Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

“Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman”

“Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman”

Buʼaa hafuurri qulqulluun guyyaa Phenxeqosxeetti dhangalaʼuunsaa argamsiise

Hojii Ergamootaa 2:1-47rratti kan hundaaʼe

1. Haala yeroo ayyaanni Phenxeqosxee kabajamutti ture ibsi.

 DAANDIIWWAN Yerusaalem namoota baayʼee gammadaniin guutamaniiru. a Yeroo Lewwoonni faarfannaa Haleel isa wal jalaa qabuudhaan ykn wal harkaa fuudhuudhaan faarfatamu faarfachaa turanitti, aarri iddoo aarsaa mana qulqullummaa keessatti argamurraa gara samiitti ol baʼaa ture. (Faarfannaa 113 hanga 118) Namoonni biyyoota garaagaraatii dhufan daandiiwwan Yerusaalemirra guutaniiru. Namoonni kun biyyoota fagoo kanneen akka Elaam, Mesophotaamiyaa, Qaphadooqiyaa, Phonxos, Gibxii fi Roomaa keessaa dhufan. b Namoonni kun bakka kanatti kan argaman maaliifi? Guyyaa Phenxeqosxee, jechuunis ‘Guyyaa firiin jalqabaa itti bilchaate’ kabajuuf dhufan. (Lak. 28:26) Ayyaanni waggaa kun makarri garbuu dhumee makarri qamadii jalqabuusaa argisiisa. Guyyaan kun guyyaa baayʼee gammachiisaa taʼedha.

2. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti wantoota dinqisiisoo akkamiitu raawwatame?

2 Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 waqtii birraatti saʼaatii 3​tti wanti ajaaʼibsiisaan namoonni hanga harʼaatti waaʼeesaa dubbatan ni uumame. Akkuma tasaa huursaan waaqarraa akka bubbee bubbisu ykn “sagaleen akka qilleensa jabaa bubbisuu taʼe tokko” samiirraa ni dhagaʼame. (HoE. 2:2) Sagaleen cimaan kunis kutaa barattoonni Yesuus gara 120 taʼan itti walitti qabamanii turan keessa guute. Achiis wanti dinqisiisaa taʼe tokko ni raawwatame. Wanti arraba ibiddaa fakkaatu mulʼatee tokkoon tokkoon barattootaarra buufate. c Sana booda ‘hafuura qulqulluudhaan guutamanii’ qooqa adda addaatiin dubbachuu jalqaban. Barattoonni kuticha keessaa baʼanii namoota biyyoota garaagaraatii dhufanii fi daandii Yerusaalemirratti argaman haasofsiisuu jalqaban. Namoonni sunis ni dinqisiifatan. Sababiin isaas isaan ‘afaan dhalootaa tokkoon tokkoon isaaniitiin yeroo dubbatan’ dhagaʼan.—HoE. 2:1-6.

3. (a) Guyyaan Phenxeqosxee seenaa waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa qaba kan jennu maaliifi? (b) Haasaan Pheexiros dhiheesse ‘furtuuwwan Mootummichaatti’ fayyadamuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

3 Seenaan baayʼee dinqisiisaa taʼe kun jijjiirama guddaa waaqeffannaa dhugaa keessatti taʼe kan argisiisudha. Israaʼel hafuuraa kan argame, jechuunis gumiin Kiristiyaanota dibamoo qabate kan hundeeffame yeroo kanatti ture. (Gal. 6:16) Garuu wanti kan biraanis uumameera. Pheexiros namoota baayʼee bakka sana jiraniif yeroo haasaa dhiheessetti, ‘furtuuwwan Mootummichaa’ sadan warra garee adda addaatiif carraa addaa banan keessaa isa jalqabaatti fayyadame. (Mat. 16:18, 19) Furtuu inni jalqabaa kun Yihudoonnii fi namoonni amantaa Yihudootaa fudhatan misiraachicha fudhachuudhaan hafuura qulqulluudhaan akka dibaman taasiseera. d Kanaaf Israaʼel hafuuraa taʼuudhaan Mootummaa Masihiichaa keessatti mootota taʼanii bulchuu fi luboota taʼanii tajaajiluuf abdii qabaatu. (Mul. 5:9, 10) Yeroo boodas mirga kana namoonni Samaariyaa fi saboonni kaan argachuu dandaʼaniiru. Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman wanta iddoo guddaa qabuu fi Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti raawwatamerraa barumsa akkamii argatu?

“Hundi Isaanii Bakka Tokkotti Walitti Qabamanii Turan” (Hojii Ergamootaa 2:1-4)

4. Gumiin Kiristiyaanaa inni yeroo harʼaatti argamu hojii gumiin Kiristiyaanaa inni Dh.K.B. bara 33​tti hundeeffame jalqabe kan itti fufsiise akkamitti?

4 Gumiin Kiristiyaanaa kan eegale, barattoota 120 fooqii keessatti “walitti qabamanii” fi hafuura qulqulluudhaan dibamaniin ture. (HoE. 2:1) Galgaluma sana miseensonni gumichaa cuuphaman kumaan kan lakkaaʼaman taʼan. Jaarmiyaan haala kanaan yeroo sanatti guddina eegale hanga yeroo harʼaatti guddachuusaa itti fufeera! Eeyyee, gareen dhiirotaa fi dubartoota Waaqayyoon sodaatan of keessatti qabate, jechuunis gumiin Kiristiyaanaa inni ammayyaan dhumni sirna kanaa gaʼuusaa dura ‘saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaarratti ni lallaba.’—Mat. 24:14.

5. Jaarraa jalqabaattis taʼe yeroo harʼaatti miseensota gumii Kiristiyaanaa wajjin walitti qabamuun eebba akkamii argamsiisa?

5 Gumiin Kiristiyaanaa miseensota isaatiif, jechuunis Kiristiyaanota dibamoo fi yeroo boodammoo ‘hoolota kan birootiif’ madda jajjabinaa taʼeera. (Yoh. 10:16) Phaawulos dinqisiifannaa gargaarsa miseensonni gumii Kiristiyaanaa Roomaa waliif godhaniif qabu yeroo ibsu akkana jedheera: “Kennaa hafuuraa akka jabaattan isin gargaaru isinii kennuuf jecha isin arguuf nan hawwa; kana jechuun koo, ani amantii keessaniin, isin immoo amantii kootiin akka wal jajjabeessinuufi.”—Rom. 1:11, 12.

6, 7. Gumiin Kiristiyaanaa yeroo harʼaatti argamu ajaja Yesuus saboota hundumaaf akka lallabaniif kenne raawwachaa kan jiru akkamitti?

6 Gumiin Kiristiyaanaa yeroo harʼaatti argamu kaayyoo gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaatti turee wajjin wal fakkaatu qaba. Yesuus barattoota isaatiif hojii ulfaataa, garuummoo gammachiisaa taʼe kenneera. “Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” isaaniin jedheera.—Mat. 28:19, 20.

7 Yeroo harʼaatti hojii kana raawwachaa kan jiru gumii Kiristiyaanaa Dhugaa Baatota Yihowaati. Misiraachicha namoota qooqa garaagaraa qabaniif lallabuun ulfaataa akka taʼe beekamaadha. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan afaanota 1,000 oliin qopheessaniiru. Haala dhaabbataa taʼeen gumii Kiristiyaanaa irratti argamaa kan jirtuu fi hojii Misiraachoo Mootummichaa lallabuu fi barattoota gochuurratti hirmaachaa kan jirtu yoo taʼe sababii itti gammaddu qabda. Namoota muraasa yeroo harʼaatti lafarratti argamanii fi tokkummaadhaan waaʼee maqaa Yihowaa guutummaatti dhugaa baʼuuf mirga argatan keessaa tokko taateetta!

8. Miseensonni gumii Kiristiyaanaa dhuunfaatti eebba akkamii argatu?

8 Yihowaan yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti gammachuudhaan jabaattee dhaabbachuu akka dandeessuuf, waldaa obbolootaa addunyaa maraa siif kenneera. Phaawulos Kiristiyaanota gumii Ibrootaa keessatti argamaniif akkas jedhee barreessera: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.” (Ibr. 10:24, 25) Gumiin Kiristiyaanaa qophii Yihowaan warra kaan akka jajjabeessituu fi atis jajjabina akka argattuuf godhedha. Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota hafuuraa keetti dhihaadhuu jiraadhu. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarraa matumaa hin hafin!

‘Tokkoon Tokkoon Isaanii Afaan Dhalootaa Isaaniitiin Dhagaʼan’ (Hojii Ergamootaa 2:5-13)

“Namoonni kun afaanuma keenyaan hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa yommuu dubbatan dhagaʼaa jirra.”​—Hojii Ergamootaa 2:11

9, 10. Obboloonni tokko tokko namoota afaan kan biraa dubbataniif lallabuuf jecha carraaqqii akkamii godhaniiru?

9 Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti gammachuu Yihudootaa fi namoota amantii Yihudii fudhatanitti dhagaʼame tilmaami. Namoonni achitti argaman hedduunsaanii, afaan yeroo sanatti balʼinaan dubbatamu, tarii Afaan Giriikii ykn Afaan Ibrootaa dubbatu. Amma garuu, “yommuu barattoonni afaan dhalootaa tokkoon tokkoon isaaniitiin dubbatan . . . dhagaʼan.” (HoE. 2:6) Namoonni kun misiraachicha afaan dhalootaa isaaniitiin dhagaʼuunsaanii baayʼee isaan tuqee taʼuu qaba. Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman, dandeettii afaan garaagaraa dubbachuu dinqiidhaan akka hin arganne beekamaadha. Haa taʼu malee, obboloonni hedduun ergaa Mootummichaa saboota hundumaan gaʼuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Akkamitti? Tokko tokko gumii naannoo isaaniitti afaan kan biraatiin geggeeffamu keessa tajaajiluuf, darbees biyya kan biraa deemanii tajaajiluuf afaan haaraa barataniiru. Yeroo baayʼee namoonni kun warri isaan dhaggeeffatan carraaqqii isaan godhan baayʼee akka dinqisiifatan hubataniiru.

10 Mee Kiristiin ishii Dhugaa Baatota Yihowaa kan biroo torbaa wajjin leenjii Afaan Gujaraatii fudhatte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Shamarree Afaan Gujaraatii dubbattuu fi ishii wajjin hojjettu tokko yeroo argitetti afaan dhalootaa ishii kanaan nagaa ishii gaafatte. Shamarreen sunis dinqisiifachuudhaan Kiristiin Afaan Gujaraatii barachuuf carraaqqii gochaa kan jirtu maaliif akka taʼe ishii gaafatte. Kiristiinis haala gaariidhaan dhugaa ishiidhaaf baʼuu dandeesseetti. Achiis shamarreen sun Kiristiiniin akkas jette: “Amantaa miseensonni isaa afaan baayʼee ulfaataa taʼe akkasii akka baratan jajjabeessu argee hin beeku. Wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko natti himuuf jetta jedheen yaada.”

11. Namoota afaan kan biraa dubbatanitti ergaa Mootummichaa himuuf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Dhugaadha, afaan kan biraa barachuu kan dandaʼu hunda keenya miti. Taʼus, ergaa Mootummichaa namoota afaan kan biraa dubbataniin gaʼuuf qophaaʼuu ni dandeenya. Akkamitti? Karaan inni tokko, appilikeeshinii JW Language® jedhamutti fayyadamuudhaan afaan balʼinaan naannoo keessanitti dubbatamuun nagaa gaafachuu baruudha. Akkasumas jechoota muraasa fedhii namoota afaan sana dubbatanii kakaasuu dandaʼan barachuu ni dandeessa. Weebsaayitii jw.org isaanitti argisiisuu, tariimmoo viidiyoowwanii fi barreeffamoota garaagaraa afaan isaaniitiin argaman isaanitti argisiisuu ni dandeessa. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti argaman namoonni naannoo garaagaraatii dhufan, Misiraachicha ‘afaan dhalootaa tokkoon tokkoon isaaniitiin’ dhagaʼuu isaaniitti yommuu dinqisiifaman arguu isaaniitti baayʼee gammadaniiru. Nutis tajaajila keenyarratti meeshaalee kanatti fayyadamuudhaan gammachuu obboloonni keenya kun argatan argachuu ni dandeenya.

‘Pheexiros Kaʼee Dhaabbate’ (Hojii Ergamootaa 2:14-37)

12. (a) Wanta dinqisiisaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti raawwatame ilaalchisee Yooʼel raajichi maal dubbate? (b) Raajiin Yooʼel dubbate jaarraa jalqabaatti raawwii akka argatu eegamaa kan ture maaliifi?

12 Pheexiros namoota afaan garaagaraa dubbatanitti dubbachuuf “kaʼee dhaabbate.” (HoE. 2:14) Waaqayyo dandeettii afaan garaagaraatiin dubbachuu kan isaaniif kenne raajiin karaa Yooʼel raajichaa dubbatamee fi “ani foon hundumaa irratti hafuura koo nan dhangalaasa” jedhu raawwiisaa akka argatuuf akka taʼe isaaniif ibse. (Yoe. 2:28) Yesuus gara samiitti ol baʼuusaa dura barattoota isaatiin, “Ani Abbaa nan kadhadha, innis . . . gargaaraa kan biraa isiniif ni kenna” jedhee ture. Gargaaraan kunis hafuura qulqulluu akka taʼe dubbateera.—Yoh. 14:16, 17.

13, 14. Pheexiros garaa dhaggeeffattootasaa tuquuf carraaqqii akkamii godhe? Nutoo, fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Achiis Pheexiros yaada cimaa armaan gadii dubbachuudhaan haasaasaa xumure: “Waaqayyo, Yesuus isa isin muka irratti fannistan kana, Gooftaa fi Kiristoos akka godhe manni Israaʼel hundi dhuguma haa beeku.” (HoE. 2:36) Dhugaadha, namoota Pheexirosiin dhaggeeffachaa turan keessaa hedduunsaanii yeroo Yesuus muka dhiphinaarratti fannifamee ajjeefametti achi hin turre. Taʼus, akka sabaatti gocha kanaaf itti gaafatamu. Haa taʼu malee Pheexiros, Yihudoota hidhatasaa taʼan kanatti karaa kabaja qabuu fi garaa isaanii tuquun dubbachuusaa hubadhu. Kaayyoonsaa dhaggeeffattootasaa ceephaʼuu utuu hin taane akka yaada geddaratan gargaaruudha. Maarree dhaggeeffattoonni isaa sun wanta inni dubbatetti mufataniiruu? Matumaa. Kanaa mannaa, ‘garaan isaanii ni tuqame.’ Achiis, “Maal gochuu qabnaree?” jedhanii gaafatan. Tarii Pheexiros karaa ulfina qabuun waan isaanitti dubbateef taʼuu dandaʼaa, yaada geddarachuuf kakaʼan.—HoE. 2:37.

14 Nutis akkaataa garaa namootaa tuquu itti dandeenyu ilaalchisee fakkeenya Pheexiros hordofuu ni dandeenya. Yeroo namootaaf dhugaa baanutti yaada Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofnee fi namni sun dubbatu hunda sirreessuuf carraaqqii gochuu hin qabnu. Kanaa mannaa, yaada irratti walii galuu dandeenyu irratti mariʼachuun keenya gaariidha. Nama nu dhaggeeffatuu wajjin yaada tokko irratti walii galuu yoo dandeenye, sana booda malaan Dubbii Waaqayyoorraa isaaf caqasuu ni dandeenya. Yeroo baayʼee dhugaa Kitaaba Qulqulluu haala kanaan namootatti himuun keenya, namoonni garaa qajeelaa qaban ergaa keenya akka dhagaʼan gochuu dandaʼa.

‘Tokkoon Tokkoon Keessan Cuuphamaa’ (Hojii Ergamootaa 2:38-47)

15. (a) Pheexiros haasaa akkamii dhiheesse? Namoonni isa dhaggeeffatanoo deebii akkamii kennan? (b) Namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi guyyaa Phenxeqosxeetti misiraachicha dhagaʼan yeruma sana cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu kan dandaʼan maaliifi?

15 Pheexiros Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Yihudootaa fi namoota amantaa Yihudii fudhatanii fi ergaa isaatiif deebii gaarii kennaniin, “Yaada geddaradhaa; tokkoon tokkoon keessanis . . . cuuphamaa” jedhee ture. (HoE. 2:38) Kanaan kan kaʼes, haroowwan tarii magaalaa Yerusaalem ykn naannoo ishiitti argaman keessatti namoonni gara 3,000 taʼan cuuphamaniiru. e Namoonni kun utuu hin qophaaʼin miiraan oofamanii cuuphamanii laata? Seenaan kun barattoonni Kitaaba Qulqulluu ykn ijoolleen warri isaanii Kiristiyaanota taʼan utuu hin qophaaʼin cuuphamuu akka qaban argisiisaa? Matumaa. Yihudoonnii fi namoonni amantaa Yihudii fudhatan Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti kan cuuphaman Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu waan jaallatanii fi miseensota saba Yihowaadhaaf of murteessee waan turaniif akka taʼe yaadadhu. Hunda caalaammoo, isaan keessaa tokko tokko daandii dheeraa deemuudhaan ayyaana waggaa kanarratti argamaniiru. Kunimmoo hinaaffaa akkasaan qaban argisiisa. Namoonni kun dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuu keessatti qabu erga fudhatanii booda Waaqayyoon tajaajiluu isaanii itti fufuuf qophaaʼaniiru. Amma garuu akkas kan godhan duuka buutota Kiristoos warra cuuphaman erga taʼanii boodadha.

16. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa fedhiisaanii aarsaa akka godhan kan argisiisan akkamitti?

16 Yihowaan garee sana akka eebbise beekamaadha. Seenaansaa, “Warri amantoota taʼan hundi waliin turan; wanta qaban hundas waliin fayyadamu turan; kana malees lafa isaanii fi qabeenya isaanii gurguranii maallaqa isaa akkuma tokkoon tokkoon isaaniitiif barbaachisutti hundumaaf hiru turan” jedha. f (HoE. 2:44, 45) Kiristiyaanonni dhugaan hundi jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuudhaan ibsamu akkasii argisiisuu akka barbaadan beekamaadha.

17. Namni tokko cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuusaa dura tarkaanfiiwwan barbaachisoo akkamii fudhachuu qaba?

17 Kitaabni Qulqulluun namni tokko Yihowaadhaaf of murteessee cuuphamuusaa dura tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko fudhachuu akka qabu ibsa. Beekumsa Dubbii Waaqayyoo argachuu qaba. (Yoh. 17:3) Amantiisaa hojiidhaan argisiisuu fi cubbuu kanaan dura raawwatetti garaadhaa gaabbee yaada geddarachuu qaba. (HoE. 3:19) Achiis jijjiiramuu ykn deebiʼuu, akkasumas hojiiwwan fedhii Waaqayyoo wajjin wal siman raawwachuu jalqabuu qaba. (Rom. 12:2; Efe. 4:23, 24) Tarkaanfiiwwan kana erga fudhatee fi kadhannaadhaan Waaqayyoof erga of murteessee booda ni cuuphama.—Mat. 16:24; 1 Phe. 3:21.

18. Namni cuuphamee barataa Kiristoos taʼe mirga akkamii argata?

18 Atoo of murteessitee cuuphamuudhaan barataa Yesuus Kiristoos taateettaa? Taanaan, mirga murtoon kee kun siif argamsiisuuf galateeffannaa akka qabdu argisiisi. Akkuma barattoota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii fi hafuura qulqulluudhaan guutaman sanaa, Yihowaan guutummaatti dhugaa akka baatuu fi fedhasaa akka raawwattuuf karaa adda taʼeen sitti fayyadamuu dandaʼa!

a Saanduqa “ Yerusaalem—Wiirtuu Amantaa Yihudii” jedhu ilaali.

b Saanduqa “ Roomaa—Magaalaa Guddoo Bulchiinsa Roomaa” jedhuu fi saanduqa “ Yihudoota Mesophotaamiyaa fi Gibxii Keessa Turan” jedhu akkasumas saanduqa “ Phonxos Keessatti Kiristiyaanummaan ni Hundeeffame” jedhu ilaali.

c Arrabni asirratti caqasame kallattiidhaan “Arraba” ibiddaa kan argisiisu utuu hin taʼin, arraba ‘ibiddaa kan fakkaatudha.’ Kunimmoo hafuurri qulqulluun tokkoon tokkoon isaaniirra yeroo buʼutti bifni isaa arraba ibiddaa fakkaata ture jechuudha.

d Saanduqa “ Namoonni Amantaa Yihudii Fudhatan Eenyufaʼi?” jedhu ilaali.

e Guyyaa tokkotti namoonni hedduun kan cuuphaman yeroo kanatti qofa hin turre. Fakkeenyaaf Walgaʼii Biyyoolessaa Dhugaa Baatota Yihowaa Hagayya 7, bara 1993, Keeyiv, Yuukreenitti geggeeffamerratti namoonni 7,402 gandaa bishaanii jaʼa keessatti cuuphamaniiru. Sirni cuuphaa kun guutummaansaa saʼaatii lamaa fi daqiiqaa kudha shan fudhate.

f Qophiin yeroodhaaf godhame kun, namoonni iddoowwan fagoodhaa dhufanii fi waaʼee amantaasaanii isa haaraa barachuuf Yerusaalem keessa turan, wantoota isaan barbaachisan akka guuttatan isaan gargaareera. Obboloonni kun qabeenyasaanii kan kennan fedhii isaaniitiin kakaʼaniiti malee dirqamanii miti. Kanaafuu akka namoonni tokko tokko jedhanitti, kun sirna koominiizimii kan deggeru akka taʼetti yaadamuu hin qabu.—HoE. 5:1-4.