Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

HORDOFANII GARGAARUU

BARUMSA 7

Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi

Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi

Dhugaa buʼuuraa: “[Misiraachicha] utuu wal irraa hin kutin barsiisuu fi lallabuu isaanii itti fufan.”—HoE. 5:42.

Phaawulos Maal Godhe?

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 19:8-10 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1.    Phaawulos yeroo mormiin isa mudatetti abdii kutachuu mannaa, namoota fedhii argisiisan gargaaruuf carraaqqii gochuu isaa kan itti fufe akkamiitti?

  2.   Phaawulos namoota fedhii qaban kana barsiisuuf hammam irra deddeebiʼee dhaqe? Kanahoo yeroo hammamiitiif godhe?

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Deddeebii gaaffii buʼa qabeessa taʼe gochuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu qabna.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Yeroo isaaf mijatutti isa haasofsiisi. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo baayʼee isa argachuuf kanan yaalu yoomi? Inni na wajjin mariʼachuuf kan isaaf mijatu yoomii fi eessatti?’ Yeroo siif mijataa hin taanettillee isa argachuuf carraaqqii godhi.

4. Beellama qabadhu. Yeroo marii keessan xumurtan hundumaatti, yeroo itti aanutti saʼaatii meeqatti akka wal argitan murteessuuf yaali. Beellama keessan kabajuu hin dagatin.

5. Abdii hin kutatin. Namni tokko yeroo baayʼee manatti waan hin argamneef ykn hojiidhaan waan qabamuuf qofa fedhii hin qabu jettee hin yaadin. (1 Qor. 13:4, 7) Kanaa mannaa, isa argachuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi; garuummoo yeroo keetti ogummaadhaan fayyadami.—1 Qor. 9:26.