Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 20

Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa

Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Waaʼee jaalala obboloonni keenya yeroo balaan uumamutti argisiisanii ilaalla

1, 2. (a) Kiristiyaanota Yihudaa keessa turan rakkina akkamiitu mudate? (b) Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan jaalala akkamii argisiisan?

 YEROONSAA Dh.K.B. bara 46 yommuu taʼu, Yihudaan beela cimaadhaaf saaxilamteetti. Midhaan jiru muraasa waan taʼeef gatiin midhaanii baayʼee miʼaayee ture; kanaaf bartoonni Yesus bitachuu hin dandeenye. Gama nyaataatiin rakkinni guddaan isaan mudateera. Haataʼu malee, Yihowaan eegumsa guddaa kanaan dura godheefii hin beekne isaaniif gochuuf jedha. Eegumsa akkamii isaaniif godha laata?

2 Kiristiyaanonni Yihudoota taʼaniifi Yerusaalemiifi Yihudaa jiraatan akkasumas, Kiristiyaanonni biyya Anxokiyaafi Sooriyaa Yihudoota taʼaniifi hin taane, rakkina Yihudoonni keessa jiran hubachuudhaan, gargaarsa isaan barbaachisu walitti qabuufii eegalan. Achiis Barnaabaasiifi Saaʼoliin filachuudhaan, gargaarsa walitti qabame sana gara jaarsolii gumii Yerusaalemitti argamanitti akka geessan itti gaafatamummaa isaaniif kennan. (Hojii Ergamootaa 11:27-30; 12:25 dubbisi.) Obboloonni Yihudaa keessa jiraniifi gargaarsi isaan barbaachisu kun, obboloonnisaanii Anxokiyaatti argaman yommuu isaan gargaaranitti hammam akka gammadan tilmaamaa!

3. (a) Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran fakkeenya Kiristiyaanota biyya Anxokiyaa kan hordofan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Saanduqa “ Hojii Gargaarsaa Guddaa Bara Keenyatti Raawwatame” jedhus ilaali.) (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

3 Kiristiyaanonni biyya tokko keessa jiraatan Kiristiyaanota biyya kan biraa jiraataniif gargaarsa yommuu godhan kun isa jalqabaa ture. Nutis yeroo harʼaa fakkeenya obboloonni keenya Anxokiyaa nuu kaaʼan hordofna. Obboloota keenya naannoo kan biraa jiraatanirra balaan ykn qorumsi tokko ennaa gaʼu gargaarsa isaaniif goona. a Hojiin gargaarsaa nuti raawwannu, hojii lallabaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuuf, hojii gargaarsaa ilaalchisee gaaffiiwwan sadii haa qorru: Hojii gargaarsaa akka tajaajilaatti kan ilaallu maaliifi? Kaayyoon hojii gargaarsaa maalfaʼi? Hojii gargaarsaa kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Hojiin Gargaarsaa “Tajaajila Qulqulluu” Kan Taʼe Akkamitti?

4. Phaawulos hojii Kiristiyaanotaa ilaalchisee obboloota gumii Qorontos keessa turaniin maal jedhe?

4 Phaawulos xalayaa isa lammaffaa gumii Qorontosiif barreesserratti, tajaajilli Kiristiyaanonni raawwatan kutaa lama akka qabu ibseera. Phaawulos xalayaa sana kan barreesse Kiristiyaanota dibamoodhaaf taʼus, wanti inni dubbate “hoolota kan biraa” yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. (Yoh. 10:16) Kutaan tajaajilaa keenya inni tokko “hojii araarsuu” siʼa taʼu, kunis lallabuufi barsiisuu kan dabalatudha. (2 Qor. 5:18-20; 1 Xim. 2:3-6) Kutaan inni lammaffaanimmoo tajaajila obboloota keenyaaf jennee raawwannu kan dabalatudha. Phaawulos adda baasee waaʼee ‘hojii gargaarsaa’ dubbateera. (2 Qor. 8:4) Yaadawwan “hojii araarsuu” fi ‘hojii gargaarsaa’ jedhan keessatti jechi “hojii” jedhu jecha afaan Giriikii diyaakoniyaa jedhuu wajjin tokkodha. Jecha kanatti fayyadamuun kan barbaachise maaliifi?

5. Phaawulos hojiin gargaarsaa kutaa tajaajila keenyaa akka taʼetti ibsuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

5 Phaawulos hojiiwwan lamaaniifuu jecha tokkotti fayyadamuudhaan, hojii gargaarsaa hojii gumii keessatti hojjetamu kaanii wajjin ramadeera. Xalayaasaa kanaan duraarratti akkas jechuudhaan dubbatee ture: “Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma. Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaaʼu garuu tokkicha.” (1 Qor. 12:4-6, 11) Phaawulos hojii gumii keessatti hojjetamu “tajaajila qulqulluu” (NW) wajjin walbira qabee ibseera. b (Rom. 12:1, 6-8) Kanaaf, yeroo ramaduudhaan warra Waaqayyoof qullaaʼan tajaajiluun sirrii akka taʼe itti dhagaʼamuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti!—Rom. 15:25, 26.

6. (a) Akkuma Phaawulos ibse, hojiin gargaarsaa kutaa waaqeffannaa keenyaati kan jennu maaliifi? (b) Yeroo harʼaa hojiin gargaarsaa keenya addunyaa maratti hojjetamaa kan jiru akkamitti akka taʼe ibsi. (Saanduqa “ Balaan Uumamuusaa Dura Qophaaʼuu!” jedhuufi fuula 242⁠rratti argamu ilaali.)

6 Phaawulos, obboloonni gumii Qorontos jiran, hojiin gargaarsaa kutaa tajaajilaafi kutaa waaqeffannaasaanii taʼuusaa akka hubatan isaan gargaareera. Kana ilaalchisee ragaa inni dhiheesse hubadhaa! Kiristiyaanonni ‘wangeela Kiristosiif abboomaman’ namoota ni gargaaru. (2 Qor. 9:13) Kanaaf, barumsa Kiristos hojiirra oolchuuf fedhii waan qabaniif obboloota hidhatasaanii taʼan ni gargaaru. Phaawulos, gaarummaan isaan obbolootasaaniitiif oolan, ‘ayyaana Waaqayyoo isa isaan keessa jiru’ kan mulʼisu taʼuusaa ibseera. (2 Qor. 9:14; 1 Phe. 4:10) Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1975, obboloota keenya warra rakkinni isaan mudate gargaaruu ilaalchisee, “Yihowaaniifi Ilmisaa Yesus Kiristos tajaajila gaarummaarratti hundaaʼe akkasiitiif bakka guddaa akka kennan matumaa hin shakkinu” jechuudhaan dubbateera. Eeyyee, hojiin gargaarsaa tajaajila qulqulluu keessaa isa tokkodha.—Rom. 12:1, 7; 2 Qor. 8:7; Ibr. 13:16.

Hojii Gargaarsaa Kaayyoo Ifa Taʼeen Raawwatamu

7, 8. Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa inni jalqabaa maalidha? Ibsi.

7 Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa maalfaʼi? Phaawulos xalayaa isa lammaffaa gumii Qorontosiif barreesserratti gaaffii kanaaf deebii kenneera. (2 Qorontos 9:11-15 dubbisi.) Caqasa kanarratti, namoota kan gargaarru kaayyoo gurguddaa sadiirratti hundoofnee akka taʼe addeesseera. Mee sadansaanii tokko tokkoon haa ilaallu.

8 Tokkoffaa, hojiin gargaarsaa keenya Yihowaaf ulfina fida. Caqasa armaan oliirratti Phaawulos waaʼee Waaqayyoo siʼa meeqa akka caqase qalbeeffadhaa. ‘Waaqayyoof galata galchuufi’ ‘galata Waaqayyoof dhiheessuu’ akka qaban isaa hubachiiseera. (Lakkoofsa 11fi 12) Hojiin gargaarsaa Kiristiyaanonni ‘guddina Waaqayyoo akka himaniifi’ ‘ayyaana Waaqayyoo isa isaan keessatti caalaa adeemu’ ilaalchisee galata akka galchan isaan yaadachiiseera. (Lakkoofsa 13fi 14) Akkasumas, yaada hojii gargaarsaa ilaalchisee dubbate kan xumure, “Waaqayyoof galanni haa taʼu” jechuudhaan ture.—Lakkoofsa 15; 1 Phe. 4:11.

9. Hojiin gargaarsaa ilaalcha namoonni qabanirratti jijjiirama akkamii fida? Fakkeenya kenni.

9 Akkuma Phaawulos, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis, hojii gargaarsaarratti hirmaachuun carraa Yihowaadhaafis taʼe barumsasaatiif bakka guddaa akka kennan itti argisiisan kan isaaniif banu akka taʼetti ilaalu. (1 Qor. 10:31; Tit. 2:10) Dhugumayyuu, hojiin gargaarsaa namoonni ilaalcha dogoggoraa Yihowaafi Dhugaa Baatotasaatiif qaban akka sirreessan godheera. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Dubartiin naannoo obomboleettiidhaan miidhame tokko keessa jiraattu, balbala manasheerratti barreeffama, “Dhugaa Baatonni Yihowaa manakoo hin dhufinaa!” jedhu rarraastee turte. Sana booda guyyaa tokko obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan mana obomboleettiidhaan miidhameefi manashee fuuldura jiru yommuu suphan argite. Guyyoota muraasaaf namoota jaalala qabeeyyii taʼan kana erga ilaaltee booda eenyummaasaanii baruuf garasaanii deemte. Namoonni hojii gargaarsaa sanarratti hirmaachaa jiran Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii ennaa bartu, “Ilaalcha sirrii isiniif hin qabun ture” isaaniin jette. Achiihoo maal goote? Barreeffama balbalasheerratti rarraastee turte sana kaaste.

10, 11. (a) Kaayyoo hojii gargaarsaa keenya isa lammaffaa fiixaan baasaa akka jirru fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi? (b) Barreeffamni obboloota hojii gargaarsaarratti hirmaatan gargaaru kami? (Saanduqa “ Barreeffama Obboloota Hojii Gargaarsaarratti Hirmaatan Gargaaru” jedhu ilaali.)

10 Lammaffaa, obboloota hidhata keenya taʼaniif ‘qaawwaa dhabasaanii duuchina.’ (2 Qor. 9:12b) Obboloota keenyaaf dafnee gargaarsa gochuudhaan miidhaan isaanirra gaʼe akka isaaniif salphatu goona. Maaliif? Sababiinsaas, miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi ‘dhagna tokko’ waan taʼaniifi kutaawwan ‘dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin waan dhiphataniifidha.’ (1 Qor. 12:20, 26) Kanaafuu, jaalalli obbolummaa obboloonni kun qaban, sagantaasaanii sirreessuudhaan meeshaaleesaanii fudhatanii, naannoo balaan itti uumame dhaquudhaan obboloota hidhatasaanii taʼan gargaaruuf isaan kakaasa. (Yaq. 2:15, 16) Fakkeenyaaf, sunaamiin bara 2011⁠tti Jappaaniin yommuu miidhetti, waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis, Koree Ijaarsaa Naannoo biyyattii keessatti argamuuf xalayaa barreessuudhaan “obboloonni gaʼumsa qaban muraasni” Galma Mootummaa achitti argamu deebisanii ijaaruurratti gargaarsa akka godhan gaafate. Yeroo kanatti koreen kun deebii akkamii kenne? Torban muraasa keessatti, obboloonni gara 600 taʼan baasii mataasaaniitiin gara Jaappaan deemanii gargaarsa gochuuf fedhiisaaniitiin of dhiheessan! Waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis, “Tarkaanfii obboloonni fudhatan baayʼee nu ajaaʼibsiisee ture” jechuudhaan dubbateera. Obboleessi Jaappaan keessa jiraatu, obboleessa gargaarsa gochuuf gara biyyattii dhaqe tokko, maaliif akka inni dhaqe isa gaafatee ture. Obboleessi sunis, “Obboloonni Jaappaan keessa jiran kutaa ‘dhagna’ keenyaati. Dhukkubbiiniifi dhiphinnisaanii nuttis ni dhagaʼama” jechuudhaan deebii kenneera. Obboloonni hojii gargaarsaa hojjetaniifi jaalala qabeeyyii taʼan, fedhiisaanii aarsaa gochuudhaan jireenyasaanii balaarra buusanii obbolootasaanii gargaaru. c1 Yoh. 3:16.

 

11 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanes, hojii gargaarsaa nuti hojjennuuf dinqisiifannaa qaban ni ibsu. Fakkeenyaaf, bara 2013⁠tti balaan tokko bulchiinsa Arkaasas, Yuunaayitid Isteetis erga miidhee booda, gaazexaan tokko gargaarsa Dhugaa Baatonni Yihowaa fedhaan of dhiheessan godhan akkas jechuudhaan gabaasee ture: “Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa namoota fedhaan of dhiheessaniifi yeroo balaan uumamutti gargaarsa barbaachisaa taʼe gochuu dandaʼan akka gaariitti qindeesseera.” Dhugumayyuu akkuma Phaawulos ergamaan jedhe ‘warra Waaqayyoof qulqullaaʼaniif qaawwa dhabasaanii ni duuchina.’

12-14. (a) Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa inni sadaffaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Yaadawwan sochii hafuuraa itti fufuun barbaachisaa akka taʼe ibsan warra kamfaʼi?

12 Sadaffaa, obboloonni miidhaan irra gaʼe sagantaan waaqeffannaasaanii akka addaan jalaa hin cinne ni gargaarra. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Phaawulos namoonni gargaarsa argatan ‘galata Waaqayyoof dhiheessan caalaatti akka baayʼisan’ dubbateera. (2 Qor. 9:12a) Karaan inni guddaan namoonni kun Yihowaa akka galateeffatan gochuun itti dandaʼamummoo, sagantaan waaqeffannaasaanii akka jalaa hin cinne gargaaruudha. (Filp. 1:10) Bara 1945⁠tti Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: ‘Phaawulos, Kiristiyaanonni gargaarsa isaan barbaachisu argachuudhaan hojii dhugaa baatota Yihowaa taʼuudhaan raawwatan ofirraa buʼanii kakaʼumsa guddaadhaan hojjechuu akka dandaʼaniif gargaarsi isaaniif godhamuunsaa sirrii akka taʼe ibseera.’ Harʼas kaayyoon obboloota keenya itti gargaarru kanumadha. Obboloonni keenya yommuu deebiʼanii tajaajilarratti hirmaatan, ollaawwansaanii miidhaan wal fakkaatu irra gaʼe jajjabeessuu qofa utuu hin taʼin, ofiis jajjabina argatu.—2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.

13 Obboloonni sababa balaatiin tajaajillisaanii addaan citee ture gargaarsa argachuudhaan kan itti fufan siʼa taʼu, kunimmoo jajjabina guddaa isaaniif kenneera. Obboleessi tokko akkas jedheera: “Maatiidhaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya nuuf eebba guddaadha. Namoota kaan jajjabeessuuf yommuu yaalii goonu yaaddoo nutti dhagaʼamurraa boqonnaa arganna.” Obboleettiin tokkommoo, “Sochii hafuuraarratti xiyyeeffachuunkoo balaa na marsee jiru akkan irraanfadhu godha. Tasgabbiin akka natti dhagaʼamu godha” jechuudhaan dubbatteetti. Obboleettiin kan biraanimmoo akkas jetteetti: “Wantoonni hedduun toʼannaa keenyaa ala yommuu taʼan, tajaajilarratti hirmaachuun keenya qajeelfama maatii keenyaaf taʼu argachuuf nu gargaara. Addunyaa haaraa ilaalchisee abdii qabnu namoota kaanitti himuun keenya wanti hundi haaraa akka taʼu amanamummaa qabnu nuuf cimsa.”

14 Obboloonni keenya sababa balaatiin walgaʼiinsaanii addaan cites hamma dandaʼametti dafanii itti fufuu qabu. Obboleettii Kiyookoo jedhamtuufi yeroo balaan isheerra gaʼetti xumura umrii waggoota 50⁠nii keessa turte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Sunaamiin uumamee ture kopheefi uffata isheen uffattee turterraa kan hafe waan tokkoyyuu isheedhaaf hin hambisne ture. Yeroo sanatti balaa sanarraa ooluunsheeyyuu ishee yaaddessee ture. Achiis jaarsi gumii tokko konkolaataasaa keessatti walgaʼii gumii geggeeffachuu akka qaban itti hime. Kiyoookoon akkas jetteetti: “Jaarsi gumii suniifi haati manaasaa, akkasumas aniifi obboleettiin tokko konkolaataa keessatti walitti qabamne. Walgaʼii keenya haala salphaa taʼeen kan geggeeffanne taʼus, sunaamii kaʼee ture akkan irraanfadhu godheera. Nagaa sammuu argachuufis na gargaareera. Walgaʼiin geggeeffanne sun, walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuun jabina guddaa akka kennu na hubachiiseera.” Obboleettiin tokko, balaan erga gaʼee booda walgaʼii geggeeffatanii turan tokko ilaalchisee, “Miidhaa balaan sun geessise moʼuuf na gargaareera!” jetteetti.—Rom. 1:11, 12; 12:12.

Hojiin Gargaarsaa Faayidaa Guddaa Argamsiisa

15, 16. (a) Obboloonni gumii Qorontosiifi gumiiwwan kan biraa keessa turan hojii gargaarsaa deggeruudhaan faayidaa akkamii argatan? (b) Yeroo harʼaahoo hojii gargaarsaa irraatti hirmaachuudhaan faayidaa akkamii arganna?

15 Phaawulos, yaada hojii gargaarsaa ilaalchisee obboloota gumii Qorontositti himerratti, hojii kanarratti hirmaachuunsaanii isaaniifis taʼe obbolootasaaniitiif faayidaa akkamii akka argamsiise ibseera. Akkas jedheera: “Ayyaana Waaqayyoo isa isin keessatti caalaa adeemuuf, [Yihudoonni Yerusaalem keessatti argamaniifi gargaarsi isaaniif godhame] isin yaadaa, isiniifis kadhachaa jiru.” (2 Qor. 9:14) Eeyyee, arjummaan obboloonni gumii Qorontos Yihudoota Kiristiyaanota taʼanitti argisiisan, Yihudoonni sun, obboloota gumii Qorontosiin dabalatee, obboloota Yihudoota hin taane kaaniif akka kadhataniifi jaalalli isaan obboloota kanaaf qaban akka dabalu godheera.

16 Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1945, yaada Phaawulos hojii gargaarsaa ilaalchisee dubbate caqasuudhaan, “Sabni Waaqayyoo obboloota hidhatasaanii taʼan yommuu gargaaran, tokkummaan akkamii akka argamu mee yaadaa!” jechuudhaan ibseera. Obboloonni yeroo harʼaa hojii gargaarsaarratti hirmaatanis kun dhugaa taʼuusaa arganiiru. Jaarsi gumii obboloota lolaadhaan miidhamaniif gargaarsa godhe tokko, “Hojii gargaarsaarratti hirmaachuun isa kanaan duraa caalaa obboloota kootti akkan dhihaadhu na gargaareera” jedheera. Obboleettiin gargaarsa isheedhaaf godhameef galateeffannaa qabdu ibsite tokkommoo, “Obbolummaan keenya abdii jannataa qabnuu wajjin tokkodha” jetteetti.—Fakkeenya 17:17 dubbisi. d

17. (a) Yaanni Isaayaas 41:13⁠rratti argamu hojii gargaarsaa keenyaaf kan hojjetu akkamitti? (b) Fakkeenyota hojiin gargaarsaa Yihowaaf ulfina akka argamsiiseefi tokkummaa keenya akka cimse argisiisan tokko tokko caqasaa. (Saanduqa “ Obboloonni Addunyaa Maratti Fedhiidhaan Hojjetan Jajjabina Argamsiisu” jedhus ilaali.)

17 Obboloonni hojii gargaarsaa hojjetan bakka balaan itti uumame sana yommuu gaʼan, obboloonni keenya abdiin Waaqayyo, “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo’ siin jedhuu dha” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuusaa hubatu. (Isa. 41:13) Obboleettiin tokko balaa uumame jalaa erga ooltee booda, “Balaan sun yommuu gaʼetti abdii kutadheen ture, Yihowaan garuu harka na qabeera. Obboloonni gargaarsa guddaa naaf godhaniiru” jetteetti. Balaan tokko naannoosaanii erga miidhee booda, jaarsoliin gumii lama obboloota gumiisaanii bakka buʼuudhaan akkas jechuudhaan barreessanii turan: “Sochoʼi lafaa miidhaa guddaa geessiseera, taʼus Yihowaan obboloota keenyatti fayyadamuudhaan gargaarsa guddaa nuuf godheera. Kanaan dura waaʼee hojii gargaarsaa dubbisnee turre, amma garuu ija keenyaan argineerra.”

 

Isinoo Hojii Gargaarsaarratti Hirmaachuu Ni Dandeessuu?

18. Hojii gargaarsaarratti hirmaachuu yoo barbaaddan maal gochuu qabdu? (Saanduqa “ Akkaataa Jireenyaasaa Jijjiireera” jedhus ilaali.)

18 Gammachuu hojii gargaarsaarratti hirmaachuun argamsiisu argachuu ni barbaadduu? Taanaan, obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan yeroo baayʼee kan filataman warra ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaatan keessaa akka taʼe hin dagatinaa. Foormii guutuudhaan ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaachuu akka barbaaddan jaarsolii gumii keessanitti himaa. Jaarsi gumii hojii gargaarsaarratti waggoota hedduudhaaf hirmaate tokko, “Koreen Hojii Gargaarsaa yoo isin afeere malee naannoo balaan uumametti gargaarsa gochuuf hin deeminaa” jechuudhaan hubachiiseera. Akkas yoo taʼe, hojiin gargaarsaa karaa naamusa qabuun hojjetamuu ni dandaʼa.

19. Obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan bartoota Kiristos warra dhugaa taʼuu keenya argisiisuurratti gumaacha akkamii godhan?

19 Hojiin gargaarsaa karaa gorsa Kiristos ‘akka wal jaallannuuf’ nuu kenne hojiirra itti oolchinu keessaa isa guddaadha. Jaalala akkasii waliif qabaachuudhaan, bartoota Kiristos warra dhugaa taʼuu keenya argisiisuu ni dandeenya. (Yoh. 13:34, 35) Yeroo harʼaa, obboloota fedhiidhaan of dhiheessanii hojii gargaarsaarratti hirmaachuudhaan Yihowaadhaaf ulfina fidan hedduu qabaachuun keenya eebba guddaadha!

a Boqonnaan kun waaʼee gargaarsa obboloota hidhata keenya taʼaniif godhamee ibsa. Haataʼu malee, haalawwan hedduu keessatti, hojiin gargaarsaa nuti raawwannu namoota kaanis ni fayyada.—Gal. 6:10.

b Phaawulos asirratti, jecha afaan Giriikii diyaakonoos (tajaajilaa) jedhuufi ‘diiyaaqonoota’ ykn tajaajiltoota gumii argisiisutti fayyadameera.—1 Xim. 3:12.

c Mataduree, “Obboloota Keenya Boosniyaa Keessatti Argaman Gargaaruu” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1994, fuula 23-27⁠rratti baʼe ilaali. (Amaariffa)

d Fakkeenya 17:17 (Hiika bara 1899): “Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata.”