Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 5

Addunyaa Irraa Adda Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Addunyaa Irraa Adda Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

‘Isin kutaa addunyaa miti.’—YOHAANNIS 15:19.

1. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti waaʼee maaliitu isa yaaddessee ture?

 YEROON isaa galgala Yesuus duʼuu isaa dura jiru ture. Yesuus dhiheenyatti barattoota isaa dhiisee akka deemu waan beekeef, waaʼeen isaanii isa yaaddessee ture. Yeroo kanatti ‘Isin kutaa addunyaa miti’ isaaniin jedheera. (Yohaannis 15:19) Sana booda, “Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti” jedhee waaʼee isaanii gara Abbaa isaatti kadhannaa dhiheesse. (Yohaannis 17:15, 16) Yesuus maal jechuu isaa ture?

2. ‘Addunyaan’ Yesuus caqase maali dha?

2 ‘Addunyaan’ as irratti ibsame, namoota Waaqayyoon hin beeknee fi bulchiinsa Seexanaa jala jiran argisiisa. (Yohaannis 14:30; Efesoon 2:2; Yaaqoob 4:4; 1 Yohaannis 5:19) “Kutaa addunyaa” taʼuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti? Boqonnaa kana keessatti karaawwan akkas gochuu itti dandeenyu hedduu ilaalla, isaanis: Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taanee jiraanna, akkasumas siyaasa keessa hin gallu, jechuunis garee siyaasaa kam iyyuu hin deggerru. Hafuura addunyaa ni mormina. Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa keenya seera qabeessa akka taʼu goona, akkasumas qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabna. Kana malees, meeshaa waraanaa Waaqayyo nuuf kenne ni uffanna.—Ibsa Dabalataa 16 ilaali.

MOOTUMMAA WAAQAYYOOTIIF AMANAMAA TAʼI

3. Yesuus siyaasaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

3 Yesuus yommuu lafa irra turetti, namoonni rakkoowwan hedduu akka qabanii fi jireenyi isaanii salphaa akka hin taane hubatee ture. Garaadhaa isaaniif ni yaada, isaan gargaaruus ni barbaada ture. Haa taʼu malee, geggeessaa siyaasaa taʼeeraa? Lakki. Wanti dhugumaan namootaaf barbaachisu Mootummaa ykn bulchiinsa Waaqayyoo akka taʼe beeka ture. Yesuus Mootii Mootummaa kanaa taʼa, Mootummaan kunis yaada ijoo lallaba isaa ture. (Daaniʼel 7:13, 14; Luqaas 4:43; 17:20, 21) Yesuus dhimma siyaasaa keessa hin seenne, ejjennoo isaa kanas yeroo hundumaa eegee jiraateera. Yesuus yeroo Bulchaa Roomaa Phonxos Philaaxos duratti dhihaatetti, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedheera. (Yohaannis 18:36) Barattoonni isaas siyaasa keessa hin galan turan. Kitaabni Daandii Gara Qaroominaatti Geessu Irratti (Ingiliffa) jedhamu Kiristiyaanonni durii “hogganaa siyaasaa hin taʼan turan” jedheera. Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis akkasuma isaanitti dhagaʼama. Mootummaa Waaqayyoo amanamummaadhaan deggerra, akkasumas dhimma siyaasaa addunyaa keessa hin gallu.—Maatewos 24:14.

Mootummaa Waaqayyoo amanamummaadhaan kan deggertu maaliif akka taʼe ibsuu ni dandeessaa?

4. Kiristiyaanonni dhugaan Mootummaa Waaqayyoo kan deggeran akkamitti?

4 Ambaasaaddaroonni biyya alaatti biyya isaanii waan bakka buʼaniif, siyaasa biyya sanaa keessa hin galan. Kiristiyaanonni dibamoon Kiristoosii wajjin samii irratti bulchuuf abdatanis haala akkasii keessa jiru. Phaawulos, “Nuti ambaasaaddaroota bakka Kiristoos buʼani dha” jechuudhaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf barreesseera. (2 Qorontos 5:20) Dibamtoonni bulchiinsa Waaqayyoo bakka buʼu. Dhimma siyaasaa fi bulchiinsa addunyaa kanaa keessa hin galan. (Filiphisiyus 3:20) Kanaa mannaa, dibamtoonni namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waaʼee bulchiinsa Waaqayyoo akka baratan gargaaraa jiru. ‘Hoolonni kan biraan,’ addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa bara baraaf jiraachuuf abdatan immoo dibamtoota deggeru. Isaanis siyaasa keessa hin galan. (Yohaannis 10:16; Maatewos 25:31-40) Kanaafuu, Kiristiyaanni dhugaan kam iyyuu siyaasa addunyaa kanaa keessa akka hin galle ifaa dha.—Isaayyaas 2:2-4 dubbisi.

5. Sababiin Kiristiyaanonni waraana irratti hin hirmaanne tokko maali dha?

5 Kiristiyaanonni dhugaan namoota hidhata amantii isaanii taʼan akka miseensa maatii isaaniitti ilaalu, akkasumas biyyi isaan itti dhalatan ykn akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe tokkummaa qabu. (1 Qorontos 1:10) Waraana irratti kan hirmaannu yoo taʼe, miseensota maatii keenya, jechuunis namoota hidhata amantii keenya taʼan, warra Yesuus akka jaallannu nu ajaje waraanna jechuu dha. (Yohaannis 13:34, 35; 1 Yohaannis 3:10-12) Kana irra darbees, Yesuus barattoonni isaa diinota isaanii illee akka jaallatan barsiiseera.—Maatewos 5:44; 26:52.

6. Tajaajiltoonni Yihowaa isaaf of murteessan mootummaadhaaf ilaalcha akkamii qabu?

6 Kiristiyaanota waan taaneef siyaasa keessa kan hin galle taʼus, lammii gaarii taʼuuf jabaannee hojjenna. Fakkeenyaaf, seerawwan isaatiif ajajamuu fi qaraxa nu irraa barbaadamu kaffaluudhaan mootummaa akka kabajnu argisiisna. Haa taʼu malee, yeroo hundumaa, “Wanta kan Waaqayyoo taʼe . . . Waaqayyoof” kennuu keenya ni mirkaneessina. (Maarqos 12:17; Roomaa 13:1-7; 1 Qorontos 6:19, 20) ‘Wantoonni kan Waaqayyoo’ taʼan jaalala isaaf qabnu, isaaf ajajamuu fi isa waaqeffachuu dabalata. Ajaja Yihowaa cabsuu mannaa lubbuu keenya dabarsinee kennuu filanna.—Luqaas 4:8; 10:27; Hojii Ergamootaa 5:29; Roomaa 14:8 dubbisi.

“HAFUURA ADDUNYAA” MORMI

7, 8. ‘Hafuurri addunyaa’ maali dha? Namoota irratti dhiibbaa kan godhu hoo akkamitti?

7 Addunyaa Seexanaa irraa adda taʼuu jechuun, ‘hafuurri addunyaa’ akka nu hin toʼanne heyyamuu jechuu dha. Hafuurri kun akkaataa namoonni itti yaadanii fi amala isaan argisiisan yeroo taʼu, Seexana irraa kan madde dha, akkasumas namoota Yihowaa hin tajaajille ni toʼata. Kiristiyaanonni garuu amala kana ni mormu. Akkuma Phaawulos dubbate, “hafuura addunyaa utuu hin taʼin, hafuura isa kan Waaqayyoo fudhanne.”—1 Qorontos 2:12; Efesoon 2:2, 3; Ibsa Dabalataa 17 ilaali.

8 Hafuurri addunyaa namoonni ofittoo, of tuultotaa fi finciltoota akka taʼan godha. Namoonni Waaqayyoof ajajamuu akka hin qabne godhanii akka yaadan taasisa. Seexanni namoonni miidhaa gochi isaanii fidu utuu hin yaadin wanta fedhan akka hojjetan barbaada. Namoonni, “hawwiin foonii” fi “hawwiin ijaa” jireenya isaanii keessatti hunda caalaa barbaachisaa akka taʼe akka amanan barbaada. (1 Yohaannis 2:16; 1 Ximotewos 6:9, 10) Diyaabilos keessumaa tajaajiltoota Yihowaa dogoggorsuu fi akka inni yaadutti akka yaannu nu gowwoomsuuf carraaqqii cimaa godha.—Yohaannis 8:44; Hojii Ergamootaa 13:10; 1 Yohaannis 3:8.

9. Hafuurri addunyaa dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Akkuma hafuura baafannuu, hafuurri addunyaa naannoo keenya hundumaatti argama. Hafuura kana mormuuf yoo jabaannee hojjechuu baanne, dhiibbaa nu irratti geessisa. (Fakkeenya 4:23 dubbisi.) Dhiibbaan akkasii karaawwan miidhaa kan hin geessisne fakkaataniin jalqabuu dandaʼa; fakkeenyaaf, yaannii fi ilaalchi namoota Yihowaa hin waaqeffannee dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu taʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33) Yookiin wantoonni akka poornoogiraafii, gantummaa ykn ispoortiiwwan morkii cimaa qaban dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu.—Ibsa Dabalataa 18 ilaali.

10. Hafuura addunyaa mormuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Maarree, hafuurri addunyaa akka nu hin toʼanne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaatti dhihaannee jiraachuu fi ogummaan isaa akka nu geggeessu heyyamuu qabna. Hafuura qulqulluu argachuuf yeroo hundumaa kadhachuu fi dhimminee tajaajiluu qabna. Yihowaan Qaama uumama cufa keessatti humna guddaa qabu dha. Hafuura addunyaa akka morminu nu gargaaruu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Yohaannis 4:4.

KARAA WAAQAYYOOF ULFINA FIDUUN UFFACHUU

11. Hafuurri addunyaa akkaataa uffannaa namootaa irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

11 Kutaa addunyaa akka hin taane akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaanis ni argisiisna. Namoonni addunyaa keessa jiran hedduun, xiyyeeffannaa namootaa harkisuuf, yaada naamusaan ala taʼe warra kaan keessatti kakaasuuf, hawaasa akka morman argisiisuuf ykn qarshii hangamii akka qaban argisiifachuuf jecha uffatu. Namoonni kaan immoo, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa isaaniitiif dantaa hin qaban. Uffata seera hin qabnee fi qulqullina hin qabne uffachuu filatu taʼa. Ilaalchi akkanaa kam iyyuu akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu hin qabnu.

Akkaataa uffannaa kootiin Yihowaadhaaf ulfina nan fidaa?

12, 13. Wanta uffannu murteessuuf dhugaa buʼuuraa kamtu nu gargaara?

12 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, yeroo hunda uffannaa qulqulluu, namatti toluu fi haala isaatiif taʼu uffachuu barbaanna. ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya argisiisuuf, “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” uffanna.—1 Ximotewos 2:9, 10; Yihudaa 21.

13 Akkaataan uffannaa keenya ilaalcha namoonni Yihowaa fi saba isaatiif qaban irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. “Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif” gochuu barbaanna. (1 Qorontos 10:31) Karaa kabaja qabuun jechuun, miiraa fi ilaalcha namootaa kabajuu dabalata. Kanaafuu, yommuu uffata keenya filannu ykn akkaataa miidhaginaa keenya murteessinu, filannoon keenya namoota kaan irratti dhiibbaa akka godhu yaadachuu qabna.—1 Qorontos 4:9; 2 Qorontos 6:3, 4; 7:1.

14. Uffata sochii Kiristiyaanaa keenyaaf taʼu yommuu filannu waaʼee maalii yaaduu qabna?

14 Yeroo walgaʼii keenya irratti argamnu ykn tajaajila irratti hirmaannu akkamitti uffachuu qabna? Garmalee xiyyeeffannaa ofitti harkisnaa? Uffannaan keenya namoonni akka nutti qaanaʼan godhaa? Akka barbaannetti uffachuun mirga keenya waan taʼeef, namoota kaan akka hin ilaallanne nutti dhagaʼamaa? (Filiphisiyus 4:5; 1 Pheexiros 5:6) Dhugaa dha, bareeduu barbaaduun waanuma jiru dha, taʼus, wantoonni caalaatti akka bareednu nu taasisan amalawwan Kiristiyaanaa keenya dha. Yihowaan yommuu nu ilaalu wanti inni nu irratti arguu barbaadu amalawwan kana dha. Amalawwan kunneen keessa keenyatti nama akkamii akka taane, jechuunis ‘keessa namummaa isa dhokataa, Waaqayyo iddoo guddaa kennuuf’ argisiisu.—1 Pheexiros 3:3, 4.

15. Yihowaan akkamitti akka uffannuu fi akka of miidhagsinu kallattiidhaan kan nutti hin himne maaliifi?

15 Yihowaan wanta uffachuu qabnu ykn wanta uffachuu hin qabne ilaalchisee seera hedduu nuuf hin kennine. Kanaa mannaa, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu filannaa gaarii gochuuf nu gargaaruu dandaʼan nuuf kenneera. (Ibroota 5:14) Murtoon keenya guddaas taʼe xiqqaa, jaalala isaa fi namootaaf qabnu irratti kan hundaaʼe akka taʼu barbaada. (Maarqos 12:30, 31 dubbisi.) Sabni Yihowaa addunyaa maratti argaman, aadaa fi wanta dhuunfaatti jaallatan irratti hundaaʼuudhaan haala garaa garaatiin uffatu. Adda addummaan kunis kan bareeduu fi kan nama gammachiisu dha.

QARSHIIDHAAF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

16. Ilaalchi addunyaan qarshiidhaaf qabu wanta Yesuus barsiisee wajjin kan wal faallessu akkamitti? Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

16 Seexanni namoonni wanti gammachuu isaaniif argamsiisu qarshii fi qabeenya akka taʼe godhanii akka yaadan barbaada; tajaajiltoonni Yihowaa garuu kun dhugaa akka hin taane beeku. Yaada Yesuus, ‘Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe miti’ jechuudhaan dubbate ni amanna. (Luqaas 12:15) Qarshiin gammachuu dhugaa akka argannu gochuu hin dandaʼu. Akkasumas michoota dhugaa, nagaa sammuu ykn jireenya bara baraa nuuf argamsiisuu hin dandaʼu. Dhugaa dha, wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuu fi jireenyatti gammaduu ni barbaanna. Haa taʼu malee, Yesuus Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii yoo qabaannee fi waaqeffannaa keenyaaf jireenya keenya keessatti iddoo guddaa yoo kennine gammadoo akka taanu nu barsiiseera. (Maatewos 5:3; 6:22, miiljalee) Kanaafuu, atis akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ilaalchi addunyaan qarshiidhaaf qabu dhiibbaa na irratti godheeraa? Wantin yaadu ykn dubbadhu inni guddaan waaʼee qarshiitii?’—Luqaas 6:45; 21:34-36; 2 Yohaannis 6.

17. Ilaalcha addunyaan qarshiidhaaf qabu irraa yoo fagaatte jireenyi kee fooyyaʼuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Yihowaa tajaajiluu irratti yoo xiyyeeffannee fi ilaalcha addunyaan qarshiidhaaf qabu irraa yoo fagaanne jireenyi keenya kaayyoo qabaata. (Maatewos 11:29, 30) Wanta qabnutti gammannee jiraanna, akkasumas nagaa sammuu qabaanna. (Maatewos 6:31, 32; Roomaa 15:13) Qabeenya argachuufis garmalee hin dhiphannu. (1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.) Kennuudhaan gammachuu arganna. (Hojii Ergamootaa 20:35) Kana malees, akkaataan jireenyaa keenya yeroo dabalataa namoota jaallannuu wajjin dabarsinu argachuuf nu gargaara. Hirriba gaarii rafuu illee ni dandeenya.—Lallaba 5:12.

“MEESHAA WARAANAA GUUTUU”

18. Seexanni maal nu irratti raawwachuuf yaalii godha?

18 Seexanni hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuuf yaala; kanaafuu hariiroo kana eeguuf wanta dandeenye hunda gochuu qabna. “Humnoota hafuurota hamoo” loluu qabna. (Efesoon 6:12) Seexannii fi jinniiwwan isaa, gammadoo akka taanu ykn jireenya bara baraa akka argannu hin barbaadan. (1 Pheexiros 5:8) Diinonni humna guddaa qaban kunneen nu lolaa jiru; taʼus, gargaarsa Yihowaatiin lola kana irratti injifachuu ni dandeenya!

19. Efesoon 6:14-18 “meeshaa waraanaa” Kiristiyaanaa kan ibsu akkamitti?

19 Bara duriitti loltoonni dirree waraanaa irratti of eeguuf meeshaa waraanaa uffatan qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun nutis, “meeshaa waraanaa” Yihowaan nuuf kenne uffachuu qabna. (Efesoon 6:13) Uffanni kun eegumsa nuuf godha. Meeshaa waraanaa kana ilaalchisee Efesoon 6:14-18 irratti akkana jedhameera: “Egaa, qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan, uffata qomaa qajeelinaa uffachuudhaan, akkasumas misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuuf miila keessanitti kophee kaaʼachuudhaan jabaadhaa dhaabbadhaa. Kana hunda malees, gaachana amantii guddaa isa xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan hunda dhaamsuuf isin dandeessisu kaasaa. Kana malees, baarmeexaa sibiilaa fayyinaa fi goraadee hafuuraa isa dubbii Waaqayyoo taʼe fudhadhaa; kadhannaa gosa hundumaa fi wawwaannaadhaan yeroo hundumaa hafuuraan kadhadhaa.”

20. ‘Meeshaan waraanaa’ akka nu gargaaruuf maal gochuu qabna?

20 Loltuun tokko meeshaa waraanaa isaa keessaa tokko yoo irraanfate, kutaan qaama isaa tokko eegumsa waan hin arganneef, diinni isaa karaa sanaan isa haleela. ‘Meeshaan waraanaa’ keenya akka nu eegu yoo barbaanne, tokkoo isaa illee irraanfachuu hin qabnu. Yeroo hundumaa uffachuu fi haala gaariidhaan kunuunsuu qabna. Lolli keenya hamma addunyaan Seexanaa badutti, akkasumas Seexannii fi jinniiwwan isaa hamma lafa irraa balleeffamanitti itti fufa. (Mulʼata 12:17; 20:1-3) Kanaafuu, fedhiiwwan dogoggoraa ykn dadhabina tokkoo wajjin qabsoo gochaa jirra yoo taʼe abdii kutachuu hin qabnu!—1 Qorontos 9:27.

21. Lola Seexanaa wajjin goonu irratti moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Kophaa keenya Diyaabilos caalaa jabina qabaachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin Diyaabilos caalaa jabina qabaachuu ni dandeenya! Amanamoo taanee jiraachuuf, gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu, Dubbii isaa qoʼachuu fi obboloota keenyaa wajjin walitti dhihaachuu qabna. (Ibroota 10:24, 25) Wantoonni kunneen Yihowaadhaaf amanamoo taanee akka jiraannuu fi amantii keenyaaf falmuuf qophaaʼoo akka taanu nu gargaaru.

AMANTII KEETIIF FALMUUF QOPHAAʼAA TAʼI

22, 23. (a) Yeroo hunda amantii keenyaaf falmuuf qophaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

22 Amantii keenyaaf falmuuf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼuu qabna. (Yohaannis 15:19) Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmoota tokko tokko irratti ejjennoo namoonni hedduun qaban irraa baayʼee adda taʼe qabu. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ejjennoo akkasii kan qabaanne maaliif akka taʼe dhugumaan hubadheeraa? Wanti Kitaabni Qulqulluun, akkasumas garbichi amanamaa fi ogeessi jedhu sirrii taʼuu isaa amaneeraa? Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kootti nan boonaa? (Faarfannaa 34:2; Maatewos 10:32, 33) Waaʼee amantii koo warra kaaniif ibsuu nan dandaʼaa?’—Maatewos 24:45; Yohaannis 17:17; 1 Pheexiros 3:15 dubbisi.

23 Haalawwan hedduu keessatti, addunyaa irraa adda taanee jiraachuuf maal gochuu akka qabnu baayʼee ifaa dha. Yeroo kaanitti garuu maal gochuu akka qabnu baayʼee ifaa miti. Seexanni karaa hedduudhaan kiyyoo keessa nu galchuuf yaalii godha. Kiyyoon inni itti fayyadamu tokko bashannana dha. Bashannana ogummaadhaan filachuu kan dandeenyu akkamitti? Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee kanaa ilaalla.