Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 2

Waaqayyo Duratti Qalbii Gaarii Qabaachuu

Waaqayyo Duratti Qalbii Gaarii Qabaachuu

“Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.”—1 PHEEXIROS 3:16.

1, 2. Naannoo hin beekne tokko keessa yommuu deemtu, wanta karaa sitti argisiisu qabaachuun kan si barbaachisu maaliifi? Yihowaan hoo wanta nu geggeessu akkamii nuuf kenneera?

 LAFA onaa balʼaa taʼe keessa qaxxaamurtee iddoo tokko deemaa akka jirtu godhii yaadi. Haa taʼu malee, lafa onaa balʼaa akkasii keessa wanta karaa sitti argisiisu utuu hin qabatin deemuun bakka hin yaadnetti si geessuu ykn akka baddu si gochuu akka dandaʼu hubatte. Maarree bakka barbaadde sana gaʼuuf maal gochuu qabda? Koompaasiin, aduun, urjiilee fi kaartaan kallattii beekuuf si gargaaruu dandaʼu; yookiin immoo namni lafa onaa sana akka gaariitti beeku karaa sitti argisiisuu dandaʼa. Bakka deemuu barbaaddu beekuun balaa irraa si oolchuu waan dandaʼuuf, wanta karaa sitti argisiisu qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha.

2 Hundi keenya jireenya keessatti rakkinni hedduun nu mudata; al tokko tokko immoo akka nama karaan jalaa badee nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, akka nu geggeessuuf, Yihowaan hunda keenyaaf qalbii kenneera. (Yaaqoob 1:17) Mee qalbiin maal akka taʼee fi akkamitti akka hojjetu haa ilaallu. Achiis qalbii keenya akkamitti akka leenjisnu, qalbii namoota biraatiif of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi qalbii qulqulluu qabaachuun jireenya keenya caalaatti kan fooyyessu akkamitti akka taʼe baranna.

QALBIIN MAALI DHA? KAN HOJJETU HOO AKKAMITTI?

3. Qalbiin maali dha?

3 Qalbiin keenya kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa arganne dha. Dandeettii keessa keenya jiruu fi wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe adda baasnee beekuuf nu gargaaru dha. Afaan Giriikiitiin jechi Kitaaba Qulqulluu keessatti “qalbii” jedhame, hiikni isaa “beekumsa keessa keenya jiru” jechuu dha. Qalbiin keenya sirriitti yommuu hojjetu, dhugumaan nama akkamii akka taane of qoruuf nu gargaara. Yaadaa fi miira keessa keenya jiru ilaalchisee amanamoo akka taanu nu gargaaruu dandaʼa. Gara wanta gaariitti nu qajeelchuu, wanta hamaa irraa immoo nu deebisuu dandaʼa. Murtoo gaarii yommuu goonu gammachuun akka nutti dhagaʼamu gochuu ykn murtoo dogoggoraa erga goonee booda balleessaa akka raawwanne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.—Ibsa Dabalataa 5 ilaali.

4, 5. (a) Addaamii fi Hewaan qalbii isaanii dhaggeeffachuu diduun isaanii maal geessiseera? (b) Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu qalbiin akkamitti akka hojjetu argisiisan tokko tokko kamfaʼi?

4 Tokkoon tokkoon keenya qalbii keenya dhaggeeffachuuf ykn dhiisuuf filachuu dandeenya. Addaamii fi Hewaan qalbii isaanii dhaggeeffachuu dhiisuu filatan, kanaan kan kaʼes cubbuu hojjetaniiru. Sana booda balleessaa akka raawwatan kan isaanitti dhagaʼame taʼus, kun kan taʼe garuu erga yeroon darbee booda ture. Dursanii ajaja Waaqayyoo cabsaniiru. (Uumama 3:7, 8) Lamaan isaanii iyyuu qalbii mudaa hin qabne kan qabanii fi ajaja Waaqayyoo cabsuun dogoggora akka taʼe kan beekan taʼanis, qalbii isaanii dhaggeeffachuu diduu filataniiru.

5 Karaa biraatiin immoo, namoonni mudaa qaban hedduun qalbii isaanii dhaggeeffataniiru. Iyyoob gama kanaan fakkeenya gaarii taʼa. Murtoo gaarii godhee waan tureef, “Hamman lubbuudhaan jirutti garaan koo na hin ceephaʼu” jechuu dandaʼeera. (Iyyoob 27:6) Iyyoob waaʼee “garaa” isaa yommuu dubbatu, waaʼee qalbii isaa, jechuunis dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baasee beekuuf isa gargaaru dubbachuu isaa ture. Daawit garuu yeroowwan qalbii isaa dhaggeeffachuu diduudhaan ajaja Yihowaa itti cabse qaba ture. Sana booda garaan isaa waan isa ‘ceephaʼeef’ balleessaan guddaan isatti dhagaʼamee ture. (1 Saamu’el 24:5) Yeroo kanatti qalbiin Daawit wanti inni hojjete dogoggora taʼuu isaa isatti himaa ture. Daawit qalbii isaa dhaggeeffachuudhaan, dogoggora wal fakkaatu irra deebiʼee akka hin raawwanne barachuu dandaʼa ture.

6. Qalbiin keenya kennaa Waaqayyo biraa arganne dha kan jennu maaliifi?

6 Namoonni Yihowaa hin beekne illee, yeroo baayʼee wantoota sirrii taʼanii fi wantoota dogoggora taʼan beeku. Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni isaanii isaan balaaleffata yookiin isaaniif falma” jedha. (Roomaa 2:14, 15) Fakkeenyaaf, namoonni hedduun nama ajjeesuun ykn hatuun dogoggora akka taʼe beeku. Namoonni kun tarii beekuu baatanis qalbii isaanii, jechuunis dandeettii wanta sirrii fi dogoggoraa adda baasanii beekuu Yihowaan keessa isaanii kaaʼe dhaggeeffachaa jiru. Akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Yihowaan jireenya keenya keessatti murtoo gaarii gochuuf akka nu gargaaraniif nuu kenne hordofaa jiru.

7. Qalbiin keenya yeroo tokko tokko kan dogoggoru maaliif taʼuu dandaʼa?

7 Taʼus, qalbiin keenya yeroo tokko tokko dogoggoruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yaadaa fi miira keenya isa mudaa qabuun miidhamuu isaatiin kan kaʼe kallattii dogoggoraatti nu qajeelchuu dandaʼa. Qalbii gaariin akkasumaan hin argamu. (Uumama 39:1, 2, 7-12) Leenjifamuu qaba. Yihowaan nu gargaaruudhaaf hafuura qulqulluu fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. (Roomaa 9:1) Mee amma qalbii keenya akkamitti leenjisuu akka dandeenyu haa ilaallu.

QALBII KEENYA LEENJISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

8. (a) Miirri keenya qalbii keenya irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Murtoo tokko gochuu keenya dura maal jennee of gaafachuu qabna?

8 Namoonni tokko tokko qalbii isaanii dhaggeeffachuu jechuun miiruma isaanii hordofuu qofa jechuu akka taʼe yaadu. Wanta barbaadan tokkoof miirri gaariin hamma isaanitti dhagaʼametti wanta fedhan kam iyyuu gochuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, miirri keenya mudaa waan qabuuf nu dogoggorsuu dandaʼa. Miirri keenya humna guddaa qabaachuu waan dandaʼuuf, qalbii keenya irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas. Eenyutu isa beekuu dandaʼa?” jedha. (Ermiyaas 17:9) Kanaafuu, wanti tokko dogoggora taʼee utuu jiruu sirrii akka taʼe goonee yaaduu jalqabna taʼa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaana taʼuu isaa dura, wanti inni gochaa ture sirrii akka taʼe waan amaneef, saba Waaqayyoo irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture. Akka ilaalcha isaatti qalbii gaarii qaba ture. Yeroo booda garuu, “Inni na qoru Yihowaa dha” jedheera. (1 Qorontos 4:4; Hojii Ergamootaa 23:1; 2 Ximotewos 1:3) Phaawulos wanta gochaa jiru ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu yommuu beeku, jijjiirama gochuu akka qabu hubateera. Kana irraa ifatti hubachuun akkuma dandaʼamu, wanta tokko gochuu keenya dura, ‘Yihowaan maal akkan godhu barbaada?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaa dha.

9. Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal jechuu dha?

9 Nama tokko yommuu jaallattu, nama sana gaddisiisuu hin barbaaddu. Yihowaa waan jaallannuuf, wanta isa gaddisiisu kam iyyuu gochuu hin barbaannu. Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaan qabnu baayʼee cimaa taʼuu qaba. Fakkeenyi Nahimiyaa, kun dhugaa taʼuu isaa nu hubachiisa. Bulchaa taʼuudhaan aangoo argatetti fayyadamee qabeenya kuufachuu irraa of qusateera. Maaliif? ‘Waaqayyoon waan sodaatuuf’ akka taʼe ibseera. (Nahimiyaa 5:15) Nahimiyaan wanta Yihowaa gaddisiisu tokko iyyuu gochuu hin barbaanne. Nutis akkuma Nahimiyaa, wanta dogoggora taʼe raawwachuudhaan Yihowaa gaddisiisuu ni sodaanna. Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan wanti Yihowaa gammachiisu maal akka taʼe barachuu dandeenya.—Ibsa Dabalataa 6 ilaali.

10, 11. Dhugaatii alkoolii ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kamfaatu nu gargaaruu dandaʼa?

10 Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii dhuguu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuun isa barbaachisa taʼa. Murtoo gaarii gochuuf dhugaawwan buʼuuraa kamfaatu isa gargaara? Muraasni isaanii kanatti aansanii ibsamaniiru: Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhorku. Kanaa mannaa, wayiniin kennaa Waaqayyoo akka taʼe ibsa. (Faarfannaa 104:14, 15) Taʼus, Yesuus duuka buutonni isaa, ‘garmalee akka hin dhugne’ isaanitti himeera. (Luqaas 21:34) Phaawulosis Kiristiyaanonni ‘gadhiisii fi machii’ irraa akka fagaatan isaanitti himeera. (Roomaa 13:13) Warri machaaʼan, “Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jechuudhaan dubbateera.—1 Qorontos 6:9, 10.

11 Kiristiyaanni tokko akkas jedhee of gaafachuu dandaʼa, ‘Dhugaatiin alkoolii jireenya koo keessatti iddoo hangamii qaba? Bashannanuudhaaf na barbaachisaa? Caalaatti ofitti amanannaa qabaachuuf alkoolii nan dhugaa? Hammam akkan dhuguu fi yeroo hammamii gidduutti akkan dhugu toʼachuu nan dandaʼaa? * Dhugaatiin alkoolii utuu hin jiraatin, michoota koo wajjin yeroo gaarii dabarsuu nan dandaʼaa?’ Filannaa gaarii gochuuf akka nu gargaaruuf Yihowaa gaafachuu ni dandeenya. (Faarfannaa 139:23, 24 dubbisi.) Karaa kanaan, qalbiin keenya dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf dammaqaa akka taʼu leenjisuu dandeenya. Akkuma itti aansinee ilaallu garuu, wanti barbaachisu kan biraanis jira.

QALBII NAMOOTA KAANIITIIF OF EEGGACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

12, 13. Qalbiin keenya qalbii nama kan biraa irraa adda kan taʼe maaliif taʼuu dandaʼa? Garaa garummaa kana hoo akkamitti furuu dandeenya?

12 Qalbiin namoota hundaa tokko miti. Qalbiin kee wanta qalbiin nama kan biraa akka hin goone isa dhowwu akka raawwattu siif heyyamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ati dhugaatii alkoolii dhuguu yommuu filattu, namni kan biraan garuu dhuguu akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Namoonni lama waaʼee kanaa miirri gara garaa kan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼu maaliifi?

Qalbiin leenjifame dhugaatii alkoolii dhuguu ykn dhuguu dhiisuuf akka murteessitu si gargaaruu dandaʼa

13 Namni tokko yeroo baayʼee bakki itti guddate, ilaalchi maatiin isaa wanta tokkoof qaban, muuxannoon ofii isaatii fi wantoonni kan biroon miira inni waan tokkoof qabu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Dhugaatii alkoolii wajjin haala wal qabateen, tarii namni kanaan dura hammam akka dhugu toʼachuun isa rakkisu matumaa dhuguu dhiisuu filachuu dandaʼa. (1 Mootota 8:38, 39) Kanaafuu, nama tokko dhugaatii alkoolii affeertee yoo inni dhuguu dide maaltu sitti dhagaʼama? Ni mufattaa? Akka inni dhugu isa dirqisiistaa? Maaliif akka dhuguu dide beekuuf cimsitee gaafattaa? Qalbii isaa waan kabajjuuf akkas hin gootu.

14, 15. Bara Phaawulositti haalli akkamii uumamee ture? Phaawulos gorsa gaarii akkamii kenneera?

14 Bara Phaawulos ergamaan turetti, qalbiin akkamitti adda adda taʼuu akka dandaʼu haalli argisiisu tokko uumamee ture. Foon bakka gabaatti gurguramu keessaa tokko tokko waaqeffannaa sobaatiif faayidaa irra kan oolanii fi waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼanii kan dhihaatan turan. (1 Qorontos 10:25) Phaawulos foon kana bitanii nyaachuun dogoggora akka taʼe isatti hin dhagaʼamne. Inni nyaanni hundi Yihowaa biraa akka argametti ilaala. Haa taʼu malee, obboloonni kanaan dura waaqolii tolfamoo waaqeffachaa turan tokko tokko wanta kana irraa adda taʼetu isaanitti dhagaʼame. Foon kana nyaachuun dogoggora akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Phaawulos, ‘Kun anaan qalbii koo hin jeequ. Ani waanan barbaade nyaachuuf mirga qaba’ jedhee yaadee turee?

15 Phaawulos akkas jedhee hin yaanne. Miira obboloota isaatiif iddoo guddaa waan kennuuf, mirga dhuunfaa isaa tokko tokko dhiisuuf fedhii qaba ture. Phaawulos, “Of gammachiisuu hin qabnu” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Kiristoos illee of hin gammachiisne” jedheera. (Roomaa 15:1, 3) Phaawulosis akkuma Yesuus, ofii isaa caalaa warra kaaniif akka yaadu argisiiseera.—1 Qorontos 8:13; 10:23, 24, 31-33 dubbisi.

16. Wanta qalbiin isaa akka godhu isaaf heyyameef obboleessa keenyatti murteessuu kan hin qabne maaliifi?

16 Taʼus, qalbiin nama kan biraa wanta nuti dogoggora akka taʼetti yaannu tokko akka raawwatu yoo isaaf heyyame hoo? Nuti sirrii akka taanee fi inni immoo akka dogoggore yaada keenyatti cichuudhaan akka isa hin ceephaane of eeggannoo cimaa gochuu nu barbaachisa. (Roomaa 14:10 dubbisi.) Yihowaan qalbii kan nuuf kenne, ofitti akka murteessinuuf malee warra kaanitti akka murteessinuuf miti. (Maatewos 7:1) Filannoon dhuunfaa keenyaa gumii keessatti qoqqoodinsa akka uumu matumaa hin barbaannu. Kanaa mannaa, karaa jaalalaa fi tokkummaa itti cimsinu barbaanna.—Roomaa 14:19.

QALBII GAARII QABAACHUUDHAAN FAAYIDAA ARGACHUU DANDEENYA

17. Qalbii namoota tokko tokkoo irra wanti akkamii gaʼee ture?

17 Pheexiros ergamaan, “Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa” jedhee barreesseera. (1 Pheexiros 3:16) Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni dhugaa buʼuuraa Yihowaa dhiisaa yommuu deeman, yeroo booda qalbiin isaanii isaan akeekkachiisuu dhiisa. Phaawulos qalbiin akkasii ‘akka sibiila diimessaadhaan gubameetti kan hadoode’ taʼuu isaa dubbateera. (1 Ximotewos 4:2) Ibiddi garmalee si gubee beekaa? Yeroo haalli akkasii uumamu gogaan kee godaannisa godhatee waan hadooduuf homtuu sitti hin dhagaʼamu. Namni tokko wanta dogoggora taʼe raawwachuu isaa yoo itti fufe, qalbiin isaa waan ‘hadooduuf,’ yeroo booda hojjechuu dhiisa.

Qalbii gaariin jireenya keenya keessatti nu qajeelchuu, akkasumas gammachuu fi nagaa keessaa nuuf argamsiisuu dandaʼa

18, 19. (a) Miirri balleessaa akka raawwanne nutti dhagaʼamu ykn miirri qaanii maal nu barsiisa? (b) Cubbuu hojjenneef yaada erga geddarannee booda kan of ceephaanu yoo taʼe maal gochuu dandeenya?

18 Sammuun keenya yommuu nu ceephaʼu, tarii qalbiin keenya wanta dogoggora taʼe tokko akka raawwanne nutti himaa jira taʼa. Kunis wanta hojjenne adda baasnee akka beeknuu fi wanta sana gochuu akka dhiisnu nu gargaaruu dandaʼa. Wanta sana irra deebinee akka hin raawwanneef, dogoggora keenya irraa barachuu barbaanna. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi cubbuu kan raawwate taʼus, qalbiin isaa yaada akka geddaratu isa kakaaseera. Wanta godhe sana jibbeera; sana boodas Yihowaadhaaf ajajamuuf murteesseera. Daawit muuxannoo mataa isaa irraa kaʼee, Yihowaan “gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha” jedhee dubbachuu dandaʼeera.—Faarfannaa 51:1-19; 86:5; Ibsa Dabalataa 7 ilaali.

19 Haa taʼu malee, namni tokko cubbuu raawwateef erga yaada geddaratee yeroo dheeraa booda illee, cubbuu raawwate sanaaf amma iyyuu of ceephaʼa taʼa. Namni tokko of ceephaʼuun isaa, isa dhiphisuu fi gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Atis al tokko tokko akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, wanta kanaan dura raawwatte jijjiiruu akka hin dandeenye yaadadhu. Yeroo sanatti wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe sirriitti hubattus hubachuu baattus, Yihowaan cubbuu kee guutummaatti waan sii dhiiseef, cubbuun raawwatte sun haqameera. Yihowaa duratti qulqulluu waan taateef, amma wanta sirrii taʼe gochaa akka jirtu beeki. Garaan kee amma iyyuu si ceephaʼa taʼa; Kitaabni Qulqulluun garuu, “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala” jedha. (1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi.) Kana jechuun jaalallii fi dhiifamni isaa, miira balleessaa akka raawwanne ykn qaanii nutti dhagaʼamu kam iyyuu caalaa baayʼee cimaa dha jechuu dha. Yihowaan dhiifama akka siif godhe mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Namni tokko dhiifama Yihowaa yommuu argatu, qalbiin isaa nagaa qabaata; akkasumas Waaqayyoon tajaajiluu isaatti ni gammada.—1 Qorontos 6:11; Ibroota 10:22.

20, 21. (a) Kitaabni kun maal akka gootu si gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼe dha? (b) Yihowaan bilisummaa akkamii nuuf kenneera? Nuti hoo akkamitti itti fayyadamuu qabna?

20 Kitaabni kun guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kanatti, qalbiin kee si akeekkachiisuu fi si eeguu akka dandaʼuuf akka leenjistu si gargaaruuf kan qophaaʼe dha. Kana malees, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kallattii jireenya kee adda addaa keessatti hojii irra akka oolchitu si gargaara. Kitaabni kun seerawwan haala hundumaa keessatti maal gochuu akka qabnu ibsan nuuf hin kennu. Kanaa mannaa, “seera Kiristoos,” isa dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyoo irratti hundaaʼeen jiraanna. (Galaatiyaa 6:2) Haalawwan tokko tokko ilaalchisee seerri kallattiidhaan kenname hin jiru jennee dogoggora raawwachuudhaaf sababii hin dhiheessinu. (2 Qorontos 4:1, 2; Ibroota 4:13; 1 Pheexiros 2:16) Kanaa mannaa, bilisummaa keenya Yihowaa akka jaallannu argisiisuuf itti fayyadamna.

21 Yommuu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxalluu fi hojii irra oolchinu, “dandeettii hubannaa” keenyatti fayyadamuu baranna, akkasumas akka Yihowaan yaadutti yaanna. (Ibroota 5:14) Kana gochuun keenya immoo, qalbii leenjiʼee fi jireenya keenya keessatti qajeelfama nuuf kennu qabaachuuf nu dandeessisa; akkasumas jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuuf nu gargaara.

^ Doktaroonni hedduun keessumaa namoonni araada dhugaatii alkoolii qaban hammam akka dhugan toʼachuun akka isaan rakkisu ni dubbatu. Namoonni akkasii matumaa alkoolii dhuguu akka hin qabne gorsu.