Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Karaa Hundumaa Amanamaa Ta’i

Karaa Hundumaa Amanamaa Ta’i

‘Nuyi karaa hundumaa Amanamoo taanee jiraachuu hawwina.’—IBROOTA 13:18, NW.

1, 2. Yihowaan carraaqqii amanamoo ta’uuf goonu arguunsaa kan isa gammachiisu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

HAATIIFI ilmishee inni xinnoon suuqii keessaa ba’u. Mucichis akka tasaa na’ee dhaabata. Meeshaa ijoolleen ittiin taphattuufi suuqii keessaa fuudhe harkatti qabateera. Meeshaa kana bakka fuudhetti deebisuu ykn haatisaa akka isaaf bittu gaafachuu akka qabu dagateera. Waan dhiphateefis akka isa gargaartuuf haadhasaa waame. Isheenis, akka tasgabbaa’u erga gootee booda, meeshicha bakka fuudhetti akka deebisuufi dhiifama akka gaafatuuf gara suuqichaatti fuutee deebiti. Mucaanshee yommuu akkas godhu arguunshee garaanshee gammachuudhaan akka guutamu godha. Maaliif?

2 Ijoolleensaanii amanamummaan barbaachisaa ta’uusaa hubachuunsaanii warra baay’ee gammachiisa. “Waaqa dhugaa” kan ta’e Abbaan keenya inni samiis akkasuma gammada. (Faarfannaa 31:5, hiika bara 1899) Karaa hafuuraa guddina argisiisuufi amanamoo taanee jiraachuuf carraaqii goonu arguunsaa isa gammachiisa. Isa gammachiisuufi jaalalasaa keessatti of eeguu waan barbaannuuf yaada Phaawulos, ‘Nuyi karaa hundumaa amanamoo taanee jiraachuuf hawwina’ jedhee ibsee wajjin walii galla. (Ibroota 13:18) Jalqaba karaawwan amanamaa ta’uun rakkisaa itti ta’uu danda’u afur haa ilaallu. Achiis amanamummaan eebbaa akkamii akka argamsiisu ilaalla.

OFIIF AMANAMAA TA’UU

3-5. (a) Dubbiin Waaqayyoo balaa of gowwoomsuun geessisu ilaalchisee akeekkachiisa akkamii nuu kenna? (b) Ofiif amanamoo ta’uuf maaltu nu gargaara?

3 Rakkoon jalqaba nu mudatu ofiif amanamaa ta’uu barachuudha. Cubbamoota waan taaneef, salphaadhumatti of gowwoomsuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesus Kiristiyaanonni gumii Laa’odiiqeyaa karaa hafuuraa gadadamoo ta’anii utuu jiranii akka sooressaatti of ilaaluudhaan waan of gowwoomsaniif, ‘deegdota, jaamotaafi qullaa’ ta’uusaanii isaanitti himeera. (Mul’ata 3:17) Of gowwoomsuunsaanii haala ulfaataa keessa turan itti caalchise malee faayidaa hin argamsiisneef.

4 Akeekkachiisa Yaaqoob akkas jechuudhaan kennes ni yaadatta ta’a: “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.” (Yaaqoob 1:26) Waan hin taane dubbachaa amantiin keenya Yihowaa biratti fudhatama argata jennee yaaduun of gowwoomsuurraa ala faayidaa argamsiisu hin qabu. Waaqeffannaan keenyas waa’ee kan hin baafne ta’a. Daandii gadda geessisu akkasiirraa akka fagaannu maaltu nu gargaara?

5 Yaaqoob boqonnaadhuma sana keessatti dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu of ilaalee wajjin wal fakkeesseera. Seera birmadummaa Waaqayyoo isa hir’ina hin qabne keessa lixnee akka ilaalluufi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka goonu nu gorseera. (Yaaqoob 1:23-25) Macaafni Qulqulluun ofiif amanamoo ta’uufi fooyya’iinsa argisiisuuf maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara. (Faaruu Ermiyaas 3:40; Haagee 1:5) Akkasumas, keessa keenya qoree akka ilaallu, hir’ina guddaa qabnu hubachuufi fooyya’iinsa argisiisuuf akka nu gargaaruuf Yihowaa kadhachuu dandeenya. (Faarfannaa 139:23, 24) Amanamummaa dhabuun dadhabbii guddaa waan ta’eef, dhimma kana karaa Abbaan keenya inni samii ilaaluun ilaaluu qabna. Fakkeenyi 3:32, “Namni micciiramaan Waaqayyo duratti in ciigga’ama, warri yaada qajeelaa qaban garuu in amanamu” jedha. Yihowaan miira isaa wajjin wal fakkaatu akka qabaannu, akkasumas akka inni nu ilaallutti of ilaalluuf nu gargaara. Phaawulos: ‘Amanamoo taanee jiraachuu hawwina’ jechuusaa yaadadhu. Yeroo ammaatti cubbuurraa walaba ta’uu baannus, amanamoo ta’uuf carraaqqii guddaa gochuu barbaanna.

MAATII KEESSATTI AMANAMAA TA’UU

Amanamummaan gocha warra kaan dhoksuuf qoramnu raawwachuurraa fagaachuuf nu gargaara

6. Hiriyoonni gaa’elaa waliif amanamuu kan qaban maaliifi? Kun balaawwan akkamiirraa isaan eega?

6 Amanamummaan amala maatiin Kiristiyaanaa tokko ittiin beekamu ta’uu qaba. Kanaaf, hiriyoonni gaa’elaa waliif kan amanamaniifi ifatti kan waliin haasa’an ta’uu qabu. Wantoota miidhaa geessisaniifi qulqulluu hin taane, jechuunis nama hiriyaa gaa’elaa ofii hin taane kolomsuu, karaa Intarneetii dhoksaan michooma uumuu ykn fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun gaa’ela Kiristiyaanotaa keessatti iddoo hin qaban. Kiristiyaanonni gaa’ela dhaabbatan tokko tokko hiriyaan gaa’elaasaanii utuu hin beekin gocha gaddisiisaa akkasii raawwataniiru. Kun amanamummaa dhabuudha. Wanta Daawit Mootichi inni amanamaa ture dubbate qalbeeffadhu: “Ani namoota sobduu wajjin tarree hin teenye, warra haxxee [“eenyummaasaanii dhoksanii,” NW] wajjinis hidhata hin taane.” (Faarfannaa 26:4) Gaa’ela qabaannaan, wanta eenyummaakee isa dhugaa hiriyaa gaa’elaakee jalaa akka dhoksitu si taasisu raawwachuurraa of qusadhu!

7, 8. Fakkeenyonni Macaafa Qulqulluu ijoolleen amanamummaa argisiisuun amala bakki guddaan kennamuuf ta’uusaa akka baratan gargaaran kamfa’i?

7 Warri amanamummaan amala bakki guddaan kennamuufii qabu ta’uusaa yommuu ijoolleesaanii barsiisan, fakkeenya namoota Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniin fayyadamuunsaanii gaariidha. Namoota amanamummaa utuu hin argisiisan hafan ilaalchisee seenaa baay’ee argachuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, seenaawwan Akaan isa hatee gochasaa dhoksuu yaale, Gehaaz isa qarshii argachuuf jecha sobe, Yihudaa isa qarshii itti kenname hataa tureefi Yesusiin dabarsee kennuu utuu yaaduu gocha fakkeessaa raawwate ibsuun ni danda’ama.—Iyaasuu 6:17-19; 7:11-25; 2 Mootota 5:14-16, 20-27; Maatewos 26:14, 15; Yohannis 12:6.

8 Namoota amanamummaa argisiisan keessaas, fakkeenyaaf, Yaaqoob qarshiin ilmaansaa qalqalloosaanii keessaa argan dogoggoraan kan kaa’ame ta’uu danda’a jedhee waan yaadeef akka deebisan isaanitti himee ture; Yiftaafi intallisaas amanamummaa akkasii kan argisiisan yommuu ta’u, wareegni abbaashee aarsaa guddaa akka kaffaltu ishee gaafatus, kana gochuurraa duubatti hin jenne. Yesusis raajii isa ilaalchisee dubbatame raawwachuufi michootasaa balaarraa oolchuuf jecha namoota hedduu miidhaa irraan ga’uu dhufan hunda duratti eenyummaasaa ibsuurraa duubatti hin jenne. (Uumama 43:12; Abboota Firdii 11:30-40; Yohannis 18:3-11) Fakkeenyota muraasni kun warri ijoolleensaanii amanamummaa akka jaallataniifi amala kanaaf bakka guddaa akka kennan barsiisuuf, odeeffannoo hedduun isaan gargaaran Dubbii Waaqayyoo keessatti akka argaman kan argisiisudha.

9. Amanamummaa argisiisuudhaan warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya ta’uuf maalirraa fagaachuu qabu? Fakkeenya ta’uunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

9 Barumsi akkasii warrarratti itti gaafatamummaa guddaa fida. Phaawulos akkas jechuudhaan gaafateera: “Yoo akkas ta’e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? ‘Hin hatin!’ jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?” (Roomaa 2:21) Warri tokko tokko ijoolleensaanii amanamoo akka ta’an barsiisaa ofiisaaniitii garuu gocha amanamummaa isaan dhabsiisu raawwachuudhaan ijoolleesaanii burjaajessu. Wantoota xixiqqoo hatuun ykn wanta nama dogoggorsu dubbachuun rakkoo waan hin qabne fakkeessuuf, “Namoonni hundi akka fudhatan beekamaadha” ykn “Kun akka sobaatti hin ilaalamu” jedhanii sababii dhiheessu. Dhugaa dubbachuuf taanaan garuu, wanti hatame xinnoos haa ta’u guddaa hanni hannadha. Akkasumas wanti dubbatame maaliyyuu yoo ta’e sobni sobadha. * (Luqaas 16:10) Ijoolleen fakkeessituu ta’uu hubachuutti baay’ee dammaqoo waan ta’aniif amalli akkasii miidhaa isaanirraan ga’uu danda’a. (Efesoon 6:4) Fakkeenya amanamummaa warrisaanii argisiisanirraa yoo baratan garuu, biyya lafaa isa amanamummaa hin argisiisne keessatti ijoollee Yihowaaf ulfina argamsiisan ta’anii guddatu.—Fakkeenya 22:6.

GUMII KEESSATTI AMANAMAA TA’UU

10. Namoota hidhata amantii keenya wajjin yommuu haasofnu amanamoo ta’uuf of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

10 Hariiroon namoota hidhata amantii keenya wajjin qabnu, carraawwan amala amanamummaa guddifachuuf nu gargaaran hedduu nuu argamsiisa. Akkuma Boqonnaa 12rratti baranne, dandeettii dubbachuu nuu kenname keessuma obboloota hidhata amantii keenyaa wajjin yommuu taanu sirriitti itti fayyadamuuf of eeggannoo gochuu nu barbaachisa. Haasaan akka qoosaatti jalqabame salphaadhumatti hamiifi maqaa balleessuutti jijjiiramuu danda’a! Oduu dhugaa ta’uunsaa hin mirkaneeffamne yoo dubbanne, soba babal’isuu waan ta’uuf arraba keenya to’achuu qabna. (Fakkeenya 10:19) Karaa kaanimmoo, dubbichi dhugaa ta’uusaa beeknus dubbatamuu qaba jechuu miti. Fakkeenyaaf dhimmisaa kan nu hin ilaalle ykn dubbachuun keenya gaarummaa kan hin qabne ta’uu danda’a. (1 Tasaloniiqee 4:11) Namoonni tokko tokko wanta warra kaan miidhu erga dubbatanii booda, dubbiisaanii dhugaa fakkeessuuf sababii dhiheessu; haata’u malee, dubbiin afaan keenyaa ba’u yeroo hundaa kan namatti toluufi gaarummaa kan calaqqisu ta’uu qaba.—Qolosaayis 4:6.

11, 12. (a) Obboloonni cubbuu cimaa raawwatan tokko tokko rakkoo uumame kan itti caalchisan akkamitti? (b) Cubbuu cimaa ilaalchisee soba Seexanni babal’isu keessa tokko tokko maalfa’i? Rakkoo kana ofirraa ittisuu kan dandeenyu akkamitti? (c) Jaarmiyaa Yihowaatiif amanamoo ta’uu keenya kan argisiisnu akkamitti?

11 Keessumaa, obboloota gumii keessatti dursa fudhatanii hojjetaniif amanamoo ta’uun barbaachisaadha. Obboloonni cubbuu ulfaataa raawwatan tokko tokko cubbuusaanii ni dhoksu; jaarsoliin gumii dhimma kanaa ilaalchisee yommuu isaan gaafatanis sobuudhaan rakkoon kun akka itti caalu godhu. Namoonni akkasii cubbuu guddaa raawwachaa Yihowaa tajaajilaa waan jiran fakkeessuudhaan jireenya bifa lamaa jiraachuu jalqabu. Kun garuu, jireenyi nama tokkoo sobaan akka guutamu godha. (Faarfannaa 12:2) Kaanimmoo, wanta baay’ee barbaachisaa ta’e jaarsolii dhoksuudhaan gartokkoosaa qofa dubbatu. (Hojii Ergamootaa 5:1-11) Yeroo baay’ee gochi amanamummaa balleessu akkasii soba Seexanni babal’isu amanuurraa madda.—Saanduqa “ Cubbuu Cimaa Ilaalchisee Soba Seexanni Babal’isu” jedhu ilaali.

12 Jaarmiyaa Yihowaatiif xalayaadhaan yommuu deebii kenninus amanamoo ta’uun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, sochii tajaajilarratti dabarsine ilaalchisee gabaasa sobaa hin dhiheessinu. Haaluma wal fakkaatuunis, mirga tajaajilaa argachuuf yommuu foormii guunnu waa’ee fayyaa ykn waa’ee keenya ilaalchisee gaaffii dhihaatu kamiifiyyuu, odeeffannoo sobaa guutuu hin qabnu.—Fakkeenya 6:16-19.

13. Hidhata amantii keenya wajjin kan hojjennu taanaan, amanamoo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

13 Namoota hidhata amantii keenyaa wajjin hojii daldalaa kan hojjennu taanaanis amanamoo ta’uu qabna. Al tokko tokko obboloonni hojii daldalaa waliin hojjechuu danda’u. Hariiroo hojiifi bakka hojiitti qaban waaqeffannaa Galma Mootummaatti ykn tajaajilarratti raawwatanii wajjin akka wal hin makne of eeggannoo gochuu qabu. Hariiroon isaan qaban hojjetaafi hojjechiisaa ta’uu danda’a. Obbolootaafi obboleettota qacarree kan hojjechiisnu taanaan, miindaa ittiin walii galle yeroosaatti kennuu, faayidaa argachuu malaniifi seerri isaaniif heyyamu amanamummaan kennuu, akkasumas gaarummaadhaan qabuu qabna. (1 Ximotewos 5:18; Yaaqoob 5:1-4) Karaa kaanimmoo, obboleessa ykn obboleettii tokko biratti qacaramnee kan hojjennu taanaan hojii mindaa keenyaa wajjin wal gitu guutummaatti hojjechuu qabna. (2 Tasaloniiqee 3:10) Namni nu hojjechiisu hidhata amantii keenyaa waan ta’eef qofa, heyyama ykn faayidaa hojjettoota kaaniif hin kennamne akka nuu kennu ykn ilaalcha addaa nuu gochuuf dirqamni akka irra jiru goonee ilaaluu hin qabnu.—Efesoon 6:5-8.

14. Kiristiyaanonni hojii daldalaarratti yommuu waliin hojjetan of eeggannoo akkamii gochuu qabu? Maaliif?

14 Hariiroon hojii Kiristiyaana tokkoo wajjin qabnu, walii wajjn hojjechuu, qarshii liqeessuu ykn liqeeffachuu kan dabalatu yoo ta’ehoo? Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee qajeelfama barbaachisaafi bu’a qabeessa ta’e kenna: Walii galteen hundi barreeffamaan akka ta’u godhi! Fakkeenyaaf, Ermiyaas yeroo lafa bite walii galteesaanii waraqaarratti barreessisee dhugaa baatota duratti walii mallatteessuudhaan gara fuulduraatti ragaadhaaf bakka gaarii akka taa’u godheera. (Ermiyaas 32:9-12; akkasumas Uumama 23:16-20 ilaali.) Obboloota hidhata amantii keenya wajjin daldala yommuu jalqabnu, walii galtee godhame tokko tokkoon of eeggannoon qopheessuufi bakka dhugaa baatonni jiranitti waliif mallatteessuun wal amanuu dhabuu miti. Kanaa mannaa, gara boodaatti wal hubachuu dhabuu, aariifi waldhabiinsi gargar ba’uu geessisu akka hin uumamne gochuuf gargaara. Kiristiyaanonni waliin hojjetan, kasaaraa daldalarratti isaan mudateef jecha wanta tokkummaafi nagaa gumichaa booressu akka hin raawwanne hubachuu qabu. *1 Qorontos 6:1-8.

GUMIIDHAAN ALATTI AMANAMUMMAA ARGISIISUU

15. Yihowaan hojii daldalaa amanamummaa hin qabne akkamitti ilaala? Kiristiyaanonni gocha baramaa kana akkamitti ilaalu?

15 Kiristiyaanni tokko amanamummaa akka argisiisu kan irraa eegamu gumii keessatti qofa miti. Phaawulos, ‘Karaa hundumaa amanamoo taanee jiraachuu hawwina’ jedheera. (Ibroota 13:18) Uumaan keenya haala daldalaa wajjin wal qabateenis, amanamoo akka taanu barbaada. Macaafa Fakkeenya keessatti qofa waa’een miijana sobaa al afur caqasameera. (Fakkeenya 11:1; 16:11; 20:10, 23) Bara durii namoonni yeroo bitaniifi gurguran, meeshaa bitanis ta’e qarshii bittaafi gurgurtaaf tajaajilu dhagaawwan miijanaafi mi’a ittiin miijana madaaluuf gargaaraniin fayyadamuun baramaa ture. Daldaltoonni amanamoo hin taane maamiltootasaanii gowwoomsuuf, miijana addaddaa sirrii hin taane lamaan fayyadamu turan. * Yihowaan gocha akkasii ni jibba! Jaalalasaa keessatti of eeguuf, hojii daldalaa amanamummaa keenya hir’isu kamirraayyuu ni fagaanna.

16, 17. Addunyaa har’aa keessatti gochawwan baramoo amanamummaa hir’isan akkamiitu raawwatama? Kiristiyaanonni dhugaan maal gochuuf murteessaniiru?

16 Addunyaa kan seerratu Seexana waan ta’eef, amanamummaan baduunsaa nu hin dinqisiisu. Guyyaa guyyaan gocha amanamummaa keenya hir’isu raawwachuuf qoramna. Namoonni hojiitti qacaramuuf iyyata yommuu galchan sadarkaa barumsaafi muuxannoo qaban ilaalchisee ragaa sobaa akka dhiheessan beekamaadha. Yeroo baay’ee namoonni immigireeshinii, gibira, inshuraansiifi wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan ilaalchisee yommuu foormii guutan wanta barbaadan argachuuf jecha ragaa sobaa dhiheessuunsaanii baramaadha. Barattoonni hedduun qormaata walirraa hatu ykn mataduree tokkorratti qo’annaa geggeessuudhaan barreeffama akka dhiheessan ykn dhimma tokko ilaalchisee gabaasa akka dhiheessan yommuu gaafataman, wanta Intarneetiirraas ta’e madda gara biraarraa argatan akka jirutti garagalchuudhaan hojii nama kaanii akka kansaaniitti dhiheessu. Kana malees, abbootiin taayitaa malaammaltoota ta’an yommuu isaan mudatan wanta barbaadan argachuuf matta’aa kennu. Biyya lafaa kana keessaa namoonni hedduun, “warra ofittoo, [“qarshii kan jaallatan,” NW] . . . warra waan gaarii jibban” akka ta’an eegna.—2 Ximotewos 3:1-5.

17 Kiristiyaanonni dhugaa gochawwan akkasiirra fagaachuuf murtoo godhaniiru. Al tokko tokko namoonni amanamoo hin taane addunyaa kana keessatti isaanii mijaa’ee ykn kan guddatan fakkaatanii argamuunsaanii amanamummaa ofii eeganii jiraachuun rakkisaa akka ta’u gochuu danda’a. (Faarfannaa 73:1-8) Kiristiyaanonni garuu “karaa hundumaa” amanamoo ta’anii jiraachuu waan barbaadaniif, gama qarshiitiin rakkoon dinagdee isaan mudachuu danda’a. Amanamummaaf jecha aarsaa akkasii kaffaluunsaanii isaan gaabbisiisaa? Matumaa! Maaliif? Amanamummaan eebba akkamii argamsiisa?

EEBBA AMANAMUMMAAN ARGAMSIISU

18. Maqaa amanamaadha jedhu argachuun wanta bakki guddaan kennamuuf kan ta’e maaliifi?

18 Wantoonni maqaa gaarii amanamaadha jedhu argachuu caalan jiraatanillee baay’ee muraasadha. (Saanduqa “ Yeroo Hundaa Nan Amanamaa?” jedhu ilaali.) Eenyuyyuu maqaa gaarii akkasii qabaachuu akka danda’u hubadhu! Amanamummaan, dandeettii, qabeenya, miidhagina, akkaataa guddinaa ykn wanta garabiraa humnakee ol ta’erratti kan hundaa’e miti. Ta’us, namoonni hedduun maqaa gaarii argachuu hin dandeenye. Amanamummaan amala salphaatti hin argamnedha. (Miikiyaas 7:2) Namoonni tokko tokko amanamaa ta’uu keetti ni qoosu ta’a; kaan garuu amalakee kan dinqisiifatan ta’uusaaniirrayyuu, si amanu, si kabajus. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun, amanamoo ta’uunsaanii faayidaa qarshii akka argamsiiseef hubataniiru. Namoonni amanamoo hin taane yommuu hojiirraa ari’aman hojiisaaniirra akka turan taasifamaniiru ykn yeroo hojjettoonni amanamoon barbaadamanitti qacaramaniiru.

19. Yaanni garaa keenyaafi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu amanamummaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?

19 Maqaa akkasii argattus argachuu baattus, amanamummaan eebbaa hangana hin jedhamne siif argamsiisa. Yaada garaa si hin ceephaane qabaatta. Phaawulos: “Yaadni garaa keenyaa akka nu hin ceephaane [“akka amanamaa ta’e,” NW] hubanneerra” jechuudhaan barreesseera. (Ibroota 13:18) Kana malees, Abbaan keenya inni samiifi inni jaalala qabeessi amanamummaakee kan argu si’a ta’u, namoota amanamoo ta’anis ni jaallata. (Faarfannaa 15:1, 2; Fakkeenya 22:1) Eeyyee, amanamaa ta’uunkee jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf si gargaara; badhaasni kana caalus hin jiru. Ittaansuun mataduree kanaa wajjin walitti dhufeenya qabu, jechuunis ilaalcha Yihowaan hojiidhaaf qabu ilaalla.

^ key. 9 Gumii keessatti namni warra kaan miidhuu yaaduudhaan dubbii sobaa dubbachuu amaleeffate jiraannaan, jaarsoliin tarkaanfii irratti fudhachuu danda’u.

^ key. 14 Hojii daldalaarratti rakkoowwan tokko tokko yoo uumaman maal godhamuu akka qabu ilaalchisee Kutaa Dabalataa, “Waldhabiinsa Daldalaa Wajjin Wal Qabateen Uumamu Hiikuu“ jedhu ilaali.

^ key. 15 Yeroo bitaniifi gurguran miijana addaddaatti fayyadamuudhaan karaa lamaan bu’aa argatu. Kana malees, karaa tokkoon wanta dheeraa ykn ulfina dabalu miijanarra kaa’uudhaan hojii bittaafi gurgurtaarratti maamiltootasaanii gowwoomsu.