Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdii Amansiisaa Namoonni Du’an Qaban

Abdii Amansiisaa Namoonni Du’an Qaban

DUBARTIIN umriinshee waggaa 25 ta’u tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Bara 1981⁠tti haati na guddiste dhukkuba kaansariitiin duute. Du’uunshee anaafi ilmasheetti baay’ee nutti ulfaatee ture. Ani

umriinkoo waggaa 17 si’a ta’u innimmoo 11 ture. Ishee dhabuunkoo baay’ee natti hir’iseera. Samiirra akka jiraatu waanan baradheef, ishee wajjin jiraachuuf of ajjeesuu barbaadeen ture. Isheen michuukoo dhugaa turte.”

Duuti, nama baay’ee jaallatan butee fudhachuuf humna qabaachuunsaa namaaf hin liqimfamu. Nama jaallattan sanaa wajjin lammata dubbachuu, kolfuu ykn harkaan qaqqabuu akka hin dandeenye yaaduun keessan ba’aa ulfaataa isinitti ta’uu danda’a. Namni jaallattan sun samiirra akka jiraatu isinitti himamuunsaa gadda keessan isinii salphisuu hin danda’u.

Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun abdii kanarraa adda ta’e nuu kenna. Akkuma kanaan dura ibsame, Caaffanni Qulqullaa’oon namoota isin jalaa du’an wajjin yeroo dhihootti samii hin beekamnerratti utuu hin ta’in, lafa nagaafi qajeelummaan keessa buufate keessatti deebitanii wal arguu akka dandeessan ibsu. Yeroo sanatti namoonni fayyaa guutuu qabaatu; deebi’aniis hin du’an. Namoonni tokko tokko garuu, ‘Kun abjuudha!’ jedhu ta’a.

Kun abdii amansiisaa ta’uusaa akka amantan kan isin godhu maalidha? Abdii tokkotti amanuuf, qaamni abdicha kenne abdii kana raawwachuuf fedhiifi dandeettii qabaachuusaa mirkaneessuu qabdu. Maarree, namoonni du’an akka ka’an abdii kan kenne eenyu?

Yesus Kiristos Dh.K.B arfaasaa bara 31⁠tti ija jabinaan abdii akkas jedhu kenneera: “Abbaan warra du’an kaasee akkuma isaan jiraachisu, ilmis immoo warra barbaadu in jiraachisa. Waa’ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du’anii awwaalaman sagalee isaa [Yesus] yeroon itti dhaga’an in dhufa.” (Yohannis 5:21, 28, 29) Eeyyee, Yesus Kiristos namoonni miliyoonaan lakka’aman du’aa ka’anii lafa jannata taatuufi nagaan keessa buufate keessa barabaraaf jiraachuu akka danda’an abdii kenneera. (Luqaas 23:43; Yohannis 3:16; 17:3; Faarfannaa 37:29 fi Maatewos 5:5 waliin ilaali.) Abdii kana kan kenne Yesus waan ta’eef, raawwachuuf fedhii qaba jedhanii amanuun ni danda’ama. Garuu dandeettiisaa qabaa?

Yesus abdii kana kennee waggaa lama utuu hin guutin, namoota du’an kaasuuf fedhiis ta’e dandeettii akka qabu mirkaneesseera.

“Alaazaar As Ba’i!”

Seenaa baay’ee nama gaddisiisudha. Alaazaar baay’ee dhukkubsatee ture. Obboleettonnisaa lamaan Maariyaamiifi Maartaan Yesus isa Laga Yordaanos gama turetti, “Gooftaa! Kunoo, inni ati jaallattu in dhukkubsata” jedhanii itti ergan. (Yohannis 11:3) Yesus Alaazaariin akka jaallatu beeku turan. Yesus michuusaa dhukkubsate kana gaafachuu hin barbaadu turee? Kan nama dinqisiisu Yesus yeruma sana gara Bitaaniyaa dhaquu mannaa, bakkuma jiru sana guyyaa lamaaf ture.—Yohannis 11:5, 6.

Yesusitti erga nama erganii yeroo muraasa booda Alaazaar ni du’e. Yesus yeroo Alaazaar itti du’e waan beekuuf waan tokko gochuuf yaade. Yeroo Bitaaniyaa ga’u, michuunsaa Alaazaar erga du’ee guyyaa afur ta’eera. (Yohannis 11:17, 39) Yesus, nama erga du’ee guyyaa afur ture kaasuu ni danda’aa?

Maartaan, Yesus akka dhufaa jiru yeroo dhageessu isa simachuuf fiigdee baate. (Luqaas 10:38-42 waliin ilaali.) Yesus gaddishee waan isatti dhaga’ameef, “Obboleessi kee in ka’a” jedhee mirkaneesseef. Du’aa ka’uu gara fuulduraatti raawwatamutti akka amantu yeroo isatti himtu Yesus ifatti, “Du’aa ka’uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du’e iyyuu in jiraata” jedheen.—Yohannis 11:20-25.

Yesus bakka Alaazaar itti awwaalame yeroo ga’u, dhagaa boolli awwaalichaa ittiin cufame akka irraa kaasan ajaje. Achiis sagaleesaa guddisee erga kadhatee booda, “Alaazaar as ba’i!” jedhee ajaje.—Yohannis 11:38-43.

Iji namoota achi turanii hundi awwaalicharra ture. Achiis qaamni tokko dukkana keessaa as ba’e. Miillaafi harkasaatti wayyaan hidhamee, fuullisaas uffataan maramee ture. Yesusis, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!” jedhee abboome. Wayyaan itti maramee ture kaanis irraa ba’ee lafatti kufe. Eeyyee, Alaazaar isa guyyaa afuriif du’ee turedha!—Yohannis 11:44.

Kun Dhuguma Raawwatameeraa?

Alaazaar du’aa ka’uunsaa, Wangeela Yohaannis keessatti akka seenaa dhugaa raawwatame tokkootti ibsameera. Haalawwan hundi gadi fageenyaan waan ibsamaniif, seenaa sobaati jechuun hin danda’amu. Seenaan kun dhugaa ta’uusaa shakkuun, du’aa ka’uu Yesus Kiristos dabalatee dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman hunda shakkuu jechuudha. Du’aa ka’uu Yesus ganuu jechuunimmoo, guutummaa amantii Kiristiyaanaa ganuu jechuudha.—1 Qorontos 15:13-15.

Waaqayyo jiraachuusaatti kan amantan taanaan, abdii du’aa ka’uutti amanuun isin hin rakkisu. Fakkeenyaan ibsuuf: Namoonni, weellistoonni beekamoon yeroo sirban ykn namoonni siyaasaa waggoota dheeraa dura du’an yeroo dubbatan televijiiniidhaan arguu ni danda’u. Wanti akkasii waggaa dhibba tokko dura kan hin yaadamne ture. Ammas, namoonni yeroo dheeraa dura du’an televijiinii keessatti yeroo asiif achi deemaniifi dubbatan arguun, namoota baadiyyaa keessa jiraatan ni ajaa’ibsiisa. Namoonni seerawwan saayinsii Waaqayyo hundeessetti fayyadamanii fakkii ilaalamuufi sagaleensaa dhaga’amu waraabuu erga danda’anii, Uumaan keenya wanta kana caalu raawwachuu hin danda’uuree? Kanaaf, Inni lubbuu uume deebisee jiraachisuu ni danda’a jedhanii amanuun sirrii mitii?

Yesus dinqiidhaan Alaazaariin du’aa gara jireenyaatti deebisuunsaa, amantii namoonni Yesusiifi abdii du’aa ka’uurratti qaban cimseeraaf. (Yohannis 11:41, 42; 12:9-11, 17-19) Akkasumas, Yihowaafi Ilmisaa namoota du’an kaasuuf fedhii kan qaban ta’uusaa haala garaa namaa tuquun argisiiseera.

‘Waaqayyo Hojii Harkasaa In Hawwa’

Wanti Yesus yeroo Alaazaar du’etti raawwate kun, Ilmi Waaqayyoo baay’ee gara laafessa ta’uusaa argisiisa. Gara laafinni yeroo kanatti isatti dhaga’ame, warra du’an kaasuuf fedhii guddaa akka qabu argisiisa. Akkas kan jedhu dubbisna: “Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, ‘Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du’u ture’ jetteen. Yesus boo’icha ishee fi boo’icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame. ‘Eessatti awwaaltan?’ jedhee gaafannaan, “Kottuutii ilaali gooftaa!” jedhanii deebisaniif. Yesus imimmaan isaa dhangalaase. Yommus warri Yihudootaa, ‘Ilaa attam isa jaallate!’ jedhan.”—Yohannis 11:32-36.

Asirratti gara laafinni Yesus jechoota sadan, “dhiphate,” “garaan isaa raafame,” akkasumas “imimmaan isaa dhangalaase” jedhaniin ibsameera. Jechoonni afaan jalqabaa seenaan kun ittiin barreeffame, Yesus michuunsaa Alaazaar du’uunsaafi obboleettiin Alaazaar yeroo boossu arguunsaa, miirasaa tuqee imimmaansaa akka dhangalaase kan argisiisanidha. *

Yesus kanaan dura namoota lama du’aa kaasee kan ture ta’uunsaa kan nama dinqisiisudha. Akkumasaanii Alaazaariinis du’aa kaasuu yaadeera. (Yohannis 11:11, 23, 25) Ta’us, “imimmaan isaa dhangalaase.” Kanaaf Yesus namoota du’an kan kaasu dirqama isarra jiru raawwachuuf qofa miti. Gara laafinni inni yeroo kanatti argisiise, du’aafi miidhaa inni geessisu dhabamsiisuuf fedhii guddaa akka qabu kan mirkaneessudha.

Gara laafinni Yesus yeroo Alaazaariin du’aa kaase argisiise, du’aafi miidhaa inni geessisu dhabamsiisuuf fedhii cimaa akka qabu argisiisa

‘Waaqayyo akkuma jirutti Yesusiin waan mul’atuuf,’ Abbaa keenya isa samii jirurraa wanta kanaa gad ta’e hin eegnu. (Ibroota 1:3) Iyoob inni amanamaa ture Yihowaan namoota du’aa kaasuuf fedhii akka qabu yeroo ibsu akkas jedheera: “Namni erga du’ee deebi’ee in jiraataa ree? . . . Ati hojii harka keetii in yaadda [“hawwita,” hiika bara 1899]; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha.” (Iyoob 14:14, 15) Jechi asirratti “in hawwita” jedhame afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin hiikameen, Waaqayyo hawwiifi fedhii guddaa kan qabu ta’uusaa argisiisa. (Uumama 31:30; Faarfannaa 84:2) Yihowaanis namoota du’an yeroo itti kaasu hawwiidhaan akka eegaa jiru beekamaadha.

Abdii du’aa ka’uutti amanuuf sababii ga’aa qabnaa? Eeyyee, Yihowaafi ilmisaa abdii kana raawwachuuf fedhiis ta’e dandeettii akka qaban homaa hin shakkisiisu. Kun isiniif hiika maalii qaba? Haala amma jirurraa baay’ee adda ta’een, michoota keessan du’aa ka’anii wajjin lafarra jiraachuu dandeessu!

Abdiin du’aa ka’uu aarsaa furii Yesus Kiristosirratti hundaa’e saba hundumaaf gammachuu argamsiisa

Yihowaan, ilmaan namootaa bakka ashaakiltii bareedduu keessa akka jiraatan godhee ture. Ammas Mootummaasaa isa samii Yesus Kiristos isa ulfina guddaa gonfateen bulchamuun, lafa kanarratti deebisee Jannata dhaabuuf waadaa galeera. (Uumama 2:7-9; Maatewos 6:10; Luqaas 23:42, 43) Jannata deebitee dhaabamtu kana keessatti maatiin ilmaan namootaa dhukkuba kamirraayyuu walaba ba’ee, jireenya dhuma hin qabne jiraachuuf abdii qaba. (Mul’ata 21:1-4; Iyoob 33:25 waliin ilaali; Isaayaas 35:5-7.) Sanyiidhaan wal jibbuu, walitti bu’insa gosotaafi hacuuccaa dinagdee dabalatee jibbi kamiyyuu guutummaatti ni bada. Yihowaan, karaa Yesus Kiristos warra du’an kaasee lafa qulqulluu akkasiirra akka jiraatan godha.

Dubartii Kiristiyaanni seensa kutaa kanaarratti caqasamte amma abdii akkasii qabdi. Erga haatishee duutee waggoota dheeraa booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti akka qayyabattu ishee gargaaran. Akkas jetti: “Waa’ee abdii du’aa ka’uu yeroon baradhu nan boo’e. Haadhakoo deebi’ee akkan argadhu beekuunkoo guddaa na gammachiiseera.”

Atis namoota jaallattu du’aa ka’anii arguuf kan hawwitu taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa abdii amansiisaa kana akka qabaattu si gargaaruuf qophaa’oodha. Galma Mootummaa sitti dhihoo jiru dhaquudhaan ykn teessoowwan fuula 32⁠rra jiran keessaa kan sitti dhihaatutti barreessuudhaan isaanii wajjin wal arguu dandeessa.

^ key. 21 Jechi afaan Giriikii “dhiphate” jedhamee hiikame (eemibriimaa’oomaayi) jecha dhukkuba cimaa namatti dhaga’amu ibsurraa kan fudhatamedha. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, “Hiikni jechi asirratti ibsame kun qabu, miirri baay’ee nama dhukkubsu Yesusiin dirqisiisee garaasaatii akka ba’e argisiisa” jechuudhaan dubbataniiru. Jechi “raafame” jedhus, jecha afaan Giriikii (taaraasoo) jeeqamuu argisiisurraa kan fudhatamedha. Akka namni galmee qopheessan tokko jedhanitti, jechi kun “jeequmsa miiraa guddaa . . . dhukkubaafi gadda geessisu” kan argisiisudha. Jechi “imimmaan isaa dhangalaase” jedhummoo jecha afaan Giriikiirraa (daakriiyoo) kan dhufe si’a ta’u, hiika “imimmaan dhangalaasuu, calluma jedhanii bo’uu” jedhu kan qabudha.