Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

“Halalummaa Irraa Baqadhaa!”

“Halalummaa Irraa Baqadhaa!”

“Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.”—QOLOSAAYIS 3:5.

1, 2. Balaʼaam saba Yihowaa miidhuuf kan yaale akkamitti?

 NAMICHI qurxummii kiyyeessu tokko bakka gosa qurxummii qabuu barbaadu itti argachuu dandaʼu dhaqa. Wanta qurxummichi jaallatu filachuudhaan kiyyootti hidhee bishaanitti darbata. Achiis obsaan eega, yommuu qurxummichi nyaata sana afaan kaaʼatu, hokkoon kiyyichaa afaan qurxummichaa keessa waan seenuuf ofitti isa harkisee baasa.

2 Haaluma wal fakkaatuun, namoonnis kiyyoodhaan qabamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni yommuu Dirree Moʼaab irra buufatanii turanitti Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf xiqqootu isaan hafa ture. Mootiin Moʼaab namichi maqaan isaa Balaʼaam jedhamu saba Israaʼel yoo isaaf abaare, qarshii hedduu akka isaaf kennu waadaa galeef. Boodas, Balaʼaam karaa itti Israaʼeloonni ofuma isaaniitiin abaarsa of irratti akka fidan gochuu dandaʼu argate. Wanta ittiin isaan gowwoomsu of eeggannoodhaan filate. Dhiirota Israaʼel akka hawwataniif shamarran Moʼaab gara buufata Israaʼelitti erge.—Lakkoofsa 22:1-7; 31:15, 16; Mulʼata 2:14.

3. Israaʼeloonni mala Balaʼaamiin kan kufan akkamitti?

3 Malli Balaʼaam kun isaaf milkaaʼeeraa? Eeyyee. Dhiironni Israaʼel kumaan lakkaaʼaman ‘dubartoota Moʼaabii wajjin ejja’ raawwatan. Akkasumas waaqa saalqunnamtii jibbisiisaa taʼee fi Baʼaal Pheʼor jedhamu dabalatee waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni 24,000 daangaa Biyyattii Abdachiifamtee biratti duʼan.—Lakkoofsa 25:1-9.

4. Israaʼeloonni kumaan lakkaaʼaman halalummaa kan raawwatan maaliifi?

4 Israaʼeloonni hedduun kiyyoo Balaʼaamiin kan qabaman maaliifi? Gammachuu ofii isaanii qofa yaadu turan, akkasumas wanta Yihowaan isaaniif godhe hunda irraanfatanii turan. Israaʼeloonni Waaqayyoof amanamoo taʼuuf sababii hedduu qabu turan. Garbummaa Gibxii jalaa bilisa isaan baaseera, lafa onaatti isaan sooreera, akkasumas gara daangaa Biyyattii Abdachiifamteetti nagaadhaan isaan fideera. (Ibroota 3:12) Taʼus, halalummaadhaan moʼamaniiru. Phaawulos ergamaan, “Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa raawwatanii . . . dhuman, nutis halalummaa raawwachuu irraa haa fagaannu” jechuudhaan barreesseera.—1 Qorontos 10:8.

5, 6. Wanta Dirree Moʼaabitti raawwatame irraa maal barachuu dandeenya?

5 Addunyaa haaraan baayʼee dhihaateera. Kanaafuu, nutis akkuma Israaʼelootaa daangaa Biyyattii Abdachiifamtee bira jirra jechuun ni dandaʼama. (1 Qorontos 10:11) Addunyaan harʼa keessa jiraannu isa bara Moʼaabotaa caalaa saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuudhaan kan guutame dha. Kun immoo saba Yihowaa irratti salphaatti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf malli Diyaabilos itti fayyadamuu fi caalaatti buʼa qabeessa taʼe halalummaa dha.—Lakkoofsa 25:6, 14; 2 Qorontos 2:11; Yihudaa 4.

6 Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Gammachuu xinnoo ofittummaa irratti hundaaʼee fi yeroo gabaabaadhaaf turu argachuu moo addunyaa haaraa keessa gammachuudhaan bara baraaf jiraachuun filadha?’ Ajaja Yihowaan “Halalummaa irraa baqadhaa!” jechuudhaan nuu kenne eeguuf carraaqqii kam iyyuu gochuun faayidaa qaba mitii ree?—1 Qorontos 6:18.

HALALUMMAAN MAALI DHA?

7, 8. Halalummaan maali dha? Dhimma cimaa kan taʼe hoo maaliifi?

7 Namoonni yeroo harʼaa jiraatan hedduun qaanii kan hin qabne dha, seera Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee baaseefis kabaja akka hin qabne ifatti argisiisu. Kitaaba Qulqulluu keessatti halalummaan saalqunnamtii namoota seeraan wal hin fuune gidduutti raawwatamu argisiisa. Akkasumas, saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtii namootaa fi beeladoota gidduutti godhamus ni dabalata. Gocha saalqunnamtii kan jedhamu, saalqunnamtii karaa afaanii ykn munnee raawwatamuu fi fedhii saalqunnamtii guuttachuuf qaama saalaa nama kan biraa tuttuquu taʼuu dandaʼa.—Ibsa Dabalataa 23 ilaali.

8 Kitaabni Qulqulluun namni tokko halalummaa raawwachuu isaa dhiisuu yoo dide, miseensa gumii taʼee itti fufuu akka hin dandeenye ifa godha. (1 Qorontos 6:9; Mulʼata 22:15) Dabalataanis namni halaleen ofii isaatiif kabaja hin qabaatu, namoonni kaanis amantaa isa irratti hin qabaatan. Halalummaan yeroo hunda miidhaa geessisa. Kunis, yeroo baayʼee qalbiin ofii akka nama ceephaʼu gochuu, ulfa hin barbaachisne fiduu, rakkina gaaʼelaa, dhukkubaa fi duʼa illee geessisuu dandaʼa. (Galaatiyaa 6:7, 8 dubbisi.) Namni tokko miidhaa halalummaan geessisu irratti akka gaariitti yoo yaade, tarii halalummaa raawwachuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, yeroo baayʼee namni tokko halalummaa raawwachuuf tarkaanfii jalqabaa kan fudhatu, fedhii ofii isaa guuttachuu qofa waan yaaduufi. Tarkaanfiin jalqabaa kunis yeroo baayʼee poornoogiraafii ilaaluu dabalata.

POORNOOGIRAAFII—TARKAANFII JALQABAA

9. Poornoogiraafiin miidhaa guddaa qaba kan jennu maaliifi?

9 Poornoogiraafiin fedhii saalqunnamtii keenya kakaasuuf yaadamee qophaaʼa. Yeroo harʼaa poornoogiraafiin bakka hundatti, jechuunis barruulee, kitaabota, muuziqaa fi qophiiwwan televizyinii irratti, akkasumas Intarneetii irratti ni argama. Namoonni baayʼeen poornoogiraafiin miidhaa akka hin qabne yaadu, haa taʼu malee, miidhaa guddaa qaba. Namni tokko saalqunnamtiin araada akka itti taʼuu fi fedhiin dogoggoraa keessa isaatti akka uumamu gochuu dandaʼa. Namni tokko poornoogiraafii ilaaluu yommuu amaleeffatu daandii barsiifata maastarbeeshiniitti, rakkina gaaʼelaattii fi wal hiikuutti geessu irra deemuu jalqaba.—Roomaa 1:24-27; Efesoon 4:19; Ibsa Dabalataa 24 ilaali.

Intarneetiitti yommuu fayyadamtu of eeggannoo gochuun ogummaa dha

10. Dhugaan buʼuuraa Yaaqoob 1:14, 15 irra jiru halalummaa irraa fagaachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

10 Halalummaan nu hawwachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuun barbaachisaa dha. Akeekkachiisa Yaaqoob 1:14, 15 irra jiru kana hubadhu: “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama. Achiis hawwiin erga guddatee booda cubbuu dhala; cubbuun yommuu raawwatamu immoo duʼa geessisa.” Kanaafuu, yommuu yaanni dogoggoraa gara sammuu keetti dhufu yeruma sana of keessaa baasi. Akkuma tasaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan yoo argite, irraa garagali! Kompiitara kee cufi ykn chaanaalii televizyinichaa jijjiiri. Hawwiin dogoggoraa jireenya kee keessa akka seenu hin heyyamin. Taʼuu baannaan garuu, hawwiin dogoggoraa keessa kee jiru baayʼee waan guddatuuf toʼachuun baayʼee ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa.—Maatewos 5:29, 30 dubbisi.

11. Yaanni dogoggoraa yommuu gara sammuu keenyaatti dhufu Yihowaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

11 Yihowaan hamma nuti of beeknu caalaa nu beeka. Kanaafuu, hirʼina hammamii akka qabnu beeka. Haa taʼu malee, fedhiiwwan dogoggoraa moʼuu akka dandeenyus beeka. Yihowaan, “Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha” jedheera. (Qolosaayis 3:5) Kana gochuun salphaa taʼuu baatus, Yihowaan obsa nutti argisiisa, akkasumas nu gargaara. (Faarfannaa 68:19) Obboleessi dargaggeessi tokko barsiifata Poornoogiraafii ilaaluu fi maastarbeeshinii raawwachuutiin qabamee ture. Michoonni mana barumsaa isaa wantoonni akkasii baramaa akka taʼanii fi wanta dargaggeessa guddachaa jiru tokko mudatu akka taʼe kan isaanitti dhagaʼamu taʼus, inni garuu, “Barsiifatawwan kun qalbii koo waan miidhaniif, jireenya halalummaa keessa seeneen ture” jedheera. Obboleessi kun fedhii isaa toʼachuu akka qabu kan hubate yeroo taʼu, gargaarsa Yihowaatiin barsiifata kana irraa bilisa taʼeera. Wanta naamusaan ala taʼe kan yaaddu yoo taʼe, yaada qulqulluu qabaachuuf, Yihowaan, ‘humna humna caalu’ akka siif kennu gaafadhu.—2 Qorontos 4:7; 1 Qorontos 9:27.

12. ‘Garaa keenya eeggachuu’ kan qabnu maaliifi?

12 Solomoon, “Maddi jireenyaa isa keessaa waan argamuuf, wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 4:23) ‘Garaan’ keenya namummaa keenya isa keessaa argisiisa, Yihowaanis kan ilaalu isa dha. Wanti ilaallu dhiibbaa guddaa nu irratti gochuu dandaʼa. Iyyoob inni amanamaan, “Ani ija koo wajjin kakuu galeera. Akkamittan durbaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane kenna ree?” jedheera. (Iyyoob 31:1) Akkuma Iyyoob, nutis wanta ilaalluu fi wanta yaannu toʼachuu qabna. Akkasumas akkuma faarfatichaa, “Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi” jennee kadhanna.—Faarfannaa 119:37.

FILANNOO DIINAA ISA OGUMMAA IRRATTI HIN HUNDOOFNE

13. Diinaan michoota akkamii filattee turte?

13 Michoonni keenya karaa gaarii taʼeen ykn karaa gadhee taʼeen dhiibbaa guddaa nu irratti gochuu dandaʼu. Michoota ulaagaa Waaqayyoo hordofan yoo filanne, nutis akkuma isaanii akka goonu nu gargaaruu dandaʼu. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33 dubbisi.) Michoota ilaalchisee filannaan goonu hangam barbaachisaa akka taʼe, wanta Diinaa irra gaʼe irraa hubachuu ni dandeenya. Ishiin intaloota Yaaqoob keessaa tokko waan turteef, maatii Yihowaa waaqeffatu keessatti guddatte. Diinaan nama naamusa hin qabne hin turre, haa taʼu malee, shamarran Kanaʼaanotaa warra Yihowaa hin waaqeffannetti michoomte. Kanaʼaanonni saalqunnamtiidhaaf ilaalcha saba Waaqayyoo irraa baayʼee adda taʼe kan qaban yeroo taʼu, halalummaa raawwachuudhaan beekamu turan. (Leewwota 18:6-25) Diinaan michoota ishii wajjin utuu jirtuu, dargaggeessa Kanaʼaan Sheekem jedhamuu wajjin kan wal argite yeroo taʼu, innis ishii jaallate. Sheekem maatii isaa keessatti dargaggeessa, “hundumaa caalaa kabajamaa” akka taʼetti ilaalama ture. Taʼus, Yihowaa hin jaallatu ture.—Uumama 34:18, 19.

14. Diinaa irra maaltu gaʼe?

14 Sheekem wanta baramaa taʼee fi fudhatama qabu isatti fakkaatu raawwate. Diinaa waan jaallateef, “fudhatee dirqisiisee ishii gudeede.” (Uumama 34:1-4 dubbisi.) Yakki kun rakkinoota walitti aananii dhufan hedduu kan geessise yommuu taʼu, kunis Diinaa fi guutummaa maatii ishii irratti gadda guddaa geessiseera.—Uumama 34:7, 25-31; Galaatiyaa 6:7, 8.

15, 16. Ogeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Ulaagaaleen naamusaa Yihowaa gaarii akka taʼan barachuuf jennee dogoggora Diinaan raawwatte raawwachuu hin barbaannu. “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.” (Fakkeenya 13:20) “Guutummaa daandii wanta gaarii taʼee” hubachuuf galma baafadhu, taanaan, dhiphinaa fi rakkina hin barbaachisne ni baraaramta.—Fakkeenya 2:6-9; Faarfannaa 1:1-3.

16 Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, murtoo gochuu keenya dura kadhannaa isatti dhiheessuu fi gorsa gaarii garbichi amanamaanii fi ogeessi nuuf kennu hordofuudhaan ogeeyyii taʼuu ni dandeenya. (Maatewos 24:45; Yaaqoob 1:5) Dhugaa dha, hundi keenya dadhaboo fi mudaa kan qabnu akka taane beekta. (Ermiyaas 17:9) Haa taʼu malee, namni tokko halalummaa raawwachuudhaaf akka saaxilamte yoo si akeekkachiise deebii akkamii kennita? Ni mufatta moo gad of qabdee gargaarsa fudhatta?—2 Mootota 22:18, 19.

17. Fakkeenya gorsi Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko nuuf kennu akkamitti nu gargaaruu akka dandaʼu argisiisu kenni.

17 Fakkeenyaaf, mee haala kana yaadaan ilaali. Obboleettiin takka bakka hojii ishiitti namichi tokko xiyyeeffannaa addaa ishiidhaaf kennuu jalqabe, akka isaa wajjin yeroo dabarsitus ishii affeere. Namichi kun Yihowaa hin tajaajilu, haa taʼu malee, nama baʼeessaa fi gaarummaa qabu fakkaata. Obboleettiin kan biraan utuu isaan waliin jiranii isaan argite, boodas ishii akeekkachiisuuf yaalte. Obboleettiin tun akkamitti deebii kenniti laata? Sirrii taʼuu ishii argisiisuuf falmiti moo akeekkachiisni sun ogummaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe hubatti? Obboleettiin tun Yihowaa ni jaallatti, akkasumas wanta sirrii taʼe gochuu ni barbaaddi taʼa. Haa taʼu malee, nama kanaa wajjin yeroo dabarsuu ishii yoo itti fufte, ‘halalummaa irraa baqachaa’ jirti moo ‘garaa ishiitti amanamaa’ jirti?—Fakkeenya 22:3; 28:26; Maatewos 6:13; 26:41.

FAKKEENYA YOSEEF IRRAA BARADHU

18, 19. Yoseef halalummaa irraa akkamitti akka baqate ibsi.

18 Yoseef dargaggeessa yeroo turetti garbicha taʼee Gibxii keessa jiraata ture. Haati manaa gooftaa isaa ishii wajjin saalqunnamtii akka raawwatu guyyaa guyyaadhaan isa gaafatti turte; Yoseef garuu kana gochuun dogoggora akka taʼe beeka ture. Yoseef Yihowaa ni jaallata, isa gammachiisuus ni barbaada. Kanaafuu, Yoseef yeroo dubartittiin isa sossobuuf yaalte hundumaatti dideera. Inni garbicha waan tureef, salphaatti gooftaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu ture. Guyyaa tokko haati manaa gooftaa isaa ishii wajjin saalqunnamtii akka raawwatu isa dirqisiisuuf yommuu yaaltu, “alatti baqate.”—Uumama 39:7-12 dubbisi.

19 Yoseef utuu waaʼee halalummaa yaadaa ykn utuu waaʼee ishii xiinxalaa ture taʼee, wanta kana irraa adda taʼetu raawwatama ture. Haa taʼu malee, Yoseef wanta kam iyyuu caalaa hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa kenna ture. Dubartittiidhaan akkana jedhe: “Gooftaan koo . . . anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”—Uumama 39:8, 9.

20. Yihowaan Yoseefitti gammadee akka ture akkamitti beekna?

20 Yoseef maatii fi mana isaa irraa fagaatee kan jiraatu taʼus, yeroo hundumaa Waaqayyoof amanamaa ture, Yihowaanis isa eebbiseera. (Uumama 41:39-49) Yihowaan amanamummaa Yoseef argisiisetti gammadeera. (Fakkeenya 27:11) Halalummaa mormuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yaada, “Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa. Inni lubbuu warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega; harka hamootaa jalaas isaan ni oolcha” jedhu yaadadhu.—Faarfannaa 97:10.

21. Obboleessi dargaggeessi tokko fakkeenya Yoseef kan hordofe akkamitti?

21 Sabni Yihowaa guyyaa guyyaadhaan, ‘Wanta hamaa akka jibbanii’ fi ‘wanta gaarii akka jaallatan’ ija jabinaan ni argisiisu. (Amoos 5:15) Umuriin kee hammam iyyuu yoo taʼe, Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu ni dandeessa. Obboleessi dargaggeessi tokko mana barumsaatti amantiin isaa qoramee ture. Shamarreen takka qorumsa herregaa yoo inni ishii gargaare saalqunnamtii akka isaa wajjin raawwattu isatti himte. Obboleessi kun maal godhe ree? Akkuma Yoseef godhe. Akkana jedheera: “Affeerraa ishii yeruma sanan dide. Amanamummaa koo eeguudhaan, ulfinaa fi kabajan ofiif qabu eegeera.” Halalummaa raawwachuudhaan ‘gammachuun yeroo muraasaaf’ argamu kam iyyuu, yeroo baayʼee rakkinaa fi gadda guddaa geessisa. (Ibroota 11:25) Yihowaadhaaf ajajamuun yeroo hundumaa gammachuu itti fufiinsa qabu argamsiisa.—Fakkeenya 10:22.

YIHOWAAN AKKA SI GARGAARU HEYYAMI

22, 23. Cubbuu cimaa yoo raawwanne illee Yihowaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

22 Seexanni halalummaatti fayyadamee kiyyootti nu galchuuf yaalii godha, kun immoo rakkina guddaa taʼuu dandaʼa. Hundi keenya darbee darbee yaada dogoggoraa ni qabaanna. (Roomaa 7:21-25) Yihowaan kana ni hubata, “biyyoo taʼuu keenyas” ni yaadata. (Faarfannaa 103:14) Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa, jechuunis halalummaa yoo raawwate hoo? Haalli isaa abdii hin qabu jechuudhaa? Lakki. Namni tokko dhugumaan yoo yaada geddarate Yihowaan isa gargaara. Waaqayyo, ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ dha.—Faarfannaa 86:5; Yaaqoob 5:16; Fakkeenya 28:13 dubbisi.

23 Kana malees, Yihowaan, ‘namoota kennaa’ taʼan, jechuunis jaarsolii jaalalaan nu kunuunsan nuuf kenneera. (Efesoon 4:8, 12; Yaaqoob 5:14, 15) Hariiroo isaa wajjin qabnu deebisnee akka haaressinu nu gargaaruuf jaarsoliitti fayyadama.—Fakkeenya 15:32.

“HUBANNAA” QABAADHU

24, 25. ‘Hubannaan’ halalummaa irraa fagaachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

24 Murtoo gaarii gochuuf, seerri Yihowaa akkamitti akka nu fayyadu hubachuu qabna. Akka dargaggeessa Fakkeenya 7:6-23 irratti ibsame sanaa taʼuu hin barbaannu. Inni “hubannaa” waan dhabeef, kiyyoo halalummaatiin qabameera. Hubannaan beekumsa sammuu irra ni caala. Hubannaa yommuu qabaannu, ilaalcha Waaqayyoo hubachuu fi jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuuf carraaqna. Jechoota ogummaa irratti hundaaʼanii fi “Namni hubannaa qabu kam iyyuu ofiif jaalala qaba. Namni hubannaadhaaf bakka guddaa kennu kam iyyuu milkaaʼina argata” jedhan kana yaadadhu.—Fakkeenya 19:8.

25 Ulaagaaleen Waaqayyoo sirrii taʼuu isaanii guutummaatti amanteettaa? Isaan hordofuun hoo gammachuu akka siif argamsiisu dhugumaan ni amantaa? (Faarfannaa 19:7-10; Isaayyaas 48:17, 18) Hamma ammaatti mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte, wantoota gaggaarii Yihowaan siif godhe hunda yaadadhu. ‘Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamii ilaali.’ (Faarfannaa 34:8) Kana gochuu kee yoo itti fufte, caalaatti Waaqayyoon akka jaallattu hubachuu dandeessa. Wanta inni jaallatu jaalladhu, wanta inni jibbu immoo jibbi. Sammuu kee yaadawwan gaarii taʼaniin, jechuunis wanta dhugaa taʼeen, wanta qajeelaa taʼeen, wanta qulqulluu taʼeen, wanta jaallatamaa taʼee fi wanta gaarii taʼeen guuti. (Filiphisiyus 4:8, 9) Nutis akkuma Yoseef isa ogummaa Yihowaa irraa faayidaa argatee taʼuu dandeenya.—Isaayyaas 64:8.

26. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

26 Qeenxees taate gaaʼela kan qabdu yoo taʼe, Yihowaan jireenya keetti sirriitti akka itti fayyadamtuu fi gammachuu akka argattu barbaada. Boqonnaawwan itti aanan lamaan odeeffannoowwan gaaʼela keenya keessatti milkaaʼina argachuuf nu gargaaran qabataniiru.