Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 8

Meeshaalee Lallabaa—Namoota Addunyaa Maratti Argamaniif Barreeffamoota Qopheessuu

Meeshaalee Lallabaa—Namoota Addunyaa Maratti Argamaniif Barreeffamoota Qopheessuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Yihowaan meeshaalee namoota saba, gosaafi afaan garaagaraa qaban barsiisuuf gargaaran nuu qopheessuusaa akka itti fufe ilaalla

1, 2. (a) Jaarraa jalqabaatti misiraachichi guutummaa Bulchiinsa Roomaa keessatti akka babalʼatu kan gargaare maal ture? (b) Yeroo keenyatti gargaarsa Yihowaa akka qabnu wanti argisiisu maalidha? (Saanduqa “ Misiraachicha Afaan 670 Oliin Lallabuu” jedhu ilaali.)

 NAMOONNI gara Yerusaalem dhaqan wanta dhagaʼaa jiran amanuu hin dandeenye. Namoonni Galiilaa afaan biyya ormaa akka gaariitti dubbachaa kan jiran siʼa taʼu, wanti isaan dubbachaa jiran kunis xiyyeeffannaa namoota isaan dhaggeeffatanii harkiseera. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti duuka buutonni Kiristos dinqiidhaan afaan garagaraa dubbachaa kan turan siʼa taʼu, kunimmoo gargaarsa Waaqayyoo akka qaban kan mirkaneessu ture. (Hojii Ergamootaa 2:1-8, 12, 15-17 dubbisi.) Misiraachoo isaan guyyaa sanatti lallaban namoonni baayʼeen kan dhagaʼan siʼa taʼu, sana boodas guutummaa Bulchiinsa Roomaa keessatti babalʼateera.—Qol. 1:23.

2 Yeroo harʼaatti sabni Waaqayyoo dinqiidhaan afaan garagaraa akka hin dubbanne beekamaadha. Taʼus, haala jaarraa jalqabaarra caaluun afaan 670 oliin ergaa Mootummichaa hiikaa jiru. (HoE. 2:9-11) Sabni Waaqayyoo barreeffamoota baayʼee afaan hedduudhaan qopheessuudhaan ergaan Mootummichaa hamma handaara lafaatti akka lallabamu godhaniiru. a Kunis Yihowaan, Yesus Kiristos Mootichatti fayyadamee hojii lallabaa keenya qajeelchaa akka jiru kan mirkaneessudha. (Mat. 28:19, 20) Waaʼee meeshaalee waggoota 100 darbanitti hojii kana raawwachuuf itti fayyadamnee yommuu ilaallu, Mootichi dhuunfaatti namootaaf xiyyeeffannaa akka kenninu irraa jalaan akkamitti akka nu leenjise, akkasumas Macaafa Qulqulluu akka barsiisnu akka nu jajjabeesse qalbeeffadhaa.—2 Xim. 2:2.

Mootichi Tajaajiltoonnisaa Sanyii Dhugaa Akka Facaasan Isaan Hidhachiiseera

3. Hojii lallabaa keenyarratti meeshaalee garaagaraatti kan fayyadamu maaliifi?

3 Yesus “dubbii mootummichaa” sanyiitti, garaa namaammoo biyyootti fakkeesseera. (Mat. 13:18, 19) Akkuma namni biqiltuu dhaabu tokko, biyyoo laaffisuufi sanyiidhaaf qopheessuuf meeshaalee garaagaraatti fayyadamu, sabni Yihowaas garaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii ergaa Mootummichaa akka fudhatu qopheessuuf meeshaalee garaagaraatti fayyadamaniiru. Meeshaalee kana keessaa tokko tokko yeroo muraasaaf qofa kan tajaajilan turan. Meeshaaleen kan akka kitaabaafi barruulee garuu, ammayyuu hojii guddaa hojjechuusaanii itti fufaniiru. Mala hedduu namoota baayʼeedhaaf dhugaa baʼuuf gargaaruufi boqonnaa darberratti ilaallerraa haala adda taʼeen, meeshaaleen kun hundi babalʼistoonni Mootummichaa dhuunfaadhaan namoota akka mariisisan isaan gargaaraniiru.—HoE. 5:42; 17:2, 3.

Toorontoo, Kaanaadaa keessatti foonogiraafiifi meeshaalee sagalee oomishuu

4, 5. Foonogiraafiitti kan fayyadamne akkamitti? Taʼus hanqina akkamii qaba ture?

4 Haasaawwan waraabaman. Bara 1930⁠nii hanga 1940⁠niitti, babalʼistoonni foonogiraafiitti fayyadamanii haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan namoota dhageessisaa turaniiru. Dheerinni haasaawwan waraabaman kanaa daqiiqaa shanii gad ture. Kana malees yeroo tokko tokko mataduree kan akka “Sillaasee,” “Iddoo Lubbuun Dhiphinaan Itti Qulqulleeffamtu” fi “Mootummaa” jedhu qabu turan. Wantoonni waraabaman kun faayidaarra kan oolan akkamitti ture? Obboleessi keenya Kilaatan Wuudwoorz, inni bara 1930⁠tti Yunaayitid Isteetisitti cuuphame akkas jedheera: “Foonogiraafii shaanxaa xinnoo fakkaattu, shiboo marameefi wanta irra kaaʼanii sirriitti taphachiisuu dandaʼan baadheen deeman ture. Achiis manaa gara manaatti yommuun tajaajilu, foonogiraaficha banuudhaan isa ittiin taphachiisan sana sirreesseen bilbila balbalaa tuqa ture. Yommuu abbaan manichaa balbala banu, ‘Ergaa barbaachisaa tokko utuun si dhageessisee natti tola’ jedheen itti hima.” Namoonni deebii akkamii kennu turan? Obboleessi kun akkas jedheera: “Yeroo baayʼee deebii gaarii kennu. Yeroo garabiraammoo balbalasaanii narratti cufu. Yeroo tokko tokkommoo foonogiraafii gurguraa waanan jiru isaanitti fakkaata ture.”

Bara 1940⁠tti, haasaan addaddaa 90 ol taʼu koppii miliyoona tokkoo ol taʼuun sagaleedhaan waraabamee ture

5 Bara 1940⁠tti, haasaan addaddaa 90 ol taʼu koppii miliyoona tokkoo ol taʼun sagaleedhaan waraabamee ture. Joon Baar inni yeroo sana Biritaaniyaa keessatti qajeelchaa tureefi yeroo boodammoo miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile akkas jedheera: “Bara 1936 hanga 1945⁠tti foonogiraafiin hidhata tajaajilaakoo naaf taʼee ture. Yeroo sana guyyaan meeshaa kana hin qabannetti maal akkan godhun wallaalan ture. Balbala namootaa duratti sagalee obboleessa keenya Raazarfordi dhaggeeffachuun baayʼee kan nama jajjabeessu taʼuusaarrayyuu, waanuma qaamaan na bira jiru natti fakkaata ture. Haataʼu malee, malli kun yeroo tajaajilarratti namoota barsiisnutti garaasaanii tuquuf hin dandeessisu ture.”

6, 7. (a) Kaardiin dhugaa baʼuuf itti gargaaramnu faayidaa akkamii qaba ture? Hanqinnisaahoo maal ture? (b) Yihowaan dubbachuu akka dandeenyu kan nu leenjise akkamitti?

6 Kaardii ittiin dhugaa baʼan. Bara 1933 jalqabee babalʼistoonni yommuu manaa gara manaatti tajaajilan kaardii kanatti akka fayyadaman jajjabeeffamu turan. Kaardiin kun dalgisaa gara seentiimeetira 7.6, dheerinnisaammoo gara seentiimeetira 12.7 siʼa taʼu, ergaa Macaafa Qulqulluu gabaabaa taʼe kan qabate siʼa taʼu, barreeffama Macaafa Qulqulluu namni haasofsiisnu fudhachuu dandaʼurratti ibsa kenna ture. Babalʼisaan tokko kaardicha nama haasofsiisu sanaaf kennuudhaan akka dubbisu isa gaafata ture. Obboleettiin Liiliyaan Kaameruud jedhamtuufi yeroo booda misiyoonii taatee Porto Riikoofi Arjantiinaatti tajaajilte, “Hojiin kaardiitti fayyadamanii dhugaa baʼuu baayʼee natti tolee ture” jetteetti. Akkas kan jette maaliifi? “Akka gaariitti nama haasofsiisuu kan dandeenyu hunda keenya hin turre. Kanaaf, akkamitti namootatti dhihaachuu akkan dandaʼu na barsiiseera” jetteetti.

Kardii ittiin dhugaa baʼan (Afaan Xaaliyaaniitiin)

7 Obboleessi keenya Deevid Rash, inni bara 1918⁠tti cuuphame, “Wanta sirrii taʼe akka dubbatan kan itti dhagaʼamu obboloota muraasa waan turaniif, kaardiin kun obboloota gargaareera” jedheera. Taʼus, meeshaan kun hanqina mataasaa qaba ture. Obboleessi keenya Rash, “Yeroo tokko tokko, namoonni waan nuyi dubbachuu hin dandeenye itti fakkaatu nu mudatu turan” jedheera. Dhugumayyuu hedduun keenya dubbachuu hin dandeenyu turre jechuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, Yihowaan tajaajiltootasaa taanee namootatti akka dubbannu nu qopheessaa ture. Utuma baayʼee hin turin, tajaajila manaa gara manaarratti Macaafa Qulqulluutti akkamitti akka fayyadamnu nu barsiisuudhaan dubbachuu akka dandeenyu godheera. Kanas kan godhe Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii bara 1940⁠niitti jalqabametti fayyadamuudhaan ture.—Ermiyaas 1:6-9 dubbisi.

8. Kiristos akka isin leenjisu heyyamuu kan dandeessan akkamitti?

8 Kitaabota. Sabni Yihowaa bara 1914 jalqabee kitaabota addaddaa barumsa Macaafa Qulqulluu barsiisan 100 ol taʼan qopheessaniiru. Kitaabota kana keessaa tokko tokko babalʼistoonni tajaajiltoota buʼa qabeeyyii akka taʼan leenjisuuf kan qophaaʼan turan. Obboleettiin biyya Deenmaarki Aanaa Laarsan jedhamtuufi gara waggaa 70tiif babalʼistuu taatee tajaajilte akkas jetteetti: “Yihowaan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi kitaabota mana barumsichaatiif qophaaʼanitti fayyadamee caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaareera. Kitaabota kana keessaa inni jalqabaa isa bara 1945⁠tti baʼeefi Tiʼookiraatiik Eeyid tuu Kiingidam Pabliishars jedhamu ture. Achiis bara 1946⁠tti kitaabni, “Iikiyuupid foor Eevirii Gud Woork” jedhamu ni baʼe. Yeroo ammaattimmoo, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamuufi bara 2001⁠tti qophaaʼetti fayyadamaa jirra.” Dhugumayyuu, Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi kitaabonni mana barumsaa kanaaf qophaaʼan tajaajiltoota Waaqayyoo gaʼumsa qaban akka taanu nu qopheessuurratti shoora guddaa taphataniiru. (2 Qor. 3:5, 6) Atoo Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti galmeeffamteettaa? Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa kana torban torbaniin fiddee dhufuudhaan yommuu ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kitaabicharraa caqasuhoo ni hordoftaa? Taanaan, Kiristos barsiisaa buʼa qabeessa akka taatu akka si leenjisu heyyamaa jirta jechuudha.—2 Qor. 9:6; 2 Xim. 2:15.

9, 10. Kitaabonni sanyii dhugaa facaasuufi bishaan obaasuurratti shoora akkamii qabu turan?

9 Yihowaan, jaarmiyaansaa kitaabota babalʼistoonni barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif ittiin ibsan akka qopheessu gochuudhaanis nu gargaareera. Gama kanaan keessumaa kitaabni Za Tiruuz Zaat Liidsi tuu Iiternaal Laayif jedhamu buʼa qabeessa ture. Kitaabni kun yeroo jalqabaatiif bara 1968⁠tti kan maxxanfame siʼa taʼu, yeruma sana jijjiirama guddaa fideera. Tajaajilli Mootummaa Sadaasa 1968, “Gaaffiin namoonni kitaaba Tiruuz jedhamu argachuuf dhiheessan baayʼee waan dabaleef, jiʼa Fulbaanaatti warshaan maxxansaa Biruukiliinitti argamu guyyaa qofa utuu hin taʼin halkanis akka hojjetu godhamee ture” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Yeroo tokko jiʼa Hagayyaa keessa ajajni kitaaba kanaa isa maxxanfamee turerra miliyoona tokkoofi walakkaa caalee ture” jedheera. Bara 1982⁠tti, kitaabni kun afaan 116n koppiin miliyoona 100 ol taʼu maxxanfamee ture. Waggoota 14n bara 1968 hanga 1982 gidduu jiranitti, kitaabni kun babalʼistoonni Mootummichaa miliyoona tokkoo ol taʼan akka dabalaman godheera. b

10 Bara 2005⁠tti, kitaabni garabiraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi namoota qayyabsiisuuf gargaaru ni baʼe. Kitaabni kun hanga ammaatti afaan 256n gara koppii miliyoona 200 taʼuun maxxanfameera. Kitaabni kun buʼaa akkamii argamsiiseera? Waggaa torba qofa gidduutti, jechuunis bara 2005 hanga 2012⁠tti, namoonni gara miliyoona 1.2 taʼan babalʼistoota misiraachichaa taʼaniiru. Yeroo kanatti lakkoofsi namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatanii gara miliyoona 6⁠rraa gara miliyoona 8.7 olitti guddateera. Yihowaan carraaqqii sanyii dhugaa Mootummichaa facaasuufi bishaan obaasuuf goonu eebbisaa akka jiru hin shakkisiisu.—1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.

11, 12. Caqasawwan ibsamanii wajjin haala walsimuun, barruuleen keenya namoota akkamiitiif qophaaʼu turan?

11 Barruulee. Jalqabarratti Masaraan Eegumsaa adda durummaadhaan kan qophaaʼu “karra xinnayyoo” warra ‘waamicha isa waaqarraa keessaa hirmaataniif’ ture. (Luq. 12:32; Ibr. 3:1) Onkoloolessa 1, 1919⁠ttimmoo, jaarmiyaan Yihowaa barruu garabiraa namoota Dhugaa Baatota hin taane hawwachuuf yaadamee qophaaʼe baase. Barruun kun Barattoota Macaafa Qulqulluufi namoota kaan biratti jaallatamaa kan ture siʼa taʼu, waggoota hedduudhaaf Masaraa Eegumsaa caalaa baayʼinaan raabsamaa tureera. Barruun kun jalqabarratti Za Gooldan Eej jedhama ture. Bara 1937⁠ttimmoo Konsooleeshin jedhame. Achiis, bara 1946⁠tti Dammaqaa! jedhamee waamamuu jalqabe.

12 Waggoota kurnan hedduudhaaf bifniifi akkaataan barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! itti qophaaʼan jijjiiramaa kan ture taʼus, kaayyoonsaa garuu hin jijjiiramne. Kaayyoonsaa Mootummaa Waaqayyoo beeksisuufi namoonni amantii Macaafa Qulqulluurratti qaban akka guddifatan gargaaruudha. Masaraan Eegumsaa yeroo ammaatti qophaaʼu maxxansa qayyabannaafi maxxansa sabaa jedhama. Maxxansi qayyabannaa warra “naaʼota” jedhamaniif, jechuunis ‘karra xinnayyoofi’ ‘hoolota kan biraatiif’ qophaaʼa. c (Mat. 24:45; Yoh. 10:16) Maxxansi sabaammoo keessumaa namoota dhugaa beekuu baatanis, Macaafa Qulqulluufi Waaqayyoof ulfina kennaniif qophaaʼa. (HoE. 13:16) Barruun Dammaqaa! namoota waaʼee Macaafa Qulqulluus taʼe waaʼee Yihowaa isa Waaqa dhugaa beekumsa muraasa qabaniif qophaaʼa.—HoE. 17:22, 23.

13. Barruulee keenya ilaalchisee wanti isin ajaaʼibsiisu maalidha? (Chaartii “ Barreeffamoota Addunyaarratti Baayʼinaan Maxxanfaman” jedhurratti mariʼadhaa.)

13 Jalqaba bara 2014⁠tti, jiʼa jiʼaan barruun Dammaqaa! koppii miliyoona 44 oliifi barruun Masaraa Eegumsaa gara koppii miliyoona 46 taʼu maxxanfameera. Dammaqaan! afaan gara 100 taʼuun, Masaraan Eegumsaammoo afaan 200 ol taʼuun kan maxxanfamu siʼa taʼu, kunis barruulee addunyaarratti argaman hunda caalaa baayʼinaan kan hiikamaniifi kan raabsaman taʼuusaanii argisiisa. Barruuleen kun ergaa Yesus addunyaa maratti akka lallabamu dubbatee ture kan qabatan waan taʼaniif, baayʼina hammanaatiin maxxanfamuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu.—Mat. 24:14.

14. Ergaa akkamii hinaaffaadhaan labsaa turre? Maaliif?

14 Macaafa Qulqulluu. Bara 1896⁠tti, obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa maqaan korporeeshinii barreeffama ittiin maxxansan, jechi Macaafa Qulqulluu jedhu akka itti dabalamu gochuuf jecha maqaa Waach Taawar Baayibil Eendi Tiraakti Soosaayitii jedhutti jijjiiraniiru. Macaafni Qulqulluun meeshaa hunda caalaa misiraachoo Mootummichaa babalʼisuuf gargaaru waan taʼeef jijjiiramni kun godhamuunsaa sirrii ture. (Luq. 24:27) Tajaajiltoonni Waaqayyoo maqaa korporeeshinii seeraan beekame kanaa wajjin haala walsimuun Macaafni Qulqulluun balʼinaan akka raabsamuufi akka dubbifamu gochuuf hinaaffaadhaan hojjechaa turaniiru. Fakkeenyaaf bara 1926⁠tti, Macaafa Qulqulluu afaan Giriikii Benjaamin Wiilsan qopheesseefi Za Imfaatiik Diyaagiloot jedhamu meeshaa maxxansaa keenyaan maxxansineerra. Bara 1942 jalqabee, guutummaa Macaafa Qulqulluu Kiingi Jamsi Varshin jedhamu koppii 700,000 taʼu maxxansinee raabsineerra. Waggaa lama boodas, Macaafa Qulqulluu Ameerikaan Istaandaardi Varshin jedhamuufi maqaa Yihowaa siʼa 6,823 caqasu maxxansuu jalqabne. Bara 1950⁠tti macaafa kana koppii 250,000 ol taʼu raabsineerra.

15, 16. (a) Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa ilaalchisee wanti isin dinqisiisu maalidha? (Saanduqa “Macaafa Qulqulluu Afaan Hedduutiin Hiikuu” jedhurratti mariʼadhaa.) (b) Yihowaan garaa keenya akka tuqu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?0

15 Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii bara 1950⁠tti baʼe. Guutummaansaammoo bara 1961⁠tti baʼe. Hiikkaan kun maqaan Yihowaa bakka jalqaba afaan Ibrootaatiin itti argamurratti deebiʼee akka galu gochuudhaan Yihowaadhaaf ulfina fideera. Maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti siʼa 237 argama. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa hamma dandaʼametti sirriifi dubbisuuf salphaa akka taʼu gochuuf yeroo baayʼee kan fooyyeffame siʼa taʼu, bara 2013⁠ttis fooyyeffameera. Hanga bara 2013⁠tti Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa guutummaansaa ykn gartokkoonsaa afaan 121fi koppii miliyoona 201 oliin maxxanfameera.

16 Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaansaaniitiin hiikame dubbisuu isaaniitiin maaltu itti dhagaʼame? Namni biyya Neeppaal tokko, “Hiikni Macaafa Qulqulluu afaan Neeppaal inni duraa jechoota duriitti waan fayyadamuuf namoonni baayʼeen ergaasaa hubachuun isaanitti ulfaata ture. Macaafni Qulqulluun amma qabnu garuu, jechoota salphaatti waan fayyadamuuf caalaatti ergaasaa hubachuu dandeenya” jedheera. Dubartiin Rippuubliikii Afriikaa Giddu Galeessaa keessa jiraattu tokko Macaafa Qulqulluu afaan Saangootiin hiikame yeroo dubbistu booʼaa, “Afaan inni garaakoo tuqu isa kana” jetteetti. Akkuma dubartii kanaa hundi keenya guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, Yihowaan garaa keenya akka tuqu heyyamuu dandeenya.—Far. 1:2; Mat. 22:36, 37.

Meeshaaleefi Leenjii Arganneef Galateeffachuu

17. Meeshaaleefi leenjii argattaniif dinqisiifannaa qabdan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Kana gochuun faayidaa akkamii isiniif argamsiisa?

17 Meeshaafi leenjii Yesus Kiristos Mootichi nuu kenne ni dinqisiifattuu? Barreeffama jaarmiyaan Waaqayyoo qopheessu dubbisuuf yeroo ni ramadduu? Warra kaan gargaaruufoo itti fayyadamtuu? Taanaan akkuma obboleettii keenya Oppaal Beetlar ishee Onkoloolessa 4, 1914⁠tti cuuphamtee isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkas jetteetti: “Aniifi abbaan manaakoo [Ediwaardi] waggoota hedduudhaaf foonogiraafiifi kaardiiwwan ittiin dhugaa baʼanitti fayyadamneerra. Kitaabota, buukleetotaafi barruuleetti fayyadamnee manaa gara manaatti lallabneerra. Duula lallabaarratti hirmaanneerra; hiriira baanees beeksisawwan addaddaa raabsineerra. Yeroo boodammoo leenjii namoota haasofsiisne deebinee gaafachuufi namoota fedhii qaban manasaaniitti qayyabsiisuuf nu gargaaru arganneerra. Yeroon kun yeroo hojii hedduu itti hojjenneefi itti gammannedha.” Yesus namoonni isaaf bitaman sanyii akka facaasan, akka haamaniifi akka waliin gammadan abdii kenneera. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi akka Oppaal jiran abdiin kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessuu dandaʼu.—Yohannis 4:35, 36 dubbisi.

18. Mirga akkamii arganneerra?

18 Namoonni Mooticha tajaajiluu hin jalqabne hedduun, sabni Waaqayyoo “barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka taʼan” godhanii ilaalu taʼa. (HoE. 4:13) Garuu mee yaadaa! Mootichi, namoonni bakka guddaa hin qabne kun, barreeffamoota hamma harʼaatti maxxanfaman caalaa baayʼinaan hiikamaniifi raabsaman akka qopheessan godheera! Hunda caalaammoo, saba hundumaatiif misiraachicha babalʼisuu akka dandeenyuuf meeshaalee kanatti akka fayyadamnu nu leenjiseera; akkasumas nu kakaaseera. Dhugumayyuu, sanyii dhugaa facaasuufi duuka buutota sassaabuurratti Kiristosii wajjin hojjechuun keenya mirga guddaadha!

a Waggaa kudhan darbe keessatti qofa, sabni Yihowaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan biliyoona 20 ol maxxansaniiru. Kana malees, addunyaa maratti namoonni biliyoona 2.7 ol taʼaniifi Intarneetiitti fayyadaman Weeb saayitii keenya jw.org jedhamutti fayyadamuu dandaʼu.

b Barreeffamoonni babalʼistoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuuf itti gargaaramaa turan tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru: Za Haarpi oov Good (bara 1921⁠tti maxxanfame), “Leet Good Bii Tiruu” (bara 1946⁠tti maxxanfame), Yuu Kaan Liiv Fooreevar iin Paaraadayis oon Eerzi (bara 1982⁠tti maxxanfame), akkasumas Nowleej Zaat Liids tuu Eevarlaastiingi Laayif (bara 1995⁠tti maxxanfame).

c Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013, fuula 23, keeyyata 13, “naaʼota” kan jedhaman eenyufaa akka taʼan ilaalchisee mataduree hubannaa sirrii arganne ibsu ilaali.