Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 

Waa’ee Yesus Barreessaniiru

Waa’ee Yesus Barreessaniiru

Namoota fakkicharra jiran ni argitaa?— Namoonni kun Maatewos, Maarqos, Luqaas, Yohannis, Phexros, Yaaqoob, Yihudaafi Phaawulos jedhamu. Namoonni kun hundi, Yeroo Yesus lafarra jiraatetti kan jiraatan siʼa taʼu, waaʼee Yesus barreessaniiru. Mee waaʼee namoota kanaa caalaatti haa barannu.

Waa’ee namoota kanaa maal beekta?

Isaan keessaa sadansaanii ergamootasaa warra isa duukaa lallabaa turanidha. Namoonni sadan kun eenyufaa akka taʼan beektaa?— Maatewos, Yohannisiifi Phexrosidha. Maatewosiifi Yohannis Yesusin akka gaariitti waan beekaniif lamaansaaniiyyuu kitaaba waaʼee jireenya Yesus dubbatu barreessaniiru. Kana malees, Yohannis ergamaan macaafa Mulʼataa, akkasumas ergaa Yohannis Isa Duraa, Yohannis Isa Lammaffaafi Yohannis Isa Sadaffaa jedhaman barreesseera. Phexros ergamaanimmoo, ergaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman lama barreesseera. Ergaawwan kun, Phexros Isa Duraafi Phexros Isa Lammaffaa jedhamu. Phexros ergaasaa isa lammaffaarratti, Yihowaan ‘Kun Ilmakooti. Ani isa nan jaalladha, isattis nan gammada’ jedhee samiirraa waaʼee Yesus akka dubbate barreesseera.

Namoonni fakkicharra jiran kaanis, macaafa waaʼee Yesus barsiisu barreessaniiru. Isaan keessaa tokko Maarqosidha. Maarqos, yeroo Yesus qabametti achuma kan tureefi wanta raawwatame hunda kan arge taʼuu hin oolu. Inni kaanimmoo Luqaasidha. Luqaas doktoora kan ture siʼa taʼu, Kiristiyaana kan taʼe erga Yesus duʼee booda taʼuu hin oolu.

Namoonni fakkicharratti argituufi Macaafa Qulqulluu barreessan kaanimmoo, obboloota Yesus warra quxisuusaa taʼanidha. Maqaasaanii beektaa?— Yaaqoobiifi Yihudaa jedhamu. Obboloonni Yesus kun jalqabarratti isatti hin amanan turan. Kan maraateyyuu isaanitti fakkaatee ture. Booda garuu isatti amananii Kiristiyaanota taʼaniiru.

Barreessaan Macaafa Qulqulluu fakkicharratti argitu inni kaan Phaawulosidha. Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura maqaansaa Saaʼol jedhama ture. Kiristiyaanota waan jibbuuf isaan miidhaa ture. Phaawulos Kiristiyaana akka taʼu kan isa godhe maal akka taʼe beektaa?— Gaaf tokko Phaawulos karaa deemaa utuu jiruu, akka tasaa sagaleen tokko samiirraa yeroo isatti dubbatu dhagaʼe. Kan dubbate Yesus ture! ‘Namoota anatti amananirra miidhaa kan geessistu maaliifi?’ jedhee Phaawulosiin gaafate. Sana booda Phaawulos jijjiiramee Kiristiyaana taʼe. Phaawulos, macaafa Roomaatii kaasee hamma Ibrootaatti kitaabota Macaafa Qulqulluu 14 barreesseera.

Macaafa Qulqulluu yeroo hundumaa dubbisuu hin qabnuu?— Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee Yesus waan baayʼee barachuu dandeenya. Waaʼee Yesus caalaatti barachuu barbaaddaa?—