Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 4

“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”

“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”

Ergamoonni ija jabinaan tarkaanfii fudhatan, Yihowaanis isaan eebbise

Hojii Ergamootaa 3:1–5:11rratti kan hundaaʼe

1, 2. Pheexirosii fi Yohaannis balbala mana qulqullummaa biratti dinqii akkamii raawwatan?

 ADUUN waaree boodaa namoota bakka tokkotti walitti qabamanii jiranitti baʼa jira. Yihudoonni amantii isaaniif hinaaffaa qabanii fi barattoonni Kiristoos gara mooraa mana qulqullummaa seenaa jiru. ‘Saʼaatiin kadhannaa’ gaʼuuf jedha. a (HoE. 2:46; 3:1) Uummata baayʼee gidduudhaa Pheexirosii fi Yohaannis karaa balbala mana qulqullummaa isa Miidhagaa jedhamuun ol seenaa jiru. Waca namootaa fi sagalee kottee namaa caalaa sagalee nama ijoollummaasaatii kaasee naafa turee fi kadhachaa jiruutu dhagaʼama.—HoE. 3:2; 4:22.

2 Namni kadhatu sun yommuu Pheexirosii fi Yohaannis gara isaatti dhihaatan maallaqa isaan kadhachuu jalqabe. Yommuu isaan dhaabatanis waa naa kennu jedhee harka harkasaanii ilaaluu jalqabe. Pheexiros garuu, “Ani meetii fi warqii hin qabu; wantan qabu garuu siifan kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazireetiin kaʼiitii deemi!” isaan jedhe. Yommuu Pheexiros namicha naafa ture sana harka qabee ol kaasu namoonni achitti walitti qabaman hammam akka dinqisiifatan yaadi. Namichi kun jireenyasaa keessatti yeroo jalqabaatiif ol kaʼee dhaabbate! (HoE. 3:6, 7) Namni miillisaa fayyeef kun miillasaa isa fayye ilaalaa yeroo jalqabaatiif deemuuf yommuu yaalii godhu haallisaa maal akka fakkaatu yaadaan ilaalluu dandeessaa? Gammachuudhaan akka utaalee fi sagaleesaa ol kaasee Waaqayyoon akka galateeffate hin shakkisiisu.

3. Namichi naafa turee fi namoonni hedduun walitti qabamanii turan kennaa guddaa akkamii argatan?

3 Namoonni achitti argaman hedduunis baayʼee gammadanii daandii Solomoon isa baaxii qabutti fiiguudhaan gara Pheexirosii fi Yohaannis dhaqan. Pheexiros bakka Yesuus kanaan dura yeroo tokko dhaabbatee barsiisaa ture kana dhaabbatee dinqii kana raawwachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaaniif ibse. (Yoh. 10:23) Pheexiros namoota baayʼee achitti argamaniifis taʼe namicha naafa ture kanaaf kennaa meetii ykn warqii caalu kenne. Kennaan kun qaamni nama tokkoo akka fayyu gochuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yaada akka geddaratan, cubbuunsaanii akka isaaniif haqamuu fi Yesuus Kiristoos isa Yihowaan “Bakka Buʼaa jireenyaa” godhee muude duukaa akka buʼaniif carraa isaaniif bane.—HoE. 3:15.

4. (a) Namichi naafa ture dinqiidhaan fayyifamuunsaa wal dhabiinsi akkamii akka uumamu godhe? (b) Gaaffiiwwan lamaan kamiif deebii arganna?

4 Guyyaa baayʼee nama gammachiisudha! Namni naafa ture fayyee deemuu dandaʼe. Namoonni kumaan lakkaaʼamanimmoo karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun deddeebiʼuu akka dandaʼaniif karaa hafuuraa fayyina akka argataniif carraan isaaniif baname. (Qol. 1:9, 10) Kana malees, wantoonni gaafa sana raawwataman duuka buutota Kiristoosii fi abbootii taayitaa gidduutti wal dhabiinsi akka uumamu godheera; abbootiin taayitaa kun ajaja Yesuus ergaa Mootummichaa akka lallaban isaaniif kenne akka hin raawwanne isaan dhowwuuf yaalan. (HoE. 1:8) Namoonni kun Pheexirosii fi Yohaannis “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalu turan; haataʼu malee mala isaan lallabuuf itti fayyadamanii fi amala isaan argisiisanirraa maal baranna? b (HoE. 4:13) Mormii dandamachuurratti fakkeenya Yohaannisii fi Pheexiros, akkasumas barattoota kan biroo hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

“Humna Keenyaan” Miti (Hojii Ergamootaa 3:11-26)

5. Akkaataa Pheexiros namoota hedduu walitti qabamanii turan itti haasofsiiserraa maal baranna?

5 Pheexirosii fi Yohaannis namoota hedduu dura dhaabbatanii jiru; namoota yeroo muraasa dura Yesuus akka ajjeefamu gaafatan keessaa tokko tokko achi jiraachuu akka dandaʼan beeku. (Mar. 15:8-15; HoE. 3:13-15) Pheexiros namichi naafa ture maqaa Yesuusiin akka fayye yommuu dubbatu ija jabina guddaa hammamii akka argisiise mee yaadi. Pheexiros dhugaa jiru hin busheessine. Akkasumas namoonni hedduun kun duʼa Yesuusiif akka itti gaafataman ifatti dubbateera. Pheexiros namoonni kun kana kan raawwatan “utuu hin beekin” akka taʼe waan beekuuf isaan hin jibbine. (HoE. 3:17) Akka obbolootasaatti isaan haasofsiiseera, akkasumas buʼaa gaarii ergaan Mootummichaa argamsiisurratti xiyyeeffateera. Yoo yaada geddaratanii fi Kiristoositti yoo amanan Yihowaa biraa “yeroon haareffamuu” isaaniif dhufa. (HoE. 3:19) Nutis waaʼee guyyaa murtii Yihowaa yommuu lallabnu ija jabeeyyii fi ifatti kan dubbannu taʼuu qabna. Taʼus matumaa namootatti aaruu, garaa jabaachuu ykn isaanitti murteessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namoonni lallabnuuf kun obboloota keenya taʼuu akka dandaʼanitti ilaalla. Akkasumas akkuma Pheexiros buʼaa gaarii ergaan Mootummichaa argamsiisuu dandaʼurratti xiyyeeffanna.

6. Pheexirosii fi Yohaannis akka gad of qaban kan argisiisan akkamitti?

6 Ergamoonni namoota gad of qaban turan. Dinqii kan raawwatan humna isaaniitiin akka taʼe hin dubbanne. Pheexiros namoota hedduu walitti qabamanii turaniin akkana jedheera: “Akka waan nuti humna keenyaan yookiin namoota Waaqayyoof bulle taʼuu keenyaan namichi kun akka adeemu goonetti maaliif fajajjanii nu ilaaltu?” (HoE. 3:12) Pheexirosii fi ergamoonni kaan wanta gaarii kamiyyuu tajaajilasaanii irratti raawwachuu kan dandaʼan humna isaaniitiin utuu hin taʼin humna Waaqayyootiin akka taʼe hubataniiru. Kanaan kan kaʼes, gad of qabuudhaan wanta raawwatan hundumaatiif galateeffamuu kan qaban Yihowaa fi Yesuus akka taʼe dubbataniiru.

7, 8. (a) Namootaaf kennaa akkamii kennuu dandeenya? (b) Waadaan “wanti hundi akka haareffamu” galame yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

7 Nutis yeroo ergaa Mootummichaa lallabnutti akkumasaanii kan gad of qabnu taʼuu keenya argisiisuu qabna. Hafuurri Waaqayyoo Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman dinqiidhaan namoota akka fayyisaniif humna akka isaaniif hin kennine beekamaadha. Haa taʼu malee, namoonni Waaqayyoo fi Kiristoos irratti amantii akka qabaatanii fi kennaa Pheexiros namoonni akka fudhataniif affeeree ture akka argatan, jechuunis cubbuunsaanii akka isaaniif dhiifamuu fi Yihowaa biraa yeroon haareffamuu akka isaaniif dhufu isaan gargaaruu dandeenya. Waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman carraa isaaniif baname kana fudhachuudhaan cuuphamanii barattoota Kiristoos taʼu.

8 Yeroo Pheexiros “wanti hundi akka haareffamu” dubbate keessa jiraachaa jirra. Akkuma “Waaqayyo karaa afaan raajota isaa qulqulluu warra durii dubbate” Mootummaan Waaqayyoo bara 1914​tti samii keessatti hundeeffameera. (HoE. 3:21; Far. 110:1-3; Dan. 4:16, 17) Utuma baayʼee hin turin Kiristoos barattoonnisaa waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessan gargaareera. Kanaan kan kaʼees, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Mootummaa Waaqayyoof kan bulan taʼuudhaan gara jannata hafuuraa dhufuu dandaʼaniiru. Isaan namummaa moofaa isa mancaʼe ofirraa baasanii gatuudhaan ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti uumame uffataniiru.’ (Efe. 4:22-24) Akkuma yeroo namicha naafa kadhachaa ture fayyisanitti taʼe hojiin dinqisisaa taʼe kun kan raawwatamu carraaqqii namootaatiin utuu hin taʼin hafuura Waaqayyootiini. Akkuma Pheexiros yeroo warra kaan barsiisnu dubbii Waaqayyotti ija jabinaa fi karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu qabna. Namoonni barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruurratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu humna Waaqayyootiin malee humna keenyaan miti.

“Dubbachuu Keenya Dhiisuu hin Dandeenyu” (Hojii Ergamootaa 4:1-22)

9-11. (a) Geggeessitoonni Yihudootaa ergaa Pheexirosii fi Yohaannis yeroo dhagaʼan maal godhan? (b) Ergamoonni maal gochuuf murteessan?

9 Haasaan Pheexiros dhiheessee fi namichi naafa ture fayyee gammachuudhaan iyyaa utaaluunsaa namoonni kaanis gammachuudhaan akka iyyan godheera. Kanaan kan kaʼes, dura buʼaan eegdota mana qulqullummaa inni nageenya namoota mana qulqullummaa keessa jiranii eeguurratti itti gaafatamummaa qabuu fi luboonni olaanoon dhimmicha ilaaluuf ariitiidhaan gara bakka sanaa deeman. Namoonni kun tarii Saduuqota sooreyyii taʼan, garee gama siyaasaatiin humna guddaa qabanii fi warra Roomaa wajjin hariiroo nagaa uumuuf carraaqqii cimaa godhan, akkasumas seera Fariisonni baayʼee jaallatan mormanii fi abdii duʼaa kaʼuutti hin amanne taʼuu dandaʼu. c Namoonni kun Pheexirosii fi Yohaannis mana qulqullummaa keessatti Yesuus duʼaa akka kaʼe ija jabinaan barsiisaa akka jiran yommuu argan baayʼee aaranii akka turan ifadha.

10 Mormitoonni baayʼee aaranii turan kun Pheexirosii fi Yohaannisiin mana hidhaatti galchan, guyyaa itti aanuttimmoo mana murtii olaanaa Yihudootaatti isaan dhiheessan. Akka ilaalcha bulchitoota of jajoo taʼan kanaatti Pheexirosii fi Yohaannis, “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” waan taʼaniif mana qulqullummaa keessatti barsiisuuf mirga hin qaban turan. Mana barumsaa amantii beekamaa taʼe kamittiyyuu hin baranne. Taʼus ija jabinaa fi amanannaadhaan dubbachuunsaanii miseensonni mana murtii sun akka isaan ajaaʼibsiifatan godheera. Pheexirosii fi Yohaannis barsiisota buʼa qabeeyyi akka taʼan kan isaan gargaare maalidha? Sababni inni tokko ‘Yesuusii wajjin kan turan’ taʼuu isaaniiti. (HoE. 4:13) Gooftaansaanii akka barsiisota seeraatti utuu hin taʼin akka nama aangoo qabuutti barsiisa ture.—Mat. 7:28, 29.

11 Manni murtichaa ergamoonni lallabuusaanii akka dhaaban ajaje. Ajajni manni murtii kennu hawaasicha keessatti iddoo guddaa qaba. Torban muraasa dura yommuu Yesuus mana murtii kana duratti dhihaatee turetti ‘duʼuu akka qabu’ kan murteesse miseensotuma mana murtii kanaa ture. (Mat. 26:59-66) Haa taʼu malee, Pheexirosii fi Yohaannis hin sodaanne. Namoota sooreyyii, akka gaariitti baratanii fi aangoo guddaa qaban kana dura dhaabbatanii karaa kabaja qabuun, garuummoo sodaa tokko malee akkana isaaniin jedhan: “Waaqayyoon dhagaʼuu mannaa isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.”—HoE. 4:19, 20.

12. Ija jabinaa fi amanannaa keenya guddifachuuf maaltu nu gargaara?

12 Atoo ija jabina akkasii argisiisuu ni dandeessaa? Yommuu namoota sooreyyii, akka gaariitti baratan ykn hawaasicha keessatti aangoo guddaa qabaniif lallabuuf carraa argattutti maaltu sitti dhagaʼama? Miseensonni maatii kee, namoonni sii wajjin baratan ykn sii wajjin hojjetan amantaa keetiin kan kaʼe yoo sitti qoosan maaltu sitti dhagaʼama? Ni sodaattaa? Taanaan sodaa kee kana moʼuu ni dandeessa. Yesuus yeroo lafarraa turetti ergamoonnisaa karaa amanannaa fi kabaja qabuun amantiisaaniif dhaabbachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisee ture. (Mat. 10:11-18) Erga duʼaa kaʼee boodas ‘hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isaanii wajjin taʼuu isaa’ akka itti fufu barattoota isaatiif waadaa galeera. (Mat. 28:20) “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan amantii keenyaaf dhaabbachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. (Mat. 24:45-47; 1 Phe. 3:15) Kana kan godhummoo, barumsa karaa walgaʼiiwwan kiristiyaanaa kanneen akka Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa, akkasumas barreeffamoota keenya kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanitti fayyadameeti. Barreeffamoota kana keessaa tokko mata duree “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” jedhuu fi weebsaayitii keenya jw.org/om irratti baʼudha. Atoo qophiiwwan kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa? Yoo akkana goote ija jabinnii fi amanannaan kee ni dabala. Akkasumas akkuma ergamootaa waaʼee dhugaawwan hafuuraa dinqisiisoo taʼanii fi barattee dubbachuurraa wanti tokkoyyuu akka si dhowwu hin heyyamtu.

Waaʼee dhugaawwan hafuuraa dinqisiisoo taʼanii fi barattee dubbachuurraa wanti tokkoyyuu akka si dhowwu heyyamuu hin qabdu

“Sagalee Isaanii Ol Kaasanii . . . Waaqayyoon Kadhatan” (Hojii Ergamootaa 4:23-31)

13, 14. Mormiin yoo nu mudate maal gochuu qabna? Maaliifi?

13 Pheexirosii fi Yohaannis akkuma mana hidhaatii gadhiifamaniin miseensota gumichaa wajjin wal argan. Achiis waliin taʼanii ija jabina lallabuusaanii itti fufuuf isaan barbaachisu akka isaanii kennuuf, “sagalee isaanii ol kaasanii . . . Waaqayyoon kadhatan.” (HoE. 4:24) Pheexiros yommuu fedha Waaqayyoo raawwachuuf yaalii goonutti humna ofiitti amanamuun gowwummaa akka taʼe akka gaariitti beeka ture. Torban muraasa dura garmalee ofitti amanamuudhaan Yesuusiin, “Warri kaan hundi sababii keetiin yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu” jedhee ture. Taʼus akkuma Yesuus durse dubbate sodaa namaatiin moʼamee barsiisaa fi michuusaa gane. Haa taʼu malee, Pheexiros dogoggorasaa irraa barateera.—Mat. 26:33, 34, 69-75.

14 Hojii waaʼee Kiristoos dhugaa akka baanu nuuf kenname raawwachuuf kutannoon qofti gaʼa miti. Mormitoonni amantii kee laaffisuuf ykn lallabuu kee akka dhaabdu gochuuf yommuu yaalanitti fakkeenya Pheexirosii fi Yohaannis hordofi. Yihowaan jabina akka siif kennu kadhadhu. Deggersa gumii argachuufis yaali. Haala rakkisaa si mudate jaarsolii fi obboloota bilchaatoo taʼan kaanitti himi. Kadhannaan warri kaan dhiheessan humna dabalataa siif kennu dandaʼa.—Efe. 6:18; Yaq. 5:16.

15. Obboloonni yeroodhaaf lallabuu dhaaban abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

15 Dhiibbaa sirra gaʼeen moʼamtee lallabuu kee yeroodhaaf dhaabdeetta taanaan abdii hin kutatin. Ergamoonni hundi Yesuus erga duʼe booda yeroo muraasaaf lallabuusaanii dhaabanii kan turan taʼus deebisanii akka jalqaban yaadadhu. (Mat. 26:56; 28:10, 16-20) Dogoggorri kanaan dura raawwatte akka abdii si kutachiisu heyyamuu mannaa, barumsa irraa argachuudhaan warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamu ni dandeessaa?

16, 17. Kadhannaa duuka buutonni Kiristoos Yerusaalem keessatti dhiheessanirraa maal baranna?

16 Abbootiin taayitaa yeroo nu ariʼatan maal jennee kadhachuu qabna? Barattoonni Kiristoos Yihowaan qorumsa isaan mudaturraa akka isaan oolchu akka hin kadhanne yaadadhu. Yaada Yesuus, “isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu” jechuudhaan dubbate sirriitti ni yaadatu. (Yoh. 15:20) Kanaaf barattoonni amanamoon kun Yihowaan doorsisa mormitoonni isaanirraan geessisan akka ‘ilaalu’ gaafataniiru. (HoE. 4:29) Barattoonni kun ariʼatama isaanirra gaʼu dandamachuun isaanii raajiin raawwiisaa akka argatu akka godhu waan hubataniif dhimma isa guddaarratti xiyyeeffatanii turan. Kadhannaa Yesuus akka kadhatan isaan barsiise wajjin haala wal simuun, bulchitoonni ilmaan namootaa wanta fedhe yoo jedhaniyyuu fedhiin Waaqayyoo ‘lafa irratti akka taʼu’ beeku turan.—Mat. 6:9, 10.

17 Barattoonni Kiristoos fedha Waaqayyoo raawwachuu akka dandaʼaniif “garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari” jedhanii Yihowaa kadhatan. Maarree Yihowaan deebii hatattamaa akkamii isaaniif kenne? “Bakki isaan itti wal gaʼan sun ni sochoʼe; hundi isaanii iyyuu hafuura qulqulluudhaan guutamanii dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuu jalqaban.” (HoE. 4:29-31) Wanti kamiyyuu fedhiin Waaqayyoo raawwiisaa akka hin arganne dhowwuu hin dandaʼu. (Isa. 55:11) Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudatee fi mormiin akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe, cimsinee Waaqayyoon ni kadhanna taanaan, jabina ija jabinaan lallabuu keenya itti fufuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

“Namoota Utuu hin Taʼin Waaqayyo” Duratti Gaafatamuu (Hojii Ergamootaa 4:32–5:11)

18. Miseensonni gumii Yerusaalem gargaarsa akkamii waliif godhan?

18 Gumii haaraan Yerusaalem keessatti hundeeffame yeroo dhihoo keessatti miseensota 5,000 ol qabaachuu dandaʼeera. d Barattoonni kun akkaataa guddinaa garaa garaa kan qaban taʼus, “garaa tokkoo fi yaada tokko” qabu turan. (HoE. 4:32; 1 Qor. 1:10) Yihowaan carraaqqiisaanii akka isaaniif eebbisu kadhachuu malees wanta godhan kan biraa qabu. Karaa hafuuraa wal deggeru, yeroo barbaachisa taʼettimmoo karaa fooniis wal gargaaru turan. (1 Yoh. 3:16-18) Fakkeenyaaf, Yooseef inni barataa turee fi ergamoonni Barnaabaas jedhanii waaman namoonni biyyoota fagoodhaa Yerusaalem dhufan achuma turanii waaʼee amantaasaanii isa haaraa barachuusaanii akka itti fufan akka isaan gargaaruuf lafasaa gurguree maallaqa isaa hundumaa buusii godheera.

19. Yihowaan Anaaniyaas fi Saphiiraa duʼan kan adabe maaliifi?

19 Hiriyoonni gaaʼelaa Anaaniyaasii fi Saphiiraa jedhamanis lafa isaanii gurguranii buusii godhanii turan. Qarshii ittiin gurguran hundasaa buusii akka godhan kan fakkeessan taʼus, ‘hamma tokko dhoksanii hambisanii’ turan. (HoE. 5:2) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa kana ni ajjeese. Kan isaan ajjeeses qarshiin isaan kennaan gaʼa waan hin taaneef utuu hin taʼin kakaʼumsisaanii hamaa waan turee fi gowwoomsitoota waan taʼaniifi. Isaan ‘namoota utuu hin taʼin Waaqayyoon soban.’ (HoE. 5:4) Akkuma fakkeessitoota warra Yesuus balaaleffatee Anaaniyaas fi Saphiiraan Waaqayyo duratti fudhatama argachuu caalaa namoota biratti ulfina argachuutu isaan yaaddessee ture.—Mat. 6:1-3.

20. Yihowaadhaaf kennuu ilaalchisee barumsa akkamii argatte?

20 Akkuma barattoota amanamoo jaarraa jalqabaatti Yerusaalem keessa turanii fi arjummaadhaan buusii godhanii, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi yeroo harʼaa jiranis hojii lallabaa addunyaa maraatti raawwatamu deggeruuf fedhiidhaan buusi godhu. Namni kamiyyuu yeroosaa ykn qarshiisaa hojii kanaaf dirqamaan akka kennu hin gaafatamu. Yihowaan sassataan ykn dirqamaan akka isa tajaajillu hin barbaadu. (2 Qor. 9:7) Kennaa yeroo kenninu Yihowaan hamma kenninuuf utuu hin taʼin, kakaʼumsa ittin kenninuuf iddoo guddaa kenna. (Mar. 12:41-44) Waaqayyoon kan tajaajillu akka Anaaniyaas fi Saphiiraa fedhii mataa keenyaaf jennee ykn ulfina argachuuf jennee taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, akkuma Pheexiros, Yohaannisii fi Barnaabaas yeroo hundumaa Yihowaa kan tajaajillu jaalala Waaqayyoo fi Kiristiyaanotaaf qabnuun kakaanee taʼuu qaba.—Mat. 22:37-40.

a Ganamaa fi galgala yommuu mana qulqullummaatti aarsaan dhihaatu namoonni ni kadhatu turan. Aarsaan galgalaa kan dhihaatu waaree booda “saʼaatii sagalitti” dha.

c Saanduqa “ Luba Olaanaa fi Dura Buutota Lubootaa” jedhu ilaali.

d Dhaloota Kiristoos Booda bara 33​tti Yerusaalem keessa kan turan Fariisota gara 6,000 fi Saduqoota muraasa qofa taʼuu dandaʼa. Sababni kan biraan gareewwan kun lamaan barattoonni waaʼee Kiristoos barsiisuusaanii akka dhaaban itti barbaadan kana taʼuu dandaʼa.