GAAFFII 5
Kitaaba Qulqulluutti Amanuun Sirriidhaa?
Waaʼee nama tokkoo ilaalcha dogoggoraa qabaattee beektaa? Warri kaan waaʼee nama kanaa yeroo odeessan ykn wanta inni jedhe yeroo dubbatan dhageesseetta taʼa. Kanaaf, nama kana jaallachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama, yeroo isa bartu garuu waaʼeesaa wanti dhageesse sirrii akka hin taane hubatta. Kitaaba Qulqulluudhaafis namoonni baayʼeen ilaalcha akkasii qabu.
Namoonni baratan hedduun Kitaaba Qulqulluudhaaf ilaalcha gaarii hin qaban. Maaliif akka taʼe beektaa? Kitaabni kun amansiisaa fi saayinsaawaa akka hin taane ykn dogoggora akka taʼetti waan dubbatamuuf ykn waan caqasamuufi. Dhuguma garuu Kitaabni Qulqulluun dogoggoraan hubatamuu dandaʼaa?
Birooshura kana yeroo dubbistetti wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu hundi gama saayinsiitiin dhugaa taʼuusaa hubachuun kee sin ajaaʼibsiisnee? Namoonni hedduun ni ajaaʼibsiifatu. Wanti amantiiwwan hedduun Kitaabni Qulqulluun akkas jedha jechuudhaan dubbatan tokko tokko achi keessa akka hin jirre yeroo beekanittis baayʼee dinqisiifamaniiru. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko, “Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo hawaa fi uumamawwan achi keessa jiran hunda guyyoota dheerina saʼaatii 24 qaban jaʼa keessatti akka uume dubbata” jedhu. Garuu, yaanni tilmaamaa adda addaa saayintistoonni waaʼee hawaas taʼe waaʼee umurii lafaa ilaalchisee kennan Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal faallessu miti. a
Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun akkaataa Waaqayyo uumamawwan jiraatoo lafarratti itti uume ilaalchisee ibsa gabaabaa kennuunsaa, saayintistoonni qorannoo balʼaa akka godhan carraa isaaniif baneera. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo uumamawwan jiraatoo hunda “akkuma akaakuu isaaniitti” akka uume dubbata. (Uumama 1:11, 21, 24) Ibsi kun yaada saayinsii tokko tokkoo wajjin kan wal faallessu taʼus, saayinsii dhugaa wajjin garuu wal hin faallessu. Seenaan saayinsii, yaadawwan saayinsii akka jijijjiiraman, dhugaan garuu akka hin jijjiiramne mirkaneessa.
Namoonni hedduun garuu dhaabbileen amantii abdii waan isaan kutachiisaniif Kitaaba Qulqulluu qorachuu hin barbaadan. Namoonni kun dhaabbileen amantii fakkeessitoota, malaanmaltootaa fi waraana kan kakaasan akka taʼan hubataniiru. Taʼus, amala namoonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti ni amanna ofiin jedhan argisiisanirratti hundaaʼuudhaan kitaabicha qeequun sirriidhaa? Saayintistoonni namummaan isaanitti dhagaʼamuu fi yaada qajeelaa qaban hedduun, namoonni tokko tokko barumsa jijjiirama tirannaatti fayyadamanii jibba sanyii babalʼisuunsaanii baayʼee isaan aarsa. Maarree kanarratti hundaaʼuudhaan jijjiirama tirannaa qeequun sirriidhaa? Wanti sirriin barumsa jijjiirama tirannaa qoruu fi ragaa jiruu wajjin wal bira qabanii ilaaluudha.
Kitaaba Qulqulluu ilaalchisees akkasuma akka gootu si jajjabeessina. Barumsi Kitaaba Isaayyaas 2:2-4; Maatewos 5:43, 44; 26:52) Mankaraarsitoota taʼuu fi wanta ragaa hin qabnetti amanuu mannaa, ragaan dirqama barbaachisaa akka taʼe, akkasumas Waaqayyoon tajaajiluuf dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuun murteessaa taʼuusaa barsiisa. (Roomaa 12:1; Ibroota 11:1) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun fedhii beekuuf qabnu ukkaamsuu mannaa gaaffiiwwan guguddaa fi xiyyeeffannaa namaa harkisaniif deebii argachuuf akka carraaqnu nu jajjabeessa.
Qulqulluu barumsa dhaabbilee amantii hedduurraa adda akka taʼe yeroo hubattu baayʼee si ajaaʼibsiisa taʼa. Kitaabni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo waraanaa fi walitti buʼiinsa sanyii babalʼisuu mannaa, waraanaa fi jibba isa hammina akkasiitiif sababa taʼe irraallee fagaachuu akka qaban barsiisa. (Fakkeenyaaf, ‘Waaqayyo jira taanaan, hammeenyi akka jiraatu kan heyyame maaliifi?’ jettee gaafattee beektaa? Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaa fi kanneen biroo hedduutiif deebii quubsaa kenna. b Dhugaa beekuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi! Deebii dinqisiisa, gammachiisaa, sababa qabeessaa fi ragaa amansiisaarratti hundaaʼe argachuu dandeessa. Kitaabni kunimmoo wanta akka tasaa argame miti.
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, birooshura Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Jireenyi Uumamaan Argamee? jedhamu ilaali.
b Kitaaba, Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe barumsa 26 ilaali.