Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdiiwwan Mootummichaa yommuu raawwataman arguuf ni hawwituu?

KUTAA 7

Abdiiwwan Mootummichaa—Wanta Hunda Haaraa Gochuu

Abdiiwwan Mootummichaa—Wanta Hunda Haaraa Gochuu

APPILII bilchaate tokko mukarraa kutte haa jennu. Zambiilii keessa kaaʼuukee dura yommuu fuunfattu fooliinsaa baayʼee sitti tole. Saʼaatii dheeraadhaaf hojjechaa kan turte taʼus dadhabbiin waan sitti hin dhagaʼamneef hojjechuukee itti fufuu barbaadde. Harmeenkee miseensota maatiikeefi hiriyootakee warra si gargaaruu dhufan kaanii wajjin haasaʼaa mukicharraa firii appilii kutaa jirti. Bifishee ammaa isa yeroo ati ijoollee turtetti qabduu wajjin tokkodha. Haadhakee ishee sirna moofaa keessatti dulloomtee turteefi ijakeetiin argite taʼuushee amanuun sitti ulfaata. Dhibee fayyaatiin kan kaʼe yeroo isheen humna dhabdee turte, yeroo itti isheen duuteefi yeroo itti boossee ishee awwaalte ni yaadatta. Amma garuu isheefi namoonni hedduun duʼaa kaafamanii fayyaa guutuu argachuudhaan jiraachaa jiru!

Guyyaan akkasii akka dhufu hin shakkinu. Abdiiwwan Waaqayyo kenne utuu hin raawwatamin akka hin hafne beekna. Kutaa kana keessatti, abdiiwwan Mootummichaa dhiheenyatti jechuunis hamma waraana Armaagedoonitti raawwiisaanii argatan tokko tokko ilaalla. Abdiiwwan Mootummichaa dinqisiisoo taʼaniifi sana booda raawwatamanis ni ilaalla. Mootummaan Waaqayyoo lafa kana yommuu bulchuufi wanta hunda haaraa yommuu godhu arguun baayʼee kan nama gammachiisudha!

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 21

Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa

Ammumaa kaastee waraana Armaagedooniif qophaaʼuu ni dandeessa.

BOQONNAA 22

Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafarratti Akka Raawwatamu Godha

Abdiiwwan Yihowaan kenne dhugumaan akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?