Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 6

Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

“Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.”—1 QORONTOS 10:31.

1, 2. Bashannana yommuu filannu of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

 MUDURAA tokko nyaachuuf gara afaan keetti dhiheessitee utuu jirtuu gar tokkeen isaa tortoraa akka taʼe hubatte haa jennu. Yeroo kanatti maal goota? Callisteetuma nyaattaa? Ni gattaa? Moo isa tortore irraa murtee gattee isa gaarii taʼe nyaatta?

2 Karaa tokko tokkoon bashannanni muduraa kanaa wajjin wal fakkaata. Bashannanni tokko tokko nama gammachiisa taʼa; baayʼeen isaa garuu wantoota naamusaan ala taʼaniin, hammeenyaan ykn gocha jinniiwwaniitiin waan guutameef kan tortore dha jechuun ni dandaʼama. Maarree yommuu bashannana filattu, “Kun dhimma mataa kootii ti. Bashannanan barbaade kam iyyuu filachuu nan dandaʼa” jettaa? Yookiin immoo, “Bashannanni hundi gadheedha” jettaa? Moo isa gadhee taʼe dhiistee isa gaarii taʼe fudhachuudhaan bashannana kee of eeggannoodhaan filatta?

3. Bashannana yommuu filannu waaʼee maalii irratti yaaduu qabna?

3 Hundi keenya hamma taʼe tokko bohaaruu fi bashannanuun nu barbaachisa, kanaafuu filannaa gaarii gochuu barbaanna. Bashannanni filannu waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu of gaafachuu qabna.

“WANTA HUNDUMAA ULFINA WAAQAYYOOTIIF GODHAA”

4. Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu bashannana filachuuf nu gargaaruu dandaʼu tokko isa kami?

4 Yihowaadhaaf yommuu of murteessinu, jireenya keenya isa tajaajiluuf akka itti fayyadamnu waadaa isaaf galla. (Lallaba 5:4 dubbisi.) ‘Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif gochuuf’ waadaa galla. (1 Qorontos 10:31) Kana jechuun yommuu walgaʼii irratti argamnuu fi tajaajila irratti hirmaannu qofa utuu hin taʼin, yommuu bohaaarru ykn bashannannutti illee Yihowaadhaaf of murteessineerra jechuu dha.

5. Yihowaadhaaf waaqeffannaa akkamii dhiheessuu qabna?

5 Wanti jireenya keenya keessatti goonu hundi waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuu wajjin kan wal qabate dha. Phaawulos, ‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaa dhiheessaa’ jedhee yommuu dubbatetti kana ifa godheera. (Roomaa 12:1) Yesuusis, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu” jedheera. (Maarqos 12:30) Yeroo hunda Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu kennuu barbaanna. Israaʼel durii keessatti namoonni yommuu aarsaa beeladootaa Yihowaadhaaf dhiheessan, beelada mudaa hin qabne akka kennan isaan irraa eegama ture. Aarsaan isaan dhiheessan mudaa yoo qabaate Waaqayyo hin fudhatu ture. (Leewwota 22:18-20) Haaluma wal fakkaatuun, waaqeffannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama argachuu dhiisuu dandaʼa. Akkamitti?

6, 7. Bashannanni waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

6 Yihowaan, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa” nuun jedheera. (1 Pheexiros 1:14-16; 2 Pheexiros 3:11) Yihowaan waaqeffannaa keenya kan fudhatu qulqulluu yoo taʼe qofa dha. (Keessa Deebii 15:21) Wantoota Yihowaan jibbu kan akka gocha naamusaan ala taʼee, hammeenya ykn gocha jinniiwwanii wajjin wal qabatan kan raawwannu yoo taʼe, waaqeffannaan keenya qulqulluu taʼuu hin dandaʼu. (Roomaa 6:12-14; 8:13) Haa taʼu malee, wantoota akkanaatiin bashannanuun keenyas Yihowaa ni gaddisiisa. Kunis waaqeffannaan keenya akka xuraaʼuu fi Yihowaa duratti fudhatama akka dhabu godha, akkasumas hariiroo isaa wajjin qabnu balleessuu dandaʼa.

7 Maarree bashannana keenya ogummaadhaan filachuu kan dandeenyu akkamitti? Bashannana fudhatama qabuu fi hin qabne adda baasnee beekuuf dhugaawwan buʼuuraa kamfaatu nu gargaara?

WANTA HAMAA JIBBI

8, 9. Bashannana akkamii irraa fagaachuu qabna? Maaliif?

8 Yeroo harʼaa bashannana gosa adda addaa hedduutu jira. Isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanotaaf kan taʼan yommuu taʼu, baayʼeen isaanii garuu fudhatama hin qaban. Mee jalqaba gosoonni bashannanaa irraa fagaachuu qabnu kan akkamii akka taʼan haa ilaallu.

9 Fiilmonni, weebsaayitoonni, qophiiwwan televizyinii, taphawwan viidiyoo fi muuziqaawwan hedduun, gocha naamusaan ala taʼaniin, hammeenyaan ykn gocha jinniiwwaniitiin kan guutamani dha. Wantoonni gadhee taʼan yeroo baayʼee karaa miidhaa kan hin qabne fakkaatanii fi nama kolfisiisaniin dhihaatu. Taʼus, Kiristiyaanonni bashannana ulaagaalee Yihowaa qulqulluu taʼan hin calaqqisiisne irraa fagaachuuf of eeggannoo godhu. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; 1 Qorontos 6:9, 10) Bashannana akkanaa irraa yommuu fagaannu, wanta hamaa taʼe akka jibbinu Yihowaatti argisiisna.—Faarfannaa 34:14; Roomaa 12:9.

10. Bashannana gadhee filachuun maal geessisuu dandaʼa?

10 Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko wantoota gocha hammeenyaa qaban, naamusaan ala taʼanii fi gocha jinniiwwanii of keessaa qabaniin bashannanuun rakkoo akka hin qabne itti dhagaʼama. ‘Miidhaa maalii qaba? Ani silaa wantoota kana matumaa hin raawwadhu’ jedhanii yaadu. Akkana jennee kan yaannu yoo taʼe of gowwoomsaa jirra. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas” jedha. (Ermiyaas 17:9) Wantoota Yihowaa biratti fudhatama hin qabneen yoo bashannanne, akkamitti wantoota gadhee taʼan ni jibbina jechuu dandeenya? Wantoota akkanaatiin caalaatti bashannanaa yommuu deemnu wantoonni kun fudhatama akka qabanitti ilaaluu jalqabna. Oolee bulee immoo, qalbiin keenya waan dadhabuuf filannaa dogoggoraa yommuu goonu nu akeekkachiisuu dhiisa.—Faarfannaa 119:70; 1 Ximotewos 4:1, 2.

11. Galaatiyaa 6:7 bashannana filachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

11 Dubbiin Waaqayyoo, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedha. (Galaatiyaa 6:7) Wantoota gadhee taʼaniin yoo bashannanne, oolee bulee wantoota sana raawwachuun keenya akka hin oolle beekamaa dha. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko bashannanni naamusaan ala taʼe dhiibbaa guddaa waan isaan irratti godheef, yeroo booda gocha sana raawwataniiru. Taʼus, Yihowaan bashannana keenya ogummaadhaan filachuuf gargaarsa nu barbaachisu nuu kenneera.

MURTOO GOCHUUF DHUGAAWWAN BUʼUURAA KITAABA QULQULLUUTTI FAYYADAMI

12. Bashannana keenya ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf maaltu nu gargaara?

12 Bashannanni tokko tokko fudhatama akka hin qabne ifa waan taʼaniif, isaan irraa fagaachuu akka qabnu beekna. Haa taʼu malee, fudhatama qabaachuu fi dhiisuun isaanii ifa yeroo hin taanetti hoo? Yihowaan wanta ilaaluu, dhaggeeffachuu ykn dubbisuu qabnuu fi hin qabne ilaalchisee seera hedduu nuuf hin kennine. Kanaa mannaa, qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼetti akka fayyadamnu barbaada. (Galaatiyaa 6:5 dubbisi.) Yihowaan dhugaawwan buʼuuraa ilaalcha inni dhimmoota tokko tokkoof qabu nu barsiisan nuuf kenneera. Dhugaawwan buʼuuraa kunneen qalbii keenya leenjisuuf nu gargaaru. Akkasumas “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe” beekuudhaan, filannoo isa gammachiisu gochuu akka dandeenyu nu gargaaru.—Efesoon 5:17.

Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu bashannana filachuuf nu gargaaru

13. Kiristiyaanonni bashannana ilaalchisee murtoo garaa garaa kan godhan maaliifi? Haa taʼu malee, wanti Kiristiyaanonni hundi iddoo guddaa kennaniif maali dha?

13 Yeroo baayʼee bashannanni Kiristiyaanni tokko filatu isa inni kan biraan filatu irraa adda dha. Maaliif? Hundi keenya wanti jaallannu garaa gara waan taʼeefi dha. Kana malees, wanti namni tokko fudhatama akka qabutti ilaalu, isa kaan biratti fudhatama qabaachuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Kiristiyaanonni hundi murtoo gaarii gochuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamuu qabu. (Filiphisiyus 1:9) Dhugaawwan buʼuuraa kunneen bashannana Waaqayyo biratti fudhatama qabu filachuuf nu gargaaru.—Faarfannaa 119:11, 129; 1 Pheexiros 2:16.

14. (a) Akkaataa yeroo keenya itti fayyadamnu ilaalchisee maal qoruun keenya barbaachisaa dha? (b) Phaawulos Kiristiyaanotaaf gorsa akkamii kenneera?

14 Wanti xiyyeeffannaa keessa galchuu qabnu kan biraan immoo, ‘Bashannana irratti yeroo hangamii dabarsina?’ kan jedhu dha. Kun bashannanaaf iddoo hangamii akka kenninu argisiisuu dandaʼa. Kiristiyaanota waan taaneef, tajaajilli Yihowaadhaaf dhiheessinu jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qaba. (Maatewos 6:33 dubbisi.) Taʼus, utuu nutti hin beekamin, bashannanni yeroo keenya gara caalaa isaa akka fudhatu heyyamuu dandeenya. Phaawulos, “Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (Efesoon 5:15, 16) Kanaafuu, yeroo bashannana irratti dabarsinu irratti daangaa gochuu qabna, akkasumas tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti iddoo tokkoffaa qabaachuu isaa mirkaneessuu qabna.—Filiphisiyus 1:10.

15. Bashannana hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

15 Bashannana Yihowaa biratti fudhatama akka hin qabne beeknu irraa fagaachuu akka qabnu ifaa dha. Haa taʼu malee, bashannana fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaanii mirkanaaʼaa hin taane ilaalchisee hoo? Yeroo akkasiittis of eeggannoo gochuu qabnaa? Mee waaʼee kanaa yaadi. Daandii gaara irra qaxxaamuru tokko irra deemaa jirta yoo taʼe, hamma dandeesse gara qarqara isaatti siqxee deemtaa? Lakki. Jireenya keetiif iddoo guddaa kennita yoo taʼe, balaa irraa ni fagaatta. Bashannana filannu ilaalchisees haalli isaa akkasuma. Dubbiin Waaqayyoo, “Miila kee wanta hamaa irraa deebisi” jechuudhaan nutti hima. (Fakkeenya 4:25-27) Kanaafuu, fagaachuu kan qabnu bashannana gadhee akka taʼe beeknu qofa irraa miti; kanaa mannaa, bashannana gaarii taʼuu isaa shakkinuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu irraas fagaachuu qabna.

ILAALCHA YIHOWAA HUBACHUU

16. (a) Wantoonni Yihowaan jibbu tokko tokko kamfaʼi? (b) Wanta Yihowaan jibbu akka jibbinu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Faarfatichi, “Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 97:10) Kitaabni Qulqulluun ilaalchaa fi miira Yihowaan wanta tokkoof qabu nu barsiisa. ‘Wantin baradhe ilaalcha Yihowaan wanta tokkoof qabu qabaachuuf na gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, Yihowaan, “arraba sobuu fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu, garaa karoora hamaa yaaduu fi miila hamminatti fiigu” akka jibbu baranneerra. (Fakkeenya 6:16-19) Akkasumas, “halalummaa, . . . waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu, . . . hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, . . . goomachuu, machii, gadhiisii fi wantoota kana fakkaatan” irraa fagaachuu akka qabnu baranneerra. (Galaatiyaa 5:19-21) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kun bashannana filachuuf akkamitti si gargaaruu akka dandaʼan hubatteettaa? Yeroo namoota kaanii wajjin jirruttis taʼe kophaa keenya taanutti, jireenya keenya hundumaa keessatti ulaagaalee Yihowaa hordofuu barbaanna. (2 Qorontos 3:18) Dhugaa dubbachuuf, yeroo baayʼee filannoon yeroo kophaa keenya taanutti goonu, dhugumaan nama akkamii akka taane argisiisa.—Faarfannaa 11:4; 16:8.

17. Bashannana filachuu keenya dura gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

17 Bashannana yommuu filattu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Filannaan koo hariiroo ani Yihowaa wajjin qabu irratti dhiibbaa akkamii godha? Qalbii koo irratti hoo dhiibbaa kan godhu akkamitti?’ Mee dhugaawwan buʼuuraa kan biroo bashannana filachuuf nu gargaaruu dandaʼan tokko tokko haa qorannu.

18, 19. (a) Phaawulos Kiristiyaanotaaf gorsa akkamii kenneera? (b) Bashannana filachuuf dhugaawwan buʼuuraa kamfaatu nu gargaara?

18 Bashannana yommuu filannu, wanta ittiin sammuu keenya guunnu filachaa jirra. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.” (Filiphisiyus 4:8) Wantoota gaggaarii akkasiitiin yommuu sammuu keenya guunnu, “Yaa Yihowaa, wantin afaan kootiin dubbadhuu fi wantin garaa kootti yaadu kan si gammachiisu haa taʼu” jechuu dandeenya.—Faarfannaa 19:14.

19 Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sammuu kootti maal guutaan jira? Fiilmii ykn qophii tokko ergan ilaalee booda, yaanni sammuu koo keessatti hafu kan na haaromsuu fi na gammachiisudhaa? Nagaa akkan argadhee fi qalbii gaarii akkan qabu natti dhagaʼamaa? (Efesoon 5:5; 1 Ximotewos 1:5, 19) Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf bilisummaan natti dhagaʼamaa? Moo miira gadheetu natti dhagaʼama? Bashannanni sun waaʼee hammeenyaa ykn wantoota naamusaan ala taʼanii akkan yaadu na godheeraa? (Maatewos 12:33; Maarqos 7:20-23) Bashannanan filadheen, ‘sirni kun dhiibbaa na irratti gochaa’ jiraa?’ (Roomaa 12:2) Gaaffiiwwan kanaaf deebiin haqaan kenninu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsuuf maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Nutis akkuma faarfatichaa, “Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi” jennee kadhachuu barbaanna. *Faarfannaa 119:37.

MURTOON GOONU WARRA KAAN IRRATTI DHIIBBAA GODHA

20, 21. Bashannana yommuu filannu miira warra kaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

20 Dhugaan buʼuuraa sammuutti qabachuu qabnu kan biraan immoo, “Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi ni ijaara jechuu miti. Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu” kan jedhu dha. (1 Qorontos 10:23, 24) Wanta tokko raawwachuuf bilisummaa qabna jechuun wanta sana gochuu qabna jechuu miti. Murtoon keenya obbolootaa fi obboleettota keenya irratti dhiibbaa akkamii akka godhu akka gaariitti yaaduu qabna.

21 Qalbiin nama hundumaa tokko miti. Fakkeenyaaf, qalbiin kee sagantaa televizyinii tokko akka ilaaltu siif heyyameera taʼa. Haa taʼu malee, sana booda sagantaan sun qalbii obboleessa ykn obboleettii kee tokkoo akka jeeqe hubatte. Yeroo kanatti maal goota? Sagantaa sana ilaaluuf mirga kan qabdu yoo taʼe illee, dhiisuuf murteessita taʼa. Maaliif? Sababiin isaas, ‘obboloota kee irratti cubbuu hojjechuu’ ykn ‘Kiristoos irratti cubbuu hojjechuu’ hin barbaaddu. (1 Qorontos 8:12) Wanta obboloota keenya gufachiisu kam iyyuu gochuu hin barbaannu.—Roomaa 14:1; 15:1; 1 Qorontos 10:32.

22. Filannaa Kiristiyaanni tokko godhu ilaalchisee yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

22 Karaa biraatiin immoo, qalbiin kee wanta qalbiin nama kan biraa fudhatama akka qabutti ilaalu tokko, akka hin ilaalle, hin dubbisne ykn hin hojjenne kan siif hin heyyamne yoo taʼe hoo? Obboleessa kee waan jaallattuu fi waan kabajjuuf, filannaa sii wajjin wal fakkaatu akka godhu dhiibbaa isa irratti hin gootu. Namni konkolaataa oofu tokko namoonni kaan isa caalaa ykn isaa gad saffisuu kan dandaʼan taʼus, akka gaariitti akka konkolaachisan beeka. Haaluma wal fakkaatuun, atii fi obboleessi kee dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan hordoftan taatanis, bashannana fudhatama qabuu fi hin qabne ilaalchisee garaa garummaa xixinnoo qabaachuu dandeessu.—Lallaba 7:16; Filiphisiyus 4:5.

23. Bashannana keenya akka gaariitti filachuuf maaltu nu gargaara?

23 Maarree bashannana keenya akka gaariitti filachuuf maaltu nu gargaara? Qalbii keenya isa dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼetti kan fayyadamnuu fi obbolootaa fi obboleettota keenyaaf garaadhaa kan yaannu yoo taʼe filannaa sirrii goona. Akkas taanaan, “wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif” gochaa akka jirru beekuu keenyaan gammachuun nutti dhagaʼama.

^ Dhugaawwan buʼuuraa bashannana filachuuf nu gargaaruu dandaʼan Fakkeenya 3:31; 13:20; Efesoon 5:3, 4; akkasumas Qolosaayis 3:5, 8, 20 irraa argachuu dandeenya.