Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 13

Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?

Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?

“Yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa.”—EFESOON 5:10.

1. Waaqeffannaan keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaa mirkaneessuuf maal gochuu qabna? Maaliif?

 YESUUS, ‘Waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatu; sababiin isaas, Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada’ jedheera. (Yohaannis 4:23; 6:44) Hundi keenya, ‘yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu qorree mirkaneeffachuu’ qabna. (Efesoon 5:10) Kana gochuun garuu yeroo hundumaa salphaa miti. Seexanni wanta Yihowaa gaddisiisu akka raawwannuuf, yeroo hundumaa nu dogoggorsuuf yaalii godha.—Mulʼata 12:9.

2. Naannoo Gaara Siinaatti dhihoo jirutti maaltu akka raawwatame ibsi.

2 Seexanni nu dogoggorsuuf kan yaalu akkamitti? Karaan inni kana itti godhu tokko wanti sirrii fi dogoggora taʼe akka nutti bitaachaʼu gochuu dha. Sabni Israaʼel naannoo Gaara Siinaatti dhihoo taʼe buufatanii yommuu turanitti maaltu akka isaan mudate hubadhu. Museen gaara gubbaatti kan ol baʼe yeroo taʼu, sabichi hamma inni gara buufatichaatti deebiʼutti isa eegaa turan. Boodas isa eeguun waan isaan nuffisiiseef, Aaron waaqa akka isaaniif tolchu isa gaafatan. Innis warqii irraa bifa jabbiitiin waaqa tolfamaa isaaniif hojjete. Achiis sabichi ayyaana qopheeffate. Jabbii sanatti naannaʼanii sirban, akkasumas ni sagadaniif. Jabbii sanaaf sagaduun isaanii Yihowaa waaqeffachuu isaanii akka argisiisu godhanii yaadanii turan. Haa taʼu malee, namoonni kun qophiin kun, ‘ayyaana Yihowaa’ akka taʼetti ilaaluun isaanii gochi isaanii sirrii akka taʼu hin goone. Yihowaan gocha kana waaqa tolfamaa waaqeffachuu akka taʼetti kan ilaale yeroo taʼu, isaan keessaa baayʼeen duʼaniiru. (Baʼuu 32:1-6, 10, 28) Kana irraa maal baranna? Of hin gowwoomsinaa. “Wanta xuraaʼaa tokko illees hin tuqinaa!” Akkasumas Yihowaan wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe akka isin barsiisu heyyamaa.—Isaayyaas 52:11; Hisqiʼel 44:23; Galaatiyaa 5:9.

3, 4. Madda ayyaanota beekamoo taʼan hedduu qoruun gaarii kan taʼe maaliifi?

3 Yesuus yommuu lafa irra turetti, ergamoonni isaa waaqeffannaa qulqulluu keessatti fakkeenya akka taʼan isaan leenjisee ture. Erga inni duʼee booda immoo, ergamoonni isaa dhugaa buʼuuraa Yihowaa barattoota haaraa barsiisuu isaanii itti fufanii turan. Haa taʼu malee, ergamoonni erga duʼanii booda, barsiisonni sobaa yaadawwan dogoggoraa, akkasumas aadaawwanii fi ayyaanota amantii sobaa gara gumiitti fiduu jalqaban. Kana malees, ayyaanota kana ayyaana Kiristiyaanaa fakkeessuuf jecha isaan keessaa tokko tokko maqaa isaanii jijjiiraniiru. (2 Tasalonqee 2:7, 10; 2 Yohaannis 6, 7) Ayyaanota kana keessaa baayʼeen isaanii yeroo harʼaas beekamoo dha, barumsa amantii sobaa, akkasumas gocha jinniiwwanii babalʼisuu isaanii itti fufaniiru. *Mulʼata 18:2-4, 23.

4 Yeroo harʼaa addunyaa maratti ayyaanonni jireenya namootaa keessatti iddoo guddaa qabu. Haa taʼu malee, Yihowaan wantoota tokko tokko akkamitti akka ilaalu barachaa yommuu deemtu, ilaalcha ayyaanota tokko tokkoof qabdu irratti sirreeffama gochuu akka qabdu hubachuu dandeessa. Kana gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa, garuu Yihowaan akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Mee Yihowaan akkamitti akka isaan ilaalu hubachuu akka dandeessuuf, ayyaanonni beekamoo taʼan tokko tokko maddi isaanii maal akka taʼe haa qorannu.

AYYAANNI QILLEE AKKAMITTI JALQABE?

5. Yesuus kan dhalate Muddee 25 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29) akka hin taane ragaan argisiisu maali dha?

5 Kutaa addunyaa hedduu keessatti, ayyaanni Qillee Muddee 25 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29) kan kabajamu yeroo taʼu, namoonni baayʼeen guyyaan kun guyyaa Yesuus itti dhalate akka taʼe yaadu. Kitaabni Qulqulluun Yesuus guyyaa kamitti ykn jiʼa kamitti akka dhalate hin dubbatu, kanaa mannaa, waqtii akkamiitti akka dhalate ibsa. Luqaas yeroo Yesuus Beetaliheemitti dhalatetti, “tiksitoonni halkan hoolota isaanii eegaa ala bulan” akka turan barreesseera. (Luqaas 2:8-11) Jiʼa Muddeetti, Beetaliheem ni qorra, akkasumas roobaa fi cabbii waan qabuuf, tiksitoonni hoolota isaanii wajjin halkan ala buluu hin dandaʼan. Kana irraa maal baranna? Yesuus kan dhalate jiʼa Muddeetti utuu hin taʼin, yeroo qilleensi isaa mijataa taʼetti ture. Kitaabni Qulqulluunis taʼe ragaan seenaa Yesuus kan dhalate, naannoo jiʼoota yeroo ammaatti Fulbaanaa fi Onkoloolessa jedhamanitti akka taʼe argisiisa.

6, 7. (a) Aadaawwan Ayyaana Qillee beekamoo taʼan hedduun akkamitti jalqaban? (b) Kennaa kennuuf sababii nuuf taʼuu kan qabu maali dha?

6 Maarree Ayyaanni Qillee akkamitti jalqabe? Ayyaanota amantii sobaa, kan akka ayyaana warra Roomaa Saatarnaaliyaa jedhamuu fi waaqa qonnaa Saatarn jedhamu kabajuuf ayyaaneffatamu irraa kan madde dha. Insaayikilooppiidiyaa Ameerikaanaan akkana jedheera: “Ayyaanni Saatarnaaliyaa, inni warri Roomaa itti nyaatan, dhuganii fi shubbisan walakkeessa jiʼa Muddeetti kan kabajamu yommuu taʼu, wantoota hedduu yeroo Ayyaana Qilleetti raawwatamaniif buʼuura taʼeera. Fakkeenyaaf, aadaan affeerraa guddaa qopheessuu, kennaa waliif kennuu fi dungoo qabsiisuu ayyaana kana irraa madde.” Kana malees, guyyaan dhalootaa waaqa aduu warra Faares isa Mitraa jedhamuu Muddee 25 kabajama.

7 Haa taʼu malee, namoonni yeroo harʼaa Ayyaana Qillee kabajan hedduun ayyaanni kun amantii sobaa irraa akka madde hin yaadan. Ayyaanni Qillee yeroo maatii isaanii wajjin wal arguuf, nyaata gaarii nyaachuu fi kennaa waliif kennuuf hawwiidhaan eeggatan akka taʼe qofa yaadu. Dhugaa dha, maatii keenyaa fi michoota keenya ni jaallanna, Yihowaanis tajaajiltoonni isaa kennaa akka waliif kennan ni barbaada. Qorontos Inni Lammaffaan 9:7, ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu akka jaallatu’ dubbata. Yihowaan yeroowwan adda taʼanitti qofa warra kaaniif kennaa akka kenninu hin barbaadu. Sabni Yihowaa wanti tokko illee akka isaaniif godhamu utuu hin eegin, waggaa keessatti yeroo kamitti iyyuu kennaa kennuu, michootaa fi maatii isaanii wajjin yeroo dabarsuun isaan gammachiisa. Kennaa kan kennan warra kaan waan jaallataniifi.—Luqaas 14:12-14.

Madda ayyaanotaa beekuun keenya wanta irraa fagaachuu qabnu beekuuf nu gargaaruu dandaʼa

8. Namoonni urjii lakkaaʼan Yesuusiif kennaa kan kennan yeroo inni reefu dhalatetti turee? Ibsi.

8 Namoonni hedduun yeroo Ayyaana Qilleetti kennaa kennuun sirrii taʼuu isaa argisiisuuf, ogeeyyiin sadii yeroo Yesuus inni reefu dhalate gongaa horiin keessaa nyaatu keessa ciisee turetti kennaa isaaf fidanii akka turan dubbatu. Gareen namootaa tokko Yesuus bira dhaqanii kennaa isaaf kennanii akka turan beekamaa dha. Bara duriitti nama iddoo guddaa qabu tokkoof kennaa kennuun baramaa ture. (1 Mootota 10:1, 2, 10, 13) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun namoonni kun warra urjii lakkaaʼan, gocha hafuurota xuraaʼoo raawwatanii fi Yihowaa hin waaqeffanne akka turan kan dubbatu taʼuu isaa beektaa? Kana malees, namoonni kun Yesuus bira kan dhaqan yeroo inni reefu dhalatee gongaa horiin keessaa nyaatu keessa ciisee turetti miti. Yeroo isaan isa bira dhaqanitti Yesuus inni ‘mucaa’ ture mana keessa ture.—Maatewos 2:1, 2, 11.

KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE GUYYAA DHALOOTAA MAAL JEDHA?

9. Kitaaba Qulqulluu keessatti guyyaa dhalootaa kabajaman kamfaatu ibsame?

9 Guyyaan daaʼimni tokko itti dhalatu gammachiisaa dha. (Faarfannaa 127:3) Kana jechuun garuu guyyaa dhalootaa kabajuu qabna jechuu miti. Mee waaʼee kanaa yaadi: Kitaaba Qulqulluu keessatti guyyoonni dhalootaa akka kabajaman ibsaman lama qofa dha. Inni tokko guyyaa dhalootaa Faraʼoon isa mootii Gibxii ture yommuu taʼu, inni kan biraan immoo guyyaa dhalootaa Heroodis Antiiphaas Mootichaa ture. (Uumama 40:20-22; Maarqos 6:21-29 dubbisi.) Bulchitoonni kun lamaan iyyuu tajaajiltoota Yihowaa hin turre. Dhugaa dubbachuuf, Kitaaba Qulqulluu keessatti namni Yihowaa waaqeffatu tokko guyyaa dhalootaa akka kabaje matumaa hin ibsamne.

10. Kiristiyaanonni durii guyyaa dhalootaa kabajuu akkamitti ilaalu turan?

10 Kitaabni Insaayikilooppiidiyaa Addunyaa (Ingiliffa) jedhamu, Kiristiyaanonni durii “guyyaa dhalootaa nama kamii iyyuu kabajuu aadaa amantii sobaa akka taʼetti ilaalu turan” jedha. Aadaawwan akkasii barumsa amantii sobaa irratti kan hundaaʼani dha. Fakkeenyaaf, Giriikonni durii namni hundi hafuura yeroo namichi dhalatu bakka sanatti argamu tokkoon akka eegamu amanu turan. Akkasumas hafuurri kun waaqa guyyaa namichi kun dhalatetti dhalatee wajjin walitti dhufeenya qaba jedhanii yaadu turan. Barumsawwan amantii sobaa kana malees, guyyaan dhalootaa, urjii lakkaaʼuudhaan waaʼee gara fuulduraa beekuuf yaaluu wajjinis walitti dhufeenya qaba.

11. Arjoota yommuu taanu Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

11 Namoonni baayʼeen guyyaan dhalootaa isaanii guyyaa dinqisiifannaa fi jaalala argachuu itti qaban akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, nuti guyyaa addaa tokko qofatti utuu hin taʼin, maatii fi michoota keenyatti waggaa guutuu jaalala argisiisuu ni dandeenya. Yihowaan yeroo hundumaa gaarummaa akka argisiisnuu fi arjoota akka taanu barbaada. (Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.) Jireenya dinqisiisaa inni nuu kenneef guyyaa dhalootaa keenyatti qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa isa galateeffanna.—Faarfannaa 8:3, 4; 36:9.

Kiristiyaanonni dhugaan warra kaan waan jaallataniif isaaniif ni kennu

12. Guyyaan duʼa keenyaa guyyaa dhaloota keenyaa irra wayyuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Lallabni 7:1, “Maqaa gaariin zayitii gaarii irra wayya, guyyaan duʼaas guyyaa dhalootaa irra wayya” jedha. Guyyaan duʼa keenyaa guyyaa dhaloota keenyaa irra wayyuu kan dandaʼu akkamitti? Yommuu dhalannetti gaariis taʼe gadhee, jireenya keenyatti wanta hojjenne tokko illee hin qabnu. Haa taʼu malee, jireenya keenya Yihowaa tajaajiluu fi wanta gaarii gochuuf yommuu itti fayyadamnu, “maqaa gaarii” waan qabaannuuf, erga duunee booda illee Yihowaan nu yaadata. (Iyyoob 14:14, 15) Tajaajiltoonni Yihowaa guyyaa dhalootaa ofii isaaniis taʼe kan Yesuus hin kabajan. Ayyaanni Yesuus akka kabajnu nu ajaje, Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa qofa dha.—Luqaas 22:17-20; Ibroota 1:3, 4.

MADDA AYYAANA DUʼAA KAʼUU

13, 14. Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kabajuun maalii wajjin walitti dhufeenya qaba?

13 Namoonni baayʼeen ayyaana duʼaa kaʼuu yommuu kabajan, duʼaa kaʼuu Yesuus kabajaa akka jiran amanu. Haa taʼu malee, Ayyaana Duʼaa Kaʼuu kabajuun, Ostiraa ishii waaqa barii fi birraa taatee fi warri Angiloo-Saaksan waaqeffatanii wajjin walitti dhufeenya qaba. Kana malees, kitaabni Galmee Jechootaa Sheekkoo (Ingiliffa) jedhamu, ishiin waaqa hormaataa akka taate ibseera. Aadaawwan Ayyaana Duʼaa Kaʼuu tokko tokko kanaa wajjin walitti dhufeenya qabu. Fakkeenyaaf, Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan hanqaaquun “mallattoo jireenya haaraa fi duʼaa kaʼuu argisiisu akka taʼetti beekama” jedheera. Kana malees, waaqeffannaa amantii sobaa keessatti illeettiiwwan yeroo dheeraadhaaf mallattoo hormaataa taʼuudhaan tajaajilaa turaniiru. Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu, duʼaa kaʼuu Yesuusii wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne ifaa dha.

14 Yihowaan namoonni aadaawwan amantii sobaa, duʼaa kaʼuu Ilma isaa wajjin yommuu walitti makan ni gammadaa? Akka hin gammanne beekamaa dha. (2 Qorontos 6:17, 18) Dhugaa dubbachuuf, Yihowaan duʼaa kaʼuu Yesuus akka kabajnu matumaa nu hin gaafanne.

AADAAWWAN DUʼAA WAJJIN WAL QABATAN

15. Kiristiyaanonni dhugaan aadaawwan nama duʼee wajjin wal qabatan irraa fagaachuu kan qaban maaliifi?

15 Kiristiyaanonni dhugaan, aadaawwan duʼaa wajjin wal qabatan hedduu irraa ni fagaatu. Namni tokko yommuu duʼu halkan guutuu utuu hin rafin buluun baramaa dha. Bakka awwaalaatti miseensonni maatii dhihoo taʼan, biyyoo xinnoo ykn abaaboo awwaalicha keessatti darbatu. Namni tokko erga duʼee guyyoota, jiʼoota ykn waggoota muraasa booda aadaawwan raawwataman tokko tokkos jiru. Namoonni wantoota kana hundumaa kan godhan warri duʼan warra lubbuudhaan jiran gargaaruu ykn miidhuu dandaʼu jedhanii waan amananiifi dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, warri duʼan ‘homaa akka hin beekne’ barsiisa. Kanaafuu, namoonni jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu barbaadan aadaawwan waaqeffannaa warra duʼanii wajjin wal qabatan kam irratti iyyuu hin hirmaatan.—Lallaba 9:5, 10.

CIDHA WAAQAYYOON GAMMACHIISU

16, 17. Cidha qopheessuuf yommuu karoorfannu waaʼee maalii yaaduu qabna?

16 Yeroon cidhaa gammachiisaa dha. Addunyaa maratti cidhi karaawwan gara garaa hedduutiin geggeeffama. Namoonni yeroo baayʼee aadaawwan cidhaa wajjin wal qabatan eessaa akka dhufan hin yaadan; kanaafuu, aadaawwan tokko tokko amantii sobaa irraa akka maddan hin beekan. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan garuu cidhi isaanii Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaa mirkaneessuu barbaadu. Aadaawwan cidhaa wajjin wal qabatan eessaa akka maddan yoo beekan murtoo gaarii gochuu dandaʼu.—Maarqos 10:6-9.

17 Aadaawwan cidhaa wajjin wal qabatan tokko tokko hiriyoota gaaʼelaa sanaaf “milkii gaarii” argamsiisu jedhamanii amanamu. (Isaayyaas 65:11) Fakkeenyaaf, iddoowwan tokko tokkotti namoonni ruuzii ykn wanta kana fakkaatu misirroota sana irratti facaasu. Kun hiriyoota gaaʼelaa sanaaf, ijoollee, gammachuu fi umurii dheeraa argamsiisa, akkasumas hamaa irraa isaan eega jedhamee amanama. Kiristiyaanonni garuu aadaawwan amantii sobaa wajjin wal qabatan kam irraa iyyuu fagaachuuf of eeggannoo godhu.—2 Qorontos 6:14-18 dubbisi.

18. Cidha ilaalchisee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kamfaatu tilmaama keessa galuu qaba?

18 Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan, cidhi isaanii yeroo gammachiisaa fi ulfina qabeessa namoonni achitti argaman hundi itti gammadan akka taʼu barbaadu. Keessummoonni cidha Kiristiyaana tokkoo irratti argaman, dubbii gaarummaa hin qabne, fedhii saalqunnamtii kakaasu ykn misirroota sanaa fi warra kaaniif kabaja akka hin qabne argisiisu dubbachuu hin qaban. (Fakkeenya 26:18, 19; Luqaas 6:31; 10:27) Cidhi Kiristiyaanaa, “qabeenya ofii argisiifachuu” kan calaqqisiisu taʼuu hin qabu. (1 Yohaannis 2:16) Cidha qopheessuuf karoorfachaa kan jirtu yoo taʼe, duubatti deebitee waaʼee isaa yommuu yaaddu yaadannoo gaarii siif taʼuu akka dandaʼu godhi.—Ibsa Dabalataa 28 ilaali.

MADDA BURCUQQOO OL FUUDHANII WALITTI BUUSUU

19, 20. Maddi burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuu maali dha?

19 Iddoo cidhaa fi qophii hawaasaa tokko tokko irratti burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun baramaa dha. Yeroo burcuqqoo walitti buusan, namni tokko hawwii gaarii qabu ibsa, warri kaan immoo burcuqqoo isaanii ol fuudhu. Kiristiyaanonni burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuu akkamitti ilaaluu qabu?

20 Kitaabni waaʼee dhugaatii alkoolii fi aadaa ibsu tokko, burcuqqoo walitti buusuun, aadaa amantii sobaa durii “dhangalaʼaa qulqulluu waaqoliidhaaf aarsaa gochuudhaan” raawwatamu irraa kan dhufe taʼuu akka hin oolle ibsa. Kun kan godhamu, “kadhannaa ‘umurii dheeraa’ ykn ‘fayyaa keetiif’ jedhanii fi hawwii gaarii argisiisaniif deebii kennuufi.” Bara durii namoonni burcuqqoo isaanii kan ol kaasan waaqolii isaanii irraa eebba gaafachuudhaaf ture. Haa taʼu malee, Yihowaan eebba kan kennu akkasitti miti.—Yohaannis 14:6; 16:23.

“ISIN WARRI YIHOWAA JAALLATTAN, WANTA HAMAA JIBBAA”

21. Kiristiyaanonni ayyaanota kan biroo akkamii irraa fagaachuu qabu?

21 Ayyaana tokko irratti argamuuf ykn dhiisuuf yommuu murteessitu, ayyaanni sun ilaalchaa fi amala akkamii qabaachuu akka jajjabeessu yaadi. Fakkeenyaaf, ayyaanonni tokko tokko, shubbisa fedhii saalqunnamtii kakaasu, garmalee dhuguu fi halalummaa raawwachuu dabalatu. Kana malees, ayyaanonni akkasii akkaataa jireenyaa namoota saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti godhamu raawwatanii fi miira sabboonummaa babalʼisu. Ayyaanota akkasii irratti yoo hirmaanne, dhugumaan wanta Yihowaan jibbu jibbaa jirraa?—Faarfannaa 1:1, 2; 97:10; 119:37.

22. Kiristiyaanni tokko ayyaana tokko irratti argamuuf ykn dhiisuuf murtoo gochuuf maaltu isa gargaaruu dandaʼa?

22 Kiristiyaanonni ayyaana Waaqayyoof ulfina hin fidne kam irraa iyyuu fagaachuuf of eeggannoo guddaa gochuu qabu. Phaawulos ergamaan, “Yeroo nyaattan yookiin yeroo dhugdan yookiin wanta kam iyyuu yeroo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 10:31; Ibsa Dabalataa 29 ilaali.) Halalummaa, amantii sobaa ykn sabboonummaa wajjin kan wal qabatan ayyaanota hunda akka hin taane beekamaa dha. Ayyaanni tokko dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal hin faallessine yoo taʼe, irratti hirmaachuuf ykn dhiisuuf murtoo mataa keenyaa gochuu qabna. Kana malees, murtoon keenya warra kaan irratti dhiibbaa akkamii akka godhu hubachuu barbaanna.

WANTA DUBBATTUU FI RAAWWATTUUN YIHOWAADHAAF ULFINA KENNI

23, 24. Ayyaanota tokko tokko ilaalchisee murtoo goone miseensota maatii keenya Dhugaa Baatota hin taaneef ibsuu kan dandeenyu akkamitti?

23 Tarii ayyaanota Yihowaadhaaf ulfina hin fidne irratti hirmaachuu dhiisteetta taʼa. Haa taʼu malee, miseensonni maatii kee warri Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane tokko tokko, gochi kee kun akka ati isaan hin jallanne ykn isaanii wajjin taʼuu akka hin barbaanne akka argisiisu godhanii yaaduu dandaʼu. Guyyoonni ayyaanaa yeroo maatiin walii wajjin taʼu qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Kanaafuu maal gochuu dandeessa? Akka isaan jaallattuu fi akka iddoo guddaa isaaniif kennitu karaan isaaniif mirkaneessuu itti dandeessu hedduun jira. (Fakkeenya 11:25; Lallaba 3:12, 13) Yeroo kan biraatti akka si wajjin yeroo dabarsan isaan affeeruu dandeessa taʼa.

24 Firoonni kee ayyaanota tokko tokko kabajuu kan dhiiste maaliif akka taʼe beekuu yoo barbaadan, barreeffamoota keenyaa fi jw.org irraa odeeffannoo sababii kee ibsuuf si gargaaru argachuu ni dandeessa. Falmiidhaan isaan moʼuuf ykn akka ati yaaddutti akka yaadan isaan dirqisiisuuf yaalaa akka jirtu akka isaanitti dhagaʼamu hin godhin. Murtoo kana kan goote wantoota hedduu erga qortee booda akka taʼe maatiin kee akka hubatan isaan gargaari. Tasgabbaaʼi, akkasumas, ‘dubbiin kee yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.’—Qolosaayis 4:6.

25, 26. Warri ijoolleen isaanii ulaagaa Yihowaa akka jaallatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

25 Hundi keenya sababii itti ayyaanota tokko tokko irratti hirmaachuu dhiisuuf murtoo dhuunfaa goone sirriitti hubachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Ibroota 5:14) Galmi keenya Yihowaa gammachiisuu dha. Warra yoo taane, ijoolleen keenya dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hubatanii fi akka jaallatan gargaaruuf yeroo ramaduu qabna. Yihowaan yommuu isaaniif dhugoomu, isaanis isa gammachiisuuf fedhii ni qabaatu.—Isaayyaas 48:17, 18; 1 Pheexiros 3:15.

26 Yihowaan karaa qulqulluu fi haqa qabeessa taʼeen isa waaqeffachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochaa akka jirru yommuu argu ni gammada. (Yohaannis 4:23) Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen addunyaa amanamaa hin taane kana keessatti namni tokko amanamaa taʼuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Kun dhugaadhaa? Mee boqonnaa itti aanu irratti waaʼee kanaa haa mariʼannu.

^ Ayyaanota ilaalchisee, Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa (Ingiliffa), Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼee fi jw.org irraa ibsa balʼaa argachuu dandeessa.