Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA

Wal Hiikuufi Gargar Ba’uu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

Wal Hiikuufi Gargar Ba’uu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

Yihowaan hiriyoonni gaa’elaa waadaa gaa’elaasaaniitiif amanamoo akka ta’an barbaada. Dhiiraafi durba jalqabaa gaa’elaan erga tokko godhee booda, “dhiirri . . . haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u” jedheera. Yesus Kiristosis jechuma kanarra erga deebi’ee booda, itti dabaluun, “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedhee dubbateera. (Uumama 2:24; Maatewos 19:3-6) Kanaaf, Yihowaafi Yesus gaa’ela hiriyaan gaa’elaa inni tokko yoo du’e qofa kan diigamu godhanii ilaalu. (1 Qorontos 7:39) Gaa’elli qulqulluu waan ta’eef, wal hiikuun salphaatti kan ilaalamu miti. Yihowaan sababii Caaffata Qulqullaa’aarratti hin hundoofneen wal hiikuu ni jibba.—Miilkiyaas 2:15, 16.

Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti wanti wal hiikuuf bu’uura ta’u maalidha? Yihowaan ejjaafi halalummaa ni jibba. (Uumama 39:9; 2 Saamu’el 11:26, 27; Faarfannaa 51:4) Kanaaf, halalummaa waan jibbuuf wal hiikuuf sababii ga’aa akka ta’e dubbateera. (Halalummaan maalfaa akka dabalatu hubachuuf Boqonnaa 9, keeyyata 7 ilaali.) Yihowaan, namni hiriyaan gaa’elaasaa ejja raawwate isa hiikuufis ta’e wajjin jiraachuuf akka murteessuuf mirga kenneera. (Maatewos 19:9) Kanaaf, hiriyaan gaa’elaa balleessaa hin qabne wal hiikuuf yoo murteesse, Yihowaan wal hiikuu sababii kanaan godhamu hin jibbu. Ta’us, gumiin Kiristiyaanaa eenyuyyuu akka wal hiiku hin jajjabeessu. Namni ejja raawwate garaadhaa qalbiisaa yoo geddarate, haalawwan hiriyaan gaa’elaa balleessaa hin qabne isaa wajjin jiraachuuf akka murteessu godhu jiraachuu danda’u. Ta’us, warri wal hiikuuf sababii ga’aa Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’e qaban, murtoo gochuufi wanta murtoonsaanii itti fidu fudhachuu qabu.—Galaatiyaa 6:5.

Kiristiyaanonni tokko tokko, haalli cimaan yeroo isaan mudatu, hiriyaan gaa’elaasaanii ejja raawwachuu baatus gargar ba’uuf ykn wal hiikuuf murteessaniiru. Macaafni Qulqulluun yeroo akkasiitti nama gargar ba’uu yaade ‘utuu hin heerumin ykn hin fuudhin akka taa’u ykn akka araaramu’ ajaja. (1 Qorontos 7:11) Kiristiyaanni akkasii nama garabiraa wajjin gaa’ela dhaabbachuu hin danda’u. (Maatewos 5:32) Sababiiwwan muraasa namoonni tokko tokko hiriyaa gaa’elaasaaniirraa gargar ba’uun barbaachisaadha jedhanii kan yaadan maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Ta’e jedhee wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu yoo dide. Abbaan manaa utuu danda’uu wantoota bu’uuraa maatiisaatiif barbaachisan dhiheessuu yoo dide maatiinsaa rakkinaaf saaxilamuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “Namni tokko akkasitti . . . warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti” jedha. (1 Ximotewos 5:8) Namni akkasii amalasaa jijjiiruu baannaan, haati manaa nageenyasheefi kan ijoolleeshee eeguuf jecha, seeraan gargar ba’uuf murteessuu dandeessi. Kiristiyaanni tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu akka hin dhiheessine yoo himatame, jaarsoliin gumii dhimma kana of eeggannoon qoruu qabu. Namni wanta maatiisaatiif barbaachisu hin dhiheessine gumii keessaa baafamuu danda’a.

Garmalee reebuudhaan miidhaa guddaa kan geessisu yoo ta’e. Abbaan manaa tokko haadha manaasaarra miidhaa guddaa kan geessisu ykn yeroo baay’ee reebuudhaan fayyaashees ta’e, lubbuushee balaarra buusu danda’a. Abbaan manaa miidhaa geessise Dhugaa Baatuu yoo ta’e, jaarsoliin gumii dhugaa ta’uusaafi dhiisuusaa qoruu qabu. Qoccolloofi gochi hammeenyaa akkasii namni tokko gumii keessaa akka baafamu gochuu danda’a.—Galaatiyaa 5:19-21.

Walitti dhufeenyi gaariin Yihowaa wajjin qabdu balaaf kan saaxilame yoo ta’e. Hiriyaan gaa’elaa tokko sochiiwwan waaqeffannaa dhugaa akka hin raawwanne ykn karaa tokkoon abboommii Waaqayyoo akka cabsu gochuuf yeroo hundaa dhiibbaa irraan ga’uuf yaalii godha ta’a. Yeroo kanatti, hiriyaan gaa’elaa haala akkasii keessa jiru “namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuu” kan danda’u, yoo seeraan gargar ba’e qofa akka ta’e murteessu danda’a.—Hojii Ergamootaa 5:29.

Akkuma armaan olitti ilaalle haalawwan garmalee cimaa ta’an yeroo isaan mudatu, eenyuyyuu hiriyaan gaa’elaa balleessaa hin qabne akka gargar ba’u ykn akka wajjin jiraatu dhibbaa gochuu hin qabu. Michoonni ga’eessota ta’aniifi jaarsoliin, gargaarsaafi gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e isaanii kennanis, haala abbaa manaafi haadha manaa gidduu jiru hunda guutummaatti beekuu hin danda’an. Yihowaa qofatu kana arguu danda’a. Haati manaas ta’e abbaan manaa Kiristiyaanota ta’an, hiriyaa gaa’elaasaaniirraa gargar ba’uuf yeroo hundumaa rakkina mana keessaa arbeessanii dubbatu taanaan, Waaqayyoofi qophii gaa’elaaf ulfina hin kennine jechuudha. Hammam dhoksuuf yaalii godhuyyuu Yihowaan haxxummaa gargar ba’uuf sababii ta’e hundumaa beeka. Dhugumayyuu, “wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul’ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.” (Ibroota 4:13) Ta’us, haalli garmalee rakkisaa ta’e yeroo dheeraaf waan itti fufeef, Kiristiyaanni tokko gargar ba’uuf yoo murteesse eenyuyyuu isa ceepha’uu hin qabu. Dhugumayyuu dhumarratti, “hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi’aachuuf jirra.”—Roomaa 14:10-12.