Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFFII 4

Jireeenyi Hundi Qaama Tokkorraa Fooyyaʼee Dhufee?

Jireeenyi Hundi Qaama Tokkorraa Fooyyaʼee Dhufee?

Daarwiin, jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼee akka dhufe yaada ture. Akkaataan jireenyi lafarraa itti dhufe muka guddaa tokkoo wajjin wal fakkeessa ture. Yeroo booda, namoonni kaan “mukti jireenyaa” kun jirma tokkittii seelota jalqabaa wal xaxaa hin taane arsisiisu akka taʼetti amanuu jalqaban. Achiis sanyiiwwan garaa garaa jirma kanarraa latuudhaan damee ykn maatii biqiltootaa fi bineeldotaa taʼan. Sanyiiwwan yeroo harʼaatti maatii biqiltootaa fi bineeldotaa gidduutti ramadaman hundis kanarraa dhufan. Taʼus, dhuguma wanti raawwatame kanadhaa?

Saayintistoonni hedduun maal jedhu? Hedduunsaanii ragaan qorannaa hambaalee jireenyi hundi qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan akka argame argisiisa jedhu. Uumamawwan jiraatoo hundis “qooqa kompiitaraa” wal fakkaatu ykn DNA waan qabuuf qaama tokkorraa jijjiiramaan kan argame taʼuu akka qabu falmu.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Seenaan Kitaaba Uumamaa biqiltoonni, uumamawwan bishaan keessaa, uumamawwan lafarraa fi uumamawwan barrisan ‘akka akaakuu isaaniitti’ akka uumaman dubbata. (Uumama 1: 12, 20-25) Ibsi kun “akaakuun” hundi garaa garummaa akka qabanii fi daangaa dhaabbataan akaakuu isa tokko isa kanirraa adda baasu akka jiru argisiisa. Kana malees, gabaasa kitaaba Uumamaa yeroo dubbisnu, hambaaleen uumama haaraa qaama guutuu qabanii akka tasaa argamuunsaa kan nama hin dinqisiisne akka taʼe hubanna.

Ragaan jiru maal argisiisa? Ragaan argame yaada Kitaaba Qulqulluumoo yaada Daarwiin deggera? Ragaawwan waggoota 150 darbanitti argaman maal mirkaneessu?

MUKTI DAARWIIN NI JIGE

Saayintistoonni waggoota dhihoodhaa asitti jenetik koodii orgaanizimoota seel qeenxee, akkasumas biqiltootaa fi bineeldota wal bira qabanii ilaaluu dandaʼaniiru. Akkas kan godhan, “mukti jireenyaa” damee godhatuu fi Daarwiin waaʼeesaa dubbate sirrii taʼuusaa mirkaneessuufi. Taʼus, akka isaan yaadan hin taane.

Qorannaan kun maal mirkaneesse? Baayooloojistiin Maalkoom Goordan, bara 1999​tti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Jireenyi madda hedduu waan qabu fakkaata. Uumamni madda tokkorra waan dhufan hin fakkaatu.” Akkuma Daarwiin amanaa ture, ragaan dameewwan jireenyaa warri guguddaan hundi jirma tokkittii irraa akka biqilan mirkaneessu jiraa? Itti dabaluudhaan akkas jedhaniiru: “Ragaawwan yeroo harʼaatti argaman yaanni jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan argame jedhu ramaddii mootummaa jedhamurratti kan hojjetu hin fakkaatu. Tarii hundarratti taʼuu baatullee faayilamoota hedduu fi kutaawwan (classes) hedduu faayilamootaa keessatti hojjechuu dhiisuu dandaʼa.”29 a

Qorannoon dhiheenyatti godhames, barumsa Daarwiin isa jireenyi hundi qaama tokkorraa fooyyaʼee dhufe jedhuu wajjin wal faallessa. Fakkeenyaaf, mata dureen barruu New Scientist irratti bara 2009​tti maxxanfame tokko saayintistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Eeriik Baateesti, “Ragaa yaanni mukti jireenyaa dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu hin qabnu” jechuu isaanii caqaseera.30 Baayooloojistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Maayikil Roozis barruuma sanarratti akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Mukti jireenyaa suutuma suuta awwaalamaa akka jiru hundi keenyayyuu beekna. Wanti nutti ulfaate garuu iaalcha buʼuuraa gama baayooloojiitiin qabnu jijjiiruudha” jedhaniiiru.31 b

HAMBAALEEN ARGAMAN MAAL MIRKANEESSU?

Saayintistoonni hedduun ragaan hambaalee jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼee akka dhufe mirkaneessa jedhu. Fakkeenyaaf, amfiibiyaanonni qurxummiileerraa, hoosiftoonnimmoo reeppitaayilootarraa argaman jedhanii falmu. Ragaan hambaalee garuu kana argisiisaa?

Hayyuu qorannoo hambaalee jijjiirama tirannaa kan taʼan Deevid Rawuup akkas jedhaniiru: “Wanti jiʼooloojiistonni bara keenyaas taʼan bara Daarwiinitti turan argatan ragaa uumamawwan jiraatoon suutuma suuta jijjiiramaa akka dhufan argisiisu utuu hin taʼin funaansuma xixinnoodha. Sanyiiwwan tokko tokko akkuma tasaa mulʼatanii baroota jiraatan keessatti jijjiirama xiqqoo gochuudhaan ykn jijjiirama tokkollee utuu hin argisiisin akka tasaa badu.”32

Hambaalee hedduun garuu uumamawwan garaa garaa utuu hin jijjiiramin bara dheeraaf akka jiraatan argisiisu. Ragaan argame, gara uumama kan biraatti akka jijjiiraman hin argisiisu. Kanaa mannaa, ijaarsa qaamaa isaaniitu akka tasaa jijjiirame. Kana malees, wanta haaraatu akka tasaa qaama isaaniirratti mulʼata. Fakkeenyaaf, simbirri halkanii dambalii sagaleetti fayyadamtee kallattii fi fageenya wanta tokkoo beekuunshii, bineensa kan biraa irraa akka argamte hin argisiisu.

Qoqqoodama guguddaa bineensotaa keessaa walakkaa ol kan taʼan yeroo gabaabaa jedhamu keessatti kan mulʼatan fakkaata. Qorattoonni bara uumamawwan haaraan adda taʼan hedduun akka tasaa hambaalee keessatti itti argaman, “dhoʼiinsa Kaambeeriyaan” jedhanii waamu. Kun bara isa kami?

Mee tilmaamni qorattoonni kennan dhugaadha haa jennu. Akka isaan jedhanitti yoo taʼe umurii lafaa dheerina dirree kubbaa miilaa tokkoo wajjin wal fakkeessuu dandeenya (1). Akka fakkeenya kanaatti bara qorattoonni Kaambeeriyaan jedhanii waamanirra gaʼuuf, fageenya dirree kubbaa sanaa harka saddeet keessaa harka torba deemuu qabda (2). Garee guguddaan bineensonni itti qoqqoodaman hambaalee keessatti akka tasaa argamuu kan jalqaban yeroo gabaabaa Kaambeeriyaan keessatti argamuttidha. Yeroon argamuu itti jalqaban hangam gabaabaa dha? Dirree kana keessa deemuu kee yommuu itti fuftu, uumamni garaa garaa hundi kan dhufan dheerina yeroo tarkaanfii tokko hin guunne keessattidha.

Uumamawwan garaa garaa kun akka tasaa mulʼachuunsaanii qorattoonni hambaalee tokko tokko yaada Daarwiin akka shakkan godheera. Fakkeenyaaf, baayooloojistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Istuwaart Niiwumaan gaafannoo bara 2008​tti isaaniif godhamerratti yaanni jijjiirama tirannaa haaraa sababa itti uumamawwan haaraan akka tasaa mulʼatan ibsu akka barbaachisu dubbataniiru. Akkas jedhaniiru: “Yaanni Daarwiin jijjiirama tirannaa ibsuuf itti fayyadame suuta suuta akka dhiifamu natti dhagaʼama. Waaʼee maakirooʼivooluushinii, jechuunis waaʼee jijjiiramawwan gurguddaa kutaalee qaamaa irratti raawwatamanii hubachuufillee hin gargaaru.”33

RAKKOOWWAN “RAGICHI” QABU

Kitaabonni barataa tokko tokko hanga hambaalee yaada jijjiirama tirannaa deggeruuf tartiibaan kaaʼamanii garaagara kan godhan maaliifi?

Akkaataa Kitaaba Barataa Irra Itti Kaaʼamee Jiru

Hanga Isaanii Hamma Tokko Kan Ibsu

Ragaawwan hambaalee qurxummiiwwan amfiibiyaanotaatti, reeppitaayiloonni immoo hoosiftootaatti akka jijjiiraman argisiisuuf dhihaatan maal mirkaneessu? Jijjiirama tirannaatiif ragaa amansiisaa taʼuu? Gad fageenyaan yeroo qorrutti rakkoowwan hedduutu ifatti baʼa.

Tokkoffaa, fakkiiwwan reeppitaayiloota gara hoosiftootaatti jijjiiraman ibsuuf kitaaba barataa irratti kaafan tokko tokko sirrii miti. Fakkii bineensota kanaa wal qixa godhanii kaasuu mannaa kaan ni guguddisu tokko tokkommoo baayʼee xixinneessu.

Qorumsi guddaan inni lammaffaan ragaan bineensonni kun walitti dhufeenya akka qaban argisiisu kan hin jirre taʼuu isaati. Akka qorattoonni tilmaamanitti hambaaleen akka fakkeenyaatti ibsaman kun garaa garummaa waggoota miliyoonaan lakkaaʼamanii qabu. Qorataa bineensotaa kan taʼan Henarii Jiin, “Garaa garummaan yeroo hambaalee gidduu jiru baayʼee guddaa waan taʼeef dhalootaanis taʼe sanyiidhaan walitti dhufeenya akkamii akka qaban afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu” jedhaniiru.34 c

Qorataa baayooloojii kan taʼan Maalkom Goordan, hambaalee qurxummiilee fi amfiibiyaanotaa ilaalchisee, ‘hambaaleen kun uumamawwan jiraatoo bara sana turan muraasa qofa bakka buʼu; tariimmoo bakka buʼuu dhiisuuyyuu dandaʼu’ jedhaniiru. Akkasumas, “Uumamawwan kun guddina isaan booda argameef Gumaacha hammamii akka godhan ykn hariiroo isaan qaban beekuun hin dandaʼamu” jedhaniiru.35 d

“FIILMICHI” DHUGUMAAN MAAL ARGISIISA?

Mata dureen barruu National Geographic jedhamuu irratti bara 2004​tti baʼe tokko, waaʼee galmee hambaalee fakkeenyaan ibsuuf fiilmii jijjiirama tirannaa argisiisuuf qophaaʼee fi fakkii 1000 qabu keessaa 999 akka badan ibseera.36 Mee fakkeenyi kun hiika maalii akka qabu haa ilaallu.

Fakkiiwwan hambaalee 95n bineensonni akaakuu tokkorraa gara biraatti akka hin jijjiiramne argisiisu erga taʼee, qorattoonni hambaalee fakkiiwwan 5n hafan yaada kana akka deggerutti kan qindeessan maaliifi?

Fiilmii fakkiiwwan 100,000 qabu keessaa fakkiiwwan 100 argatte haa jennu. Fakkiiwwan argatte kanatti fayyadamtee seenaa fiilmichaa beekuu dandeessaa? Mee seenaasaa tilmaamteetta haa jennu. Garuu, fakkiiwwan 100 keessaa yaada kee kan deggeran 5 qofa utuu taʼanii fi fakkiiwwan 95n hafan garuu seenaa gara biraa kan dubbatan utuu taʼaniihoo? Fakkiiwwan yaada kee deggeran shanan sana qofarratti hundooftee tilmaamnikee sirrii akka taʼe falmuun sirriidhaa? Fakkiiwwan shanan tartiiba kanaan kan keesse yaada kee waan sii deggeruuf qofa taʼuu hin dandaʼuu? Fakkiiwwan 95n hafanitti fayyadamtee ilaalcha kee sirreessuun sirrii sitti hin fakkaatuu?

Fakkeenyi kun ilaalcha namoonni jijjiirama tirannaatti amanan hambaalee ilaalchisee qaban kan ibsu akkamitti? Qorattoonni, hambaalee baayʼeen jechuunis fiilmiiwwan 95n, sanyiiwwan sun baroota hedduu keessatti jijjiirama muraasa akka godhan akka argisiisu waggoota hedduudhaaf hin fudhanne. Ragaa amansiisaan akkasii utuu jiruu maaliif callisan? Barreessaan Riichaardi Mooris jedhaman akkas jedhaniiru: “Qorattoonni hambaalee, yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼate waan fudhataniif, ragaa kallattii gara biraatti geessu yeroo argatanittillee yaada isaaniitti waan cichan fakkaata. Hambaalee argaman irratti ibsa kan kennan yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼatee jiru irratti hundaaʼaniiti.”37

“Hambaalee tartiibaan kaaʼuudhaan jijjiirama tirannaa mirkaneessuuf yaaluun yaada saayinsiidhaan mirkaneeffamuu dandaʼu utuun hin taʼin oduu durii ijoollee raffisuuf dubbatamudha; nama bashannansiisa, barumsas dabarsuu dandaʼa, garuu saayinsaawaa miti.”—In Search of Deep Time—Beyond the Fossil Record to a New History of Life, by Henry Gee, ful. 116-117

Waaʼee namoota yeroo harʼaatti jijjiirama tirannaatti amananiihoo maal jechuutu dandaʼama? Hambaalee argaman tartiiba taʼe tokkoon kan kaaʼan, hambaalee fi ragaawwan jenetikii tartiiba kana waan deggeraniif utuu hin taʼin, yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼatee jiruu wajjin waan wal simuuf jedhaniitii laata? e

Maarree maal sitti fakkaata? Ragaan jiru yaada isa kam deggera? Dhugaawwan hanga ammaatti irratti mariʼanne hubadhu.

  • Jireenyi jalqaba lafarratti mulʼate wal xaxaa kan hin taane miti.

  • Kutaaleen garaa garaa seelii tokkoollee carraan isaan akka tasaa argamuuf qaban baayʼee xinnoodha.

  • DNAn, jechuunis “sagantaan kompiitaraa” ykn koodiin seelota toʼatu wal xaxaa waan taʼeef, sagantaa nam tolcheen ykn kuusaan odeeffannoo akkamiiyyuu ittiin qixxaachuu hin dandaʼu.

  • Qorannaan jenetikii, uumamawwan jiraatoon qaama tokkorraa fooyyaʼanii akka hin dhufne mirkaneesseera. Kana malees, gareen gurguddaan bineensotaa hambaalee keessatti mulʼachuu kan jalqaban akkuma tasaati.

Kanarraa kaʼuudhaan ragaawwan kun Madda jireenyaa ilaalchisee ibsa Kitaabni Qulqulluun kennuu wajjin wal sima jechuun sirrii sitti hin fakkaatuu? Taʼus, namoonni hedduun seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu hedduunsaa saayinsii wajjin wal faallessa jedhu. Kun dhugaadhaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

a Jechi baayooloojii faayilam jedhu bineensota hedduu ijaarsa qaamaa wal fakkaatu qabanii fi garee tokko keessatti ramadaman argisiisa. Mala saayintistoonni uumamawwan hunda itti hiran keessaa tokko mala abbaa sadarkaa torbaa isa gubbaadhaa asii gadi dhiphachaa deemudha. Sadarkaa inni tokkoffaan balʼinaan hundarra kan caaluu fi mootummaa kan jedhamudha. Sadarkaawwan itti aansuudhaan jiran faayilamii, murna, oordarii, warra, qaccee fi sanyii kan jedhamanidha. Fakkeenyaaf, fardi haala itti aanuun ramadama: mootummaa, Aniimaaliyaa; faayilam, Kordaataa; murna, Maamaaliyaa; oordarii, Periisoodaaktiilaa; warra, Ekiwiidee; qaccee, Ekiiwus; sanyii, Kaabaalas.

b Barruun New Scientist, akkasumas Baateestii fi Rooz kana kan ibsan barumsi jijjiirama tirannaa dogoggora akka taʼe dubbachuu barbaadanii miti. Kanaa mannaa, yaanni Daarwiin muka jireenyaa ilaalchisee ibsee fi ijoo barumsa isaa taʼe ragaa akka hin qabne ibsuu barbaadaniiti. Saayintistoonni akkasii ammayyuu jijjiirama tirannaa ilaalchisee ibsa gara biraa barbaadaa jiru.

c Henarii Jiin yaada kana kan dubbatan jijjiiramni tirannaa dogoggora akka taʼe ibsuuf utuu hin taʼin, ragaawwan hambaaleerraa argaman murtaaʼoo akka taʼan ibsuufidha.

d Maalkom Goordan nama jijjiirama tirannaa deggeranidha.

e Fakkeenyaaf, saanduqa “ Ilmaan Namootaahoo Jijjiirama Tirannaatiin Argamanii?” jedhu ilaali.

f Hubachiisa: Qorattoonni saanduqa kana keessatti caqasaman hundi barumsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatutti hin amanan. Hundi isaanii jijjiirama tirannaatti amanu.

g “Hoominidiin” jecha qorattoonni jijjiirama tirannaa, maatiin ilmaan namootaa fi sanyiin ilmaan namootaa sirni barreeffamaa eegaluusaa dura turan irraa argaman argisiisuuf itti fayyadamanidha.