Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 16

Diyaabilosiin Mormi

Diyaabilosiin Mormi

“Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata.”—YAAQOOB 4:7.

1, 2. Seexanaa fi jinniiwwan ilaalchisee maal beekuu qabna?

 JIREENYI addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti argamu ajaaʼibsiisaa dha. Dhuma irratti akka jalqaba Waaqayyo nuuf yaadee turetti jiraanna. Yeroo harʼaatti garuu, addunyaa toʼannaa Seexanaa fi jinniiwwan isaa jala jiru keessa jiraanna. (2 Qorontos 4:4) Nuti isaan arguu kan hin dandeenye taʼus, isaan jiru; akkasumas humna guddaa qabu.

2 Boqonnaa kana keessatti, Yihowaatti dhihaannee jiraachuu fi Seexana irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Yihowaan akka nu gargaaru abdii nuuf kenneera. Haa taʼu malee, malawwan Seexannii fi jinniiwwan nu gowwoomsuu fi nu miidhuuf itti fayyadaman beekuu qabna.

“AKKA LEENCA BAROODUUTTI”

3. Diyaabilos maal nu gochuu barbaada?

3 Seexanni namoonni Yihowaa kan waaqeffatan ofittummaadhaan kakaʼanii akka taʼee fi ‘Haalli rakkisaan yoo isaan mudate isa tajaajiluu ni dhiisu’ jedhee falma. (Iyyoob 2:4, 5 dubbisi.) Namni tokko waaʼee Yihowaa barachuuf fedhii akka qabu yommuu argisiisu, Seexannii fi jinniiwwan kan argan yeroo taʼu, isa dhowwuufis yaalii godhu. Namni tokko Yihowaadhaaf of murteessee yommuu cuuphamu ni aaru. Kitaabni Qulqulluun, Diyaabilosiin, leenca ‘nama liqimsu barbaadee barooduu’ wajjin wal fakkeessa. (1 Pheexiros 5:8) Seexanni hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuu barbaada.—Faarfannaa 7:1, 2; 2 Ximotewos 3:12.

Yommuu nuti Yihowaadhaaf of murteessinu Seexanni ni aara

4, 5. (a) Seexanni maal gochuu hin dandaʼu? (b) ‘Diyaabilosiin mormuu’ jechuun maal jechuu dha?

4 Haa taʼu malee, Seexanaa fi jinniiwwan isaa sodaachuu hin qabnu. Yihowaan wanta isaan nu irratti raawwachuu dandaʼan daangesseera. Yihowaan Kiristiyaanonni dhugaan ‘tuuta uummataa guddaa’ taʼan “rakkina guddaa” irraa akka oolan waadaa galeera. (Mulʼata 7:9, 14) Yihowaan saba isaa waan eeguuf, kun akka hin raawwatamneef wanti Diyaabilos gochuu dandaʼu tokko illee hin jiru.

5 Yihowaatti maxxannee yoo jiraanne, Seexanni hariiroo nuti Yihowaa wajjin qabnu balleessuu hin dandaʼu. Dubbiin Waaqayyoo, “Isin isaa wajjin yoo taatan, Yihowaan isinii wajjin ni taʼa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (2 Seenaa 15:2; 1 Qorontos 10:13 dubbisi.) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoo taʼan durii hedduun, kan akka Abeel, Heenok, Noh, Saaraa fi Musee Yihowaatti maxxananii jiraachuudhaan Diyaabilosiin mormaniiru. (Ibroota 11:4-40) Nutis akkas gochuu ni dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata” jechuudhaan abdii nuuf kenna.—Yaaqoob 4:7.

‘WALDHAANSOO IRRA JIRRA’

6. Seexanni haleellaa kan nu irratti geessisu akkamitti?

6 Seexanni wanta inni nu irratti raawwachuu dandaʼu Yihowaan akka daangesse kan beeku taʼus, hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu laaffisuuf wanta isaaf dandaʼame hundumaa gochuuf yaalii gochuu isaa hin dhiisu. Yeroo harʼaa Diyaabilos karaawwan adda addaa hedduudhaan haleellaa kan geessisu yeroo taʼu, malawwan waggoota kumaan lakkaaʼamaniif itti fayyadamaa turetti fayyadama. Malawwan kanneen keessaa tokko tokko kamfaʼi?

7. Seexanni saba Yihowaa irratti haleellaa kan geessisu maaliifi?

7 Yohaannis ergamaan, “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 5:19) Seexanni addunyaa hamaa kana toʼannaa isaa jala kan galfate yommuu taʼu, saba Yihowaas toʼachuu barbaada. (Miikiyaas 4:1; Yohaannis 15:19; Mulʼata 12:12, 17) Diyaabilos yeroon isa hafe baayʼee akka hin taane waan beekuuf, amanamummaa Waaqayyoof qabnu cabsuuf tokkoon tokkoon keenya irra dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Diyaabilos yeroo tokko tokko miidhaa kan geessisu kallattiidhaani, yeroo kaanitti garuu miidhaan inni geessisu baayʼee dhokataa dha.

8. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa maal hubachuun isa barbaachisa?

8 Efesoon 6:12, “Waldhaansoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo iddoowwan samii keessa jiranii wajjin” akka taʼe dubbata. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa dhuunfaatti lola Diyaabilosii fi jinniiwwanii wajjin godhu qaba. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi lola kana keessa akka jiran hubachuu nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan, xalayaa warra Efesooniif barreesse irratti al sadii ‘jabaatanii akka dhaabbatan’ Kiristiyaanota jajjabeesseera.—Efesoon 6:11, 13, 14.

9. Seexannii fi jinniiwwan maal nu irratti raawwachuu barbaadu?

9 Seexannii fi jinniiwwan karaawwan hedduudhaan nu gowwoomsuuf yaalu. Karaa tokkoon Seexana mormineerra jechuun, karaa kan biraa isaan moʼamuu hin dandeenyu jechuu miti. Diyaabilos wanta ittiin nu kiyyeessu filachuu akka dandaʼuuf, dadhabina keenya argachuuf yaalii godha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee kiyyoowwan Diyaabilos waan nu barsiisuuf, kiyyoo isaatiin qabamuu hin qabnu. (2 Qorontos 2:11; Ibsa Dabalataa 31 ilaali.) Isaan keessaa tokko gocha jinniiwwanii ti.

JINNIIWWAN IRRAA FAGAADHAA

10. (a) Gochi jinniiwwanii maali dha? (b) Yihowaan gocha jinniiwwaniitiif ilaalcha akkamii qaba?

10 Gochawwan jinniiwwanii wantoota humnoota humna uumamaatii ol taʼanii fi namni tokko jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya akka qabaatu godhan kan akka raagduu gaafachuu, falfala raawwachuu, moruu ykn nama duʼee wajjin dubbachuuf yaalii gochuu dabalatu. Kitaabni Qulqulluun, gochi jinniiwwanii “jibbisiisaa” akka taʼee fi gocha akkasii irratti hirmaachaa Yihowaa waaqeffachuu akka hin dandeenye nutti hima. (Keessa Deebii 18:10-12; Mulʼata 21:8) Kiristiyaanonni gocha jinniiwwanii hundumaa irraa guutummaatti fagaachuu qabu.—Roomaa 12:9.

11. Waaʼee humnoota humna uumamaatii ol taʼanii beekuu barbaaduun maal akka goonu nu kakaasuu dandaʼa?

11 Seexanni nuti waaʼee humnoota humna uumamaatii ol taʼanii beekuuf hawwii yoo qabaanne, gocha jinniiwwanii keessa nu galchuun salphaa akka isaaf taʼu beeka. Gochi jinniiwwanii kam iyyuu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu ni balleessa.

SEEXANNI NU GOWWOOMSUUF YAALA

12. Seexanni yaada keenya irratti dhiibbaa gochuu kan barbaadu akkamitti?

12 Seexanni yaada namootaa burjaajessuuf yaala. Hamma namoonni “isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii” jedhanii yaadanitti suutuma suuta shakkii isaanitti uuma. (Isaayyaas 5:20) Diyaabilos yaada, gorsi Kitaaba Qulqulluu hojii irra ooluu hin dandaʼu, akkasumas ulaagaalee Waaqayyoo eeguu dhiisuun caalaatti gammachuu argamsiisa jedhu babalʼisa.

13. Seexanni shakkii uumuuf kan yaale akkamitti ture?

13 Shakkii babalʼisuun mala Seexanaa hunda caalaa buʼa qabeessa taʼe dha. Mala kana yeroo dheeraadhaaf itti fayyadamaa tureera. Dhaaba Eedan keessatti, “Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” jechuudhaan yommuu Hewaaniin gaafatetti shakkii uumuuf yaalaa ture. (Uumama 3:1) Boodas bara Iyyoobitti, Seexanni maleekota duratti, “Iyyoob waa malee Waaqa sodaatee ree?” jedhee Yihowaa gaafateera. (Iyyoob 1:9) Yesuus erga cuuphamee boodas, Seexanni, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” jechuudhaan isa qoreera.—Maatewos 4:3.

14. Seexanni namoonni gochi jinniiwwanii balaa qabaachuu isaa akka shakkan gochuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Yeroo harʼaas Diyaabilos shakkii uumuu isaa itti fufeera. Gochawwan jinniiwwanii tokko tokko miidhaa kan hin qabne fakkeessuudhaan, namoonni gochi jinniiwwanii dhugumaan gadhee taʼuu fi dhiisuu isaanii akka shakkan gochuuf yaala. Kiristiyaanonni tokko tokko illee balaa gochi kun qabu utuu hin hubatin hafaniiru. (2 Qorontos 11:3) Maarree of eeguuf maal gochuu dandeenya? Seexanaan gowwoomfamaa akka hin jirre mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Mee kallattiiwwan gowwoomfamuu itti dandeenyu lama, jechuunis bashannanaa fi yaalii fayyaa haa qorru.

SEEXANNI NU MIIDHUUF FEDHII UUMAMAA KEENYATTI FAYYADAMA

15. Wantoota ittiin bashannannuun gocha jinniiwwanii irratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Yeroo harʼaa, fiilmiiwwan hedduun, viidiyoowwan, qophiiwwan televizyinii, taphawwan kompiitaraa fi weebsaayitoonni hedduun gocha jinniiwwanii, falfala raawwachuu fi humnoota humna uumamaatii ol taʼan argisiisu. Namoonni hedduun wantoota kana tapha miidhaa hin qabne akka taʼanitti waan ilaalaniif, balaa jinniiwwan jireenya isaanii keessa akka seenan gochuun qabu hin hubatan. Kana malees, namni tokko karaa urjii lakkaaʼuu, barruu harkaa ilaaluu, kaardii waaʼee gara fuulduraa ittiin beekanii fi kubbaa kiristaaliitti fayyadamuudhaan gocha jinniiwwanii irratti hirmaachuu dandaʼa. Diyaabilos balaa gochawwan kunneen qaban dhoksuudhaan, wantoonni akkasii iccitii akka qaban, gammachiisoo fi bashannansiisoo akka taʼan fakkeessuuf yaala. Namni tokko gocha jinniiwwanii hamma hin raawwannetti, wantoota jinniiwwan ykn humnoota humna uumamaatii ol taʼanii wajjin wal qabatan ilaaluun dogoggora akka hin qabne godhee yaaduu dandaʼa. Ilaalchi akkasii balaa kan qabu maaliifi?—1 Qorontos 10:12.

16. Bashannanawwan humnoota humna uumamaatii ol taʼan argisiisan irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

16 Seexannii fi jinniiwwan yaada keenya beekuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, filannoo bashannanaa keenya dabalatee filannoo nuti ofii keenyaa fi maatii keenyaaf goonu ilaaluudhaan, waaʼee fedhii keenyaa fi yaada keenyaa beekuu dandaʼu. Fiilmiiwwan, muuziqaa ykn kitaabota waaʼee ekeraa dubbisuu, moraa, namoota jinniidhaan qabamanii, falfalaa, vaampaayerootaa ykn wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan of keessaa qaban yoo filanne, Seexannii fi jinniiwwan waaʼee wantoota kanaa beekuu akka barbaannu ni hubatu. Achiis caalaatti gocha jinniiwwanii keessa akka seennu nu gochuuf yaaluu dandaʼu.—Galaatiyaa 6:7 dubbisi.

17. Seexanni fedhii fayya buleeyyii taʼuuf qabnutti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Seexanni fedhii nuti fayya buleeyyii taʼuuf qabnuttis ni fayyadama. Yeroo harʼaa namoonni hedduun dhukkuba cimaadhaan dararamaa jiru. Namni tokko yaalii fayyaa garaa garaa kan godhe taʼus hin milkoofne taʼa. (Maarqos 5:25, 26) Baayʼee abdii kutachuu isaatiin kan kaʼe wanta kam iyyuu yaaluuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kiristiyaanota waan taaneef, yaalii fayyaa ‘mora raawwachuu’ dabalatu akka hin filanne of eeggannoo gochuu qabna.—Isaayyaas 1:13.

Yeroo dhukkubsattu Yihowaatti amanami

18. Kiristiyaanni tokko yaalii fayyaa akkamii irraa fagaachuu qaba?

18 Israaʼel durii keessatti namoonni “mora raawwatan” tokko tokko jiru turan. Yihowaan namoota kanaan, “Harka keessan yommuu diriirsitan, ija koo isin duraa nan dhoksa. Kadhannaa yoo baayʼistan iyyuu, ani isin hin dhagaʼu” jedhee ture. (Isaayyaas 1:15) Mee yaadi, Yihowaan kadhannaa isaanii illee hin dhagaʼu! Wanta hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuu fi keessumaa yeroo dhukkubsannutti akka inni nu hin gargaarre isa godhu kam iyyuu raawwachuu hin barbaannu. (Faarfannaa 41:3) Kanaafuu, yaaliin fayyaa fudhachuuf yaadne tokko karaa taʼe tokkoon gocha jinniiwwanii ykn humnoota humna uumamaatii ol taʼanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu fi dhiisuu isaa beekuu qabna. (Maatewos 6:13) Gocha jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yoo taʼe irraa fagaachuu qabna!—Ibsa Dabalataa 32 ilaali.

SEENAAWWAN WAAʼEE JINNIIWWANII DUBBATAMAN

19. Diyaabilos namoonni hedduun akka sodaatan kan godhu akkamitti?

19 Namoonni tokko tokko Diyaabilosii fi jinniiwwan yaadaan kan uumaman akka taʼanitti kan ilaalan taʼus, warri kaan garuu muuxannoo ofii isaanii irraa kaʼuudhaan dhugumaan jiraachuu isaanii beeku. Namoonni baayʼeen hafuurota hamoo sodaadhaan kan jiraatan yeroo taʼu, aadaawwan dogoggora taʼaniif garboota taʼanii jiraatu. Warri kaan immoo gochawwan sodaachisoo isaan namoota irratti raawwatan odeessuudhaan sodaa jinniiwwanii babalʼisu. Namoonni yeroo baayʼee seenaawwan kana kan jaallatan yeroo taʼu, namoota kaanittis gammachuudhaan dubbatu. Seenaawwan kunneen yeroo baayʼee namoonni Diyaabilosiin akka sodaatan taasisu.

20. Soba Seexanaa babalʼisuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Mee waaʼee kanaa yaadi, Seexanni namoonni akka isa sodaatan barbaada. (2 Tasalonqee 2:9, 10) Inni sobduu dha, sammuu namoota gochawwan jinniiwwanii beekuu barbaadanii irratti akkamitti dhiibbaa akka godhuu fi wantoota dhugaa hin taane akkamitti akka amansiisu beeka. Namoonni kun wantoota akka arganii fi akka dhagaʼan yaadan dubbachuu dandaʼu taʼa. Namoonni seenaawwan kana irra deddeebiʼanii yommuu odeessan, caalaatti arbeeffamaa deemu. Seenaawwan akkasii irra deddeebinee odeessuudhaan Seexanni sodaa akka babalʼisu isa gargaaruu hin barbaannu.—Yohaannis 8:44; 2 Ximotewos 2:16.

21. Seenaawwan waaʼee jinniiwwanii ibsan dubbachuu mannaa waaʼee maalii dubbachuu dandeenya?

21 Saba Yihowaa keessaa namni tokko kanaan dura jinniiwwan ilaalchisee muuxannoo akkasii yoo qabaate, namoota kaan bashannansiisuuf jecha irra deebiʼee dubbachuu hin qabu. Sabni Yihowaa wanta Diyaabilosii fi jinniiwwan gochuu dandaʼan akkamii iyyuu sodaachuu hin qaban. Kanaa mannaa, Yesuusii fi humna Yihowaan isaaf kenne irratti xiyyeeffachuu qabna. (Ibroota 12:2) Yesuus seenaawwan waaʼee jinniiwwanii ibsan dubbachuudhaan barattoota isaa hin bashannansiisne. Yesuus ergaa Mootummichaa fi “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” irratti xiyyeeffateera.—Hojii Ergamootaa 2:11; Luqaas 8:1; Roomaa 1:11, 12.

22. Maal gochuuf murteessiteetta?

22 Kaayyoon Seexanaa hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuu akka taʼe dagachuu hin qabnu. Inni kana galmaan gaʼuuf wanta kamitti iyyuu fayyadamuuf yaalii godha. Haa taʼu malee, nuti malawwan Diyaabilos ni beekna, akkasumas gocha jinniiwwanii hundumaa mormuuf kutanneerra. Murtoo keenya akka laaffisu, ‘Diyaabilosiif carraa hin kenninu.’ (Efesoon 4:27 dubbisi.) Eeyyee, Diyaabilosiin yoo mormine, kiyyoowwan isaatiin hin qabamnu, eegumsa Yihowaas ni arganna.—Efesoon 6:11.