BARUMSA 12
Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
1. Waaqayyo kadhannaawwan hunda ni dhagaʼaa?
Yihowaan namoonni hundi kadhannaadhaan akka isatti dhihaatan afeereera. (Faarfannaa 65:2) Kana jechuun garuu, kadhannaa hunda ni dhagaʼa jechuu miti. Fakkeenyaaf, kadhannaan nama haadha manaasaa miidhuu ittifamuu dandaʼa. (1 Phexros 3:7) Kana malees, Israaʼeloonni gocha gadhee raawwachuusaanii yommuu itti fufan, Waaqayyo kadhannaasaanii utuu hin dhagaʼin hafeera. Kanarraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, kadhannaan mirga bakka guddaan kennamuufii qabudha. Haataʼu malee, Waaqayyo yaada garaasaanii yoo geddaratan kadhannaa namoota cubbuu guddaa raawwataniillee ni dhagaʼa.—Isaayaas 1:15; 55:7 dubbisi.
Viidiyoo, Waaqayyo kadhannaawwan hunda ni dhagaʼaa? jedhu ilaali.
2. Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?
Kadhannaan kutaa waaqeffannaa keenya keessaa tokko waan taʼeef, kadhannaa dhiheessuu kan qabnu Yihowaa isa Uumaa keenya taʼe qofattidha. (Maatewos 4:10; 6:9) Kana malees, cubbamoota waan taaneefi Yesusimmoo cubbuu keenyaaf waan nuu duʼeef maqaa Yesusiin kadhachuu qabna. (Yohannis 14:6) Yihowaan wanta yaadatti qabannetti ykn wanta barreeffametti fayyadamnee irra deddeebiʼuudhaan kadhannaa akka dhiheessinu hin barbaadu. Kanaa mannaa, yaada keenyaafi miira keenya baasnee akka isa kadhannu barbaada.—Maatewos 6:7; Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.
Uumaan keenya, kadhannaa utuu sagalee dhageessisin dhiheessinullee ni dhagaʼa. (1 Saamuʼel 1:12, 13) Yeroo kamittiyyuu, jechuunis ganama, galgala, yeroo nyaataafi yeroo rakkinni nu mudatu kadhannaa akka dhiheessinu nu afeereera.—Faarfannaa 55:22; Maatewos 15:36 dubbisi.
3. Kiristiyaanonni walgaʼii kan godhan maaliifi?
Namoota Waaqayyotti hin amanneefi abdii inni addunyaa nagaa qabu fiduuf kennerratti gaʼisan gidduu waan jiraannuuf, Waaqayyotti dhihaachuun salphaa miti. (2 Ximotewos 3:1, 4; 2 Phexros 3:3, 13) Kanaaf, namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin walgaʼuudhaan wal jajjabeessuu nu barbaachisa.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan, amantii warra kaaniirraa faayidaa akka argattuuf carraa sii bana.—Roomaa 1:11, 12 dubbisi.
Namoota Waaqayyoon jaallatanii wajjin michoomuun keenya Waaqayyotti dhihaachuuf nu gargaara.4. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?
Wanta Macaafa Qulqulluurraa baratterratti xiinxaluudhaan Yihowaatti dhihaachuu dandeessa. Gocha, gorsaafi abdii inni kennerraa maal barachuu akka dandeessu yaadi. Kadhannaadhaan irratti xiinxaluun keenya, dinqisiifannaa jaalalaafi ogummaa Waaqayyootiif qabnu nuu guddisa.—Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.
Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu yoo isatti amanamte qofadha. Haataʼu malee, amantiin akka wanta lubbu qabeessa taʼe tokkootti kunuunfamuu barbaada. Wantoota amantii keetiif buʼuura taʼan qorachuudhaan, yeroo hunda amantiikee sooruu qabda.—Maatewos 4:4; Ibroota 11:1, 6 dubbisi.
5. Waaqayyotti dhihaachuunkee kan si fayyadu akkamitti?
Yihowaan, namoota isa jaallataniif ni yaada. Wanta amantiisaaniifi abdii isaan jireenya barabaraa argachuuf qaban balaarra buusuu dandaʼu kamirraayyuu isaan eega. (Faarfannaa 91:1, 2, 7-10) Akkaataa jireenyaa, fayyaafi gammachuu keenya balaadhaaf saaxiluu dandaʼurraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Yihowaan karaa hundarra caaluun akka jiraannu nu barsiisa.—Faarfannaa 73:27, 28; Yaaqoob 4:4, 8 dubbisi.