Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 14

Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu

Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Sabni Waaqayyoo Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo waan taʼaniif kutaa biyya lafaa miti

1, 2. Seerri buʼuuraa duuka buutonni Kiristos hanga harʼaatti hojiirra oolchan maalidha? (b) Diinonni keenya nu miidhuuf yaalii akkamii godhaniiru? Buʼaansaahoo maal ture?

 YESUS, Philaaxos dura dhaabatee, seera buʼuuraa duuka buutonnisaa hanga harʼaatti itti fayyadamaniifi akkas jedhu dubbateera: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa taʼee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti.” (Yoh. 18:36) Philaaxos, Yesus akka ajjeefamuuf dabarsee kan isa kenne taʼus, Yesus duʼee hin hafne. Kanaa mannaa duʼaa kaafameera. Mootonni Roomaa, duuka buutota Yesus balleessuuf yaalanis isaaniif hin milkoofne. Kiristiyaanonni yeroo sanaa ergaa Mootummichaa namoota hundatti himaniiru.—Qol. 1:23.

2 Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti erga hundeeffamee booda, humnoonni waraanaa ciccimoon tokko tokko, saba Waaqayyoo balleessuuf yaalanii kan turan taʼus injifannoo hin arganne. Mootummoonniifi qaamonni siyaasaa hedduun, dhimma siyaasaa keessa akka seennu gochuuf nu dirqisiisaa turaniiru. Haataʼu malee tokkummaa keenya diiguu hin dandeenye. Yeroo harʼaa, namoonni Mootummicha jalatti bulan saboota addunyaa maratti argaman hunda keessa jiru jechuun ni dandaʼama. Hunda caalaammoo, dhimma siyaasaarraa bilisa taʼuudhaan tokkummaa obbolummaa addunyaa maraa qabaachuu dandeenyeerra. Tokkummaan gidduu keenyatti argamu, Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiruufi Mootiin keenya Yesus Kiristos namoota isaaf bitaman geggeessaa, qulleessaafi eegaa akka jiru kan argisiisudha. Kana kan godhe akkamitti akka taʼeefi ennaa ‘kan biyya lafaa taʼuurraa’ fagaachuuf yaalii goonutti, injifannoo inni gama seeraatiin nuuf argamsiise keessaa tokko tokko haa ilaallu.—Yoh. 17:14.

Dhimma Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

3, 4. (a) Yeroo Mootummaan Waaqayyoo hundeeffametti maalfaatu taʼe? (b) Sabni Waaqayyoo dhimma siyaasaa keessa seenuu dhiisuun maal jechuu akka taʼe jalqabarratti guutummaatti hubatanii turanii? Ibsi.

3 Hundeeffamuu Mootummichaatti aansee, samii keessatti waraanni kan baname siʼa taʼu, Seexannis gara lafaatti gad darbatame. (Mulʼata 12:7-10, 12 dubbisi.) Lafarrattis waraanni ejjennoon sabni Waaqayyoo qaban akka qoramu godhe geggeeffameera. Sabni Waaqayyoo garuu fakkeenya Yesus hordofuuf waan murteessaniif, kutaa biyya lafaa hin taane. Taʼus jalqabarratti, dhimma siyaasaarraa hammam bilisa taʼuu akka qaban guutummaatti hin hubanne turan.

4 Fakkeenyaaf, kitaabni walitti aansuudhaan baʼaa tureefi Miileeniiyaal Daawuun jedhamu jildii 6⁠ffaan, a inni bara 1904⁠tti maxxanfame, Kiristiyaanonni waraanarratti akka hin hirmaanne jajjabeessera. Taʼus, Kiristiyaanni tokko akkas akka godhu yoo dirqisiifame, tajaajila namaa wajjin walitti isa hin buufne kennuu akka dandaʼu ibsee ture. Tajaajilli inni kennu namaa wajjin walitti isa buusa taanaan garuu, nama ajjeesuurraa of qusachuu akka qabu ibseera. Obboleessi keenya Harbarti Siiniyar, inni Biritaaniyaa jiraatuufi bara 1905⁠tti cuuphame, akkas jedheera: “Miseensa humna waraanaa taʼanii hojii waraanaa wajjin kallattiidhaan hariiroo hin qabne hojjechuun sirrii taʼuufi dhiisuusaa ilaalchisee gorsi ifa taʼe waan hin kennamneef obboloonni wanta godhan wallaalanii turan.”

5. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1, 1915, hubannaa qabnu kan sirreesse akkamitti?

5 Haataʼu malee, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1, 1915, dhimma kana ilaalchisee hubannaa qabnu sirreessuu jalqabe. Barruun kun yaada kitaabni Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhamu kenne ilaalchisee, “Yaadni akkasii ejjennoo ofii laaffisuu akka taʼe nutti dhagaʼama” jedheera. Kiristiyaanni tokko uffata loltuu uffachuufi humna waraanaa keessatti tajaajiluu yoo dide rasaasaan kan ajjeefamu yoo taʼehoo? Barruun sun akkas jedheera: “Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa angafa nagaa taʼeef amanamaa taʼuufi seerasaatiif abboomamuuf jecha rasaasaan rukutamuun, ejjennoo ofii laaffisanii mootota biyya lafaatiif utuma hojjechaa jiranii rasaasaan rukutamuu caalaa? Duʼa kana lamaan keessaa Mootii Mootummaa Waaqayyoof amanamaa taʼanii duʼuun filatamaadha.” Yaadni kun humna guddaa kan qabu taʼus, barruun sun xumurarratti, “Tarkaanfii akkasii akka fudhattan isin abboomaa jirra utuu hin taʼin, yaada isiniif dhiheessaa jirra” jedheera.

6. Fakkeenya obboleessa keenya Harbarti Siiniyarirraa barumsa akkamii arganna?

6 Obboloonni tokko tokko dhimma kana sirriitti kan hubatan siʼa taʼu, rakkina isaan mudate dura ija jabinaan dhaabataniiru. Harbarti Siiniyar inni olitti caqasame, “Rasaasa markabarraa buusuufi [tajaajila waraanaa wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya hin qabne] rasaasa sana qawwee keessa kaʼuudhaan dhukaasuun anaaf garaagarummaa hin qabu” jedheera. (Luq. 16:10) Obboleessi kun humna waraanaa keessa seenee tajaajiluu waan dideef hidhameera. Inniifi obboloonni 4, namoota amantii addaddaa keessaa dhufaniifi humna waraanaa keessa galanii tajaajiluu waan didaniif, mana hidhaa Biritaaniyaatti argamuufi Riichimoondi jedhamu keessatti hidhaman 16 keessaa tokkodha. Gareensaanii yeroo booda maqaa Riichimoondi 16 jedhuun waamamaa tureera. Yeroo tokko, Harbartiifi namoonni akkasaa kaan rasaasaan rukutamanii akka ajjeefamaniif iccitiidhaan adda waraanaa Faransaayitti argamutti geeffamanii turan. Obboleessi kuniifi namoonni hedduun raayyaa waraanaa walitti dhukaasaa jiru fuuldura kan dhaabaman taʼus hin ajjeefamne turan. Kanaa mannaa, adabbiin isaanirratti murame gara hidhaa waggaa kudhaniitti akka gad buʼu godhame.

“Sabni Waaqayyoo yeroo waraanaattillee namoota hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuu akka qaban na hubachiiseera.”—Siimoon Kiraaker (Keeyyata 7 ilaali)

7. Jalqaba Waraana Addunyaa Lammaffaatti, saba Waaqayyoo maaltu mudate?

7 Yeroo Waraanni Addunyaa Lammaffaan eegaletti, sabni Yihowaa dhimma siyaasaa keessa galuu dhiisuu jechuun maal jechuu akka taʼeefi fakkeenya Yesus hordofuu yoo barbaadan maal gochuu akka qaban hubatanii turan. (Mat. 26:51-53; Yoh. 17:14-16; 1 Phe. 2:21) Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1, 1939, mataduree, “Siyaasarraa Walaba Taʼuu” jedhu qabatee ture. Matadureen sun, “Seerri namoonni Yihowaa wajjin kakuu galan ittiin geggeeffamuu qaban waraana saba kamiyyuu gidduutti geggeeffamurraa walaba taʼuudha” jedheera. Obboleessi yeroo booda waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamu keessa tajaajilaa tureefi Simoon Kiraaker jedhamu, mataduree kana ilaalchisee, “Sabni Waaqayyoo yeroo waraanaattillee namoota hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuu akka qaban na hubachiiseera” jechuudhaan dubbateera. Nyaanni hafuuraa sun yeroo barbaachisaa taʼetti kan dhihaate siʼa taʼu, sabni Waaqayyoo miidhaa cimaa Mootummaasaatiif amanamoo taʼuusaaniitiin isaanirra gaʼu qophaaʼanii eeguuf isaan gargaareera.

Ariʼatamni Akka ‘Bishaanii’ Baayʼatu Isaanirra Gaʼeera

8, 9. Raajiin Yohannis ergamaan dubbate raawwiisaa kan argate akkamitti?

8 Yohannis ergamaan Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti erga hundeeffamee booda, bineensi akka jawwee, jechuunis Seexanni inni Diiyaabilos jedhamu, bishaan afaansaa keessaa baʼuun namoota Mootummaa Waaqayyoo deggeran balleessuuf akka yaalu raajii dubbateera. b (Mulʼata 12:9, 15 dubbisi.) Raajiin kun raawwiisaa kan argate akkamitti? Bara 1920⁠nii kaasee, saba Waaqayyoorra ariʼatamni cimaan gaʼee ture. Akkuma obboloota yeroo waraana addunyaa lammaffaatti Ameerikaa Kaabaa keessa turan kaanii, obboleessi keenya Kiraakeris Mootummaa Waaqayyootiif amanamaa waan taʼeef hidhameera. Yeroo waraanaa sanatti, namoota sababa amantiisaaniitiin mana hidhaa Yuunaayitid Isteetisitti hidhamanii turan harka sadii keessaa harki lama Dhugaa Baatota Yihowaa turan.

9 Diiyaabilosiifi bakka buutonnisaa namoonni Mootummichaaf bulan eessayyuu yoo jiraatan amanamummaasaanii akka hin eegne gochuu barbaadu. Afriikaa, Awurooppaafi Yuunaayitid Isteetis keessatti, mana murtiitti dhiheeffamaniiru, akkasumas namoota dhimmisaa isaan ilaallatuun akka eegaman godhamaniiru. Dhimma siyaasaa keessa seenuu dhiisuunsaanii, akka hidhaman, akka reebamaniifi miidhaan qaamaa akka isaanirra gaʼu godheera. Jarmanitti, sabni Waaqayyoo ‘Hiitlar fayyisaadha’ jechuu ykn carraaqqii waraanarratti hirmaachuuf godhamu deggeruu waan didaniif miidhaan isaanirra gaʼeera. Bara Naaziitti, obboloonni gara 6,000 taʼan hidhamaniiru, obboloonni lammii Jarman taʼaniifi hin taane 1,600 ol taʼan harka namoota isaan dhiphisaa turanii keessatti duʼaniiru. Taʼus, Diiyaabilos saba Waaqayyoorratti miidhaa yeroo dheeraa geessisuu hin dandeenye.—Mar. 8:34, 35.

‘Lafti Bishaanicha’ Liqimsite

10. “Lafti” maal argisiisti? Saba Waaqayyoo kan gargaartehoo akkamitti?

10 Raajiin Yohannis barreesse, “lafti” isheen humnoota sirna biyya lafaa argisiistu, “bishaan” isa ariʼatama saba Waaqayyoorra gaʼu argisiisu liqimsuudhaan saba Waaqayyoo akka gargaartu ibseera. Raajiin kun raawwiisaa kan argate akkamitti? Waggoota kurnan Waraana Addunyaa Lammaffaa booda turan keessatti, “lafti” namoota Mootummaa Masihiichaa amanamummaadhaan deggeran gargaarteetti. (Mulʼata 12:16 dubbisi.) Fakkeenyaaf, manneen murtii gurguddaan mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanaafi qophii jaalala biyyaa argisiisuuf godhamurratti hirmaachuu dhiisuuf qaban kabachiisaniiru. Mee jalqaba, waraanarratti hirmaachuu ilaalchisee injifannoo gurguddaa Yihowaan sabnisaa akka argatan godhe tokko tokko haa ilaallu.—Far. 68:20.

11, 12. Obboloota keenya Antoonii Siikareellaafi Yaakoovoos Tiliimanoos maaltu mudatee ture? Buʼaansaahoo maal ture?

11 Yuunaayitid Isteetis. Antoonii Siikareellaan ijoollee warrisaanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan jaʼa keessaa tokko ture. Yommuu umriinsaa waggaa 15 guute ni cuuphame. Umrii waggaa 21⁠ttimmoo, tajaajilaa amantii taʼuusaa ibsuuf koree loltoota filatu tokkoof xalayaa barreesse. Waggaa lama booda, bara 1950⁠tti, ammas namoota sababa amantiisaaniitiin waraanarratti hin hirmaanne keessatti akka ramadamu barreessee gaafate. Waajjirri Qorannaa Fedaraalaa yaadasaa kana mormuu baatus, Koreen Haqaa garuu yaadasaa kana fudhachuu dideera. Manni murtii aanaa siʼa baayʼee kan irratti murteesse taʼus, Manni Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetis dhimma kana sirriitti erga ilaalee booda, murtoo manni murtii aanaa dabarse garagalchuudhaan obboleessa keenya Antoonii Siikareellaaf murteesseera. Murtoon kun namoota lammii Yuunaayitid Isteetis taʼaniifi waraanarratti hirmaachuu hin barbaanne kaaniif akka fakkeenyaatti tajaajileera.

12 Giriik. Bara 1983⁠tti, Yaakoovoos Tiliimanoos uffata loltuu uffachuu diduusaatiin kan kaʼe akka yakkamaatti ilaalamuudhaan hidhameera. Erga hiikamee booda, hojjetaa herregaa taʼuuf iyyannoo dhiheeffatee kan ture taʼus, galmee yakkamaa akka taʼe ibsu waan qabuuf fudhatama dhabee ture. Dhimma kana mana murtiitti kan dhiheeffate taʼus, mana murtii Giriik keessatti fudhatama argachuu waan hin dandeenyeef, Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti ol iyyannoo barreeffate. Bara 2000⁠tti, Kutaa Olaanaan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa abbootii seeraa 17 qabate, obboleessa keenyaaf kan murteesse siʼa taʼu, loogiin akkasii lammata akka hin raawatamneefis seera baaseera. Murtoon kun darbuusaa dura, obboloonni keenya 3,500 ol taʼaniifi Giriik keessa jiraatan dhimma siyaasaa keessa seenuu diduusaaniitiin kan kaʼe kanaan dura hidhamanii waan turaniif, galmee yakkamtoota akka taʼan ibsu qabu turan. Murtoo kana booda garuu, Giriik seera obboloonni kun yakkamtoota akka hin taane ibsu baaste. Kana malees, yeroo Heerri biyyattii haareffametti, seerri lammiileen Giriik hundi mirgi hojii waraanaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne hojjechuuf qaban akka eegamu godhuufi waggoota muraasa dura baʼe akka mirkanaaʼu godheera.

“Mana murtii sanatti ol seenuukoo dura, Yihowaatti kadhannaa kanan dhiheesse siʼa taʼu, sana booda tasgabbii akka naaf kenne natti dhagaʼameera.”—Iviiloo Isteefanoof (Keeyyata 13 ilaali)

13, 14. Wanta Iviiloo Isteefanoofiifi Vahaan Baayaataaniin mudatee turerraa barumsa akkamii arganna?

13 Bulgaariyaa. Obboleessi keenya Iviiloo Isteefanoof, bara 1994⁠tti, waraanaarratti akka hirmaatuuf ennaa filatame umriinsaa waggaa 19 ture. Obboleessi kun waraanarratti hirmaachuus taʼe hojii qajeelfama humna waraanaatiin hojjetamu kamiyyuu hojjechuu didee ture. Kanaan kan kaʼe jiʼa 18f kan hidhame taʼus, waraanarratti tajaajila kennuu diduuf mirga akka qabu ibsuudhaan dhimmichi irra deebiʼee akka isaaf ilaalamu iyyate. Dhumarrattis dhimmisaa kun Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti dhihaate. Bara 2001⁠tti, dhimmisaa mana murtii kana gaʼuusaa dura, murtoo gaariitu isaaf murteeffame. Mootummaan Bulgaariyaa obboleessa keenya Isteefanoofiin qofa utuu hin taʼin, lammiilee Bulgaariyaa hojii humna waraanaa wajjin hariiroo hin qabne hojjechuu barbaadan hunda dhiifama gaafate. c

14 Armeeniyaa. Obboleessi keenya Vahaan Baayaataan bara 2001⁠tti, umrii humna waraanaa keessatti tajaajila kennuuf itti dirqamurra gaʼee ture. d Waraanarratti hirmaachuu akka hin barbaanne ibsus, iyyannisaa mana murtii biyyattii keessatti argamu kamiyyuu biratti fudhatama hin arganne. Fulbaana 2002⁠tti, waggaa lamaafi walakkaan kan itti murteeffame taʼus, jiʼa kudhaniifi torban lama erga hidhamee booda hiikameera. Yeroo sanatti, dhimmasaa kana Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti kan dhiheeffate siʼa taʼu, manni murtichaas dhimmicha isaaf ilaaleera. Haataʼu malee, Onkoloolessa 27, 2009⁠tti, Manni Murtii kunis isumatti murteesse. Murtoon kun obboloota biyya Armeeniyaa haala wal fakkaatu keessatti argaman baayʼee naasisee ture. Taʼus, Kutaa Olaanaan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa dhimma kana irra deebiʼee ilaale. Adoolessa 7, 2011⁠tti, Manni Murtii olaanaan kun Vahaan Baayaataaniif murteesse. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, namni tokko sababa amantiisaatiif tajaajila humna waraanaa kennuu dhiisuu akka dandaʼu, seera mirga yaadaa, mirga ilaalchaafi mirga amantii ibsu jalatti akka dabalamu kan godhe yeroo kanattidha. Seerri baʼe kun mirga Dhugaa Baatota Yihowaa qofa utuu hin taʼin, mirgi namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi biyyoota miseensota Mana Maree Awurooppaa taʼan keessa jiraatan akka eegamu godheera. e

Obboloonni Armeeniyaatti argaman Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa erga isaaniif murteessee booda mana hidhaatii gadhiifamaniiru

Dhimmoota Qophiiwwan Jaalala Biyyaa Wajjin Wal Qabatan

15. Sabni Yihowaa dhimmoota qophiiwwan jaalala biyyaa wajjin wal qabatan keessa seenuu kan didan maaliifi?

15 Sabni Yihowaa Mootummaa Masiihichaatiif amanamoo kan taʼan waraanarratti hirmaachuu diduu qofaan utuu hin taʼin, qophii jaalala biyyaa ilaalchisee godhamurratti akka hin hirmaanne kabajaan ibsuudhaanis amanamoo taʼuusaanii ni argisiisu. Keessumaa Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga eegalee booda, miirri jaalala biyyaa addunyaarratti babalʼateera. Lammiileen amanamummaa biyyasaaniitiif qaban argisiisuuf waadaa akka galan, faaruu alaabaa akka faarfatan ykn alaabaa biyyasaaniitiif akka sagadan gaafatamuu jalqaban. Nuti garuu guutummaatti Yihowaaf bulla. (Bau. 20:4, 5) Kanaan kan kaʼes ariʼatamni nurra gaʼa. Taʼus, Yihowaan ammas “lafti” ariʼatama nurra gaʼu keessaa tokko tokko akka liqimsitu godheera. Gama kanaan injifannoo gurguddaa Yihowaan Kiristositti fayyadamee akka argannu godhe keessaa tokko tokko haa ilaallu.—Far. 3:8.

16, 17. Wanti Liiliyan Goobiitasiifi Wiiliyaam Goobiitasiin mudatee ture maalidha? Wanta isaan mudate kanarraa barumsa akkamii argattan?

16 Yuunaayitid Isteetis. Bara 1940⁠tti, Manni Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetis falmii Miinaarzivil Iskuul Distiriiktiifi Goobiitis gidduutti godhamerratti, Dhugaa Baatota Yihowaarratti murtoo 8 kan dabarse siʼa taʼu, 1 immoo isaaniif murteesse. Liiliyan Goobiitasiifi f (umriinshee waggaa 12) obboleessishee Wiiliyaam (umriinsaa waggaa 10), Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuu waan barbaadaniif, alaabaadhaaf sagaduu ykn biyyasaaniitiif waadaa galuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes, mana barumsaatii ariʼaman. Dhimmisaanii kun Mana Murtii Olaanaatti kan dhihaate siʼa taʼu, yeroo sanatti guutummaa biyyattii keessatti ‘tokkummaan sabootaa’ labsamaa waan tureef, manni murtichaas tarkaanfiin manni barumsaa sun fudhate seera biyyattii wajjin kan walsimu akka taʼe murteesse. Murtoon godhame kun ariʼatamni obboloota keenyarra gaʼaa jiru akka cimu godheera. Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa hedduun mana barumsaatii ariʼamaniiru, obboloonnis hojiidhaa kan ariʼaman siʼa taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa hedduurra miidhaa cimaan gaʼeera. Kitaabni Za Lastir oov Aawar Kaantirii jedhamu, “Biyya Ameerikaatti ariʼatamni bara 1941 hanga 1943⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼe, wal dhibdee jaarraa digdammaffaatti gama amantiitiin uumameefi cimaa taʼedha” jedheera.

17 Injifannoon diinonni saba Waaqayyoo argatan yeroo muraasaaf ture. Bara 1943⁠tti, Manni Murtii Olaanaan dhimma kan Goobiitasii wajjin wal fakkaatu tokko ilaalee ture. Dhimmi kunis, falmii Weesti Varjiiniyaa Isteet Boordi oov Eejukeeshiniifi Baarneet gidduutti godhamedha. Yeroo kanatti, Manni Murtii kun Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesseera. Seenaa Yuunaayitid Isteetis keessatti, Manni Murtii Olaanaan yeroo muraasa gidduutti yaadasaa kan jijjiire dhimma kanarratti ture. Murtoo kana booda, ariʼatamni cimaan Yuunaayitid Isteetis keessatti Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼaa ture ni hirʼate. Akkasumas, mirgi lammiilee Yuunaayitid Isteetis isa duraa caalaa kabajamuu jalqabe.

18, 19. Paabloo Baaroos cimee akka dhaabatu kan isa gargaare maal akka taʼe ibse? Tajaajiltoonni Yihowaa kaan fakkeenyasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Arjantiinaa. Paabloo Baaroosiifi (umriinsaa waggaa saddeet) Huugoo Baaroos (umriinsaa waggaa torbaa), bara 1976⁠tti alaabaa ol baasuu waan didaniif mana barumsaatii ariʼamaniiru. Gaaf tokko, daayireektarri mana barumsichaa Paabloo darbachuudhaan mataasaa keessa rukutte. Saʼaatii barumsaa booda, ijoolleen lamaanuu saʼaatii tokkoof akka turan erga gootee booda, qophii jaalala biyyaa ilaalchisee godhamurratti akka hirmaatan isaan dirqisiiste. Paabloon rakkina isa mudatee ture yaadachuudhaan, “Utuu Yihowaan na hin gargaarre taʼee, dhiibbaa ejjennookoo akkan laaffisuuf narra gaʼe dandaʼee dhaabachuu hin dandaʼun ture” jedheera.

19 Dhimmisaa mana murtiitti ennaa dhihaatu, manni murtichaas tarkaanfii Paabloofi Huugoorratti fudhatame ni deggere. Taʼus, dhimmisaanii kun Mana Murtii Olaanaa Arjantiinaatti dhiheeffame. Bara 1979⁠tti, Manni Murtii kun murtoo manni murtii aanaa dabarse irra deebiʼee erga ilaalee booda, “Tarkaanfiin fudhatame kun [ijoollee mana barumsaatii ariʼuun] mirga barachuufi (Keeyyata 14) itti gaafatamummaa mootummaan lammiileen biyyattii barumsa sadarkaa tokkoffaa akka argatan gochuuf qabuu (Keeyyata 5) wajjin kan walitti buʼudha” jedheera. Injifannoon kun, ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan gara 1,000 gargaareera. Tokko tokko murtoon mana barumsaatii isaan ariʼuuf dabarfame akka hafu kan godhame siʼa taʼu, kaanimmoo akka Paabloofi Huugoo, mana barumsaatti akka deebiʼan godhameera.

Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hedduun qorumsa keessatti amanamoo taʼaniiru

20, 21. Wanti Rooyeel Imbiraaliinaagiifi Iimilii Imbiraaliinaagiin mudatee ture amantii keessan kan isiniif cimse akkamitti?

20 Fiilippiins. Bara 1990⁠tti, Rooyeel Imbiraaliinaagiifi, g (umriinsaa waggaa 9) obboleettiinsaa Iimiliin, (umriinshee waggaa 10) barattoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan gara 66 wajjin, alaabaadhaaf sagaduu waan didaniif mana barumsaatii ariʼamanii turan. Abbaa Rooyeeliifi Iimilii kan taʼe Liyoonaardoon dhimma kana abbootii taayitaa mana barumsaatiif ibsuuf yaalee kan ture taʼus milkaaʼina hin arganne ture. Dhimmisaa yommuu cimaa adeemu, Liyoonaardoon Mana Murtii Olaanaatti ol iyyannoo dhiheeffate. Yeroo kanatti qarshii, akkasumas abukaatoo isaaf falmu hin qabu ture. Guutummaan maatiisaa Yihowaan qajeelfama akka isaaniif kennu kadhatanii turan. Yeroo kana hundatti, ijoolleensaa itti gaʼisamaafi arrabsamaa turan. Liyoonaardoon gama seeraatiin beekumsa waan hin qabneef injifannoo argachuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee ture.

21 Haataʼu malee, haallisaa jijjiiramuudhaan Feelinoo Gaanaal inni dhaabbata seeraa beekamaa taʼeefi biyyattii keessatti argamu tokko keessatti abukaatoo taʼee hojjechaa ture, maatii kana bakka buʼee falmuu jalqabe. Yeroo kanatti, obboleessi keenya Gaanaal dhaabbata keessaa hojjechaa ture dhiisee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee ture. Dhimmichi Mana Murtii Olaanaatti ennaa dhihaatu, Manni Murtichaa sagalee tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaatiif kan murteesse siʼa taʼu, murtoon ijoollee mana barumsaatii ariʼuuf dabarfames akka haqamu ajajeera. Yeroo kanattis taanaan carraaqqiin sabni Waaqayyoo ejjennoosaanii akka laaffisan godhamaa ture milkaaʼina utuu hin argatin hafeera.

Dhimma Siyaasaa Keessa Seenuu Dhiisuun Tokkummaa Argamsiisa

22, 23. (a) Gama seeraatiin injifannoo hedduu kan arganne maaliifi? (b) Obbolummaan addunyaa maraa keenya inni naga qabeessa taʼe maal kan mirkaneessudha?

22 Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan hedduurratti injifannoo kan argatan maaliifi? Dhimma siyaasaa keessa hin seennu. Taʼus, biyyaa gara biyyaatti, akkasumas mana murtii tokkoo gara isa kan biraatti, abbootiin seeraa yaada qajeelaa qaban ariʼatama cimaa mormitoonni nurraan gaʼanirraa kan nu eegan siʼa taʼu, yeroo kana godhan hundatti, seera haaraa seera biyyattiitti dabalanii baasu turan. Yeroo kana hundatti Kiristos injifannoo akka argannu akka nu gargaare hin shakkisiisu. (Mulʼata 6:2 dubbisi.) Gama seeraatiin qabsoo akkasii kan goonu maaliifi? Kaayyoon keenya seera biyya tokkoo fooyyessuu utuu hin taʼin, gufuu tokko malee Mootii keenya Yesus Kiristosiin tajaajiluu keenya akka itti fufnu mirkaneessuu waan taʼeefidha.—HoE. 4:29.

23 Addunyaa siyaasaan hihhiramee qabsoo godhuufi jibbiinsa cimaadhaan guutame kana keessatti, Mootiin keenya Yesus Kiristos, carraaqqii duuka buutonnisaa addunyaa maratti argaman dhimma siyaasaa keessa seenuu dhiisuuf godhan isaaniif eebbiseera. Seexanni carraaqqii nu qoqqooduufi nu miidhuuf godhurratti milkaaʼina hin arganne. Mootummaan Waaqayyoo namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi ‘deebiʼanii lola hin barre’ walitti qabaa jira. Obbolummaan addunyaa maraa keenya inni naga qabeessa taʼe, baayʼee kan nama ajaaʼibsiisuufi ragaa cimaa Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru argisiisudha!—Isa. 2:4.

a Jildiin kun mataduree Za Niiwu Kiriʼeeshin jedhuunis ni beekama. Kitaabni Miileeniiyaal Daawuun jedhamaa tureefi jildii hedduu qabu, yeroo booda Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhameera.

b Raajii kanarratti qorannaa gochuuf, kitaaba Raawwiin Mulʼataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu boqonnaa 27, fuula 184-186 ilaali. (Amaariffa)

c Murtoon godhame sun mootummaan Bulgaariyaa namoota hojii waraanaa wajjin wal hin qabanne hojjechuu barbaadaniif, hojii waraanaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne kennuus kan dabalatu ture.

d Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachuuf, Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2012, fuula 29-31 ilaali. (Amaariffa)

e Mootummaan Armeeniyaa, waggaa 20 keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa dargaggoota taʼan 450 ol hidheera. Sadaasa 2013⁠tti, hundisaanii mana hidhaatii hiikamaniiru.

f Maqaan kun galmee mana murtii keessatti qubee dogoggoraatiin barreeffame.

g Maqaan maatii kanaa galmee mana murtii keessatti Ibiraaliinaag jedhamee barreeffame.