Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 1

Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata

Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata

“Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.”—1 YOHAANNIS 5:3.

1, 2. Yihowaa kan jaallattu maaliifi?

 WAAQAYYOON ni jaallattaa? Tarii baayʼee waan isa jaallattuuf isaaf of murteessiteetta taʼa. Inni michuu hunda caalu akka siif taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ati Yihowaa jaallachuu kee dura inni si jaallateera. Kitaabni Qulqulluun, “Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna” jedha.—1 Yohaannis 4:19.

2 Mee karaawwan Yihowaan jaalala nuuf qabu itti argisiise hunda yaadi. Lafti iddoo jireenyaa bareedduu akka nuuf taatuu fi jireenyatti gammaduuf wantoota nu barbaachisan hunda nuu kenneera. (Maatewos 5:43-48; Mulʼata 4:11) Isaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu barbaada, akkasumas waaʼee isaa barachuu akka dandeenyuuf haala nuu mijeesseera. Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, Yihowaa dhaggeeffachaa jirra. Yommuu kadhannaa dhiheessinu immoo inni nu dhagaʼa. (Faarfannaa 65:2) Hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabuun qajeelfamaa fi jabina nuu kenna. (Luqaas 11:13) Cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasuuf Ilma isaa isa jaallatamaa illee gara lafaatti ergeera.—Yohaannis 3:16; Roomaa 5:8 dubbisi.

3. Hariiroo gaarii Waaqayyoo wajjin qabnu eeguu kan dandeenyu akkamitti?

3 Mee yeroo muraasaaf waaʼee michuu kee baayʼee sitti dhihaatuu fi yeroo gammachuuttis taʼe yeroo gaddaatti si biraa hin dhabamne tokkoo yaadi. Michummaan akkasii cimaa taʼee akka itti fufu gochuun carraaqqii gaafata. Michummaa Yihowaa isa hunda caalaa nutti dhihaatuu wajjin qabnu irrattis kun ni hojjeta. Michummaan isaa wajjin qabnu bara baraaf jiraachuu dandaʼa. Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun, ‘Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa’ jedha. (Yihudaa 21) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jechuudhaan deebii kenna.—1 Yohaannis 5:3.

“WAAQAYYOON JAALLACHUU JECHUUN” MAAL JECHUU DHA?

4, 5. (a) “Waaqayyoon jaallachuu” jechuun maal jechuu dha? (b) Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu guddachuu kan jalqabe akkamitti?

4 Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyoon jaallachuu” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Kun miira cimaa nuti Waaqayyoof qabnu kan argisiisu dha. Yeroo jalqaba Yihowaa jaallachuu itti eegalte ni yaadattaa?

Yihowaadhaaf yommuu of murteessituu fi yommuu cuuphamtu, akka isa jaallattuu fi bara baraaf isaaf ajajamuu akka barbaaddu argisiista

5 Yihowaan addunyaa haaraa inni qopheesse keessa bara baraaf akka jiraattu kan barbaadu taʼuu isaa jalqaba yeroo barattetti wanta sitti dhagaʼame yaadadhu. Kana gochuuf wantoota inni raawwate hunda baratteetta, akkasumas Yihowaan Ilma isaa gara lafaatti erguudhaan kennaa dinqisiisaa akka nuuf kenne hubatteetta. (Maatewos 20:28; Yohaannis 8:29; Roomaa 5:12, 18) Yihowaan hammam akka si jaallatu yommuu barattu, garaan kee waan tuqameef, atis isa jaallachuu jalqabde.—1 Yohaannis 4:9, 10 dubbisi.

6. Nama tokko jaallachuun maalfaa dabalata? Jaalalli Waaqayyoof qabdu maal gochuuf si kakaasa?

6 Haa taʼu malee, miirri jaalalaa Waaqayyoof qabdu sun reefuu jalqabuu isaa ti. Fakkeenyaaf, nama tokko yommuu jaallannu, “Sin jaalladha” jennee dubbachuu caalaa wanta goonu qabna. Jaalalli wanta nama sana gammachiisu akka raawwannu nu kakaasa. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaadhaaf qabdu karaa isa gammachiisuun jiraachuuf fedhii akka qabaattu si taasisa. Jaalalli isaaf qabdu sun yommuu guddachaa deemu immoo, isaaf of murteessitee cuuphamuun kee hin oolu. Kana gochuudhaan bara baraaf Yihowaa tajaajiluuf waadaa galta. (Roomaa 14:7, 8 dubbisi.) Maarree waadaa kana eeguu kan dandeessu akkamitti?

‘AJAJAWWAN ISAA NI EEGNA’

7. Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe maal goona? Ajajawwan isaa keessaa tokko tokko kamfaʼi?

7 Yihowaa waan jaallannuuf, ‘ajajawwan isaa ni eegna.’ Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Ajajawwan isaa hojii irra oolchuudhaani. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan akkamitti akka jiraannu akka barbaadu nu barsiisa. Fakkeenyaaf, machaaʼuun, hatuun ykn sobuun, nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuun ykn Yihowaa malee nama ykn wanta kam iyyuu waaqeffachuun dogoggora akka taʼe nutti hima.—1 Qorontos 5:11; 6:18; 10:14; Efesoon 4:28; Qolosaayis 3:9.

8, 9. Haalawwan tokko tokko ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessatti kallattiidhaan seerri ibsame yeroo hin jirretti Yihowaan maal akka goonu akka barbaadu akkamitti beekna? Fakkeenya kenni.

8 Yihowaa gammachiisuuf garuu, ajajawwan isaa eeguu malees wanti gochuu qabnu jira. Inni seera hedduu kallattii jireenyaa keenya hunda ilaallatu nuuf hin kennine. Kanaafuu, yeroo tokko tokko dhimma tokko ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessa kallattiidhaan seerri wanta gochuu qabnu ibsu hin jiraatu taʼa. Murtoo gaarii gochuu kan dandeenyu akkamitti ree? (Efesoon 5:17) Kitaaba Qulqulluu keessatti dhugaawwan buʼuuraa ilaalcha Yihowaan qabu nu barsiisan ni arganna. Akkasumas yommuu Kitaaba Qulqulluu dubbisnu, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe baranna. Wanta inni jaallatuu fi jibbu dabalatee ilaalcha akkamii akka qabu baranna.—Faarfannaa 97:10 dubbisi; Fakkeenya 6:16-19; Ibsa Dabalataa 1 ilaali.

9 Fakkeenyaaf, televizyinii ykn Intarneetii irratti wanta ilaallu ykn ilaaluu hin qabne akkamitti murteessina? Yihowaan wanta gochuu qabnu adda baasee hin dubbanne. Haa taʼu malee, dhugaawwan buʼuuraa inni nuuf kenne murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru. Bohaartiin yeroo harʼaa jiru hedduun hammeenyaa fi saalqunnamtii seeraan ala taʼeen kan guutame dha. Yihowaan, Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘isa hammina jaallatu kam iyyuu akka jibbuu’ fi ‘namoota ejjitoota taʼanitti akka murteessu’ ibseera. (Faarfannaa 11:5; Ibroota 13:4) Maarree dhugaawwan buʼuuraa kunneen murtoo gaarii gochuuf nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan wanta tokko akka jibbu ykn naamusaan ala akka taʼetti akka ilaalu erga beeknee booda, wanta sana irraa fagaachuu qabna.

10, 11. Yihowaadhaaf kan ajajamnu maaliifi?

10 Yihowaadhaaf kan ajajamnu maaliifi? Kana kan goonu adaba ykn rakkina murtoo sirrii hin taane gochuun nutti fidu sodaannee miti. (Galaatiyaa 6:7) Kanaa mannaa, Yihowaa waan jaallannuuf isaaf ajajamna. Akkuma ijoolleen abbaa isaanii gammachiisuu barbaadan, nutis Abbaa keenya isa samii gammachiisuu barbaanna. Wanti Yihowaan akka nutti gammadu beekuu caalu jiraa ree?—Faarfannaa 5:12; Fakkeenya 12:2; Ibsa Dabalataa 2 ilaali.

11 Yihowaadhaaf kan ajajamnu yeroo nuuf salphatutti ykn filannaa kan biraa hin qabnetti qofa miti. Kana malees, seerawwanii fi ulaagaawwan isaa keessaa kam hordofuu akka qabnuu fi kam hordofuu akka hin qabne hin filannu. (Keessa Deebii 12:32) Kanaa mannaa, akkuma faarfatichi, “Ajajawwan kee nan jaalladha, eeyyee, nan jaalladha” jedhe, nutis guutummaatti isaaf ajajamna. (Faarfannaa 119:47; Roomaa 6:17) Fakkeenya Noh isa wanta Yihowaan ajaje hunda raawwachuudhaan akka isa jaallatu argisiisee hordofuu barbaanna. Kitaabni Qulqulluun Noh, “Akkuma Waaqayyo isa ajajetti ni raawwate” jedha. (Uumama 6:22) Yihowaan waaʼee kees akkas akka jedhu ni barbaaddaa?

12. Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yihowaan yommuu isaaf ajajamnu maaltu isatti dhagaʼama? ‘Garaa isaa gammachiisna.’ (Fakkeenya 11:20; 27:11) Mee kana yaadi! Yommuu isaaf ajajamnu Yihowaa isa Uumaa uumama cufaa taʼe ni gammachiisna. Taʼus, kana akka goonu matumaa nu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, mirga filannaa nuu kenneera. Kana jechuun wanta sirrii taʼe ykn wanta dogoggora taʼe filachuuf bilisummaa qabna jechuu dha. Yihowaan jireenya hunda caalaa gaarii taʼe akka jiraannuuf, jaalalli isaaf qabnu murtoo gaarii gochuuf akka nu kakaasu barbaada.—Keessa Deebii 30:15, 16, 19, 20; Ibsa Dabalataa 3 ilaali.

“AJAJAWWAN ISAA . . . BAʼAA ULFAATOO MITI”

13, 14. Ajajawwan Waaqayyoo raawwachuun baayʼee rakkisaa akka hin taane akkamitti beekna? Fakkeenyaan ibsi.

13 Ajajawwan Yihowaa raawwachuun baayʼee rakkisaa akka taʼe ykn bilisummaa akka nu dhabsiisan yoo nutti dhagaʼame hoo? Kitaabni Qulqulluun, “Ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jechuudhaan ifatti dubbata. (1 Yohaannis 5:3) Jechi kun caqasoota kan biroo irratti seerawwan humnaa ol taʼan ykn namoota warra kaan toʼachuu fi miidhuuf yaalan argisiisuuf itti hojjetameera. (Maatewos 23:4; Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Ajajawwan Yihowaa “ulfaatoo” miti, jechuunis raawwachuuf baayʼee rakkisoo kan taʼan miti. Inni yoom iyyuu wanta humna keenyaa ol taʼe akka goonu nu hin gaafatu.

14 Fakkeenyaaf, michuun kee tokko yommuu inni mana geddaratu isa gargaaraa akka jirtu yaadi. Miʼa isaa hunda saanduqootatti naqateera. Saanduqoonni muraasni baachuuf salphaa dha, warri kaan garuu ulfaatoo waan taʼaniif ol fuudhuuf nama lamatu barbaachisa. Michuun kee saanduqa isa baayʼee ulfaataa taʼe kophaa kee akka baattu si gaafataa? Akka si hin gaafanne beekamaa dha. Maaliifi? Akka ati miidhamtu waan hin barbaadneefi. Akkuma michuu sanaa, Yihowaan matumaa wanta baayʼee ulfaataa taʼe tokko akka raawwannu nu hin gaafatu. (Keessa Deebii 30:11-14) Yihowaan nuti maal akka taane beeka. “Inni akkamitti akka tolfamne beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata.”—Faarfannaa 103:14.

15. Ajajawwan Yihowaa faayidaa keenyaaf kan kennaman taʼuu isaanii akkamitti beekna?

15 Museen ajajawwan Yihowaa kan isaaniif kennaman, “yeroo hundumaa gaarii” akka isaanii taʼuuf, ajajamuun isaaniis ‘lubbuudhaan jiraachuu isaanii akka itti fufaniif’ akka isaan gargaaru saba Israaʼelitti dubbatee ture. (Keessa Deebii 5:28-33; 6:24) Harʼas haalli isaa akkasuma. Wanti Yihowaan akka raawwannu nu gaafatu kam iyyuu jireenya keenya kan fooyyessu dha. (Isaayyaas 48:17 dubbisi.) Abbaan keenya Yihowaan yoom iyyuu wanta caalaatti nuuf gaarii taʼe beeka. (Roomaa 11:33) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Kana jechuun Yihowaan wanta hunda kan dubbatuu fi kan raawwatu jaalalaan kakaʼee ti jechuu dha.

16. Mudaa kan qabnuu fi addunyaa hamaa keessa kan jiraannu taʼus, ajajamoo taʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

16 Waaqayyoof ajajamuun salphaa kan nuuf taʼu yeroo hunda miti. Addunyaa hamaa Diyaabilos bulchaa jiru keessa jiraanna. Inni namoonni wanta gadhee akka hojjetan dhiibbaa isaan irratti gochuuf yaala. (1 Yohaannis 5:19) Kana malees, yaannii fi miirri keenya mudaa qabaachuu isaatiin kan kaʼe, Waaqayyoof akka hin ajajamne nu gochuu waan dandaʼuuf, isaanii wajjin qabsoo gochuu qabna. (Roomaa 7:21-25) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu garuu, jabina wanta sirrii taʼe raawwachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Inni carraaqqii nuti isaaf ajajamuuf goonu ni hubata, hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabu nuuf kennuudhaanis nu gargaara. (1 Saamu’el 15:22, 23; Hojii Ergamootaa 5:32) Hafuurri qulqulluun amalawwan isaaf ajajamuun caalaatti salphaa akka nuuf taʼu godhan akka horannu nu gargaara.—Galaatiyaa 5:22, 23.

17, 18. (a) Kitaaba kana keessatti waaʼee maalii baranna? (b) Boqonnaa itti aanu keessatti maal qoranna?

17 Kitaaba kana keessatti, karaa Yihowaa gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. Dhugaawwan buʼuuraa fi ulaagaawwan naamusaa isaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni qoranna. Yihowaan akka isaaf ajajamnu matumaa akka nu hin dirqisiisne yaadadhu. Ajajamuuf yommuu filannu, jireenyi keenya ni fooyyaʼa, akkasumas abdii dinqisiisaa qabaanna. Hunda caalaa immoo, ajajamuun keenya hammam Waaqayyoon akka jaallannu isaaf mirkaneessa.—Ibsa Dabalataa 4 ilaali.

18 Yihowaan wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe akka beeknu nu gargaaruuf hunda keenyaaf qalbii nuu kenneera. Qalbii keenya yoo leenjisne ‘ajajawwan isaa eeguuf’ nu gargaaruu dandaʼa. Maarree, qalbiin maali dha? Leenjisuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mee haa ilaallu.