Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 8

Yihowaan Sabni Isaa Qulqulluu Akka Taʼan Barbaada

Yihowaan Sabni Isaa Qulqulluu Akka Taʼan Barbaada

“Nama qulqulluudhaaf qulqulluu ni taata.”—FAARFANNAA 18:26.

1-3. (a) Haati takka mucaan ishii qulqulluu taʼuu isaa kan mirkaneessitu maaliifi? (b) Yihowaan sabni isaa qulqulluu akka taʼu kan barbaadu maaliifi?

 HAATI mucaa ishii jaallattu takka ilma ishii mana barumsaatti erguuf yommuu qopheessitu yaadaan ilaali. Qaamni isaa dhiqamuu isaa, akkasumas uffanni isaa qulqulluu taʼuu fi sirreeffamuu isaa mirkaneessiti. Kun mucaan sun fayya buleessa akka taʼu godha, akkasumas warri isaa akka isa kunuunsan argisiisa.

2 Abbaan keenya Yihowaan qulqulluu akka taanu barbaada. (Faarfannaa 18:26) Inni qulqulluu taʼuun keenya akka nu fayyadu beeka. Akkasumas qulqulluu yommuu taanu isaaf ulfina argamsiisna.—Hisqiʼel 36:22; 1 Pheexiros 2:12 dubbisi.

3 Qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu dha? Kan nu fayyadu hoo maaliifi? Gaaffiiwwan kanneen yommuu qorru, jijjiirama dhuunfaatti gochuu qabnu tokko tokko ni hubanna taʼa.

QULQULLUU TAʼUU KAN QABNU MAALIIFI?

4, 5. (a) Qulqulluu taʼuu kan qabnu maaliifi? (b) Uumamni ilaalcha Yihowaan qulqullinaaf qabu ilaalchisee maal nu barsiisa?

4 Qulqulluu taʼuu akka qabnu fakkeenya Yihowaa irraa ni baranna. (Leewwota 11:44, 45) Kanaafuu, sababiin inni guddaan qulqulluu taʼuu itti qabnu ‘Waaqayyoon fakkaachuu’ waan barbaannuufi.—Efesoon 5:1.

5 Yihowaan qulqullinaaf ilaalcha akkamii akka qabu uumamni waan hedduu nu barsiisa. Yihowaan qilleensii fi bishaan qulqulluu taʼanii akka itti fufaniif marsaawwan uumamaa uumeera. (Ermiyaas 10:12) Erga namoonni faalanii booda illee, karaawwan hedduu lafti ofii ishiitiin itti of qulqulleessitu yaadi. Fakkeenyaaf, Yihowaan uumamawwan xixinnoo maayikiroobs jedhamanii fi meeshaa maayikirooskooppii jedhamu qofaan mulʼatan uumeera. Maayikiroobonni balfawwan summaaʼaa taʼan jijjiiranii miidhaa akka hin geessisne gochuu dandaʼu. Kun hojii cimaa sadarkaa sadarkaadhaan raawwatamu dha. Saayintistoonni illee miidhaa faalamni geessise balleessuuf maayikiroobota kana keessaa tokko tokkotti fayyadamu.—Roomaa 1:20.

6, 7. Namoonni Yihowaa waaqeffatan qulqulluu taʼuu akka qaban Seerri Musee kan argisiise akkamitti ture?

6 Seera Yihowaan karaa Musee Israaʼelootaaf kenne irraas, qulqullinni baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, waaqeffannaan isaanii Yihowaa biratti fudhatama akka argatuuf sabichi qaamni isaanii qulqulluu taʼuu qaba ture. Guyyaa Araaraatti lubni ol aanaan siʼa lama dhaqna isaa dhiqachuu qaba ture. (Leewwota 16:4, 23, 24) Luboonni kaanis aarsaa dhiheessuu isaanii dura harkaa fi miila isaanii dhiqachuu qabu turan. (Baʼuu 30:17-21; 2 Seenaa 4:6) Haalawwan tokko tokko keessatti seera qulqullinaa cabsuun duʼaan nama adabsiisa ture.—Leewwota 15:31; Lakkoofsa 19:17-20.

7 Yeroo harʼaa hoo? Waaʼee ulaagaalee Yihowaa Seericha irraa wanta hedduu barachuu dandeenya. (Miilkiyaas 3:6) Seerichi waaqeffattoonni Yihowaa qulqulluu taʼuu akka qaban ifatti argisiiseera. Ulaagaaleen Yihowaa hin jijjiiramne. Yihowaan yeroo harʼaas waaqeffattoonni isaa qulqulluu akka taʼan isaan irraa eega.—Yaaqoob 1:27.

QULQULLUU TAʼUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

8. Karaawwan kamfaʼiin qulqulluu taʼuu qabna?

8 Akka ilaalcha Yihowaatti qulqulluu taʼuu jechuun qaama keenya dhiqachuu, uffata keenya miiccachuu fi mana keenya qulqulleessuu malees waan dabalatu qaba. Qulqullinni guutummaa jireenya keenyaa ilaallata. Waaqeffannaa, amalaa fi yaada keenya dabalata. Eeyyee, Yihowaan qulqulluu akka taanetti akka nu ilaaluuf, kallattii jireenyaa keenya hundumaan qulqulluu taʼuu qabna.

9, 10. Waaqeffannaa keenyaan qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu dha?

9 Waaqeffannaa qulqulluu. Karaa kamiin iyyuu amantii sobaa keessatti hirmaachuu hin qabnu. Israaʼeloonni boojuudhaan yeroo Baabilon keessa turanitti, namoota gocha amantii sobaa naamusaan ala taʼe raawwatan gidduu jiraatu turan. Isaayyaas Israaʼeloonni gara biyya isaaniitti akka deebiʼanii fi waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessan raajii dubbatee ture. Yihowaan, “Achii baʼaa, wanta xuraaʼaa tokko illees hin tuqinaa! . . . Ishii gidduudhaa baʼaa, qulqulluus taʼaa” isaaniin jedhee ture. Waaqeffannaan isaanii barumsawwan, barsiifatawwan ykn aadaawwan amantii sobaa Baabiloniin makamuu hin qabu ture.—Isaayyaas 52:11.

10 Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis amantii sobaa irraa ni fagaatu. (1 Qorontos 10:21 dubbisi.) Addunyaa maratti duudhaawwan, aadaawwanii fi amantiiwwan beekamoo hedduun barumsawwan amantii sobaa irratti kan hundaaʼani dha. Fakkeenyaaf, aadaawwan hedduu keessatti namni tokko erga duʼee booda wanti isa keessa jirtuu fi jiraachuu ishii itti fuftu takka akka jirtu amanu, aadaawwan hedduun immoo barumsa kana irratti kan hundaaʼani dha. (Lallaba 9:5, 6, 10) Kiristiyaanonni aadaawwan akkasii irraa fagaachuu qabu. Miseensonni maatii keenyaa aadaawwan kanneen keessaa tokko tokko irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaan qulqulluu akka taanetti akka nu ilaalu waan barbaannuuf, dhiibbaa akkasiitiif hin moʼamnu.—Hojii Ergamootaa 5:29.

11. Amala keenyaan qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu dha?

11 Amala qulqulluu. Yihowaan qulqulluu akka taanetti akka nu ilaaluuf, halalummaa gosa akkamii irraa iyyuu fagaachuu qabna. (Efesoon 5:5 dubbisi.) Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaan, “Halalummaa irraa baqadhaa!” jedheera. Inni, namoonni halalummaa raawwatanii fi yaada isaanii hin geddaranne, “Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle” ifa godheera.—1 Qorontos 6:9, 10, 18; Ibsa Dabalataa 22 ilaali.

12, 13. Yaada keenyaan qulqulluu taʼuu kan qabnu maaliifi?

12 Yaada qulqulluu. Wanta tokko yaaduun yeroo baayʼee wanta sana raawwachuutti nama geessa. (Maatewos 5:28; 15:18, 19) Yaanni qulqulluun gocha qulqulluu raawwachuuf nu kakaasa. Dhugaa dha, nuti namoota mudaa qabnu waan taaneef, darbee darbee yaada dogoggoraa ni qabaanna. Haalli akkasii yommuu nu mudatu yeruma sana of irraa fageessuu qabna. Yoo kana gochuu baanne garuu, yeroo booda sammuun keenya qulqulluu hin taʼu. Akkasumas wanta yaadaa jirru sana raawwachuuf hawwuu jalqabuu dandeenya. Kanaa mannaa, sammuu keenya yaadawwan qulqulluu taʼaniin guutuu qabna. (Filiphisiyus 4:8 dubbisi.) Kanaafuu, wantoota naamusaan ala taʼan ykn bashannanawwan hammeenya of keessaa qaban irraa ni fagaanna. Wanta dubbisnu, ilaalluu fi dubbannu of eeggannoodhaan filanna.—Faarfannaa 19:8, 9.

13 Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuuf, waaqeffannaa keenyaan, amala keenyaa fi yaada keenyaan qulqulluu taʼuu qabna. Haa taʼu malee, Yihowaan qaamni keenyas qulqulluu akka taʼu barbaada.

QAAMAAN QULQULLUU TAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

14. Qaamaan qulqulluu taʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Qaama keenyaa fi naannoo keenya yommuu qulqulleessinu, ofii keenyaafis taʼe namoota naannoo keenya jiraniif faayidaa argamsiisna. Miirri gaariin nutti dhagaʼama, akkasumas namoonni kaan nu wajjin taʼuun isaanitti tola. Haa taʼu malee, qaamaan qulqulluu taʼuuf sababiin kana caalaa baayʼee barbaachisaa taʼe jira. Qulqulluu taʼuun keenya Yihowaadhaaf ulfina fida. Mee kana yaadi: Mucaa yeroo hundumaa qulqullina hin qabne yommuu argitu, warra isaatiif ilaalcha gaarii hin qabaattu taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, ofii keenya akka gaariitti kan hin kunuunsinee fi qulqullina keenya kan hin eegganne yoo taʼe, namoonni Yihowaadhaaf ilaalcha gaarii qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Phaawulos akkana jedheera: “Tajaajila keenya irratti mudaan tokko illee akka hin argamneef, nuti karaa kamiin iyyuu wanti nama gufachiisu akka jiraatu hin goonu; kanaa mannaa, karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina.”—2 Qorontos 6:3, 4.

Saba Yihowaa waan taaneef, ofii keenyas taʼe naannoo keenya qulqulluu gochuu nu barbaachisa

15, 16. Qulqullina keenya eeguuf maal gochuu dandeenya?

15 Qaama keenyaa fi uffata keenya. Qulqullina keenya eeguun wanta guyyaa guyyaadhaan hojjennu keessaa tokko taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, yeroo hundumaa, dandaʼamnaan immoo guyyaa guyyaadhaan qaama keenya ni dhiqanna. Keessumaa nyaata bilcheessuu ykn nyaachuu dura, akkasumas mana boolii erga fayyadamnee ykn wanta xuraaʼaa tokko erga tuqnee booda harka keenya saamunaa fi bishaaniin ni dhiqanna. Harka keenya dhiqachuun wanta salphaa fakkaachuu dandaʼa, taʼus, baakteeriyaanii fi dhukkubni akka hin babalʼanne dhowwuuf barbaachisaa dha. Duʼa irraa nama oolchuu illee ni dandaʼa. Mana boolii ykn ujummoo xurii dhangalaʼaa ittiin of irraa fageessinu hin qabnu yoo taane illee malawwan kosii ittiin of irraa fageessinu qabaachuu ni dandeenya. Israaʼeloonni durii ujummoo xurii dhangalaʼaa ittiin of irraa fageessan hin qaban turan, kanaafuu, bobbaa isaanii namoota, manaa fi burqaa bishaanii irraa fageessanii boolla keessatti awwaalu turan.—Keessa Deebii 23:12, 13.

16 Uffanni keenya baayʼee bareedaa, miʼaa ykn faashinii ammayyaa taʼuun isaa dirqama miti. Haa taʼu malee, qulqulluu taʼuu qaba. (1 Ximotewos 2:9, 10 dubbisi.) Guutummaan bifa keenyaa yeroo hundumaa Yihowaadhaaf akka ulfina fidu ni barbaanna.—Tiitoo 2:10.

17. Mana keenyaa fi naannoo keenya qulqullinaan qabuun kan nu barbaachisu maaliifi?

17 Mana keenyaa fi naannoo keenya. Eessa iyyuu yoo jiraanne qulqullina mana keenyaa ni eegna. Akkasumas, konkolaataan, biskileetiin ykn wanti geejjibaaf itti fayyadamnu kam iyyuu keessumaa gara walgaʼii ykn gara tajaajilaa dhaquuf kan itti fayyadamnu yoo taʼe, qulqulluu taʼuu qaba. Kana malees, tajaajila irratti waaʼee jireenya jannata qulqulluu taate keessatti argamuu namoota kaanitti waan himnuuf kana gochuun keenya barbaachisaa dha. (Luqaas 23:43; Mulʼata 11:18) Qulqullinni mana keenyaa fi naannoo keenyaa jireenya addunyaa haaraa qulqulluu taʼe keessatti argamuuf amma qophaaʼaa akka jirru argisiisa.

18. Bakki waaqeffannaa keenya qulqulluu akka taʼu kan barbaannu maaliifi?

18 Bakka waaqeffannaa keenya. Galma Walgaʼiis taʼe, bakka itti walgaʼii guguddaa goonu kam iyyuu qulqullinaan qabuudhaan qulqullinaaf iddoo guddaa akka kenninu argisiisna. Yeroo baayʼee namoonni yeroo jalqabaatiif gara Galma Walgaʼii yommuu dhufan, hammam qulqulluu akka taʼe ni hubatu. Kun immoo Yihowaadhaaf ulfina fida. Miseensota gumii waan taaneef, Galma Walgaʼii keenya qulqulleessuu fi suphuu irratti gargaarsa gochuuf carraa qabna.—2 Seenaa 34:10.

BARSIIFATA XURAAʼAA TAʼE DHIISUU

19. Maal irraa fagaachuu qabna?

19 Kitaabni Qulqulluun barsiifata gadhee dhiisuu qabnu hundumaa kan hin ibsine taʼus, dhugaawwan buʼuuraa ilaalcha Yihowaan wantoota akkasiitiif qabu hubachuuf nu gargaaran nuu kenna. Yihowaan tamboo akka xuuxnu ykn dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu namaa hadoochu karaa dogoggoraa akka itti fayyadamnu hin barbaadu. Michuu Waaqayyoo yoo taane wantoota kana gochuu irraa ni fagaanna. Maaliif? Sababiin isaas, kennaa jireenyaatiif kabaja guddaa qabna. Barsiifatawwan akkasii umurii keenya gabaabsu, fayyaa keenya miidhu, namoota naannoo keenya jiranis hubuu dandaʼu. Namoonni hedduun fayyaa isaaniitiif jedhanii barsiifatawwan gadhee taʼan kana dhiisuuf yaalii godhu. Nuti garuu michoota Yihowaa waan taaneef, jaalala Waaqayyoof qabnuun kakaanee amalawwan kana irraa fagaachuuf sababii guddaa qabna. Shamarreen takka akkana jetteetti: “Gargaarsa Yihowaatiin jireenya koo qulqulleesseera, akkasumas araada koo irraa bilisa taʼeera. . . . Jijjiiramawwan kanneen ofuma kootiin gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama.” Mee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barsiifatawwan nama miidhan dhiisuuf gargaaran shan haa ilaallu.

20, 21. Yihowaan barsiifatawwan akkamii irraa bilisa akka taanu barbaada?

20 “Yaa obboloota jaallatamo, nuti abdii kana waan qabnuuf, Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.” (2 Qorontos 7:1) Yihowaan barsiifatawwan xuraaʼoo sammuu ykn qaama keenya miidhan irraa bilisa akka taanu barbaada.

21 Sababii guddaan, ‘wanta xureessu hundumaa irraa of qulqulleessuun’ itti nu barbaachisu 2 Qorontos 6:17, 18 irratti ibsameera. Yihowaan, “Wanta xuraaʼaa hin tuqinaa” jedheera. Achiis, “Anis isin nan simadha. Ani abbaa isiniif nan taʼa, isin immoo ilmaanii fi ijoollee durbaa naaf taatu” jechuudhaan abdii kenneera. Eeyyee, nuti wanta isa duratti xuraaʼoo akka taanu nu godhu kam irraa iyyuu yoo fagaanne, Yihowaan akka abbaan tokko ijoollee isaa jaallatutti nu jaallata.

22-25. Barsiifatawwan gadhee taʼan dhiisuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kamfaatu nu gargaaruu dandaʼa?

22 “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.” (Maatewos 22:37) Kun ajaja hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe dha. (Maatewos 22:38) Guutummaatti Yihowaa jaallachuun keenya kan isaaf malu dha. Haa taʼu malee, wanta umurii keenya gabaabsu ykn sammuu keenya miidhu gochuu yoo filanne, Yihowaa guutummaatti jaallachuu kan dandeenyu akkamitti? Kanaa mannaa, jireenya inni nuu kenneef kabaja akka qabnu argisiisuuf waan nuuf dandaʼame hundumaa goona.

23 ‘Namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu Yihowaa dha.’ (Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Michuun kee tokko kennaa adda taʼe yoo siif kenne, darbattee gattaa ykn ni balleessitaa? Jireenyi kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argame dha. Kennaa kana guddaa dinqisiifanna. Kanaafuu, jireenya keenya karaa isaaf ulfina fiduun itti fayyadamuu barbaanna.—Faarfannaa 36:9.

24 “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Maatewos 22:39) Barsiifatawwan xuraaʼoon kan miidhan nu qofa miti. Namoota nu wajjin yeroo hedduu dabarsanii fi baayʼee jaallannus ni miidhu. Fakkeenyaaf, namni nama tamboo xuuxu wajjin mana tokko keessa jiraatu, aara sanaaf saaxilamuu isaatiin qofa dhibee fayyaa cimaadhaan qabamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, barsiifatawwan gadhee yommuu dhiisnu, namoota naannoo keenya jiran akka jaallannu argisiisna.—1 Yohaannis 4:20, 21.

25 “Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka bitamanii fi akka ajajaman . . . isaan yaadachiisuu kee itti fufi.” (Tiitoo 3:1) Biyyoota hedduu keessatti qorichawwan sammuu namaa hadoochan tokko tokko nama harkatti argamuun isaa ykn itti fayyadamuun dhorkaa dha. Yihowaan mootummoota akka kabajnu waan nu ajajeef, seerawwan isaaniitiif ni ajajamna.—Roomaa 13:1.

Qulqullina keenya yommuu eeggannu Yihowaadhaaf ulfina fidna

26. (a) Yihowaan waaqeffannaa keenya akka fudhatuuf maal gochuu nu barbaachisa? (b) Waaqayyo duratti qulqulluu taanee itti fufuun karaa hunda irra caalu kan taʼe maaliifi?

26 Michuu Yihowaa taʼuu yoo barbaanne, jijjiirama tokko tokko gochuun akka nu barbaachisu ni hubanna taʼa. Taanaan, yeruma sana jalqabuu qabna. Barsiifatawwan gadhee dhiisuun salphaa kan taʼu yeroo hunda miti, taʼus dhaabuu ni dandeenya! Yihowaan nu gargaaruuf waadaa galeera. Yihowaan, “Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha” jedheera. (Isaayyaas 48:17) Qulqulluu taʼuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yommuu goonu, Waaqa keenyaaf ulfina akka fidnu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.