Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 11

Gama Amalaatiin Qulleessuu—Qulqullina Waaqayyoo Calaqqisiisuu

Gama Amalaatiin Qulleessuu—Qulqullina Waaqayyoo Calaqqisiisuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Mootichi, namoonni isa jalatti bulan ulaagaa amalaa Waaqayyo baase akka kabajan kan barsiise akkamitti akka taʼe ilaalla

Oobdii mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaatti seenaa akka jirtan godhaa yaadaa

1. Hisqiʼel raajii xiyyeeffannaa keenya hawwatu akkamii arge?

 WANTI waggaa 2,500 dura Hisqiʼel raajicha mudatee ture utuu isin mudatee maaltu isinitti dhagaʼama? Mee haala kana yaadaa! Mana qulqullummaa baayʼee guddaa taʼeefi calaqqisutti seenaa jirtu. Ergamaan Waaqayyoo tokko iddoo dinqisiisaa taʼe kana isin daawwachiisuuf bakka sana dhaabateera. Yaabbannoo torba erga ol baatanii booda balbala mana qulqullummaa sanatti ol seensisu sadii keessaa isa tokko bira geessan. Yommuu balbaloota kana ilaaltan baayʼee dinqisiifamtu. Dheerinni balbaloota kanaa gara meetirii 30ti. Balbaloota hundarratti mana eegdotaa argitu. Utubaawwan gurguddaan sun boca muka meexxii babbareedoo taʼan qabu.—His. 40:1-4, 10, hiika bara 1899, 14, 16, 22; 41:20.

2. (a) Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge maal argisiisa? (Miiljalees ilaali.) (b) Balbaloonni mana qulqullummaa sun maal nu hubachiisu?

2 Haalli kun raajii Hisqiʼel mana qulqullummaa hafuuraa ilaalchisee arge kan ibsudha. Hisqiʼel waaʼee mulʼata kanaa haala armaan olii wajjin wal fakkaatuun boqonnaa 40 hanga 48⁠tti balʼinaan ibseera. Manni qulqullummaan kun qophii Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif godhe kan argisiisudha. Wantoonni mana qulqullummaa kanaa wajjin haala wal qabateen ibsaman hundi waaqeffannaa yeroo harʼaatti dhiheessinuu wajjin kan wal qabatanidha. a Balbaloonni mana qulqullummaa dinqisiisoo taʼan maal argisiisu? Namoonni mana qulqullummaa sanatti seenan qophii Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif godherraa hirmaachuuf ulaagaa amalaa inni baasee wajjin haala walsimuun deddeebiʼuu akka qaban nu yaadachiisu. Macaafa Qulqulluu keessatti mukti meexxii qajeelummaa kan argisiisu yommuu taʼu, bocni muka meexxii sunis ergaa wal fakkaatu dabarsa. (Far. 92:12) Manneen eegdotaa sunoo maal argisiisu? Namoonni ulaagaalee Waaqayyo baase hin eegne daandii waaqeffannaa dhugaa bareedaafi lubbu baraarsaa taʼerra akka hin adeemne kan ittifaman taʼuusaa argisiisu.—His. 44:9.

3. Duuka buutonni Kiristos gama kamiin qulleeffamuun isaan barbaachisee ture?

3 Raajiin Hisqiʼel arge raawwiisaa kan argate akkamitti? Akkuma Boqonnaa 2⁠ffaarratti ilaalle, Yihowaan bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti haala adda taʼeen sabasaa qulleessuuf Kiristositti fayyadameera. Maarree hojiin qulleessuu kun kanumaan xumuramee? Lakki! Jaarraa darbe keessatti Kiristos ulaagaan amalaa Yihowaan baase akka eegamu gochaa tureera. Duuka buutonnisaa haala itti fufiinsa qabuun qulqulleeffamuu qabu turan. Maaliif? Kiristos addunyaa mancaʼaa taʼe kana keessaa duuka buutotasaa walitti qabaa kan jiru taʼus, Seexanni namoonni waaqeffannaa dhugaa fudhatan kun karaa amalaa akka mancaʼan gochuurraa duubatti hin jedhu. (2 Phexros 2:20-22 dubbisi.) Mee karaa itti Kiristiyaanonni dhugaan qulleeffaman sadii haa ilaallu. Jalqabarratti, karaa amalaa akkamitti akka qulleeffaman, achiis gumiin Kiristiyaanaa qulqulluu akka taʼuuf qophiin akkamii akka godhame, xumurarrattimmoo maatii wajjin haala wal qabateen qophiin akkamii akka godhame ilaalla.

Waggoota Hedduudhaaf Karaa Amalaa Qulleessuu

4, 5. Seexanni yeroo dheeraadhaa kaasee mala akkamiitti fayyadamaa ture? Kunoo hammam isaaf milkaaʼeera?

4 Sabni Yihowaa amala gaarii argisiisuuf yeroo hunda carraaqqii guddaa godhu. Kanaaf, gama kanaan qajeelfamni ifa taʼe isaaniif kennameera. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

5 Saalqunnamtii gadhiisii taʼe. Yihowaan saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa qofa gidduutti akka raawwatamu, akkasumas qulqulluufi gammachiisaa akka taʼu qajeelfama kenneera. Haataʼu malee Seexanni kennaa kana namoonni karaa gadhee taʼeen, keessumaammoo karaa sabni Yihowaa Waaqasaanii duratti fudhatama akka dhaban godhuun akka itti fayyadaman gochuun baayʼee isa gammachiisa. Seexanni mala kanatti fayyadamuudhaan bara duriitti, jechuunis yeroo Balaʼaam turetti badiisa kan geessise yommuu taʼu, bara dhumaa kanattis isa yeroo kamiiyyuu caalaa mala kanatti fayyadamaa jira.—Lak. 25:1-3, 9; Mul. 2:14.

6. Obboloonni Masaraa Eegumsaarratti waadaa akkamii galaa turan? Yeroo booda kan hafehoo maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

6 Carraaqqii Seexanni gama kanaan godhu fashaleessuuf Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15, 1908, ejjennoo, “Yeroofi bakka kamittiyyuu taanaan nama saala faallaa taʼe qabuu wajjin kophaatti yommuu waliin taanu, wantan yeroo namoonni na bira jiran hin goone matumaa hin godhu” jedhu qabate baʼee ture. b Waadaa kana galuun dirqama taʼuu baatus, obboloonni hedduun waadaa akka galan beeksisuuf Zaayansi Waach Taawor irratti maqaansaanii akka barreeffamu godhaniiru. Waadaa kana galuun obboloota hedduu kan fayyade taʼus, akka barsiifataatti ilaalamaa akka deeme yeroo booda waan hubatameef akka hafu godhame. Haataʼu malee, seerri amalaa waadaan kun argisiisu hojiirra ooluusaa itti fufeera.

7. Bara 1935⁠tti Masaraan Eegumsaa rakkina ture akkamii ibse? Rakkinicha ilaalchiseehoo barumsa akkamiitu baʼe?

7 Seexanni miidhaa geessisuusaa ittuma fufe. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1, 1935, rakkina saba Waaqayyoo gidduutti babalʼachaa jiru tokko ifatti caqasee ture. Obboloonni tokko tokko tajaajilarratti kan hirmaatan taanaan seera amalaa Yihowaan baase hordofuu dhiisuu akka dandaʼan itti dhagaʼama ture. Masaraan Eegumsaa kun akkas jedheera: “Kiristiyaanni tokko wanti isarraa eegamu dhugaa baʼuu qofa akka hin taane yaadachuu qaba. Dhugaa baatonni Yihowaa bakka buutotasaa waan taʼaniif, haala Yihowaafi mootummaasaa kabachiisuun deddeebiʼuuf itti gaafatamummaan isaanirra jira.” Matadureen kun gaaʼelaafi saalqunnamtii ilaalchisee gorsa ifa taʼe kan kenne yommuu taʼu, kunis sabni Waaqayyoo ‘halalummaarraa akka baqatan’ isaan gargaareera.—1 Qor. 6:18.

8. Masaraan Eegumsaa jecha afaan Giriikii saalqunnamtii gadhiisii taʼe argisiisu ilaalchisee ibsa balʼaa kennaa kan ture maaliifi?

8 Masaraan Eegumsaa, Macaafni Qulqulluun Afaan Giriikii saalqunnamtii gadhiisii taʼe argisiisuuf, jecha poorniyaa jedhutti kan fayyadamu taʼuusaafi hiikni jecha kanaas maal akka taʼe waggoota kurnan hedduu darbanitti ibsaa tureera. Jechi kun saalqunnamtii raawwachuu qofa kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, poorniyaan gocha gadhiisii namoonni halalee taʼan mana bunaa keessatti raawwatan hunda kan argisiisudha. Duuka buutonni Kiristos kana beekuusaaniitiin kan kaʼe saalqunnamtii seeraan ala taʼeefi addunyaarratti babalʼachaa jiru kanarraa of eeguu dandaʼaniiru.—Efesoon 4:17-19 dubbisi.

9, 10. (a) Bara 1935⁠tti Masaraan Eegumsaa dhimma amalaa wajjin wal qabateen yaada akkamii ibsee ture? (b) Macaafni Qulqulluun dhugaatii ilaalchisee barumsa akkamii qabateera?

9 Machii. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1, 1935, gama amalaatiin dhimma garabiraa akkas jedhu qabatee baʼeera: “Obboloonni tokko tokko dhugaatii dhuganii tajaajila akka baʼaniifi itti gaafatamummaa jaarmiyicha keessatti qaban tokko tokko akka raawwatan hubatameera. Macaafni Qulqulluun wayinii dhuguun kan dandaʼamu yeroo akkamiitti akka taʼe ibsa? Namni tokko tajaajila jaarmiyaa Gooftaa keessatti raawwatu hanga isa jalaa miidhutti dhugaatii dhuguunsaa sirriidhaa?”

10 Barruun kun gaaffiiwwan kanaaf deebii yommuu kennu, Macaafni Qulqulluun dhugaatiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu akka qabnu kan dubbatu taʼuusaa ibseera. Macaafni Qulqulluun wayiniis taʼe dhugaatii kaan dhuguu kan hin dhowwine taʼus, machaaʼuu ni balaaleffata. (Far. 104:14, 15; 1 Qor. 6:9, 10) Dhugaatii dhuganii tajaajila qulqulluurratti hirmaachuu ilaalchisee tajaajiltoonni Waaqayyoo seenaa ilmaan Aaron akka qalbeeffatan waggoota hedduudhaaf jajjabeeffamaa turaniiru. Ilmaan Aaron iddoo aarsaarratti wanta isaaniif hin heyyamamne waan dhiheessaniif duʼaan adabamaniiru. Sana booda baayʼee utuu hin turin, Yihowaan luboonni hundi tajaajila qulqulluurratti yommuu hirmaatan dhugaatii akka hin dhugne dhorkuunsaa, ilmaan Aaron wanta isaaniif hin malle akka raawwatan kan isaan godhe maal akka taʼe kan argisiisudha. (Lew. 10:1, 2, 8-11) Yeroo harʼaattis duuka buutonni Kiristos seera buʼuuraa kana hordofuudhaan, dhugaatii dhuganii tajaajila qulqulluurratti hirmaachuurraa of qusatu.

11. Sabni Waaqayyoo garmalee dhuguu ilaalchisee hubannaa irraa jalaa argachuunsaanii eebba akkamii isaaniif argamsiise?

11 Waggoota kurnan dhihoodhaa asitti duuka buutonni Kiristos araada dhugaatii, jechuunis garmalee dhuguufi machaaʼuu ilaalchisee hubannaa dabalataa argataniiru. Obboloonni hedduun nyaata hafuuraa yeroodhaan dhihaatutti fayyadamanii haala kana moʼuufi madaalliisaanii eeganii jiraachuu dandaʼaniiru. Kiristiyaanni dhugaatii garmalee dhuguudhaan innis taʼe maatiinsaa kabaja akka dhabu gochuu barbaaduufi hunda caalaammoo mirga tajaajila Yihowaa isa qulqulluu taʼerratti hirmaachuuf qabu dhabuu barbaadu hin jiru.

“Gooftaan keenya fooliin tamboo isarraa ajaaʼaa ykn wanta nama xureessu kamiyyuu gara afaansaatti geessaa ture jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha.” —Chaarlis Teez Raasil

12. Tajaajiltoonni Yesus guyyoonni gara dhumaa jalqabuusaanii dura tambootti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha akkamii qabu turan?

12 Tamboo xuuxuu. Duuka buutonni Kiristos tamboo xuuxuun sirrii akka hin taane dubbachuu kan eegalan guyyoonni gara dhumaa jalqabuusaa dura ture. Obboleessi keenya Chaarlis Kaappen naannoo xumura jaarraa 19⁠ffaatti yeroo jalqabaatiif yeroo itti Chaarlis Teez Raasilii wajjin wal argan ni yaadata. Kaappen yeroo sanatti umriinsaa waggaa 13 yommuu taʼu, obbolootasaa sadii wajjin Alageenii, Pensilvaaniyaatti gamoo Baayibil Haawus jedhamu keessa adeemaa turan. Bakka kanatti Raasil yommuu isaan bira darbu, “Foolii tambootu natti dhufe. Isintu xuuxaa jiraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis tamboo xuuxaa akka hin jirre itti himan. Carraan kun ilaalcha Raasil tamboodhaaf qabu hubachuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 1895⁠rratti obboleessi keenya Raasil 2 Qorontos 7:1⁠rratti ibsa yeroo kennu akkas jedheera: “Kiristiyaanni tokko bifa akkamiitiiniyyuu taanaan tambootti fayyadamuunsaa, Waaqayyoof ulfina kan argamsiisuufi nama sana kan fayyadu akkamitti akka taʼe hubachuun na rakkisa. . . . Gooftaan keenya fooliin tamboo isarraa ajaaʼaa ykn wanta nama xureessu kamiyyuu gara afaansaatti geessaa ture jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha.”

13. Bara 1973⁠tti gama amalaatiin qulleessuu akkamiitu raawwatame?

13 Bara 1935⁠tti Masaraan Eegumsaa, tamboo “aramaa xuraaʼaa” jechuudhaan kan waame siʼa taʼu, namni tamboo alanfachuu ykn xuuxuu barbaadu miseensa maatii Betʼelis taʼe qajeelchaa ykn daawwataa olaanaa taʼuudhaan jaarmiyaa Waaqayyoo bakka buʼee tajaajiluu akka hin dandeenye ibsee ture. Bara 1973⁠ttimmoo amala ilaalchisee barumsa caalaatti akka qulqulloofnu godhu ni baʼe. Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1 Dhugaa Baatuun Yihowaa araada duʼaaf nama saaxilu, nama xureessuufi jaalala hin argisiisne kanaan qabame kamiyyuu, gumii keessatti ejjennoo gaarii akka hin qabnetti kan ilaalamu taʼuusaa ibsee ture. Sana booda namoonni tamboo xuuxuu itti fufan gumiidhaa baafamuu jalqaban. c Kiristos duuka buutotasaa qulleessuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe garabiraa fudhateera.

14. Dhiiga ilaalchisee ulaagaan Waaqayyo baase maalidha? Yaaliin dhiiga fudhachuu baramaa taʼaa kan deeme akkamitti?

14 Dhiiga fudhachuu. Waaqayyo bara Nohitti dhiiga nyaachuun dogoggora akka taʼe ibsee ture. Yihowaan, Seera Israaʼelootaaf kenne keessattis dhiiga akka hin nyaanne abboomee kan ture yommuu taʼu, gumiin Kiristiyaanaas ‘dhiiga nyaachuufi dhuguurraa akka fagaatan’ abboomamaniiru. (HoE. 15:20, 29; Uma. 9:4; Lew. 7:26) Yeroo harʼaatti, Seexanni mala garabiraatti fayyadamuudhaan namoonni hedduun seera Waaqayyo kenne kana akka hin eegne gochaa jira. Jaarraa 19⁠ffaatti ogeessonni fayyaa namoota dhukkubsataniif dhiiga kennuu wajjin haala wal qabateen qorannoo gochaa kan turan yeroo taʼu, gosoota dhiigaa jiran adda baasanii erga beekanii booda dhiiga namootaaf kennuun baayʼee baramaa taʼaa dhufe. Bara 1937⁠tti dhiiga namoota arjoomanii baankii dhiigaatti kuusuun kan jalqabame siʼa taʼu, Waraanni Addunyaa Lammaffaan namoota dhukkubsataniif dhiiga kennuun balʼinaan akka itti hojjetamu gochuurratti gaʼee guddaa taphateera. Yaaliin fayyaa dhiiga kennuudhaan raawwatamu addunyaa maratti babalʼachuu jalqabe.

15, 16. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga fudhachuu wajjin haala wal qabateen ejjennoo akkamii qabu? (b) Dhiiga fudhachuufi yaalii fayyaa dhiiga malee godhamuu wajjin haala wal qabateen duuka buutonni Kiristos gargaarsa akkamii argataniiru? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

15 Masaraan Eegumsaa jalqaba bara 1944⁠tti baʼe, dhiiga fudhachuun dhiiga nyaachuurraa adda akka hin taane ibsee ture. Waggaa ittaanuttimmoo, yaanni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi dhimma kana caalaatti ibsu ni baʼe. Bara 1951⁠tti sabni Waaqayyoo dhiiga fudhachuu ilaalchisee ejjennoo qaban ogeessota yaalii fayyaatiif yommuu ibsan itti gargaaramuu akka dandaʼaniif, matadureen gaaffiiwwan hedduu deebiisaanii wajjin qabate Masaraa Eegumsaarratti baʼee ture. Gama kanaan duuka buutonni Kiristos amanamoo taʼaniifi addunyaa maratti argaman, yeroo baayʼee gaʼisni, jibbiifi ariʼatamni isaanirra gaʼullee ija jabinaan ejjennoosaanii eeganiiru. Kiristos jaarmiyaansaa gargaarsa barbaachisu akka godhu deggeruusaa itti fufeera. Birooshuroonniifi matadureewwan garaagaraa odeeffannoo qorannoo balʼaan irratti godhame qabatan baʼaa turaniiru.

16 Bara 1979⁠tti jaarsoliin gumii tokko tokko gara mana yaalaa deemuudhaan ogeessota yaalii fayyaa haasofsiisuu jalqabanii turan. Obboloonni kun akkas kan godhan, ogeessonni yaalii fayyaa ejjennoo keenya isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi malawwan dhiiga malee yaalii gochuuf dandeessisan caalaatti akka hubatan gargaaruufidha. Bara 1980⁠tti jaarsolii magaalaawwan Yuunaayitid Isteetis 39 keessa jiraataniif hojii kanaa wajjin haala wal qabateen leenjiin addaa kennamee ture. Yeroo boodammoo Qaamni Olaanaan addunyaa maratti Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu akka hundeeffamu heyyama kenne. Carraaqqiin godhame kun waggoota hedduu darban keessatti buʼaa argamsiise qabaa? Yeroo harʼaa, doktoorota, ogeessota baqassanii hodhaniifi ogeessota qoricha hadoochu kennan dabalatee, ogeessonni yaalii fayyaa kumaatamatti lakkaaʼaman, Dhugaa Baatota Yihowaa yaaliidhaaf garasaanii dhaqaniif dhiiga malee yaalii ni godhu. Manneen yaalaa hedduun dhiiga malee yaalii fayyaa kan kennan yommuu taʼu, tokko tokkommoo malli kun isa kamirrayyuu filatamaa akka taʼetti ilaalu. Tarkaanfii Yesus, Seexanni waaqeffattoota Yihowaa akka hin mancaasne eeguuf fudhate beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa.—Efesoon 5:25-27 dubbisi.

Manneen yaalaa hedduun dhiiga malee yaalii fayyaa kan kennan yommuu taʼu, tokko tokkommoo malli kun isa kamirrayyuu filatamaa akka taʼetti ilaalu

17. Karaa itti Kiristos duuka buutotasaa qulleessaa jiruuf bakka guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Tarkaanfii Kiristos duuka buutotasaa qulleessuuf fudhateefi leenjii inni ulaagaa amalaa Yihowaan baase akka hordofnu gochuuf nuu kenneef dinqisiifannaa qabnaa?’ Seexanni yoomiyyuu ulaagaa amalaa Yihowaan baase akka laayyootti akka ilaallu gochuudhaan, Yihowaafi Yesusirraa nu fageessuuf carraaqqii kan godhu taʼuusaa dagachuu hin qabnu. Jaarmiyaan Yihowaa dhiibbaa kana moʼuu akka dandeenyuuf, addunyaan kun gama amalaatiin garmalee mancaʼaa kan jiru taʼuusaa yeroo hunda akeekkachiisa jaalalarratti hundaaʼe nuuf kenna. Gorsa jaalalarratti hundaaʼee nuuf kennamu dammaqinaan hordofuudhaan tarkaanfii haa fudhannu!—Fak. 19:20.

Gumiin Karaa Amalaa Akka Hin Mancaane Eeguu

18. Namoota taʼe jedhanii ulaagaa Waaqayyoo cabsan ilaalchisee raajiin Hisqiʼel maal nu yaadachiisa?

18 Qulleessuun gama amalaatiin raawwatame inni lammaffaanimmoo, tarkaanfii gumii qulqulleessuuf fudhatamedha. Kan nama gaddisiisu garuu ulaagaa amalaa Yihowaan baase fudhatanii hojiirra kan oolchan, namoota Yihowaadhaaf of murteessan hunda miti. Isaan keessaa tokko tokko yeroo booda ejjennoosaanii jijjiiruudhaan taʼe jedhanii ulaagaa kana cabsaniiru. Namoota akkasiirratti tarkaanfii akkamiitu fudhatamuu qaba? Raajii Hisqiʼel argeefi jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsamerraa tarkaanfiin namoota kanarratti fudhatamu maal akka taʼe hubachuu dandeenya. Balbaloota dinqisiisoo taʼan sana yaadadhaa! Tokkoon tokkoon balbaloota sanaa manneen eegdotaa qabu. Eegdonni bakka sana taaʼan namoonni ‘yaada garaasaanii dhagna hin qabanne’ mana qulqullummaa sana akka hin seenne eegu. (His. 44:9) Haalli kun waaqeffannaan dhugaa mirga namoota ulaagaa amalaa Yihowaan baaseen bulaniif qofa kennamu akka taʼe nu hubachiisa. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas Kiristiyaanota kaanii wajjin taʼuudhaan Yihowaa waaqeffachuun mirga namoota hundaaf kenname miti.

19, 20. (a) Kiristos dhimmi namoota cubbuu cimaa raawwatanii akkamitti qabamuu akka qabu duuka buutonnisaa akka hubatan kan gargaare akkamitti? (b) Sababiin sadan namni cubbuu raawwate gumii keessaa itti baafamu maalidha?

19 Masaraan Eegumsaa bara 1892, yaada akkas jedhu qabatee baʼee ture: “Kiristiyaanota Kiristos ilmaan namootaa hundaaf furii [gatii walgitu] godhee of dhiheessuusaa kallattiidhaanis taʼe karaa kallattii hin taaneen morman gumiidhaa baasuuf itti gaafatamummaa qabna.” (2 Yohannis 10 dubbisi.) Bara 1904⁠tti, kitaabni Za Niiwu Kiriʼeeshin jedhamu namoonni amala sirrii hin taane argisiisuusaanii itti fufan, gama amalaatiin dhiibbaa gadhee geessisuudhaan gumii kan mancaasan taʼuusaa ibsee ture. Yeroo sanatti guutummaan gumichaa “yaaʼii waldaarratti” argamuudhaan nama cubbuu cimaa raawwaterratti murtoo kenna ture. Haataʼu malee haalli akkasii kan uumamu yeroo hunda hin turre. Bara 1944⁠tti Masaraan Eegumsaa dhimma akkasii ilaaluu kan qaban obboloota itti gaafatamummaa qaban qofa akka taʼan ibse. Bara 1952⁠tti haala Macaafa Qulqulluu wajjin walsimuun dhimmoonni akkasii akkamitti qabamuu akka qaban Masaraa Eegumsaarratti kan ibsame yommuu taʼu, sababiin inni guddaan namoonni yaada garaa hin geddaranne gumiidhaa itti baafaman qulqullina gumii eeguuf akka taʼes addeeffameera.

20 Waggoota kurnan sana booda turan keessatti Kiristos dhimmi namoota cubbuu cimaa raawwatanii akkamitti ilaalamuu akka qabu duuka buutotasaatiif qajeelfama ifaafi fooyyaʼaa taʼe kennuudhaan isaan gargaareera. Jaarsoliin gumii, murtoo wajjin haala wal qabateen ilaalcha Yihowaa hordofuudhaan haqa qabeeyyiifi kan garaa laafan akka taʼan leenjii argataniiru. Yeroo harʼaa namni yaada garaa hin geddaranne gumiidhaa kan baafamu yoo xinnaate sababii sadiin kan kaʼedha: (1) maqaa Yihowaa arrabsoorraa walaba gochuuf, (2) qulqullina gumichaa eeguuf, akkasumas (3) dandaʼamnaan namni cubbuu raawwate sun yaada garaa akka geddaratu gargaaruufidha.

21. Qophiin nama cubbuu raawwateefi yaada garaa hin geddaranne gumiidhaa baasuu saba Waaqayyoo kan fayyade akkamitti?

21 Yeroo harʼaa qophiin gumiidhaa baasuu duuka buutota Kiristosiif eebba kan argamsiise akkamitti? Israaʼel durii keessatti yeroo baayʼee namoonni cubbuu raawwatan sabicha kan mancaasan taʼuusaaniirrayyuu lakkoofsaan namoota Yihowaa jaallataniifi wanta sirrii taʼe raawwachuuf fedhii qabanirraa ni caalu turan. Kanaan kan kaʼe sabichi yeroo baayʼee maqaa Yihowaarratti arrabsoo waan fidaniif isa duratti fudhatama dhabaniiru. (Er. 7:23-28) Haataʼu malee yeroo harʼaa, Yihowaan dhiirotaafi dubartoota nama hafuuraa taʼan walitti qabaa jira. Namoonni mata jabeeyyii taʼaniifi cubbuu cimaa raawwatan gumiidhaa waan baafamaniif, Seexanni isaanitti fayyadamee gumicha miidhuufi xureessuu hin dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, dhiibbaa gadheen isaan gumicharratti geessisan ni xiqqaata. Gumiin haala kanaan waan eegamuuf akka gareetti Yihowaa duratti fudhatama akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan abdii, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jedhu nuuf kennuusaa yaadachuun keenya gaariidha. (Isa. 54:17) Maarree, jaarsolii gumii dhimma murtoo wajjin wal qabate raawwatan amanamummaadhaan ni deggerraa?

Waaqa Isa Maatiin Hundi Maqaa Irraa Argateef Ulfina Kennuu

22, 23. Kiristiyaanota jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti turan kan galateeffannu maaliifi? Taʼus maatii wajjin haala wal qabateen wanti isaan sirreessuu qaban akka ture kan argisiisu maalidha?

22 Qulleessuu inni sadaffaan duuka buutota Kiristosiif faayidaa argamsiise gaaʼelaafi jireenya maatii wajjin kan wal qabatedha. Waggoota hedduu darban keessatti ilaalcha maatiidhaaf qabnurratti sirreeffamni godhameeraa? Eeyyee! Fakkeenyaaf, tajaajiltoonni Waaqayyoo jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti turan wanta isaan fedhiisaanii aarsaa gochuudhaan raawwatan yommuu ilaallu baayʼee ajaaʼibsiifamna. Jireenyasaanii keessatti hunda caalaa tajaajila qulqulluutiif bakka guddaa kennaa waan turaniif baayʼee isaan galateeffanna. Taʼus wanti isaan sirreessuu qaban jira ture. Akkas kan jennu maaliifi?

23 Obboloonni itti gaafatamummaa tajaajilarratti isaaniif kenname ykn hojii daawwannaa isa jiʼoota hedduudhaaf maatiisaaniirraa fagaatanii akka isaan deeman godhuuf bakka guddaa kennu turan. Kanaaf, yeroo sanatti obboloonni jabeessanii kan isaan dubbatan waaʼee gaaʼela Kiristiyaanni tokko qabaachuu qabuu utuu hin taʼin, baayʼeensaanii gaaʼela akka hin godhanne jajjabeeffamu turan. Haalli yeroo harʼaa jiruhoo kanaa wajjin wal fakkaataa? Matumaa!

Kiristiyaanni tokko itti gaafatamummaa tiʼookraasii qabu raawwachuuf jecha maatiisaa dagachuu hin qabu

24. Kiristos duuka buutonnisaa amanamoo taʼan gaaʼelaafi maatiidhaaf ilaalcha madaalliisaa eeggate akka qabaatan kan gargaare akkamitti?

24 Yeroo harʼaa, Kiristiyaanni tokko itti gaafatamummaa tiʼookraasii qabu raawwachuuf jecha maatiisaa dagachuu akka hin qabne ifadha. (1 Ximotewos 5:8 dubbisi.) Kana malees, Kiristos gaaʼelaafi maatii ilaalchisee duuka buutotasaa amanamoo taʼaniifi addunyaa maratti argamaniif gorsa Macaafa Qulqulluu faayida qabeessa taʼe dhiheessaa jira. (Efe. 3:14, 15) Bara 1978⁠tti kitaabni, Meekiingi Yuur Faamilii Laayif Haappii jedhamu baʼee ture. Gara waggaa 18 boodammoo kitaaba, Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamutu baʼe. Kana malees matadureewwan hedduun hiriyoonni gaaʼelaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu gaaʼelasaanii keessatti hojiirra oolchuuf isaan gargaaran Masaraa Eegumsaarratti baʼaa turaniiru.

25-27. Waggoota hedduudhaa asitti ijoollee umrii addaddaarratti argamaniif xiyyeeffannaa akkamiitu kenname?

25 Waaʼee ijoolleehoo maal jechuutu dandaʼama? Waggoota hedduu darbanii kaasee wantoota isaan barbaachisaniif xiyyeeffannaa guddaan kennameera. Jaarmiyaan Yihowaa yeroo dheeraadhaa kaasee gorsa ijoollee umrii addaddaarratti argaman fayyadu dhiheessaa kan ture siʼa taʼu, barumsa yeroo taʼe tokkotti muraasa ture yeroo harʼaa baayʼinaan argachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf waggoota bara 1919 hanga 1921 jiran gidduutti, barruu Za Gooldan Eej irratti mataduree dhaabbataa, “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Ijoollee” jedhu baʼaa ture. Sana booda bara 1920⁠tti birooshura Za Gooldan Eej Ee Bii Sii jedhamu, bara 1941⁠ttimmoo kitaaba Chiildiran jedhamutu baʼe. Bara 1970n keessas kitaabonni, Liisiniing tuu za Gireet Tiichar, Yuur Yuuz—Geetiing za Beest aawut oov Iit, akkasumas Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhaman baʼaniiru. Bara 1982⁠tti barruun Dammaqaa! mataduree dhaabbataa “Gaaffiiwwan Dargaggootaa” jedhu qabatee baʼaa kan ture yommuu taʼu, achiis bara 1989⁠tti kitaabni, Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu baʼeera.

Walgaʼii guddaa Jarmanitti godhamerratti birooshurri Barumsa Macaafa Qulqulluukoo jedhamu yommuu baʼe ijoolleen gammadaniiru

26 Yeroo harʼaa, kitaabni Gaaffiiwwan Dargaggootaa jedhamu jildii lamaan kan argamu siʼa taʼu, matadureen Gaaffiiwwan Dargaggootaa jedhus Weeb saayitii keenya jw.org irratti baʼuusaa itti fufeera. Kana malees kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamus qabna. Weeb saayitiin keenya mataduree addaddaa, jechuunis kaardii seenaa Macaafa Qulqulluu, gilgaalota ijoollees taʼan dargaggoota gargaaran, viidiyoowwan, seenaa Macaafa Qulqulluu fakkiidhaan ibsaman, akkasumas barumsa Macaafa Qulqulluu ijoollee umrii waggaa sadiifi sanaa gad jiran fayyadu hedduu kan qabatedha. Jaarraa jalqabaatti, Kiristos ijoollee xixinnoon akka isatti dhihaatan gochaa kan ture siʼa taʼu, harʼas ilaalchisaa kun hin jijjiiramne. (Mar. 10:13-16) Ijoolleen akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamuufi gama hafuuraatiin akka gaariitti akka sooratan barbaada.

27 Kana malees Yesus, ijoolleen miidhaa isaanirra gaʼuu dandaʼurraa akka eegaman barbaada. Addunyaan gama amalaatiin garmalee mancaʼaa kan jiru yommuu taʼu, miidhaan ijoolleerratti raawwatamus dabalaa jira. Kanaaf, barumsawwan warri ijoolleesaanii gocha hamminaa akkasiirraa eeguuf itti fayyadamuu dandaʼan baʼaniiru. d

28. (a) Akkuma raajii Hisqiʼelirratti ibsame waaqeffannaa qulqulluurratti hirmaachuuf maal gochuu qabna? (b) Maal gochuuf murteessitaniittu?

28 Kiristos duuka buutotasaa qulleessuuf tarkaanfii akkamii fudhachaa akka jiru, akkasumas duuka buutonnisaa ulaagaa amalaa Yihowaan baase kabajuufi hojiirra oolchuudhaan faayidaa akka argatan gochaa akka jiru beekuun kan nama gammachiisudha. Mee mana qulqullummaa Hisqiʼel raajiidhaan arge ammas yaadadhaa! Balbaloota baayʼee dinqisiisoo taʼan sanas yaadadhaa! Manni qulqullummaa sun mana qulqullummaa hafuuraa kan argisiisudha. Taʼus manni qulqullummaa kun dhugumaan akka jiru nutti dhagaʼamaa? Mana qulqullummaa kanatti kan seennu, Galma Mootummaa deemuudhaan ykn Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan ykn manaa gara manaatti tajaajiluudhaan qofa miti. Gochawwan kun wantoota ijaan mulʼatanidha. Namni fakkeessituu taʼe tokkollee mana qulqullummaa Yihowaatti utuu hin seenin wantoota kana raawwachuu dandaʼa. Haataʼu malee, wantoota kana raawwachaa ulaagaa amalaa Yihowaan baasee wajjin haala walsimuun kan deddeebinuufi garaa qajeelaadhaan waaqeffannaa qulqulluurratti kan hirmaannu yoo taʼe, bakka hunda caalaa qulqulluu taʼe kanatti seennee Yihowaa tajaajilaa jirra jechuun ni dandaʼama. Mirga addaa kanaaf yeroo hunda bakka guddaa haa kenninu! Kana malees, ulaagaa qajeelinaa Yihowaan baaseef kabaja argisiisuudhaan, qulqullina Yihowaa calaqqisiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu keenya itti haa fufnu!

a Bara 1932⁠tti, kitaabni Viindikeeshin jedhamu Jildii 2⁠ffaarratti sabni Waaqayyoo gara biyyasaaniitti deebiʼuunsaanii, raawwiisaa isa ammayyaa kan argatu namoota dhalootaan Israaʼel taʼanirratti utuu hin taʼin Israaʼel hafuuraarratti akka taʼe ibseera. Raajiiwwan kun waaqeffannaan dhugaa deebiʼee akka hundeeffamu kan argisiisanidha. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1, 1999, mana qulqullummaa ilaalchisee raajiin Hisqiʼel arge wantoota guyyoota gara dhumaatti karaa hafuuraa raawwiisaanii argatan keessaa isa guddaa akka taʼe ibseera.

b Waadaan galame kun, hiriyoota gaaʼelaa ykn fira miti taanaan, dhiirriifi dubartiin tokko kutaa tokko keessa waliin yommuu taʼanitti balbala akka gaariitti banuu kan dabalatudha. Waadaan kun waggoota muraasaaf sagantaa Waaqeffannaa Ganamaa Betʼelitti godhamurratti yeroo hunda ni dubbifama ture.

c Tambootti seeraan ala fayyadamuu jechuun tamboo xuuxuu, alanfachuu ykn faayidaa kanaaf jecha baala tamboo dhaabuu kan dabalatudha.

d Fakkeenyaaf, kitaaba Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu boqonnaa 32, akkasumas Dammaqaa! Onkoloolessa 2007 fuula 3-11 (Amaariffa) ilaali.