Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA DABALATAA B

Marii Keessan Addaan Kutuu Qabdaa?

Marii Keessan Addaan Kutuu Qabdaa?

Nama garaa qajeelaadhaan kakaʼee gaaffii nu gaafatu ykn wanta isa yaaddessu nutti himu wajjin mariʼachuun nu gammachiisa. Namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” haasofsiisuu barbaanna.—HoE. 13:48.

Taʼus namni tokko kan aaru, falmii kan jaallatu ykn mariʼachuu kan hin barbaanne yoo taʼehoo? Tasgabbaaʼiitii malaan marii keessan addaan kuti. (Fak. 17:14) Kabajaa fi gaarummaa argisiisuuf yaali; akkas gochuun kee namni sun gara fuulduraatti nu wajjin mariʼachuuf fedhii akka qabaatu gochuu dandaʼa.—1 Phe. 2:12.