Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 17

Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhu

Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhu

“Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of ijaaraa . . . kunis . . . jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf isin gargaara.”—YIHUDAA 20, 21.

1, 2. Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuuf maal gochuu dandeenya?

 HUNDI keenya cimoo fi fayya buleeyyii taʼuu barbaanna. Kanaafuu, nyaata gaarii nyaachuu, yeroo hundumaa sochii qaamaa gochuu fi qaama keenya kunuunsuuf yaalii goona. Kana gochuun carraaqqii kan gaafatu taʼus, buʼaa isaatti waan gammadnuuf, abdii kutannee hin dhiisnu. Haa taʼu malee, karaa kan biraatiinis cimoo fi fayya buleeyyii taʼuu nu barbaachisa.

2 Yihowaa beekuudhaan haala gaariidhaan kan jalqabne taʼus, hariiroon isaa wajjin qabnu caalaatti cimaa taʼee akka itti fufu gochuu qabna. Yihudaan, ‘jaalala Waaqayyoo keessatti akka of eegan’ Kiristiyaanota yommuu jajjabeessu, akkamitti kana gochuu akka dandaʼan ibseera. “Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of ijaaraa” isaaniin jedheera. (Yihudaa 20, 21) Maarree amantiin keenya cimaa akka taʼu ijaaruu kan dandeenyu akkamitti?

AMANTII KEESSAN IJAARUU ITTI FUFAA

3-5. (a) Seexanni waaʼee ulaagaalee Yihowaa maaltu akka sitti dhagaʼamu barbaada? (b) Waaʼee seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Yihowaa maaltu sitti dhagaʼama?

3 Karaawwan Yihowaa hunda caalaa gaarii akka taʼan dhuunfaatti mirkanaaʼaa taʼuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Seexanni ulaagaalee Waaqayyoo eeganii jiraachuun baayʼee ulfaataa akka taʼe, akkasumas wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe ofii keetiif yoo murteeffatte caalaatti gammachuu akka argattu gootee akka yaaddu barbaada. Seexanni dhaaba Eedan keessaa jalqabee namoonni yaada kana akka amanan gochuuf yaalaa tureera. (Uumama 3:1-6) Yeroo harʼaas kana gochuuf yaalii cimaa gochaa jira.

4 Yaadni Seexanaa kun sirriidhaa? Ulaagaaleen Yihowaa garmalee nama hacuucuu? Lakki. Kana fakkeenyaan ibsuuf, paarkii baayʼee bareedaa taʼe tokko keessa adeemaa akka jirtu godhii yaadi. Achiis dallaa ol dheeraa iddoo taʼe tokkotti akka hin seenne dhorku argite. Tarii ‘Dallaan kun karaa koo kan cufe maaliifi?’ jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, yeruma sana leenci tokko dallaa sana keessaa yommuu baroodu dhageesse. Yeroo kanatti waaʼee dallaa sanaa maaltu sitti dhagaʼama? Irbaata leencaa akka hin taane si eeguu isaatti ni galateeffata! Dhugaawwan buʼuuraa Yihowaa dallaa sanaa wajjin kan wal fakkaatan yeroo taʼu, Diyaabilos immoo leenca sanaa wajjin wal fakkaata. Dubbiin Waaqayyoo, “Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa! Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—1 Pheexiros 5:8.

5 Yihowaan jireenya hunda caalaa gaarii taʼe akka jiraannu barbaada. Seexanaan akka gowwoomfamnu hin barbaadu. Nu eeguu fi gammadoo akka taanuuf, seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa kan nuuf kenne kanaafi. (Efesoon 6:11) Yaaqoob, “Namni seera mudaa hin qabne isa bilisummaa argamsiisu sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu, . . . wanta raawwatetti ni gammada” jedhee barreesseera.—Yaaqoob 1:25.

6. Karaawwan Waaqayyoo hunda caalaa gaarii akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Qajeelfama Yihowaa yommuu hordofnu, jireenyi keenya ni fooyyaʼa, akkasumas michummaan isaa wajjin qabnu caalaatti cima. Fakkeenyaaf, yeroo hundumaa kadhannaa akka isatti dhiheessinu affeerraa inni nuuf dhiheesse yommuu fudhannu faayidaa arganna. (Maatewos 6:5-8; 1 Tasalonqee 5:17) Isa waaqeffachuuf akka walitti qabamnuu fi akka wal jajjabeessinu qajeelfama inni nuu kenneef yommuu ajajamnu, akkasumas hojii lallabuu fi barsiisuu irratti guutummaatti yommuu hirmaannu gammachuu arganna. (Maatewos 28:19, 20; Galaatiyaa 6:2; Ibroota 10:24, 25) Amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu wantoonni kun akkamitti akka nu gargaaran yommuu yaannu, karaawwan Yihowaa hunda caalaa gaarii akka taʼan guutummaatti mirkanaaʼoo taana.

7, 8. Qorumsa gara fuulduraatti dhufuu dandaʼu ilaalchisee akka hin yaaddofne maaltu nu gargaara?

7 Tarii gara fuulduraatti qorumsi amantii baayʼee ulfaataa taʼe nu mudachuu dandaʼa jennee yaaddofna taʼa. Akkas sitti dhagaʼama taanaan, dubbii Yihowaan akkana jechuudhaan dubbate yaadadhu: “Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha. Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan utuu dhageesseetta taʼee akkam gaarii ture! Silaa nagaan kee akkuma lagaa, qajeelummaan kees akkuma dambalii galaanaa ni taʼa.”—Isaayyaas 48:17, 18.

8 Yihowaadhaaf yommuu ajajamnu, nagaan keenya akka laga hin gognee taʼa, qajeelummaan keenyas akka dambalii galaanaa utuu wal irraa hin kutin gara qarqaraatti yaaʼuu taʼa. Jireenya keenya keessatti wanti kam iyyuu yoo nu mudate amanamoo taʼuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jechuudhaan abdii kenna.—Faarfannaa 55:22.

‘GARA BILCHINAATTI DEEMUUF CARRAAQQII GODHI’

9, 10. Bilchaataa taʼuu jechuun maal jechuu dha?

9 Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsaa yommuu deemtu ‘gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii goota.’ (Ibroota 6:1) Bilchaachuu jechuun maal jechuu dha?

10 Umuriin keenya waan dabaleef qofa Kiristiyaana bilchaataa taʼuu hin dandeenyu. Bilchaataa taʼuuf, Yihowaan Michuu keenya isa hunda caalu akka taʼu gochuu fi ilaalcha inni qabu qabaachuuf carraaquu qabna. (Yohaannis 4:23) Phaawulos, “Warri akka fooniitti jiraatan, sammuun isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata; warri akka hafuuraatti jiraatan garuu, sammuun isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata” jedhee barreesseera. (Roomaa 8:5) Namni bilchaataan tokko jireenyi isaa gammachuu ykn wantoota foonii irratti akka xiyyeeffatu hin godhu. Kanaa mannaa, Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffata, akkasumas jireenya isaa keessatti filannoo ogummaa irratti hundaaʼe godha. (Fakkeenya 27:11; Yaaqoob 1:2, 3 dubbisi.) Wanta dogoggoraa akka raawwatuuf dhiibbaan akka isa irratti godhamu hin heyyamu. Namni bilchaataan wanta sirrii taʼe beeka, wanta sana gochuufis kutataa dha.

11, 12. (a) Phaawulos, “dandeettii hubannaa” Kiristiyaana tokkoo ilaalchisee maal jedheera? (b) Kiristiyaana bilchaataa taʼuun, atleetii taʼuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

11 Bilchaataa taʼuun carraaqqii gochuu gaafata. Phaawulos ergamaan, “Nyaanni jabaan garuu kan namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanii ti” jedhee barreesseera. (Ibroota 5:14) Jechi ‘leenjisuu’ jedhu, leenjii atleetiin tokko godhu akka yaadnu nu gochuu dandaʼa.

12 Sochii atleetiin ogummaa qabu tokko godhu yommuu ilaallu, ogummaa kana horachuun yeroo dheeraa fi leenjii akka isa gaafate ni hubanna. Namni kun atleetii taʼee hin dhalanne. Mucaan tokko yommuu dhalatu, harka isaa fi luka isaa akkamitti akka itti fayyadamu hin beeku. Yeroo booda garuu, wanta tokko akkamitti akka qabuu fi akkamitti akka deemu barata. Leenjii fudhachuudhaan atleetii taʼuu ni dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaana bilchaataa taʼuun yeroo nutti fudhata, akkasumas leenjii gochuu nu gaafata.

13. Akka Yihowaan yaadutti yaaduu barachuuf maaltu nu gargaara?

13 Kitaaba kana keessatti akka Yihowaan yaadutti yaaduu fi ilaalcha inni wantoota tokko tokkoof qabu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanneerra. Akkasumas ulaagaalee Yihowaa dinqisiifachuu fi jaallachuu baranneerra. Murtoo yommuu goonu akkana jennee of gaafanna: ‘Haala kana keessatti seerawwan ykn dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warra kamfaatu hojii irra oola? Hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Yihowaan maal akkan godhu barbaada?’—Fakkeenya 3:5, 6; Yaaqoob 1:5 dubbisi.

14. Amantii keenya guddifachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

14 Amantii Yihowaa irratti qabnu guddifachuu keenya matumaa dhaabuu hin qabnu. Akkuma nyaata madaalamaa nyaachuun qaama keenya cimsachuuf nu gargaaru, waaʼee Yihowaa barachuunis amantii cimaa guddifachuuf nu gargaara. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu jalqabne, waaʼee Yihowaa fi waaʼee karaawwan isaa dhugaawwan buʼuuraa baranneerra. Yeroon yommuu darbaa deemu garuu, wantoota gad fagoo taʼan hubachuu nu barbaachisa. Phaawulos, ‘Nyaanni jabaan kan namoota bilchaatoo taʼanii ti’ yommuu jedhu waaʼee kanaa dubbachuu isaa ture. Wanta baranne hojii irra oolchuudhaan ogummaa qabaachuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe [dha]” jedha.—Fakkeenya 4:5-7; 1 Pheexiros 2:2.

15. Yihowaa fi obboloota keenya dhugumaan jaallachuun keenya hangam barbaachisaa dha?

15 Namni tokko cimaa fi fayya buleessa taʼuu dandaʼa taʼa, akkuma kanaan itti fufuuf garuu, of kunuunsuu akka qabu beeka. Haaluma wal fakkaatuun, namni bilchaataa taʼe tokko, hariiroon Yihowaa wajjin qabu cimaa taʼee akka itti fufuuf jabaatee hojjechuu akka qabu beeka. Phaawulos, “Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jechuudhaan nu gorseera. (2 Qorontos 13:5) Taʼus, amantii cimaa qabaachuu caalaa wanti nu barbaachisu jira. Jaalalli Yihowaa fi obboloota keenyaaf qabnu guddachuu isaa itti fufuu qaba. Phaawulos, “Beekumsa hunda yoon qabaadhee fi amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan ani gatii hin qabu” jedheera.—1 Qorontos 13:1-3.

ABDII KEE IRRATTI XIYYEEFFADHU

16. Seexanni maaltu akka nutti dhagaʼamu barbaada?

16 Seexanni Yihowaa gammachiisuuf matumaa gaʼumsa akka hin qabne goonee akka yaannu barbaada. Abdii akka kutannuu fi rakkinni keenya furmaata akka hin qabne goonee akka yaannu barbaada. Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan akka amannuu fi gammadoo akka taanu hin barbaadu. (Efesoon 2:2) Seexanni yaanni dogoggoraa nuunis taʼe hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu miidhuu akka dandaʼu beeka. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta yaada dogoggoraa moʼuuf nu gargaaru tokko nuuf kenneera. Innis abdii dha.

17. Abdiin hangam barbaachisaa dha?

17 Kitaabni Qulqulluun 1 Tasalonqee 5:8 irratti, abdii keenya baarmeexaa sibiilaa waraana irratti mataa loltuu tokkoo eeguu wajjin wal bira qabuudhaan, baarmeexaa kana “abdii fayyinaa” jedhee waama. Abdii Yihowaan kenne irratti amantii qabaachuun keenya sammuu keenya eeguudhaan yaadawwan dogoggoraa mormuuf nu gargaara.

18, 19. Yesuus abdiin isaa jajjabina kan isaaf kenne akkamitti?

18 Abdiin Yesuus qabu cimina isaaf kenneera. Haalawwan ulfaataa galgala isa dhumaa lafa irra jiraatetti walitti aansanii isa mudatan dandamateera. Michuun isaa isatti dhihaatu tokko dabarsee isa kenneera. Inni kan biraan immoo isa hin beeku jedhee isa ganeera. Warri kaan immoo isa dhiisanii baqataniiru. Namoonni lammii isaa taʼan, isa irratti kaʼanii dhiphatee akka duʼu gaafataniiru. Maarree wantoota nama dhiphisan kanneen akka dandamatu maaltu isa gargaare? “Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee salphina isa irra gaʼe tuffatee hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti jabaatee dhaabbateera; akkasumas mirga teessoo Waaqayyoo taaʼeera.”—Ibroota 12:2.

19 Yesuus amanamaa taʼuudhaan, Abbaa isaatiif ulfina akka fiduu fi Seexanni immoo sobduu taʼuu isaa akka mirkaneessu hubatee ture. Abdiin kun gammachuu guddaa isaaf kenneera. Kana malees, dhiheenyatti gara samiitti deebiʼee Abbaa isaa wajjin akka jiraatu hubatee ture. Abdiin kun jabaatee akka dhaabbatu isa gargaareera. Akkuma Yesuus nutis abdii keenya irratti xiyyeeffachuu qabna. Wanti kam iyyuu yoo nu irra gaʼe abdiin keenya jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara.

20. Ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

20 Yihowaan amantii kee fi jabaattee dhaabbachuu kee ni arga. (Isaayyaas 30:18; Miilkiyaas 3:10 dubbisi.) ‘Inni fedhii garaa keetii siif guutuuf’ waadaa galeera. (Faarfannaa 37:4) Kanaafuu, sammuun kee abdii kee irratti akka xiyyeeffatu godhi. Seexanni abdii akka kutattuu fi abdiin Yihowaan kenne matumaa akka hin raawwatamne gootee akka yaaddu barbaada. Haa taʼu malee, yaada dogoggoraatiif moʼamuu hin qabdu! Abdiin kee dhugaa taʼuu isaa irratti amantiin qabdu xiqqaachaa akka dhufe yoo hubatte, Yihowaa gargaarsa gaafadhu. Yaada Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamuu fi akkana jedhu yaadadhu: “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”

21, 22. (a) Kaayyoon Yihowaan lafaaf qabu maali dha? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

21 Yeroo dhaabbataa taʼe ramaduudhaan wantoota gammachiisoo gara fuulduraatti dhufan irratti xiinxali. Dhiheenyatti, namni lubbuudhaan jiraatu hundi Yihowaa waaqeffata. (Mulʼata 7:9, 14) Mee addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu yaadi. Wanta tilmaamuu dandeenyu kam iyyuu caalaa gaarii taʼa! Seexanni, jinniiwwanii fi hamminni hundumtuu hin jiraatan. Hin dhukkubsattu, akkasumas hin duutu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan humna guutuu fi gammachuudhaan jiraachuuf hirribaa kaata. Namni hundi lafa jannata gochuuf walii wajjin hojjeta. Namni hundi nyaata gaarii fi bakka jireenyaa nagaa qabu qabaata. Namoonni gara jabeeyyii ykn hamoo hin taʼan, kanaa mannaa garaadhaa gaarummaa walitti argisiisu. Yeroo booda, namoonni lafa irra jiraatan hundi, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argatu.—Roomaa 8:21.

22 Yihowaan Michuu hunda irra caalu akka isa godhattu barbaada. Kanaafuu, Yihowaadhaaf ajajamuu fi guyyaa guyyaadhaan caalaatti isatti dhihaachuuf wanta dandeessu hunda godhi. Eeyyee, hundi keenya jaalala Waaqayyoo keessa bara baraaf haa jiraannu!—Yihudaa 21.