Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitaa: Obboleettii kolportarii taateefi Kooriyaatti lallabaa jirtu, bara 1931; Mirga: Yeroo ammaatti Kooriyaatti afaan mallattootiin yommuu lallabamu

KUTAA 2

Mootummicha Lallabuu—Misiraachicha Addunyaa Maratti Babalʼisuu

Mootummicha Lallabuu—Misiraachicha Addunyaa Maratti Babalʼisuu

GUYYAA hojiin hin jirre tokko ganamaan kaatanii tajaajila baʼuuf qophooftaniittu haa jennu! Haataʼu malee akka dadhabdan waan isinitti dhagaʼameef, yeroo muraasaaf ni mamtu. Ganama sana boqochuun keessan gaarii akka taʼe isinitti dhagaʼama! Taʼus, Yihowaan humna akka isiniif kennu erga kadhattanii booda tajaajila baʼuuf murteessitu. Obboleettii maanguddoo amanamtuu taatee tokko wajjin kan ramadamtan siʼa taʼu, jabinniifi gaarummaan obboleettii kanaas garaa keessan tuqa. Ergaa dhugaa kana manaa gara manaatti yommuu labsitan, obboloonni keessan addunyaa maratti argamanis ergaadhuma kana labsaa akka jiran, barreeffamoota isin itti fayyadamaa jirtanitti akka fayyadamaniifi leenjiidhuma isin fudhattan akka fudhatan yaaddu. Yeroo manatti deebitan humni keessan akka haareffame isinitti dhagaʼama. Yeroo kanatti tajaajila baʼuu keessanitti baayʼee gammaddu!

Yeroo ammaatti tajaajilli, Mootummaa Waaqayyoo keessatti hojii iddoo guddaan kennamuufidha. Yesus, guyyoota gara dhumaatti hojiin lallabaa addunyaa maratti akka geggeeffamu dursee dubbateera. (Mat. 24:14) Raajiin inni dubbate kun raawwiisaa kan argate akkamitti? Kutaa kana keessatti tajaajila keenyaaf namoonni akkamii, malli akkamiifi meeshaaleen akkamii akka barbaachisan, akkasumas tajaajilli kun Mootummaan Waaqayyoo namoota addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaaʼamaniif akka dhugoomu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe ilaalla.

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 6

Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of Dhiheessan

Yesus guyyoota gara dhumaatti namoota hedduu fedhiidhaan lallaban akka qabaatu amanannaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Jireenyakee keessatti Mootummichaaf dursa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

BOQONNAA 7

Mala ittiin lallabnu—Mala Namootaaf Lallabuuf Gargaaru Hundatti Fayyadamuu

Mala haaraa sabni Waaqayyoo dhumni dhufuusaa dura namoota hedduudhaaf misiraachicha ittiin lallaban baradhu.

BOQONNAA 8

Meeshaalee Lallabaa—Namoota Addunyaa Maratti Argamaniif Barreeffamoota Qopheessuu

Hojiin hiikkaa keenya deggersa Yesus akka qabnu kan mirkaneessu akkamitti? Barreeffamoota keenya ilaalchisee wantoonni Mootummichi dhugumaan akka jiru siif mirkaneessan maalfaʼi?

BOQONNAA 9

Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’

Yesus midhaan hafuuraa haamuu isa guddaa ilaalchisee duuka buutotasaa barumsa barbaachisaa lama barsiise. Barumsawwan kun yeroo harʼaatti kan nu ilaallatan akkamitti?