Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi

Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi

‘Waan hundumaa irratti amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.’—IBROOTA 13:18.

1, 2. Yihowaan amanamoo taʼuuf carraaqqii cimaa gochuu keenya yommuu argu maaltu isatti dhagaʼama?

 MUCAAN tokko mana barumsaatii gara mana isaatti utuu deebiʼuu, boorsaa qarshiidhaan guutame tokko lafatti arge. Mucaan kun maal godha laata? Ofii isaatiif fudhachuu ni dandaʼa. Inni garuu abbaa boorsichaatiif deebisee kenne. Haati mucichaa wanta inni godhe yommuu dhageessu baayʼee isatti boonte.

2 Warri hedduun yommuu ijoolleen isaanii amanamoo taʼan ni gammadu. Abbaan keenya inni samii Yihowaan, “Waaqa dhugaa” waan taʼeef, nutis amanamoo taʼuun keenya isa gammachiisa. (Faarfannaa 31:5) Hundi keenya isa gammachiisuu waan barbaannuuf, ‘waan hundumaa irratti amanamummaadhaan jiraachuu’ barbaanna. (Ibroota 13:18) Mee kallattiiwwan jireenyaa amanamaa taʼuun rakkisaa taʼuu itti dandaʼu afur haa ilaallu. Achiis haala rakkisaa kana moʼuun faayidaa inni nuuf argamsiisu tokko tokko irratti mariʼanna.

OFII KEENYAAF AMANAMOO TAʼUU

3-5. (a) Ofii keenyaaf amanamaa utuu hin taʼin hafuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Ofii keenyaaf amanamaa taʼuuf maaltu nu gargaara?

3 Namoota kaaniif amanamoo taʼuuf, jalqaba ofii keenyaaf amanamoo taʼuu qabna. Kun salphaa kan taʼu garuu yeroo hunda miti. Jaarraa jalqabaatti, obboloonni gumii Lodooqiyaa keessa turan Waaqayyoon gammachiisaa kan hin jirre taʼan illee, akkas gochaa akka jiran yaaduudhaan of gowwoomsaniiru. (Mulʼata 3:17) Nutis eenyummaa keenya isa dhugaa ilaalchisee of gowwoomsuu dandeenya.

4 Yaaqoob, “Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne yoo taʼe, inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu” jedhee ibseera. (Yaaqoob 1:26) Wantoota gaarii tokko tokko hamma raawwannetti, wanta barbaanne yoo goone, jechuunis nama kabaja hin qabne ykn nama dubbii nama aarsu dubbatu ykn sobduu taanus, Waaqayyo dantaa hin qabu jennee yoo yaanne of gowwoomsaa jirra. Akka of hin gowwoomsine maaltu nu gargaaruu dandaʼa ree?

5 Daawwitii keessatti yommuu of ilaallu, bifti keenya inni alaa maal akka fakkaatu arguu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu immoo, keessa keenyatti nama akkamii akka taane ilaaluu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun cimina keenyas taʼe dadhabina keenya beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. Akkaataa itti yaadnu, hojjennuu fi dubbannu irratti jijjiirama akkamii gochuun akka nu barbaachisu hubanna. (Yaaqoob 1:23-25 dubbisi.) Haa taʼu malee, hirʼina tokko illee akka hin qabne goonee kan yaannu yoo taʼe, fooyyaʼiinsa barbaachisu gochuu hin dandeenyu. Kanaafuu, amanamummaadhaan of qoruuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu nu barbaachisa. (Faaruu Ermiyaas 3:40; Haagee 1:5) Kadhannaanis dhugumaan nama akkamii akka taane of qoruuf nu gargaara. Yihowaan akka nu qoruu fi hirʼina keenya hubannee sirreessuu akka dandeenyu akka nu gargaaruuf kadhannaadhaan isa gaafachuu ni dandeenya. (Faarfannaa 139:23, 24) Yaada, “Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba” jedhu dagachuu hin qabnu.—Fakkeenya 3:32.

MAATII KEESSATTI AMANAMOO TAʼUU

6. Abbaan manaa fi haati manaa amanamoo waliif taʼuu kan qaban maaliifi?

6 Maatii keessatti amanamummaan baayʼee barbaachisaa dha. Abbaan manaa fi haati manaa iftoominaan yaada garaa isaanii yommuu waliif ibsan, tasgabbiin isaanitti dhagaʼama, akkasumas dhugumaan wal amanuu dandaʼu. Gaaʼela keessatti amanamummaa hirʼisuun bifa hedduudhaan mulʼachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni gaaʼela qabu tokko kolomsuu ykn poornoogiraafii ilaaluu ykn dhoksaadhaan nama kan biraa wajjin hariiroo jaalalaa qabaachuu dandaʼa. Faarfatichi maal akka jedhe hubadhu: “Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha.” (Faarfannaa 26:4) Yaada keetiin illee amanamummaa hiriyaa gaaʼelaa keetiif qabdu yoo hirʼiste, gaaʼelli kee balaadhaaf saaxilama.

Wanta gaaʼela kee laaffisuu dandaʼu kam iyyuu hatattamaan of irraa fageessi

7, 8. Faayidaa amanamummaan qabu ijoollee barsiisuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

7 Ijoolleenis amanamummaan barbaachisaa taʼuu isaa barachuu qabu. Warri kana isaan barsiisuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun, fakkeenya gadhee namoota amanamummaa isaanii hirʼisanii qabateera; isaanis, Akaan isa hattuu taʼe; Gehaaz isa qarshii argachuuf jedhee sobe; akkasumas Yihudaa isa qarshii hatee fi boodas Yesuusiin saantima meetii 30⁠tti dabarsee kenne dha.—Iyyaasuu 6:17-19; 7:11-25; 2 Mootota 5:14-16, 20-27; Maatewos 26:14, 15; Yohaannis 12:6.

8 Kitaabni Qulqulluun namoota amanamoo taʼuu irratti fakkeenya gaarii taʼan hedduus qabateera; isaanis, Yaaqoob isa ilmaan isaa qarshii karaciitii isaanii keessatti argatan akka deebisan ajaje; Yiftaa fi intala isaa warra waadaa Waaqayyoof galan raawwatan; akkasumas Yesuus isa haala rakkisaa keessatti illee amanamummaa isaa eege dha. (Uumama 43:12; Abbootii Murtii 11:30-40; Yohaannis 18:3-11) Fakkeenyonni kunneen ijoolleen faayidaa amanamummaan qabu akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼu.

9. Warri amanamoo taʼuun isaanii ijoollee isaanii kan gargaaru akkamitti?

9 Warri, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, “Maarree, ati inni nama kan biraa barsiistu, of hin barsiistuu? Ati inni, ‘Hin hatin’ jettee lallabdu, ni hattaa?” jedhu kana irraa barachuu dandaʼu. (Roomaa 2:21) Ijoolleen warri isaanii wanti dubbatanii fi wanti raawwatan yommuu gargar taʼu ni beeku. Ijoolleen keenya amanamoo akka taʼan isaanitti himnee, ofii keenya amanamoo utuu hin taʼin yoo hafne ijoolleen maal akka godhan wallaalu. Ijoolleen warri isaanii wantoota xixinnoo taʼan irratti illee akka soban yoo hubatan, isaanis akkas gochuun isaanii hin oolu. (Luqaas 16:10 dubbisi.) Gama biraatiin immoo, ijoolleen warri isaanii amanamoo taʼuu isaanii yommuu hubatan, isaanis yommuu ijoollee godhatan warra amanamoo akka taʼan isaan gargaaruu dandaʼa.—Fakkeenya 22:6; Efesoon 6:4.

GUMII KEESSATTI AMANAMOO TAʼUU

10. Obboloota keenyaa wajjin yommuu haasofnu amanamoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Obbolootaa fi obboleettota keenyaafis amanamoo taʼuun keenya barbaachisaa dha. Dubbiin guyyaa guyyaadhaan waliin dubbannu salphaadhumatti gara hamiitti, darbees gara maqaa balleessutti jijjiiramuu dandaʼa. Wanti tokko dhugaa taʼuu isaa utuu hin beekin dabarsinee yoo dubbanne soba babalʼisaa jirra taʼa. ‘Arraba keenya toʼachuun’ baayʼee gaarii dha. (Fakkeenya 10:19) Amanamoo taʼuu jechuun, wanta yaannu, beeknu ykn dhageenye hundumaa dubbachuu qabna jechuu miti. Wanti dubbannu sun dhugaa yoo taʼe illee, wanta nu hin ilaallanne ykn dabarsinee dubbachuun kan hin barbaachisne ykn gaarummaa kan hin argisiisne taʼuu dandaʼa. (1 Tasalonqee 4:11) Namoonni tokko tokko, “Dhugaa isaa dubbachuu barbaadeeni” jechuudhaan kabaja dhabuu isaaniitiif sababii dhiheessu. Haa taʼu malee, saba Yihowaa waan taaneef, dubbiin keenya yeroo hundumaa gurratti kan toluu fi gaarummaa kan qabu akka taʼu barbaanna.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.

11, 12. (a) Namni cubbuu raawwate tokko waaʼee dhimma sanaa sobuudhaan haalli isaa caalaatti akka hammaatu gochuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan akkamii tokko tokko gaafanna taʼa? (c) Jaarmiyaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen amanamoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yihowaan gumii akka gargaaraniif jaarsoliidhaaf itti gaafatamummaa kenneera. Nuti amanamoo yoo taane jaarsoliin nu gargaaruun isaaniif salphaa taʼa. Maaliif? Dhukkubsattee gargaarsa argachuuf gara doktara tokkoo yoo dhaqxe, mallattoowwan dhukkuba keetii tokko tokko ni dhoksitaa? Yoo akkas goote inni akkamitti si gargaaruu dandaʼa? Haaluma wal fakkaatuun dogoggora cimaa yoo hojjenne, waaʼee isaa sobuu hin qabnu. Kanaa mannaa, gara jaarsolii dhaqnee dhugaa isaa dubbachuu qabna. (Faarfannaa 12:2; Hojii Ergamootaa 5:1-11) Mee amma immoo haalli adda taʼe kun akka uumame yaadi: Michuun kee tokko dogoggora cimaa akka hojjete yoo beekte maal goota? (Leewwota 5:1) “Ani dhugumaan michuu isaa yoon taʼe isaaf nan dhoksa” jettaa? Moo hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka haareffatuu fi akka cimsatu jaarsoliin gargaarsa barbaachisu isaaf kennuuf qophaaʼoo akka taʼan yaadatta?—Ibroota 13:17; Yaaqoob 5:14, 15.

12 Jaarmiyaa Yihowaa wajjin haala wal qabateenis yommuu gabaasa goonu, fakkeenyaaf yeroo sochii tajaajila keenyaa gabaasnu amanamoo taʼuu qabna. Kana malees, qajeelchaa taʼuuf ykn gosa tajaajilaa kan biraa kam irratti iyyuu hirmaachuuf yommuu foormii guunnu amanamoo taʼuu qabna.—Fakkeenya 6:16-19 dubbisi.

13. Kiristiyaana hidhata keenya taʼe tokkoo wajjin hojii daldalaa kan hojjennu yoo taʼe amanamoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Obboloonnii fi obboleettonni dhimma daldalaa waaqeffannaa irraa adda baasuu qabu. Fakkeenyaaf, Galma Walgaʼii keessatti ykn tajaajila irratti hojii daldalaa wajjin wal qabatan hin hojjennu. Kana malees, faayidaa sirrii hin taane argachuuf obboloota keenyatti hin fayyadamnu. Dhugaa Baatota qacartee kan hojjechiistu yoo taʼe, mindaa isaanii yeroodhaan kaffali; hamma kaffaluuf waadaa galte kaffaliif; akkasumas faayidaa seerri biyyichaa heyyamuuf isaaniif kenni. Kunis inshuraansii fayyaa ykn kaffaltii yeroo boqonnaa kaffalamu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. (1 Ximotewos 5:18; Yaaqoob 5:1-4) Akkasumas Dhugaa Baatuu tokko biratti qacaramtee kan hojjettu yoo taʼe, kunuunsi addaa akka siif godhamu eeguu hin qabdu. (Efesoon 6:5-8) Saʼaatii hojii irratti dabarsuuf walii galtanii fi hojii mindaan itti siif kaffalame guutummaatti raawwachuu kee mirkaneessi.—2 Tasalonqee 3:10.

14. Kiristiyaanonni hojii daldalaa walii wajjin jalqabuu isaanii dura maal gochuu qabu?

14 Obboleessa ykn obboleettii tokkoo wajjin hojii daldalaa yoo jalqabne hoo? Kun qarshii walitti buusanii hojii ittiin jalqabuu ykn liqii gaafachuu dabalachuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu baayʼee nama gargaaru jira: Innis wanta hundumaa barreeffamaan kaaʼuu dha! Ermiyaas raajichi lafa yommuu bite, walii galtee isaa koppii lama barreessee, koppii tokko irratti ragaa baatonni akka mallatteessan erga godhee booda, koppii lamaanuu gara fuulduraatti ragaa akka taʼuuf kaaʼeera. (Ermiyaas 32:9-12; akkasumas Uumama 23:16-20 ilaali.) Namoonni tokko tokko walii galtee barreessuun, obboleessa isaanii waan hin amanne akka fakkeessu isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, walii galtee barreessuun, dogoggoraan wal hubachuu, komii fi wal dhabiinsa hedduu hambisuu dandaʼa. Dhimma daldalaa wajjin haala wal qabateen illee, walii galtee daldalaa kam irra iyyuu nagaan gumii baayʼee akka caalu yaadadhu.—1 Qorontos 6:1-8; Ibsa Dabalataa 30 ilaali.

ADDUNYAA KEESSATTI AMANAMOO TAʼUU

15. Yihowaan daldala amanamummaa hin qabne ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

15 Namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane dabalatee, nama hundaaf amanamoo taʼuu qabna. Amanamoo taʼuun keenya Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. “Madaalliin sirrii hin taane Yihowaa duratti jibbisiisaa dha, dhagaan madaallii sirrii taʼe garuu isa gammachiisa.” (Fakkeenya 11:1; 20:10, 23) Bara duriitti madaalliin yeroo baayʼee hojii daldalaa keessatti itti hojjetama. Haa taʼu malee, daldaltoonni tokko tokko hamma kennuuf walii galanii gad kennuudhaan ykn hamma kaffalchiisuu qabanii ol kaffalchiisuudhaan maamiltoota isaanii gowwoomsu turan. Akkuma bara duriitti ture, yeroo harʼaas hojii daldalaa keessatti gowwoomsaan baayʼee baramaa dha. Yihowaan akkuma bara durii gowwoomsaa jibbu, yeroo harʼaas ni jibba.

16, 17. Wantoota baramoo amanamummaan keenya akka qoramu godhan kamfaa irraa fagaachuu qabna?

16 Hundi keenya haalawwan amanamummaa keenya akka hin eegne nu qoran, kan akka hojiidhaaf iyyannoo galfachuu, foormii mootummaa guutuu ykn mana barumsaatti qormaata fudhachuu jiran nu mudatu. Namoonni hedduun sobuun, arbeessuun ykn deebii nama dogoggorsu kennuun rakkina akka hin qabne amanu. Kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa sirna kanaatti, namoonni “kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . wanta gaarii kan hin jaallanne” akka taʼan raajii dubbateera.—2 Ximotewos 3:1-5.

17 Yeroo tokko tokko namoonni amanamoo hin taane addunyaa kana keessatti waan milkaaʼan fakkaata. (Faarfannaa 73:1-8) Kiristiyaanni tokko amanamaa taʼuu isaatiin kan kaʼe, hojii isaa irraa ariʼamuu, gowwoomfamee qarshii isaa dhabuu ykn bakka hojii isaatti hubamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, amanamaa taʼuuf aarsaa kam iyyuu kaffaluun kan nama gaabbisiisuu miti. Maaliif?

EEBBA AMANAMOO TAʼUUN ARGAMSIISU

18. Maqaa gaarii qabaachuun gatii guddaa kan qabu maaliifi?

18 Nama amanamaa fi haqa qabeessa taʼuudhaan maqaa gaarii qabaachuun, addunyaa kana keessatti gatii guddaa kan qabuu fi yeroo baayʼee kan hin argamne dha. Tokkoon tokkoon keenya maqaa akkasii horachuuf carraa qabna. (Miikiyaas 7:2) Namoonni tokko tokko amanamaa taʼuu keetiin kan kaʼe sitti qoosuu fi gowwaa akka taate dubbachuu akka dandaʼan beekamaa dha. Taʼus, namoonni kaan amanamummaa kee dinqisiifachuu fi kanaan kan kaʼes si amanuu dandaʼu. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti amanamoo taʼuu isaaniitiin beekamu. Namoonni qacaranii hojjechiisan tokko tokko Dhugaa Baatonni amanamoo akka taʼan waan beekaniif isaaniin qacaruu filatu. Hojjettoonni tokko tokko amanamummaa dhabuudhaan kan kaʼe hojii isaanii irraa yommuu ariʼaman, Dhugaa Baatonni garuu hojii isaanii hojjechuu itti fufaniiru.

Jabaannee hojjechuudhaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu dandeenya

19. Amanamaa taʼuun kee michummaa Yihowaa wajjin qabdu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

19 Waan hundumaa irratti amanamaa taʼuun, qalbii gaarii fi nagaa sammuu siif argamsiisa. Nutis akkuma Phaawulos isa, “Nuti qalbii qulqulluu akka qabnu ni amanna” jechuudhaan barreessee taʼuu dandeenya. (Ibroota 13:18) Hunda caalaa immoo, Abbaan kee Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, carraaqqii ati waan hundumaa irratti amanamaa taʼuuf gootu ni dinqisiifata.—Faarfannaa 15:1, 2; Fakkeenya 22:1 dubbisi.