Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatewos Boqonnaa 5-7

Maatewos Boqonnaa 5-7

5 Yesuus namoota hedduu yommuu argu gara gaaraatti ol ni baʼe; erga taaʼee boodas, barattoonni isaa gara isaa dhufan. 2 Achiis akkana jedhee isaan barsiisuu jalqabe:

3 “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.

4 “Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu.

5 “Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.

6 “Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan gammadoo dha; isaan ni quufu.

7 “Warri gara laafeyyii taʼan gammadoo dha; isaan gara laafina ni argatu.

8 “Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu.

9 “Warri nagaa uuman a gammadoo dha; isaan ilmaan Waaqayyoo ni jedhamu.

10 “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.

11 “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa. 12 Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiru.

13 “Isin soogidda lafaa ti; garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, akkamitti miʼaa isaa deebisee qabaachuu dandaʼa? Alatti gatamee namoonni irra ejjetu malee, sana booda waan tokkoof iyyuu hin fayyadu.

14 “Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeessu. 15 Namoonni ibsaa qabsiisanii baattuu ibsaa irra kaaʼu malee, guuboo jala hin kaaʼan; innis warra manicha keessa jiran hundumaatiif ni ifa. 16 Haaluma wal fakkaatuun, namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif, ifni keessan namoota duratti haa ifu.

17 “Ani Seericha yookiin barumsa raajotaa diiguuf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani diiguuf utuu hin taʼin, raawwachuufan dhufe. 18 Dhuguman isiniin jedha, akkuma samii fi lafti darbuu hin dandeenye, wanti hundi hamma raawwatamutti Seericha keessaa qubee xinnoon tokko yookiin sararri qubee tokko utuu hin raawwatamin hin hafu. 19 Kanaafuu, namni ajajawwan xixinnoo taʼan kana keessaa tokko cabsuu fi warri kaanis akkana akka godhan barsiisu kam iyyuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa hin qabaatu. Namni isaaniin hojii irra oolchuu fi warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa ni qabaata. 20 Ani isiniin nan jedha, qajeelummaan keessan kan barsiisota seeraa fi Fariisotaa irra hin caalu taanaan, matumaa Mootummaa samiitti hin galtan.

  21 “Warra bara duriitti jiraataniin, ‘Hin ajjeesin, namni nama ajjeesu kam iyyuu mana murtiitti itti gaafatama’ akka jedhame dhageessaniittu. 22 Ani garuu isinitti nan hima, namni obboleessa isaatti dheekkamee dheekkamsi isaa irraa hin qabbanoofne hundi mana murtiitti itti gaafatama; namni tuffiidhaan obboleessa isaatti dubbii qaanessaa dubbatu kam iyyuu Mana Murtii Walii Galaatti itti gaafatama; namni, ‘Gowwaa gatii hin qabne nana!’ isaan jedhu kam iyyuu immoo ibidda Gahaannamtu b isa eeggata.

23 “Kanaafuu, kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, 24 kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.

25 “Nama si himatee wajjin gara mana murtii utuu deemaa jirtuu dafiitii dhimmichaaf furmaata kenni; taʼuu baannaan garuu, namni si himate sun abbaa murtiitti dabarsee si kenna; abbaan murtii sun immoo waardiyyaa mana murtiitti dabarsee si kenna; atis mana hidhaatti galfamta. 26 Dhuguman sitti hima, saantima dhumaa ishii xinnoo hanga kaffaltutti matumaa achii hin baatu.

27 “‘Hin ejjin’ akka jedhame dhageessaniittu. 28 Ani garuu isinitti nan hima, namni hamma fedhiin isaa kakaʼutti dubartii takka ilaaluu isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera. 29 Ijji kee mirgaa yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati. Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti c gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya. 30 Harki kee mirgaas yoo si gufachiise, of irraa kutii gati. Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti d gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.

31 “Kana malees, ‘Namni haadha manaa isaa hiiku kam iyyuu, waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu haa kennuuf’ jedhameera. 32 Ani garuu isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa e hin raawwatin haadha manaa isaa hiiku hundi, ejjaaf akka saaxilamtu godha; namni dubartii hiikamte sana fuudhu hundis ejja raawwata.

33 “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf wareegde raawwadhu malee akkasumaan hin kakatin’ akka jedhame dhageessaniittu. 34 Ani garuu isinitti nan hima, matumaa hin kakatinaa; samiitti hin kakatinaa, inni teessoo Waaqayyoo ti; 35 lafattis hin kakatinaa, ishiin ejjeta miila isaa ti; yookiin Yerusaalemitti hin kakatinaa, ishiin magaalaa Mootii isa guddaa ti. 36 Mataa keetiinis hin kakatin, ati rifeensa tokkittii illee adii yookiin gurraacha gochuu hin dandeessu. 37 Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.

38 “‘Bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan’ akka jedhame dhageessaniittu. 39 Ani garuu isiniin nan jedha, nama hamaa taʼe hin mormin; kanaa mannaa, nama maddii kee isa mirgaa kabalu kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi. 40 Namni tokko gara mana murtiitti si geessuu fi uffata kee isa jalaan uffattu fudhachuu yoo barbaade, uffata kee isa irraan uffattus isaaf kenni; 41 namni aangoo qabu kiilomeetira tokko akka deemtu yoo si dirqisiise, ati immoo kiilomeetira lama isa duukaa deemi. 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffachuu f barbaadus hin dhowwatin.

43 “‘Michuu kee jaalladhu, diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniittu. 44 Ani garuu isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa; 45 ana yoo gootan, ilmaan Abbaa keessan isa samii taʼuu keessan argisiistu; inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa. 46 Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan badhaasa maalii argattu? Warri qaraxa sassaabanis akkanuma godhu mitii ree? 47 Obboloota keessan qofa nagaa yoo gaafattan, wanti addaa isin gootan maali dha? Saboonni kaanis akkanuma godhu mitii ree? 48 Akkuma Abbaan keessan inni samii mudaa kan hin qabne g taʼe, isinis mudaa kan hin qabne taʼaa.

6 “Namootatti argisiifachuuf jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa; akkana yoo gootan Abbaa keessan isa samii biraa badhaasa hin argattan. 2 Kanaafuu, ati yommuu kennaa gara laafinaa h kennitu akka fakkeessitoonni namoota duratti ulfina argachuuf mana sagadaa fi karaa irratti godhanitti, dursitee malakata hin afuufin. Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 3 Ati garuu yommuu kennaa gara laafinaa kennitu, wanta harki kee mirgaa godhu harki kee inni bitaa akka beeku hin godhin; 4 akka kanaan kennaa gara laafinaa kee dhoksaatti ni kennita. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif deebisa.

5 “Yommuu kadhattanis, akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan warri kaan akka isaan arganiif mana sagadaa fi qarqara karaa guguddaa irra dhaabbatanii kadhachuu jaallatu. Dhuguman isinitti hima, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 6 Ati garuu yeroo kadhattu, gara kutaa kee seeni; balbala kee cufadhuutii Abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu. Abbaan kee inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa. 7 Yommuu kadhattan akka saboota kaanii waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa; isaan jechoota baayʼee waan dubbataniif kadhannaan isaanii kan isaaniif dhagaʼamu itti fakkaata. 8 Kanaafuu, isin akka isaanii hin taʼinaa; Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka.

9 “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa:

“‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. i 10 Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu. 11 Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni; 12 akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif dhiisne, balleessaa keenya nuu dhiisi. 13 Isa hamaa j sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’

14 “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo gootan, Abbaan keessan inni samiis dhiifama isiniif godha; 15 namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.

16 “Yommuu soomtan, akka fakkeessitootaatti fuula keessan hin daalacheessinaa; isaan akka sooman namootatti argisiifachuuf fuula isaanii daalacheessu. k Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 17 Ati garuu yommuu soomtu, fuula kee dhiqadhu, mataa kees dibadhu; 18 akkana yoo goote namoota duratti kan soomtu fakkaattee hin mulʼattu; kanaa mannaa, soomaa akka jirtu Abbaa kee isa bakka dhoksaa jiru qofatu arga. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa.

19 “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee seenee hatuu dandaʼutti, lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa. 20 Kanaa mannaa, bakka biliin nyaachuu fi ligidni balleessuu, akkasumas hattuun cabsee seenee hatuu hin dandeenyetti, samii keessatti qabeenya kuufadhaa. 21 Sababiin isaas, bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa.

22 “Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa l taʼa. 23 Ijji kee kan hinaafu a yoo taʼe garuu, guutummaan qaama keetii dukkana taʼa. Ifni si keessa jiru dhuguma dukkana yoo taʼe, dukkanni sun hammam guddaa haa taʼu!

24 “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan.

25 “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa. Jireenyi nyaata irra, qaamnis uffata irra hin caaluu? 26 Simbirroota samii hubadhaa ilaalaa; isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko dabaluu dandaʼu jiraa? 28 Kana malees, wanta uffattaniif maaliif yaaddoftu? Abaaboowwan dirree keessaa akkamitti akka guddatan ilaalaatii irraa baradhaa; isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; 29 ani garuu isinitti nan hima, Solomoon illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne. 30 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti gataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree? 31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa. 32 Sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni argachuuf baayʼee hawwani dha. Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka.

33 “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu. 34 Kanaafuu, matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.

7 “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa; 2 sababiin isaas, murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama; safartuu isin itti safartanitti isiniif ni safaru. 3 Maarree, jirma ija kee keessa jiru arguu dhiistee, huuba ija obboleessa kee keessa jiru maaliif ilaalta? 4 Yookiin utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Huuba ija kee keessa jiru siifan baasa’ jetta? 5 Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baafadhu; sana booda huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa.

6 “Wanta qulqulluu sarootaaf hin kenninaa, callee keessanis booyyee duratti hin darbatinaa; akkana yoo gootan isaan miila isaaniitiin isa dhidhiitu, garagalaniis isin miidhu.

7 “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama; 8 kan kadhatu hundi ni kennamaaf, kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama. 9 Isin keessaa namni ilmi isaa daabboo yoo isa kadhate dhagaa isaaf kennu jiraa? 10 Yookiin qurxummii yoo isa kadhate bofa ni kennaafii? 11 Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif wanta gaarii caalchisee hin kennuu ree?

12 “Kanaafuu, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa. Wanti Seerichii fi Raajonni jedhanis kanuma.

13 “Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha; namoonni achiin seenanis baayʼee dha; 14 karri gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.

15 “Raajota sobaa, keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa. 16 Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu. Namoonni qoree irraa firii wayinii yookiin sokorruu irraa firii harbuu funaanuu dandaʼuu ree? 17 Haaluma wal fakkaatuun, mukti gaariin hundi firii gaarii godhata; mukti tortore hundi garuu firii gadhee godhata. 18 Mukti gaariin firii gadhee godhachuu hin dandaʼu; mukti tortores firii gaarii godhachuu hin dandaʼu. 19 Mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama. 20 Kanaafuu, namoota sana firii isaaniitiin adda baastanii beektu.

21 “Mootummaa samiitti kan galu, nama fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu qofa malee nama, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hunda miti. 22 Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Akkasumas maqaa keetiin dinqiiwwan hedduu hin raawwannee?’ naan jedhu. 23 Yeroo sanatti ani immoo, ‘Ani matumaa isin hin beeku! Isin warri hammina hojjettan nana, na biraa deemaa!’ isaaniin nan jedha.

24 “Kanaafuu, namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata. 25 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute; haa taʼu malee, manichi qarsaa irratti waan ijaarameef hin jigne. 26 Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra hin oolchine garuu, nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata. 27 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute, manichis ni jige; guutummaattis ni hurraaʼe.”

28 Yesuus yommuu wantoota kana dubbatee xumuru, namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; 29 sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraa isaaniitti utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture.

a Ykn., “naga qabeeyyii taʼan.”

b Bakka Yerusaalem alatti kosii itti guban. Maqaa Afaan Giriikii Sululli Hinoom inni kibba dhiha Yerusaalem duriitti argamu ittiin waamamu. Horiin ykn namoonni utuma lubbuudhaan jiranii bakka kanatti gatamanii akka gubatan ykn akka dhiphatan ragaan argisiisu hin jiru. Kanaafuu, bakki kun bakka ijaan hin argamnee fi lubbuun namaa bara baraaf ibidda keessatti itti dhiphattu kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, Yesuusii fi barattoonni isaa “duʼa isa lammaffaa” adaba bara baraatti fakkeeffame, jechuunis badiisa bara baraa argisiisuuf fakkeenyaan itti fayyadamaniiru.​

c  Miiljalee 5:22 ilaali.

d  Miiljalee 5:22 ilaali.

e Jecha Afaan Giriikii poorniyaa jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu, Kitaabota Qulqulluu keessatti kan itti hojjetame gochawwan saalqunnamtii Waaqayyo dhowwe muraasa argisiisuufi. Jechi kun ejja, sagaagalummaa, saalqunnamtii namoota hiriyoota gaaʼelaa hin taane gidduutti raawwatamu, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi horii wajjin raawwatamu kan dabalatu dha.

f Jechuunis, dhala malee liqeeffachuu.

g Ykn., “guutuu.”

h Ykn., “kennaa hiyyeeyyiidhaaf kennamu.”

i Ykn., “qulqulluu taʼee haa qabamu.”

j Jechuunis, Seexana.

k Ykn., “of gatu.”

l Ykn., “ifaan kan guutame.”

a Kal., “gadhee; hamaa.”