BOQONNAA 5
Mootichi Waaʼee Mootummichaa Ibse
1, 2. Yesus barsiisaa ogummaa guddaa qabu taʼuusaa kan mirkaneesse karaawwan kamiini?
NAMNI daawwachiisuurratti muuxannoo qabu tokko magaalaa nama ajaaʼibsiistuufi bareedduu taate isin daawwachiisaa akka jiru godhaa yaadaa! Magaalaan kun isiniifis taʼe namoota isinii wajjin jiraniif haaraa waan taateef, wanta namni kun dubbatu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffattu. Isiniifi namoonni isinii wajjin jiran, waaʼee wantoota magaalattii keessa jiraniifi kanaan dura argitanii hin beekne tokko tokkoo gidduu gidduutti isa gaafattu. Haataʼu malee, namni sun hamma wanta waaʼee dhimma sanaa akka ibsu isa godhu argutti deebii kennuurraa of qusata. Yeroo booda, namni sun wanta beekuun isin barbaachisu yeroo beekuu qabdanitti waan isinitti himeef ogummaa namni kun qabu caalaatti dinqisiifattu.
2 Kiristiyaanonni dhugaanis haala namoota daawwannaarra jiran sanaa wajjin wal fakkaatu keessa jiru. Nuyis waaʼee magaalaa hunda caalaa dinqisiisaa taʼeefi “mandara hundee jabaa qabu,” jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hawwiidhaan barachaa jirra. (Ibr. 11:10) Yesus yommuu lafarra ture, duuka buutonnisaa wanta waaʼee Mootummichaa caalaatti akka hubatan godhu isaan barsiisuudhaan isaan geggeessaa ture. Gaaffii qaban hunda isaaniif deebisee turee? Yookiin waaʼee Mootummichaa wanta hunda yeruma tokkotti isaanitti himeeraa? Lakki. Kanaa mannaa, “Ani waan baayʼee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan” isaaniin jedheera. (Yoh. 16:12) Yesus barsiisaa ogummaa guddaa qabu waan taʼeef, beekumsa dandeettii duuka buutotasaatii ol taʼe isaanitti feʼee hin beeku.
3, 4. (a) Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota amanamoo taʼan barsiisuusaa kan itti fufe akkamitti? (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
3 Yesus yaada Yohannis 16:12rratti argamu kan dubbate galgala dhuma jireenyasaa isa lafarraatti ture. Haataʼu malee erga duʼee booda, namoota amanamoo taʼan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiisuusaa kan itti fufe akkamitti? “Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa” jechuudhaan ergamootasaatiif mirkaneesseera. a (Yoh. 16:13) Hafuura qulqulluu akka daawwachiisaa obsa qabeessa taʼe tokkootti ilaaluu dandeenya. Hafuurri kun karaa Yesus duuka buutonnisaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo wanta beekuu qaban yeroo beekuu qabanitti ittiin isaan barsiisudha.
4 Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban beekumsi isaan Mootummicha ilaalchisee qaban caalaatti dabalaa akka deemu hafuurri Yihowaa akkamitti akka isaan gargaare haa ilaallu. Jalqaba, yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchuu itti eegale ilaalchisee hubannaa akkamii akka arganne qorra. Achiis eenyummaa bulchitoota Mootummichaafi warra Mootummicha jalatti bulanii, akkasumas abdii isaan qaban ilaalla. Dhumarrattis, duuka buutonni Kiristos Mootummichaaf amanamoo taʼuunsaanii maalfaa akka dabalatu ilaalchisee hubannaa guddaa kan argatan akkamitti akka taʼe qorra.
Waggaa Murteessaa Taʼe Hubachuu
5, 6. (a) Barattoonni Macaafa Qulqulluu, yeroo Mootummichi itti hundeeffamuufi hojii midhaan sassaabuutiif ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan? (b) Ilaalchi dogoggoraa kun Yesus duuka buutotasaa geggeessaa akka hin turre hin argisiisu kan jennu maaliifi?
5 Akkuma Boqonnaa 2ffaarratti ilaalle, Barattoonni Macaafa Qulqulluu waggoota hedduudhaaf barri 1914 raawwii raajii Macaafa Qulqulluu keessatti bara bakki guddaan kennamuuf akka taʼe dubbachaa turaniiru. Haataʼu malee, yeroo sanatti argamuun Kiristos kan jalqabe bara 1874tti akka taʼe, samiirratti bulchuu kan jalqabemmoo bara 1878tti akka taʼeefi hamma Onkoloolessa 1914tti garuu Mootummichi guutummaatti akka hin hundeeffamne amanu turan. Hojiin midhaan sassaabuu bara 1874 hanga 1914tti akka turuufi yeroo dibamtoonni samiitti walitti qabamanimmoo akka xumuramu amanu turan. Yaanni dogoggora taʼe akkasii, Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee namoota amanamoo kana geggeessaa akka hin turre kan argisiisudhaa?
6 Matumaa! Mee ammas waaʼee fakkeenya seensarratti kaasnee turree yaadaa. Namoonni daawwatan sun yeroosaa malee gaaffii gaafachuunsaanii, namni isaan daawwachiisu sun amanamaa taʼuusaarratti shakkii kaasuu dandaʼaa? Hin dandaʼu! Sabni Waaqayyoos yeroo tokko tokko yeroon hafuurri qulqulluun dhugaa akkasii isaaniif itti ibsu gaʼuusaa dura, kaayyoo Yihowaa balʼinaan hubachuuf yaalii godhanii kan turan taʼus, Yesus isaan geg geessaa akka ture ifadha. Kanaaf, namoonni amanamoon kun gad of deebisuudhaan ilaalchasaanii sirreessuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru.—Yaq. 4:6.
7. Sabni Waaqayyoo ifa hafuuraa akkamii argachuudhaan eebbifamaniiru?
7 Waggoota bara 1919 booda turanitti sabni Waaqayyoo ifa hafuuraa caalaatti argachaa deemuudhaan eebbifamaniiru. (Faarfannaa 97:11 dubbisi.) Bara 1925tti Masaraa Eegumsaarratti matadureen, “Dhalachuu Sabichaa” jedhu baʼee ture. Matadureen kun Mootummaan Masiihichaa bara 1914tti dhalachuusaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluurraa ragaa amansiisaa kan dhiheesse siʼa taʼu, kunis raajiin Mulʼata boqonnaa 12rratti dubartiin Waaqayyoo isheen samii ilma akka godhattu dubbatamee ture raawwatamuusaa kan argisiisudha. b Kana malees matadureen kun yeroo waraanaa sanatti ariʼatamniifi rakkinni saba Yihowaarra gaʼaa ture, Seexanni samiirraa akka darbatameefi “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aaree” akka ture kan mirkaneessu taʼuusaa ibseera.—Mul. 12:12.
8, 9. (a) Mootummaan Waaqayyoo barbaachisaa taʼuunsaa kan hubatame akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
8 Mootummichi hammam barbaachisaadha? Bara 1928tti, Masaraan Eegumsaa Mootummichi fayyina furichi dhuunfaatti argamsiisu caalaa barbaachisaa taʼuusaa akka gaariitti ibsuu jalqabe. Dhugumayyuu Yihowaan maqaasaa kan qulqulleessu, olaantummaasaa kan mirkaneessuufi kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu hunda kan raawwatu karaa Mootummaa Masiihichaati.
9 Mootummaa sana keessatti Kiristosii wajjin kan bulchan eenyufaʼi? Namoonni Mootummicha jalatti bulaniifi lafarra jiraatanoo eenyufaʼi? Duuka buutonni Kiristos hojii isa kam hojjechuu qabu?
Hojiin Midhaan Sassaabuu Dibamtootarratti Xiyyeeffata
10. Sabni Waaqayyoo warra 144,000 taʼan ilaalchisee yeroo dheeraa dura maal hubataniiru?
10 Kiristiyaanonni dhugaan, duuka buutonni Kiristos 144,000 taʼan isaa wajjin samiirratti akka bulchan waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniifi bara 1914 dura turanitti hubataniiru. c Barattoonni Macaafa Qulqulluu kun, lakkoofsi kun kallattiidhaan kan fudhatamuufi namoota kana walitti qabuun kan jalqabe Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti akka taʼe hubatanii turan.
11. Miseensonni misirroo Kiristos taʼan hojii lafarratti qaban ilaalchisee irraa jalaan maal hubataniiru?
11 Haataʼu malee, namoonni miseensota misirroo Kiristos taʼuuf jiran kun yommuu lafarra jiran hojii akkamii akka hojjetan muudamanii turan? Yesus hojii lallabaatiif xiyyeeffannaa guddaa akka kenneefi hojii kanas yeroo midhaan itti sassaabanii wajjin walbira qabuudhaan akka ibse hubatanii turan. (Mat. 9:37; Yoh. 4:35) Akkuma Boqonnaa 2ffaarratti ilaalle, yeroon midhaan sassaabuu waggaa 40f akka turuufi yeroo dibamtoonni samiirratti walitti qabaman akka xumuramu amanu turan. Haataʼu malee, waggaa 40 boodas hojichi waan itti fufeef, dhimmi kun ibsa dabalataa argachuu qaba ture. Amma yeroon midhaan sassaabuu, jechuunis yeroon qamadiin inkirdaadarraa, jechuunis yeroon Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan Kiristiyaanota sobaarraa adda itti baʼan bara 1914tti akka jalqabe hubanneerra. Yeroo sanatti, yeroon namoota gara samii dhaqan keessaa warra hafan sassaabuurratti xiyyeeffatamu gaʼee ture.
12, 13. Fakkeenyi Yesus durboota kurnaniifi meetii ilaalchisee dubbate guyyoota gara dhumaatti kan raawwatame akkamitti?
12 Bara 1919 kaasee, Kiristos hojjetaan amanamaaniifi ogeessi kun hojii lallabaarratti akka xiyyeeffatu qajeelfama isaaf kennaa tureera. Hojii kanas kan kenne jaarraa jalqabaatti ture. (Mat. 28:19, 20) Kana malees dibamtoonni hojii lallabaa isaanitti kenname raawwachuuf amalli akkamii akka isaan barbaachisu ibseera. Maal jedhee ibse? Yesus fakkeenya durboota kurnan ilaalchisee dubbaterratti, yeroo Kiristos “misirroo” isaa, jechuunis namoota 144,000 wajjin tokko taʼu, namoonni kun galmasaanii isa dhumaa jechuunis, cidha gaaʼelaa guddaa samiirratti godhamurratti hirmaachuu yoo barbaadan, karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu akka qaban ibseera. (Mul. 21:2) Achiis, fakkeenya waaʼee meetii dubbaterratti tajaajiltoonnisaa warri dibamoon hojii lallabaa adaraadhaan isaanitti kenname ciminaan akka hojjetan barsiiseera.—Mat. 25:1-30.
13 Dibamtoonni jaarraa darbe keessatti dammaqoofi dhimmanii kan hojjetan taʼuusaanii argisiisaniiru. Dammaqoo taʼuunsaanii akka isaan kiisu beekamaadha! Haataʼu malee, hojiin midhaan sassaabuu inni guddaan namoota 144,000 Kiristosii wajjin bulchan keessaa warra hafan sassaabuu qofarratti kan xiyyeeffatudhaa?
Mootummichi Namoota Lafarratti Isa Jalatti Bulan Sassaabaa Jira!
14, 15. Gareen arfan kitaaba Za Finiishdi Mistirii jedhamurratti ibsaman eenyufaʼi?
14 Namoonni amanamoo taʼan hedduun yeroo dheeraadhaa jalqabee eenyummaa “tuuta sonaan baayʼee” Mulʼata 7:9-14rratti ibsamanii beekuuf hawwaa turaniiru. Kiristos eenyummaa tuuta kanaa ibsuusaa dura, dhugaa ifaafi salphaa taʼe, yeroo ammaatti beeknuufi jaallannu kanarra gaʼuu keenya dura dhimma kana ilaalchisee wantoonni hedduun dubbatamaa turaniiru.
15 Bara 1917tti kitaabni Za Finiishdi Mistirii jedhamu, “Samiirrattis taʼe lafarratti bifni fayyinaa lama lama” akka jiru ibsee ture. Gareewwan arfan fayyina argatan kun eenyufaʼi? Tokkoffaa, namoota 144,000 Kiristosii wajjin bulchanidha. Lammaffaa, tuuta sonaan baayʼeedha. Yeroo sanatti namoonni kun, Kiristiyaanota waldaa Saba Kiristiyaanaa keessa turan kan argisiisudha jedhanii yaadu turan. Namoonni kun amantii muraasa kan qaban taʼus ejjennoo cimaa hin qaban turan. Kanaaf, samiirratti iddoo gadaanaa taʼetu isaaniif kennama. Garee sadaffaan lafarra jiraatummoo “qulqulloota durii,” jechuunis namoota amanamoo akka Abrahaam, Museefi warra kaan kan dabalatu siʼa taʼu, namoonni kun garee arfaffaarratti, jechuunis ilmaan namootaa hafanirratti aboo akka qabaatan yaadama ture.
16. Bara 1923fi 1932tti karaa hafuuraa hubannaa guddaa akkamiitu argame?
16 Maarree hafuurri qulqulluun duuka buutonni Kiristos barumsa yeroo harʼaatti iddoo guddaa kenninuuf kana akka hubatan kan isaan gargaare akkamitti? Beekumsa kana kan argatan karaa ifa hafuuraa irraa jalaan isaaniif ifeenidha. Bara 1923 jalqabee, Masaraan Eegumsaa waaʼee tuuta namoota abdii gara samii dhaquu hin qabneefi bulchiinsa Kiristos jalatti lafarra jiraatanii ibsee ture. Bara 1932tti, Masaraan Eegumsaa waaʼee nama Yonaadaab jedhamuufi waraana waaqeffannaa sobaa balleessuuf godhamerratti Yehuu isa Mootii Israaʼel tureefi Waaqayyo dibe gargaare tokkoo ibseera. (2 Mot. 10:15-17) Barruun kun, gareen namootaa akkuma Yonaadaab taʼan akka jiran erga ibsee booda, itti dabaluudhaan, Yihowaan garee kana “rakkina Armaagedoon jalaa” oolchee lafa kanarra akka isaan jiraachisu ibseera.
17. (a) Bara 1935tti, karaa hafuuraa hubannaa guddaa akkamiitu argame? (b) Hubannaa haaraan tuuta sonaan baayʼee ilaalchisee argame Kiristiyaanota amanamoo taʼanirratti dhiibbaa akkamii geessise? (Saanduqa “ Aara Galfii Guddaa” jedhu ilaali.
17 Bara 1935tti ifni hafuuraa guddaa taʼe tokko ni ife. Walgaʼii guddaa Waashingitan Dii.Siitti godhamerratti, tuutni sonaan baayʼeen fakkeenya Yesus waaʼee hoolotaafi waaʼee reʼootaa dubbaterratti hoolotatti fakkeeffaman, namoota abdii lafarra jiraachuu qaban akka taʼan ibsame. (Mat. 25:33-40) Tuutni sonaan baayʼeen, kutaa ‘hoolota kan biraa’ Yesus “Isaan immoo yaasuun anaaf in taʼa” jedhee dubbatee taʼu. (Yoh. 10:16) Obboleessi keenya Raazarfordi haasaa utuu dhiheessuu, “Namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qabdan hundi maaloo ol kaʼaa!” yeroo jedhu, namoota achitti argaman keessaa harki caalaansaanii kaʼanii dhaabatan. Achiis “Kunoo! Tuutni sonaan baayʼeen” jedhe. Namoonni hedduun abdii isaaniif kenname beekuusaaniitti baayʼee gammadanii turan.
18. Duuka buutonni Kiristos tajaajilaaf xiyyeeffannaa akkamii kennanii turan? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?
18 Yeroo sanaa jalqabee, Kiristos sabnisaa namoota garee tuuta sonaan baayʼee rakkina guddaa dhufurraa oolan sassaabuurratti akka xiyyeeffatan qajeelfama isaaniif kennaa tureera. Namoonni walitti qabaman jalqabarratti baayʼee hin fakkaatan turan. Obboleessi keenya Raazarfordi yeroo tokko, “‘Tuutni sonaan baayʼeen’ namoota hedduu waan taʼan hin fakkaatu” jedhee ture. Amma garuu, Yihowaan yeroo sanaa jalqabee hojii midhaan sassaabuu kana hammam akka eebbise beekna. Qajeelfama Yesusiifi hafuura qulqulluutiin, dibamtoonnis taʼan ‘hoolonni kan biraan’ michootasaanii taʼan akkuma Yesus raajiidhaan dubbate “karra tokko” taʼanii ‘tiksee tokko’ jalatti waliin tajaajilaa jiru.
19. How can we have a part in enlarging the great crowd?
19 Namoonni amanamoo taʼan hedduun, bulchiinsa Kiristosiifi warra 144,000 taʼan jalatti lafa jannata taaturra barabaraaf jiraatu. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee akkaataa Kiristos abdii ifaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kennuuf itti fayyadamerratti xiinxaluun kan nama gammachiisuu mitii? Namoota tajaajilarratti argannutti waaʼee abdii kanaa himuun mirga guddaadha! Kanaaf hamma dandeenyetti, lakkoofsi tuuta sonaan baayʼee dabaluusaa akka itti fufuufi sagaleen ulfina maqaa Yihowaatiif dhagaʼamu caalaatti dabalaa akka adeemu gochuuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu!—Luqaas 10:2 dubbisi.
Mootummichaaf Amanamaa Taʼuun Maalfaa Dabalata?
20. Jaarmiyaan Seexanaa maalfaa kan qabatedha? Gama kanaan Kiristiyaanonni amanamoo taʼuu kan dandaʼan akkamitti?
20 Sabni Waaqayyoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barachuusaanii yommuu itti fufan, mootummaa kanaaf amanamaa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe guutummaatti hubachuun isaan barbaachisee ture. Kana ilaalchi see bara 1922tti Masaraan Eegumsaa jaarmiyaan lama, jechuunis jaarmiyaan Yihowaafi jaarmiyaan Seexanaa akka jiru; jaarmiyaan Seexanaa sirna daldalaa, amantiifi siyaasaa kan qabate taʼuusaa ibseera. Namoonni Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristos bulchuuf amanamoo taʼan, kutaa jaarmiyaa Seexanaa kamiyyuu keessa galuudhaan ejjennoosaanii laaffisuu hin qaban. (2 Qor. 6:17) Kana jechuun maal jechuudha?
21. (a) Dhaabbilee daldalaa gurguddaa ilaalchisee hojjetaa amanamaan saba Waaqayyootiif akeekkachiisa akkamii kennee ture? (b) Bara 1963tti Masaraan Eegumsaa “Baabilon Guddittii” ilaalchisee maal ibse?
21 Nyaanni hafuuraa hojjetaa amanamaan qopheessu malaanmaltummaa dhaabbilee daldalaa gurguddaa keessatti mulʼatu irra deddeebiʼee kan saaxile siʼa taʼu, sabni Waaqayyoo amala biyya lafaa isa qabeenya jaallachuu babalʼisu akka hin qabaanne akeekkachiisaa tureera. (Mat. 6:24) Haaluma wal fakkaatuun barreeffamoonni keenya dhaabbilee amantii Seexanaa saaxilaa turaniiru. Bara 1963tti Masaraan Eegumsaa “Baabilon Guddittiin,” Saba Kiristiyaanaa qofa utuu hin taʼin, bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa kan argisiistu taʼuushee ibseera. Kanaaf akkuma Boqonnaa 10ffaarratti balʼinaan ilaallu, sabni Waaqayyoo biyya kamiyyuu keessa yoo jiraatan, akkasumas aadaa akkamiiyyuu yoo hordofan gocha amantii sobaarraa fagaachuudhaan ‘ishee keessaa akka baʼan’ gargaarsi godhamaafii tureera.—Mul. 18:2, 4.
22. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti, sabni Waaqayyoo hedduun gorsa Roomaa 13:1rra jiru akkamitti hubatu turan?
22 Siyaasa isa kutaa jaarmiyaa Seexanaa taʼe ilaalchiseehoo barumsi kennamee turee? Kiristiyaanonni dhugaan waraana ykn walitti buʼiinsa saboota gidduutti godhamu keessa galuu dandaʼuu? Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Barattoonni Macaafa Qulqulluu, duuka buutonni Kiristos namoota ajjeesuurratti hirmaachuu akka hin qabne hubatanii turan. (Mat. 26:52) Haataʼu malee hedduunsaanii ajajni Roomaa 13:1rratti argamuufi “warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif” abboomamaa jedhu, waraanarratti hirmaachuu, uffata loltootaa uffachuufi meeshaa waraanaa hidhachuu kan dabalatu akka taʼetti hubatu turan; kanaaf wantoota kanarratti kan hirmaatan taʼus, diina akka ajjeesan yommuu gaafataman garuu gara samiitti dhukaasu turan.
23, 24. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti yaada Roomaa 13:1rra jiru ilaalchisee duuka buutonni Kiristos hubannaa akkamii qabu turan? Sana boodahoo hubannaa sirrii taʼe akkamii argatan?
23 Waraanni Addunyaa Lammaffaan bara 1939tti akkuma jalqabeen garuu, siyaasa keessa galuurraa of qusachuu ilaalchisee Masaraan Eegumsaa ibsa balʼaa kennee ture. Barruun kun Kiristiyaanonni waraanaafi walitti buʼiinsa addunyaa Seexanni bulchu kana keessaa gaʼee akka hin qabne ifatti beeksiseera. Kun dhugumayyuu qajeelfama yeroosaatti kenname ture! Kanaaf duuka buutonni Kiristos, dhiiga saboonni yeroo waraanaa sanatti haala suukanneessaa taʼeen dhangalaasanirratti akka hin hirmaanneef eegumsa argataniiru. Haataʼu malee bara 1929 kaasee, barreeffamoonni keenya yaanni Roomaa 13:1rratti argamu bulchitoota biyya lafaa utuu hin taʼin, Yihowaafi Yesusiin akka argisiisu ibsuu jalqaban. Taʼus ammayyuu hubannaan sirrii taʼe ni barbaachisa ture.
24 Hafuurri qulqulluun duuka buutota Kiristos geggeessaa waan tureef dhimma kana ilaalchisee bara 1962tti, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 15fi Muddee 1, Roomaa 13:1-7rratti ibsa balʼaa kenneera. Dhumarrattis, sabni Waaqayyoo seerri buʼuuraa Yesus lallabasaa isa beekamaa taʼerratti, “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf taʼu, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf taʼu kennaa” jechuudhaan dubbate, bitamuun daangaa kan qabu taʼuusaa akka argisiisu sirriitti hubatan. (Luq. 20:25) Yeroo kanatti Kiristiyaanonni dhugaan, warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban kan jedhaman, bulchitoota biyya lafaa akka taʼaniifi Kiristiyaanonni ajajamuufii akka qaban hubatan. Haataʼu malee, isaaniif abboomamuun daangaa qaba. Namoonni aangoo qaban seera Yihowaa akka cabsinu yommuu nu gaafatan, nuyis akkuma ergamoota Yesus durii, “Namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jennee deebisna. (HoE. 5:29) Boqonnaa 13ffaafi 14ffaarratti, sabni Waaqayyoo siyaasa keessa galuu ilaalchisee seera buʼuuraa Kiristiyaanotaaf kenname akkamitti hojiirra akka oolchan balʼinaan baranna.
25. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hubachuu wajjin haala wal qabateen qajeelfama hafuurri qulqulluun kennu kan dinqisiifattan maaliifi?
25 Duuka buutonni Kiristos hundi jaarraa darbe kanatti waaʼee Mootummichaa hammam akka baratan mee yaadaa! Mootummaan Waaqayyoo samiirratti yoom akka hundeeffameefi Mootummaan kun hammam barbaachisaa akka taʼe baranneerra. Namoonni amanamoon abdii lama akka qaban, jechuunis samiirra ykn lafarra jiraachuuf akka abdatan sirriitti hubanneera. Namoota biyya lafaarratti aangoo qabaniif hamma isaaniif malu kan bitamnu taʼus, Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taʼuu keenya akkamitti akka argisiisnu beekna. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Yesus Kiristos, hojjetaan amanamaan lafarra jiru dhugaawwan gati jabeessa kana akka hubatuufi akka barsiisu utuu qajeelfama hin kennineef taʼee dhugaawwan kana beekuu nan dandaʼan turee?’ Dhugumayyuu Kiristosiifi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuun eebba guddaadha!
a Barreeffamni tokko, jechi afaan Giriikii “geggeessuu” jedhu caqasa kanarratti “karaa itti argisiisuu” jechuu akka taʼe ibseera.
b Sana dura, mulʼanni kun waraana mootummaa Roomaa isa Waaqayyoon hin beekneefi Waldaa Kaatolikii Roomaa gidduutti godhamu argisiisa jedhamee yaadama ture.
c Waxabajjii 1880tti, Zaayansi Waach Taawor namoonni 144,000 taʼan Yihudoota bara 1914tti amantiisaanii jijjiiran argisiisa jedhee ture. Haataʼu malee, dhuma bara 1880tti, dhimma kana ilaalchisee hubannaa yeroo harʼaatti qabnuu wajjin tokko taʼetu argame.