GAAFFII 1
Jireenyi kan Argame Akkamitti?
Ijoollummaa keetti, “Daaʼimni akkamitti uumama?” jettee warra kee gaafattee beektaa? Taanaan, maal siin jedhan? Daaʼima waan taateef ykn waan qaanaʼaniif deebii quubsaa utuu siif hin kennin hafan taʼa. Yookiin seenaan isaan sitti himan tokko erga guddattee booda soba taʼuusaa hubattee taʼuu dandaʼa. Mucaan tokko umurii saallameessoo fi umurii gaaʼela itti godhaturra gaʼuusaa dura waaʼee sirna wal hormaataa irraa jalaan barachuu qaba.
Daaʼimni akkamitti akka uumamu ibsuun akkuma warratti ulfaatu, saayintistoonni tokko tokkos gaaffii buʼuuraa ‘Jireenyi eessaa argame?’ jedhu deebisuun kan isaanitti ulfaatu fakkaata. Gaaffii kanaaf deebii quubsaa argachuun garuu ilaalcha namni tokko jireenyaaf qaburratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa. Maarree jireenyi kan argame akkamitti?
Saayintistoonni hedduun maal jedhu? Namoonni jijjiirama tirannaatti amanan hedduun, jireenyi waggoota biliyoona hedduu dura qarqara haroo dambaliidhaan uumamerratti ykn garba gad fagoo keessatti argame jedhu. Bakka kanatti keemikaalonni akka tasaa walitti makamanii hoomachaaʼuudhaan molekiyuloota wal xaxoo akka uumanii fi boodas molekiyuloonni kun baayʼachuu akka jalqaban amanu. Akkasumas jireenyi lafarraa hundi seelota wal xaxaa hin taane jedhaman jalqabaa tokko ykn isaa ol taʼanirraa akka tasaa akka argaman amanu.
Saayintistoonni jijjiirama tirannaa deggeran kaan garuu yaada kana hin fudhatan. Seelonni jalqabaa ykn yoo xinnaate kutaa guguddaan seelota kanaa hawaa keessaa gara lafaa akka dhufan tilmaamu. Maaliif akkas jedhu? Carraaqqii cimaa godhanis, jireenyi molekiyuloota jireenya hin qabnerraa akka argame mirkaneessuu waan dadhabaniifi. Bara 2008tti, Piroofeesara Baayooloojii kan taʼan Aleeksaandar Meeneezy waaʼee kanaa akkana 1
jedhaniiru: “[Waggoota 50n darban keessatti] ragaan jireenyi Lafarratti kan argame akka tasaa molekiyuloota jireenya hin qabnerraa akka taʼe mirkaneessus taʼe guddinni saayinsii kana mirkaneessu hin argamne.”Ragaan jiru maal argisiisa? Gaaffiin ‘Daaʼimni akkamitti uumama?’ jedhu ragaa quubsaa fi deebii amansiisaa qaba. Jireenyi kan argamu wanta jireenya qabuu fi sanaan dura ture irraati. Taʼus, baroota hedduu duubatti yoo deebine, wanti seera buʼuuraa kana cabsuudhaan jireenyi keemikaalota jireenya hin qabnerraa akka tasaa akka uumamu godhe jiraa laata? Carraan kun itti uumamuuf qabu hangami?
Qorattoonni seeliin tokko jiraachuuf yoo xinnaate molekiyulonni wal xaxoo taʼan sadii, jechuunis DNA (diiʼoksiraayibooniwukiliik asiid), RNA (raayibooniwukiliik asiid) fi pirootinoonni waliin hojjechuu akka qaban hubataniiru. Yeroo harʼaa saayintistoonni, keemikaalonni akka tasaa walitti makamuudhaan seelii guutuu akka uuman amanan muraasa. Maarree carraan RNAn ykn pirootinoonni akka tasaa itti uumamuu dandaʼan jiraa? a
Saayintistoonni hedduun jireenyi akka tasaa argame kan jedhan, qorannoo bara 1953tti godhameen kan kaʼedha. Bara sanatti Istaanlii Miilar gaazota bara duriitti qilleensa naannoo lafaa keessatti argaman jedhamanii yaadaman keessa humni elektiriikii akka darbu gochuudhaan aminoo asiidii pirootinoota ijaaruuf barbaachisan uumeera. Sana boodas aminoo asiidiin urjiilee furguggifaman (meteorite) keessatti argameera. Argannoowwan kun garuu wantoonni buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan hundi akka tasaa argamuu akka dandaʼan ibsuu?
Yunivarsiitii Niiwu Yoorkitti piroofeesara keemistirii kan turan Roobart Shaappiiroon, “Barreessitoonni tokko tokko wantoonni jireenya argamsiisuuf buʼuura taʼan hundi urjiilee furguggifaman keessatti ykn qorannaa Miilar geggeesseen salphaadhumatti argamuu akka dandaʼan amanu. Haalli isaa garuu akkas miti” jedhaniiru.2 b
Mee molekiyulii RNA haa ilaallu. RNAn molekiyuloota xixinnoo nuukiliyotaayid jedhamanirraa hojjetama. Nuukiliyotaayidiin aminoo asiidiirraa adda yommuu taʼu, hamma tokko wal xaxaadha. Shaappiiroon, “Humni elektiriikii gaazota keessa darbuunsaa nuukiliyotaayidii uumee hin beeku; qorannaan urjiilee furguggifamanirratti godhames kana hin mirkaneessu” jedhaniiru.3 Dabalataanis carraan molekiyuliin RNAn deebisee of ijaaruu dandaʼu tokko keemikaalotarraa akka tasaa itti argamuu dandaʼu ‘baayʼee baayʼee xinnoo waan taʼeef, uumama cufa keessatti taʼeen addaa tokko raawwatamee utuu argameellee kun waan ajaaʼibaa akka taʼe’ ibsaniiru.4
Molekiyulonni pirootiniihoo? Yoo xinnaatee xinnaate aminoo asiidonni 50 hanga kumaatamaa taʼan sirnaan qindaaʼanii pirootinoota uumu. Pirootiniin seelii wal xaxaa hin taane tokko keessatti argamu giddu galeessaan aminoo asiidota 200 qabaata. Seelota akkasii keessallee pirootinoota garaagaraa
kumaan lakkaaʼamantu jira. Pirootiniin aminoo asiidii 100 qabu tokkittiin carraan inni lafarratti argamuuf qabu yoo shallagame kuwaadiriiliyoona tokko keessaa tokko qofadha.Molekiyuloota wal xaxoo taʼan uumuuf beekumsi kan barbaachisu erga taʼee, molekiyuloonni sana caalaa wal xaxoo taʼanii fi seelii keessa jiran akka tasaa argamuu dandaʼuu?
Qorataan Huubart Yook jedhamanii fi barumsa jijjiirama tirannaa deggeran yaada kana ilaalchisee, “Jireenyi kan jalqabe pirootiinii irraati’ jechuun matumaa hin dandaʼamu”5 jedhaniiru. Pirootinoota ijaaruuf RNAn barbaachisaadha, RNA uumuuf wantoota barbaachisan keessaa tokkommoo pirootiniidha. Carraan isaa baayʼee dhiphaa taʼus, pirootinoonnii fi molekiyuloonni akka tasaa yeroo wal fakkaataa taʼetti bakka tokkotti utuu argamaniihoo? Carraan isaan wal simanii wanta deebisee bakka of buusu uumuu fi jireenya argamsiisuuf qaban hangam taʼa? Dhaabbata Astiroobaayoloojii isa NASA jalatti argamu keessaa kan hojjetan Doktar Kaarol Kileelaandi c “(Pirootinoonnii fi RNAn akkasumaan utuu walitti makamaniillee) carraan wanti kun itti uumamuu dandaʼu baayʼee baayʼee dhiphaadha” jedhaniiru. Dabalataanis, “Taʼus, qorattoonni hedduun pirootinoonnii fi molekiyuloonni RNA qilleensa naannoo lafaa durii keessatti carraa itti of dandaʼanii jiraatan hubachuu erga dandaʼanii karaa itti walitti qindaaʼan hubachuu akka dandaʼan godhanii waan yaadan fakkaata” jedhaniiru. Yaada wantoonni jireenya argamsiisuuf buʼuura taʼan kun akka tasaa akka argaman ibsu ilaalchisee Doktar Kileelaandi, “Isaan keessaa eenyullee kun akkamitti taʼuu akka dandaʼe deebii quubsaa nuuf hin kennine” jedhaniiru.6
Wantoota kanaaf xiyyeeffannaa kennuun kan barbaachise maaliifi? Qorattoota jireenyi akka tasaa argame jedhan haalli rakkisaan akkamii akka mudate mee yaadi. Seelii keessa aminoo asiidiin muraasni akka jiru hubataniiru. Qorannoo of eeggannoodhaan laaboraatoriisaanii keessatti geggeessaniinis molekiyuloota baayʼee wal xaxoo taʼan kan biroo argachuu dandaʼaniiru. Oolee buleemmoo seelii guutuu wal xaxaa hin taane tokko ni uumna jedhanii abdatu. Haalli namoota kanaa saayintistii elemantoota uumamaan argaman gara sibiila, laastikii, siilkanii fi shibootti jijjiiruudhaan roobootii tokko hojjetuu wajjin wal fakkaata. Achiis sagantaa roobootichi ofii isaatiin akka of ijaaru godhu irratti feʼa. Kana gochuunsaa maal mirkaneessa? Qaamni dandeettii yaaduu qabu tokko maashinii dinqisiisaa taʼe hojjechuu akka dandaʼu argisiisuu malee wanta mirkaneessu hin qabu.
Haaluma wal fakkaatuun, saayintistoonnis seelii tokkollee yoo hojjetan waan ajaaʼibaa akka raawwatanitti fudhatama. Taʼus, kana gochuu dandaʼuunsaanii seeliin tokko
akka tasaa uumamuu akka dandaʼu mirkaneessaa? Lakki. Wanta faallaa kanaa taʼe mirkaneessa.Maarree maal sitti fakkaata? Ragaaleen saayinsii hundi jireenyi jireenya kanaan dura ture qofarraa akka argamu argisiisu. Seeliin wal xaxaa hin taane tokko keemikaalota jiraatoo hin taanerraa akka tasaa akka argametti fudhachuun wanta ragaa hin qabnetti amanuudha.
Kanaafuu, wanta ragaa quubsaa hin qabnetti amanuun kee sirriidhaa? Mee kana deebisuu kee dura seeliin akkamitti akka ijaaramu haa qorru. Kana gochuun keenya akkaataa jireenyi itti argame ilaalchisee yaanni saayintistoonni tokko tokko dubbatan qabatamaadha moo akkaataa daaʼimni itti uumamu ijoollee barsiisuuf yaada sobaa warri dubbatanii wajjin tokkodha isa jedhu hubachuuf si gargaara.
a Carraan DNAn akka tasaa uumamuuf qabu, kutaa 3ffaa mata duree “Qajeelfamoonni Kun Eessaa Dhufan?” jedhurratti ibsameera.
b Piroofeesar Shaappiiroon jireenyi akka uumame hin amanan. Jireenyi akka tasaa karaa hanga yoonaatti guutummaatti hubachuun hin dandaʼamneen akka argame amanu. Bara 2009tti saayintistoonni Yunivarsiitii Maanchestar, laaboraatorii isaanii keessatti nuukiliyotaayidoota akka hojjetan gabaasaniiru. Taʼus, Shaappiiroon malli isaanii kun, “Ulaagaa ani baasee fi RNA hojjechuuf barbaachisu matumaa hin guutu” jedhaniiru.
c Doktar Kileelaandi jireenyi uumamaan akka argame hin amanan. Dubartiin tun jireenyi akka tasaa akka argame amanu.