootummaa Waaqayyoorratti xiyyeeffata ture; duuka buutonnisaa yeroo harʼaatti argamanis matadureema wal fakkaatu irratti xiyyeeffatu.—Mat. 24:14; Luq. 4:43.

“Hanga Andaara Lafaatti” (Hojii Ergamootaa 1:6-12)

8, 9. (a) Ergamoonni Yesuus ilaalcha dogoggoraa akkamii lama qabu turan? (b) Yesuus ergamoonni ilaalchasaanii akka sirreessan kan isaan gargaare akkamitti? Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argamanoo barumsa akkamii irraa argatu?

8 Ergamoonni Yesuusii wajjin yeroo dhumaatiif kan walitti qabaman Gaara Ejersaarratti ture. Isaanis hawwii guddaadhaan, “Yaa Gooftaa yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatan. (HoE. 1:6) Gaaffiin isa gaafatan kun ergamoonnisaa ilaalcha dogoggoraa lama akka qaban ifa godheera. Tokkoffaa, Mootummaan Waaqayyoo saba Israaʼel isa lafarra jiruuf deebiʼee akka hundeeffamu yaadanii turan. Lammaffaa, “yeroo kanatti” jechuudhaan Mootummaan Waaqayyoo inni abdachiifame yeruma sanatti bulchuu akka jalqabu eeganii turan. Maarree Yesuus ilaalchasaanii akka sirreessan kan isaan gargaare akkamitti?

9 Yesuus ilaalchi dogoggoraa isaan qaban utuma baayʼee hin turin akka sirreeffamu beeka ture. Duuka buutonnisaa kun guyyaa kudhan booda sabni haaraan yommuu dhalatu, jechuunis Israaʼel hafuuraa yommuu hundeeffamu arguuf jedhu! Hariiroon Waaqayyo Israaʼel foonii wajjin qabu dhaabbachuuf jedha ture. Yesuus ilaalcha dogoggoraa isa lammaffaa isaan qaban ilaalchisee, “Yeroo yookiin waqtii Abbaan ofii isaatiin murteessuuf aangoo isaa jala godhate beekuun isiniif hin kennamne” jedhee gaarummaadhaan isaan yaadachiiseera. (HoE. 1:7) Yihowaan yeroo eeguurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Yesuus duʼuusaa dura ‘guyyaa fi saʼaatii’ dhumni itti dhufu “Abbaa qofa malee” Ilmillee akka hin beekne dubbateera. (Mat. 24:36) Yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni guyyaa itti dhumni sirna kanaa dhufu yaaduudhaan garmalee yaaddaʼu taanaan, wanta isaan hin ilaallannerratti dhiphachaa jiru jechuudha.

10. Ilaalcha ergamootaa isa kam qabaachuu qabna? Maaliif?

10 Taʼus, ergamoota Yesuus warra amantii cimaa qaban kanaaf ilaalcha gadaanaa akka hin qabaanne of eeggachuu qabna. Gad of qabuudhaan sirreeffama isaaniif kenname fudhataniiru. Gaaffiinsaanii kun ilaalcha dogoggoraa akka qaban kan argisiisu taʼus, ilaalcha gaarii akka qabanis ni argisiisa ture. Yesuus, “Dammaqaa eegaa” jedhee irra deddeebiʼee duuka buutotasaa gorseera. (Mat. 24:42; 25:13; 26:41) Ragaa Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu argisiisu eeguudhaan karaa hafuuraa dammaqoo turan. Nutis yeroo harʼaatti ilaalcha akkasii qabaachuu nu barbaachisa. Xumura “guyyoota dhumaa” keessa waan jirruuf akkas gochuun keenya isa kanaan duraa caalaa baayʼee ariifachiisaadha.—2 Xim. 3:1-5.

11, 12. (a) Yesuus duuka buutotasaatiif hojii akkamii kenne? (b) Yesuus hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen hafuura qulqulluu caqasuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

11 Yesuus wanti caalaatti ergamootasaa yaaddessuu qabu maal akka taʼe isaan yaadachiiseera. Akkana jedheera: “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.” (HoE. 1:8) Misiraachoon Yesuus duʼaa kaafamuusaa ibsu jalqaba Yerusaalem bakka Yesuus itti ajjeefametti lallabamuu qaba. Sana booda, ergaan kun guutummaa Yihudaatti, achiimmoo Samaariyaatti, itti aanseemmoo bakkawwan fagootti babalʼata.

12 Yesuus waaʼee hojii lallabaa kan caqase, waadaa isaan gargaaruuf hafuura qulqulluu akka isaaniif ergu gale irra deebiʼee erga isaan yaadachiisee booda taʼuunsaa sirriidha. Jechi “hafuura qulqulluu” jedhu Hojii Ergamootaa keessatti siʼa 40 ol kan caqasame siʼa taʼu, bakki kun isaan keessaa isa tokkodha. Kitaabni kun, gargaarsa hafuura qulqulluutiin ala fedha Yihowaa raawwachuun akka hin dandaʼamne irra deddeebiʼee ifa godha. Hafuura kana argachuuf irra deddeebinee kadhachuun keenya baayʼee barbaachisaadha! (Luq. 11:13) Hafuurri kun isa yeroo kamiiyyuu caalaa baayʼee nu barbaachisa.

13. Hojiin lallabaa sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti akka raawwatan isaaniif kenname hangam balʼaadha? Hojii kana raawwachuuf carraaqqii cimaa gochuu kan qabnuhoo maaliifi?

13 Hiikni gaalee “hanga andaara lafaatti” jedhuuf kennamu yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa tureera. Haa taʼu malee, akkuma boqonnaa darberraa hubachuun dandaʼamutti, Dhugaa Baatonni Yihowaa, Yihowaan akaakuun namootaa hundi misiraachoo Mootummichaa akka dhagaʼan akka barbaadu waan beekaniif hojii isaaniif kenname kana garaa guutuudhaan raawwachaa turaniiru. (1 Xim. 2:3, 4) Atoo hojii lubbuu baraaru kanarratti garaa guutuudhaan hirmaachaa jirtaa? Hojii kana caalaa gammachuu siif argamsiisu matumaa argachuu hin dandeessu! Yihowaan humna hojii kana raawwachuuf si barbaachisu siif kenna. Kitaabni Hojii Ergamootaa buʼa qabeessa taʼuudhaaf mala akkamitti fayyadamuu akka qabduu fi ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabdu hubachuuf si gargaara.

14, 15. (a) Yeroo Kiristoos itti deebiʼu ilaalchisee maleekonni maal jedhan? Wanti isaan dubbatan kunoo hiika akkamii qaba? (Miiljalees ilaali.) (b) Yesuus kan deebiʼe “haaluma” deeme ‘sanaan’ akka taʼe akkamitti beekna?

14 Akkuma seensa boqonnaa kanaarratti ibsame, Yesuus lafarraa ol kaʼuudhaan ijasaanii jalaa dhokateera. Taʼus, ergamoonni 11 achi turan gara samii ilaaluusaanii itti fufanii turan. Dhuma irrattis, maleekonni lama isaanitti mulʼatanii gaarummaadhaan gorsa akkana jedhu isaaniif kennan: “Yaa namoota Galiilaa, maaliif dhaabbattanii gara samii ilaaltu? Yesuus inni isin biraa gara samiitti fudhatame kun, haaluma yommuu inni gara samiitti ol baʼu argitan kanaan deebiʼee ni dhufa.” (HoE. 1:11) Maleekonni kun akkuma dhaabbileen amantaa tokko tokko barsiisanitti Yesuus qaamuma sanaan deebiʼee dhufa jechuu isaaniitii? Lakki, akkas jechuu isaanii miti. Kana akkamitti beekuu dandeenya?

15 Maleekonni kun Yesuus qaamuma sanaan utuu hin taʼin, “haaluma  . . kanaan” b akka dhufu dubbatan. Haala kamiin isaanirraa adda baʼe? Yeroo maleekonni isaan haasofsiisanitti Yesuus ijasaanii jalaa dhokatee ture. Yesuus gara samii Abbaa isaa bira akka deeme kan hubatan dhiirota muraasa, jechuunis ergamootasaa qofa turan. Kiristoos kan deebiʼu haaluma walfakkaatu kanaani. Wanti taʼes kanuma. Yeroo harʼaattis, Yesuus aangoo Mootummaasaatiin akka deebiʼe kan hubatan namoota hubannaa hafuuraa qaban qofadha. (Luq. 17:20) Ragaa Yesuus argamuusaa argisiisu hubachuu fi warri kaanis yeroo baayʼee ariifachiisaa keessa akka jirru akka hubataniif ragaawwan kana isaanitti himuu qabna.

“Isa Filatte Nu Beeksisi” (Hojii Ergamootaa 1:13-26)

16-18. (a) Waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu ilaalchisee Hojii Ergamootaa 1:13, 14​rraa maal baranna? (b) Fakkeenya Maariyaam ishii haadha Yesuus taaterraa maal baranna? (c) Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni walitti qabamuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

16 Ergamoonni ‘gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebiʼuun’ isaanii nama hin dinqisiisu. (Luq. 24:52) Maarree qajeelfamaa fi barumsaa Yesuus isaaniif kenne hojiirra oolchaniiruu? Hojiin Ergamootaa 1:13 fi 14, ergamoonni “kutaa fooqii” tokkorratti walitti qabamanii akka turan kan ibsu yommuu taʼu, walgaʼiiwwan akkasii ilaalchisee odeeffannoowwan xiyyeeffannaa namaa harkisan arganna. Manneen yeroo sanatti Phalestiinaatti argaman hedduun kutaa fooqii kan qaban yommuu taʼu, yaabbannoo karaa alaa kutaa kanatti geessus qabu. Kutaan fooqii kun mana haadha Maarqos isa Hojii Ergamootaa 12:12​rratti caqasame sanadhaa? Kanas taʼe sana, bakki kun bakka gaarii fi mijataa duuka buutonni Kiristoos itti walitti qabaman taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee bakka kanatti kan walitti qabaman eenyufaʼi? Kan walitti qabamanoo maaliifi?

17 Kutaa kana keessatti kan walitti qabaman ergamoota ykn dhiirota qofa akka hin taane hubadhu. Maariyaam ishii haadha Yesuus taate dabalatee ‘dubartoonni tokko tokko’ achi jiru turan. Maariyaam Kitaaba Qulqulluu keessatti kallattiidhaan yeroo caqasamtu kun isa dhumaati. Iddoo guddaa barbaaduu mannaa gad of qabuudhaan obbolootaa fi obboleettota ishii wajjin waaqeffannaadhaaf bakka kanatti argamteetti jennee yaaduun keenya sirriidha. Ilmaan ishii arfan warri yeroo Yesuus lafarra turetti isatti hin amanne amma ishii wajjin taʼuunsaanii baayʼee ishii gammachiisee taʼuu qaba. (Mat. 13:55; Yoh. 7:5) Obboleessisaanii duʼee erga duʼaa kaafamee booda, ilaalchisaanii jijjiirameera.—1 Qor. 15:7.

18 Barattoonni kunneen kan walitti qabaman ‘yaada tokkoon cimsanii kadhachuuf’ akka taʼes hubadhu. (HoE. 1:14) Kiristiyaanonni waaqeffannaadhaaf yeroo hundumaa walitti qabamuunsaanii baayʼee barbaachisaadha. Kan walitti qabamnu wal jajjabeessuuf, qajeelfamaa fi gorsa argachuuf, hunda caalaammoo tokkummaadhaan Yihowaa Abbaa keenya isa samii waaqeffachuufidha. Kadhannaan yeroo kanatti dhiheessinuu fi faarfannaan faarfannu baayʼee kan isa gammachiisu yommuu taʼu, nuufimmoo baayʼee barbaachisaadha. Walgaʼiiwwan qulqulluu fi nama ijaaran kanarratti argamuu keenya matumaa addaan kutuu hin qabnu!—Ibr. 10:24, 25.

19-21. (a) Pheexiros dhimma guddaa gumii keessatti kaʼeef furmaata kennuuf dursa fudhachuunsaa maal nu hubachiisa? (b) Yihudaa bakka buusuun kan barbaachise maaliifi? Akkaataa dhimmichi itti furame irraahoo maal baranna?

19 Duuka buutonni Kiristoos dhimmi furmaata barbaadu kan isaan mudate yommuu taʼu, Pheexiros ergamaanis dhimmichaaf furmaata kennuurratti dursa fudhateera. (Lakkoofsa 15-26) Pheexiros torban muraasa dura Gooftaasaa siʼa sadii erga ganee booda hamma kana jijjiiramuunsaa kan nama jajjabeessu mitii? (Mar. 14:72) Cubbuun salphaatti nu sakaaluu waan dandaʼuuf, Yihowaan namoota garaadhaa yaada gedderataniif ‘gaarii akka taʼee fi dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka taʼe’ yaadachuu qabna.—Far. 86:5.

20 Pheexiros, Yihudaan inni Yesuusiin dabarsee kenne, bakka buufamuu akka qabu hubatee ture. Haa taʼu malee eenyuun bakka buufama? Namni ergamaa haaraa taʼu kun nama yeroo Yesuus tajaajilasaa raawwachaa ture hundatti isa duukaa buʼaa turee fi duʼaa kaafamuusaa arge taʼuu qaba. (HoE. 1:21, 22) Kunis waadaa Yesuus, “Isin warri na duukaa buutan teessoo 12 irra teessanii gosoota Israaʼel 12n irratti murteessitu” jechuudhaan galee wajjin kan walsimudha. (Mat. 19:28) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan ergamoonni 12n yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa turetti isa duukaa buʼaa turan Yerusaalem haaraa gara fuulduraatti hundeeffamtuuf ‘dhagaawwan buʼuuraa 12n’ akka taʼan kaayyoo qaba ture. (Mul. 21:2, 14) Kanaafuu Waaqayyo, Pheexiros raajiin, “Mirga inni ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaaf argate namni kan biraan haa fudhatu” jedhu Yihudaarratti akka raawwatamu akka hubatu isa gargaareera.—Far. 109:8.

21 Maarree namni Yihudaa bakka buʼe kan filatame akkamitti? Carraa buusuudhaan yommuu taʼu, kun barsiifata bara duriitti baramaa taʼedha. (Fak. 16:33) Haa taʼu malee, carraa buusuun Kitaaba Qulqulluu keessatti haala kanaan yommuu itti hojjetamu kun isa dhumaati. Haalasaarraa ifatti hubachuu akka dandaʼamutti garuu, hafuurri qulqulluun erga isaanirratti dhangalaʼee booda mala kanatti fayyadamuun hafeera. Taʼus carraa kan buusan maaliif akka taʼe hubadhu. Ergamoonni, “Yaa Yihowaa isa garaa namoota hundumaa beektuu, namoota lamaan kana keessaa isa filatte nu beeksisi” jedhanii kadhatan. (HoE. 1:23, 24) Nama bakka buʼu Yihowaan akka filatu barbaadanii turan. Kanaaf, Maatiyaastu filatame; inni barattoota 70n Yesuus akka lallaban erge keessaa tokko taʼuu hin oolu. Maatiyaas haala kanaan ‘warra Kudha Lamaan’ keessaa tokko taʼe. cHoE. 6:2.

22, 23. Obboloota yeroo harʼaatti dursa fudhachuudhaan gumii keessatti geggeessaniif bitamuu fi ajajamuu kan qabnu maaliifi?

22 Taʼeen kun sabni Waaqayyoo gurmaaʼuun isaanii hangam barbaachisaa akka taʼe nu hubachiisa. Yeroo harʼattis obboloonni itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa qaban gumii keessatti ilaaltoota olaanaa taʼanii akka tajaajilan filatamu. Jaarsoliin ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu ilaaltonni olaanaa kun guutuu qaban ilaalchisee of eeggannoodhaan qorannoo godhu; achiis hafuurri qulqulluun akka isaan qajeelchu ni kadhatu. Kanaafuu, gumiin dhiironni kun hafuura qulqulluudhaan akka muudamanitti ilaala. Nutis yeroo isaan nu geggeessanitti isaaniif bitamuu fi ajajamuudhaan gumii keessa tokkummaan akka jiraatu gumaacha goona.—Ibr. 13:17.

Ilaaltoota olaanaa muudamanii fi dursa fudhatanii nu geggeessaniif yeroo hundumaa ni bitamna, akkasumas ni ajajamna

23 Duuka buutonni Yesuus, Yesuus duʼaa kaafamee isa arguu isaaniittii fi akkaataa hojichi itti gurmeeffamu irratti jijjiirama godhame arguu isaaniitti waan jajjabaataniif wanta fuulduratti isaan eeggatuuf sirriitti qophaaʼanii turan. Boqonnaan itti aanu waaʼee dhimma barbaachisaa isaan eeggatu kanaa ibsa.

a Luqaas Wangeela isaarratti nama kana “Yaa kabajamaa Tewooflos” jedhee waamuunsaa namoonni tokko tokko abbaa taayitaa beekamaa barataa Kiristoos hin taane akka taʼe akka yaadan godheera. (Luq. 1:3) Haa taʼu malee, Luqaas kitaaba Hojii Ergamootaa irratti, “Yaa Tewooflos” jedhee isa waameera. Hayyoonni tokko tokko Tewooflos Wangeela Luqaas erga dubbisee booda Kiristiyaana akka taʼe dubbatu; kanaaf Luqaas maqaa ulfinaa fayyadamuu dhiisee akka obboleessasaa hafuuraa tokkotti isaaf barreesse jedhu.

b Asirratti Kitaabni Qulqulluun jecha Afaan Giriikii tiroopos jedhamuu fi haala argisiisu fayyadame malee, jecha morfee jedhuu fi boca ykn qaama argisiisuu dandaʼu hin fayyadamne.

c Phaawulos yeroo booda “saboota kaaniif ergamaa” taʼee kan muudame taʼus warra Kudha Lamaan keessaa akka tokkootti lakkaaʼamee hin beeku. (Rom. 11:13; 1 Qor. 15:4-8) Yeroo Yesuus lafarra tajaajilaa turetti isa duukaa buʼaa waan hin turreef mirga addaa kana argachuu hin dandeenye.