Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 15

Hojii Keetti Gammadi

Hojii Keetti Gammadi

“Namni hundi . . . hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru.”—LALLABA 3:13.

1-3. (a) Namoonni baayʼeen waaʼee hojii isaanii maaltu itti dhagaʼama? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

 NAMOONNI addunyaa mara irra jiran, ofii isaanii fi maatii isaanii gargaaruuf jabaatanii hojjetu. Namoonni baayʼeen hojii isaanii hin jaallatan, tokko tokko immoo guyyaa guyyaadhaan bakka hojii isaanii dhaquun isaan yaaddessa. Atis akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, hojii keetti caalaatti gammaduuf maal gochuu dandeessa? Hojii keetiif miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?

2 Yihowaan, “Namni hundi nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru. Kun kennaa Waaqayyoo ti” jedheera. (Lallaba 3:13) Yihowaan hojii hojjechuun akka nu barbaachisuu fi hojjechuuf fedhii akka qabaannu godhee nu uume. Inni wanta hojjennuuf miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu barbaada.—Lallaba 2:24; 5:18 dubbisi.

3 Maarree, hojii keenyatti gammaduuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Kiristiyaanonni hojiiwwan akkamii hojjechuu irraa of qusachuu qabu? Hojii keenya waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuu wajjin wal madaalchisuu kan dandeenyu akkamitti? Hojiin hunda caalaa barbaachisaa taʼee fi hojjechuu dandeenyu hoo isa kami?

HOJJETTOOTA GUGUDDAA LAMAAN

4, 5. Yihowaan hojiidhaaf ilaalcha akkamii qaba?

4 Yihowaan iyyuu hojjechuu jaallata. Uumamni 1:1, “Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume” jedha. Waaqayyo lafaa fi wantoota lafa irra jiran hundumaa uumee erga xumuree booda, wantoonni inni uume “baayʼee gaarii” akka turan dubbateera. (Uumama 1:31) Uumaan keenya wanta hojjetetti gammadeera.—1 Ximotewos 1:11.

5 Yihowaan matumaa hojjechuu dhaabee hin beeku. Yesuus, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira” jedheera. (Yohaannis 5:17) Wantoota dinqisiisoo Yihowaan hojjechaa turee fi hojjechaa jiru hunda beekuu baannus, muraasa isaanii garuu beekna. Namoota Ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjin Mootummaa isaa keessatti bulchan filachaa tureera. (2 Qorontos 5:17) Kana malees, Yihowaan dammaqinaan namootaaf qajeelfama kennaa fi kunuunsaa jira. Hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuun kan kaʼe, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Yihowaa beekuu fi lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuuf abdii qabaachuu dandaʼaniiru.—Yohaannis 6:44; Roomaa 6:23.

6, 7. Yesuus hojjetaa akkamii ti?

6 Yesuusis akkuma Abbaa isaa hojjechuu jaallata. Gara lafaa dhufuu isaa dura, “hojjetaa [Waaqayyoo] dandeettii qabu” taʼee wantoota samii fi lafa irra jiran hundumaa uumuu irratti hirmaateera. (Fakkeenya 8:22-31; Qolosaayis 1:15-17) Yesuus yeroo lafa irra turettis jabaatee hojjechuu isaa itti fufeera. Yeroo dargaggeessa turetti, tarii miʼa manaa hojjechuu fi manneen ijaaruudhaan anaaxii ogummaa qabu taʼeera. Yesuus hojii isaa akka gaaritti waan hojjetuuf, “anaaxicha” jedhamee beekama ture.—Maarqos 6:3.

7 Taʼus, hojiin Yesuus lafa irratti hojjete inni hunda caalu, misiraachicha lallabuu fi waaʼee Yihowaa namoota barsiisuu ture. Tajaajila isaa xumuruuf waggaa sadii fi walakkaa qofa waan qabuuf, ganama bariidhaa kaasee hamma halkaniitti hojjeta ture. (Luqaas 21:37, 38; Yohaannis 3:2) Yesuus hamma isaaf dandaʼametti misiraachicha namoota hedduudhaaf lallabuuf jecha, daandii awwaara qabu irra kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu deemeera.—Luqaas 8:1.

8, 9. Yesuus hojii isaatti kan gammadu maaliif ture?

8 Yesuus hojii Waaqayyoo hojjechuu akka nyaataatti lakkaaʼa ture. Hojiin kun humnaa fi jabina isaaf kenneera. Yesuus nyaata nyaachuuf illee utuu hin boqotin guyyoota dhimmee itti hojjechaa oole qaba ture. (Yohaannis 4:31-38) Warri kaan waaʼee Abbaa isaa akka baratan gargaaruuf carraa argate hundatti fayyadameera. Yihowaadhaan, “Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree lafa irratti ulfina siif kenneera” kan jedhe kanaaf ture.—Yohaannis 17:4.

9 Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaa fi Yesuus dhimmanii hojjetu, hojii isaanitti miirri gaariin isaanitti dhagaʼama, akkasumas itti gammadu. Nutis ‘Waaqayyoon fakkaachuu’ fi ‘faana Yesuus dhiheenyatti hordofuu’ barbaanna. (Efesoon 5:1; 1 Pheexiros 2:21) Jabaannee hojjechuu fi hojii keenya hundumaa garaa guutuudhaan raawwachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda kan goonu kanaafi.

HOJII KEENYAAF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABNA?

10, 11. Hojii keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

10 Saba Yihowaa waan taaneef, ofii keenyaa fi maatii keenya gargaaruuf jabaannee hojjenna. Hojii keenyaaf miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu barbaanna, taʼus kana gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Maarree hojii keenyatti hin gammadnu yoo taʼe, maal gochuu dandeenya?

Ilaalcha gaarii qabaachuun hojiin kam iyyuu gammachiisaa akka taʼu gochuu dandaʼa

11 Ilaalcha gaarii qabaadhu. Bakka itti hojjennu ykn hammam akka hojjennu jijjiiruu hin dandeenyu taʼa, ilaalcha keenya garuu jijjiiruu ni dandeenya. Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu hubachuun keenya nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan mataan maatii tokko, wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuuf hamma isaaf dandaʼame akka hojjetu isa irraa eega. Kitaabni Qulqulluun, namni wanta maatii isaatiif barbaachisu hin dhiheessine tokko, “nama amantii hin qabne irra kan hammaatu” akka taʼe dubbata. (1 Ximotewos 5:8) Mataa maatii yoo taate, wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessuuf jabaattee hojjetta. Hojii kee jaallattus jaallachuu baattus, wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessuudhaan Yihowaa gammachiisaa akka jirtu beekta.

12. Jabaannee hojjechuu fi amanamoo taʼuun kan nu fayyadu akkamitti?

12 Jabaadhuu hojjedhu, akkasumas amanamaa taʼi. Kun hojii keetti gammaduun salphaa akka siif taʼu gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:24; 22:29) Tokkoffaa, namni qacaree si hojjechiisu akka si amanu taasisa. Hojjechiiftonni hojjettoota amanamoo qarshii, miʼa ykn yeroo hin hanneef iddoo guddaa kennu. (Efesoon 4:28) Hunda caalaa immoo, jabaattee hojjechuu fi amanamaa taʼuu kee Yihowaan ni hubata. Waaqa kee isa jaallattu gammachiisaa akka jirtu waan beektuuf, “qalbii qulqulluu” qabaachuu dandeessa.—Ibroota 13:18; Qolosaayis 3:22-24.

13. Bakka hojiitti amanamoo taʼuun keenya buʼaa kan biraa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

13 Amalli bakka hojiitti argisiistu Yihowaadhaaf ulfina fiduu akka dandaʼu hubadhu. Kunis hojii keenyaaf miira gaarii qabaachuuf sababii kan biraa nuuf taʼa. (Tiitoo 2:9, 10) Fakkeenya gaarii taʼuu keetiin kan kaʼe, namoota si wajjin hojjetan keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii argisiisuu dandaʼa.—Fakkeenya 27:11; 1 Pheexiros 2:12 dubbisi.

HOJII AKKAMIIN FILACHUU QABA?

14-16. Yeroo hojii filannutti maal tilmaama keessa galchuu nu barbaachisa?

14 Kitaabni Qulqulluun hojii Kiristiyaanni tokko hojjechuu qabu ykn hin qabne hundumaa hin ibsu. Haa taʼu malee, hojii ilaalchisee dhugaawwan buʼuuraa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaran qabateera. (Fakkeenya 2:6) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan, gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeenya.

Hojii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal hin faallessine barbaaddadhu

15 Hojiin kun wanta Yihowaan dogoggora akka taʼe dubbate tokko akkan hojjedhu na taasisaa? Waaʼee gochawwan Yihowaan jibbuu, kan akka hatuu fi sobuu jiran baranneerra. (Baʼuu 20:4; Hojii Ergamootaa 15:29; Efesoon 4:28; Mulʼata 21:8) Kanaafuu, hojii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal faallessu kam irraa iyyuu fagaachuu qabna.—1 Yohaannis 5:3 dubbisi.

16 Hojiin kun gocha Yihowaan balaaleffatu tokko ni deggeraa ykn ni jajjabeessaa? Fakkeenyaaf, kiliinika ulfa baasuun keessatti raawwatamutti hojii keessummeessaa taʼuu yoo argatte hoo? Keessummeessaa taʼanii hojjechuun dogoggora tokko iyyuu hin qabu. Haa taʼu malee, waaʼee ulfa baasuu Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu beekta. Kanaafuu, ati kallattiidhaan ulfa baasuu irratti kan hin hirmaanne yoo taʼe illee, akka ilaalcha Yihowaatti yakka kana irratti akka hirmaatte sitti hin dhagaʼamuu?—Baʼuu 21:22-24.

17. Murtoo Waaqayyoon gammachiisu gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

17 Dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyootti fayyadamuudhaan, akka namoota Ibroota 5:14 irratti caqasamanii fi “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii” taʼuu dandeenya. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hojii kana yoon hojjedhe namoonni kaan ni gufatuu? Hojiin kun hiriyaa gaaʼelaa koo fi ijoollee koo dhiisee biyya kan biraa akkan deemu na gaafataa? Kun hoo isaan irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?’

‘WANTOOTA CAALAATTI BARBAACHISOO TAʼAN ADDA BAASII BEEKI’

18. Waaqeffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu keenya itti fufuun rakkisaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

18 ‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kanatti waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuf iddoo tokkoffaa kennuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. (2 Ximotewos 3:1) Hojii argachuu fi hojii sana akka hin dhabne gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maatii keenya kunuunsuu qabna; waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessinu garuu iddoo tokkoffaa qabaachuu akka qabu beekna. Qabeenyi jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu heyyamuu hin qabnu. (1 Ximotewos 6:9, 10) Maarree ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuu’ fi wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti?—Filiphisiyus 1:10.

19. Yihowaatti amanamuun hojii keenyaa wajjin haala wal qabateen madaallii keenya eeguuf kan nu gargaaru akkamitti?

19 Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami. (Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.) Waaqayyo wanta dhugumaan nu barbaachisu akka beekuu fi waaʼee keenya garaadhaa akka yaadu beekna. (Faarfannaa 37:25; 1 Pheexiros 5:7) Dubbiin isaa akkana jedha: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa. Sababiin isaas [Waaqayyo], ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera.” (Ibroota 13:5) Yihowaan wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf yeroo hundumaa akka yaaddofnu hin barbaadu. Inni wanta saba isaatiif barbaachisu dhiheessuu akka dandaʼu irra deddeebiʼee mirkaneesseera. (Maatewos 6:25-32) Haalli hojii keenyaa maal iyyuu yoo taʼe, Dubbii Waaqayyoo yeroo hundumaa ni qoʼanna, misiraachicha ni lallabna, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irrattis ni hirmaanna.—Maatewos 24:14; Ibroota 10:24, 25.

20. Jireenya keenya salphaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate haa taʼu. (Maatewos 6:22, 23 dubbisi.) Kana jechuun Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf, jireenya kee salphaa gochuu jechuu dha. Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu caalaa qarshiidhaaf, jireenya qananiitiif ykn meeshaawwan elektirooniksii ammayyaatiif iddoo guddaa kennuun gowwummaa dha. Maarree wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuuf maaltu nu gargaara? Liqii keessa galuu dhiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna. Liqiin si irra jira yoo taʼe, hirʼisuuf ykn guutummaatti kaffaluuf karoora gaarii baafadhu. Of eeggannoo hin goonu taanaan, qabeenyaaf xiyyeeffannaa kennuun, yeroo fi humna keenya gara caalaa isaa waan fudhatuuf, kadhannaa dhiheessuuf, qoʼachuuf ykn lallabuuf yeroo dhabuu dandeenya. Qabeenyaaf iddoo guddaa kennuun, jireenya keenya wal xaxaa akka godhu heyyamuu mannaa, wantoota buʼuuraa kan akka ‘nyaataa fi uffataatiin’ gammannee jiraachuu barachuu barbaanna. (1 Ximotewos 6:8) Kana malees, haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe, karaa itti Yihowaa caalaatti tajaajiluu dandeenyu argachuuf, yeroodhaa gara yerootti haala keessa jirru qoruun gaarii dha.

21. Wanta jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf murteessuu kan qabnu maaliifi?

21 Wantoota dursi kennamuufii qabu adda baafadhu. Yeroo, humnaa fi qabeenya keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu barbaanna. Of eeggannoo hin goonu taanaan, wantoonni baayʼee barbaachisoo hin taane, kan akka barumsaa ykn qarshii yeroo keenya isa gatii guddaa qabu fudhachuu dandaʼu. Yesuus, “Hundumaa dura Mootummicha . . . barbaaduu keessan itti fufaa” jedheera. (Maatewos 6:33) Filannoon goonu, barsiifanni keenya, wantoonni guyyaa guyyaadhaan hojjennuu fi galmi keenya, garaa keenya keessatti iddoo guddaa kan qabu maal akka taʼe argisiisu.

HOJII HOJJECHUU DANDEENYU ISA HUNDA CAALAA BARBAACHISAA TAʼE

22, 23. (a) Kiristiyaanota waan taaneef, hojii hunda caalaa barbaachisaa isa kam hojjechuu dandeenya? (b) Hojii keenyatti gammaduuf maaltu nu gargaara?

22 Hojiin keenya inni hunda caalaa barbaachisaa taʼe, Yihowaa tajaajiluu fi misiraachicha warra kaaniif lallabuu dha. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Akkuma Yesuus nutis hojii kana irratti wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu barbaanna. Namoonni tokko tokko bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf deemaniiru. Warri kaan immoo namoota qooqa biyya alaa dubbataniif lallabuuf, qooqa isaanii barachaa jiru. Atis warra akkas godhan haasofsiisi, akkasumas waaʼee kanaa isaan gaafadhu. Jireenyi isaanii caalaatti gammachiisaa fi kaayyoo kan qabu akka taʼe sitti himuu dandaʼu.—Fakkeenya 10:22 dubbisi.

Yihowaa tajaajiluun hojii hunda caalaa barbaachisaa hojjechuu dandeenyu dha

23 Yeroo harʼaa baayʼeen keenya, wantoota buʼuuraa maatii keenyaaf barbaachisan dhiheessuuf qofa hojii irratti saʼaatii dheeraa dabarsina ykn hojii dabalataa hojjenna. Yihowaan kana ni hubata, maatii keenya kunuunsuuf wanta nuti hojjennu hundumaas ni dinqisiifata. Kanaafuu, hojiin hojjennu maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya jabaannee hojjechuudhaan fakkeenya Yihowaa fi Yesuus haa hordofnu. Akkasumas hojiin keenya inni guddaan, Yihowaa tajaajiluu fi misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu akka taʼe haa yaadannu. Kunis gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa.